TG Telegram Group Link
Channel: Ilaalcha Gaarii
Back to Bottom
Dhaamsa Dhaloota Kanaaf!
-
Tooftaa seexanaa kanatti dammaqaa! Maqaa talaallii kanaan uumaa fi uumama Waaqayyoo faalleessuuf hojii Seexanni itti jiru kanaan mormaa! Uumama kee kabajjee jiraachuu yoo barbaadde talaallii kana hin fudhatin! Dhiirri dhalaa, dhalaan dhiira, namni bineensa ta'uu yoo feete garuu filannoon keeti! Dammaqaa!

“Ani har'a jireenyaa fi du'a, eebbaa fi abaarsa isin dura akkan kaa'ee, waaqaa fi lafa waamee isin irratti dhugaa nan baasisa; kanaaf isin, ijoolleen keessanis akka jiraattaniif jireenya fo'adhaa!”
— Kes. 30:19
#via Oliifan Margaa

@smartattitude
Mana abbaakoo is a sirrii...

Gaaf tokko dubartii tokkotu intalashe dubbisuuf yaadde. Intala ishee kana immo laga gamatti haalli jiru hedduu itti ulfaata waan tureef yeroo tokko dhaqee argee dubbisee deebi'uun qaba jettee karaarra buute. mana intalashee kana dhaquufis dirqama bidiruutiin laga ceeti waan ta'eef, bidiruu yaabbatte qajeelte. otooma garaanshe waa'ee jireenya fi haaloota ulfaatan kana yaada deemu qilleensi jabaan tokko bidiruu isaani irratti ka'e. namni hundumtuus iyyuu egalee, inni kaan yaa mariyaam, inni kaan yaa garbeelii, inni kaan allahaakubar yaa raabbi, inni kaan maqaa iyyesuusin jedhani waaqa waaqa isaani kadhachuu eegalan. qilleensichis hedduu hammaate ittuma fufe. isaanis itti caalchisanii waaqa isaani kadhatan. dubartiin sun garuu hin naanes, callisteema teessi. waan homtille ta'aa jiru isheetti hin fakkaanne. naasus ta'e sodaa tokkolle hin qabdu. warri kaan garuu ammalle iyyaa jiru. warra iyyan keessaas namoonni lama dubartitti ilaalanii, isheen hin naanes calliste ta'aas waan jirtuuf haalli ta'aa jiru kun sitti dhagahamaa hin jirumoo maaf callista ? atis gara waaqakeetti iyyi dhumneho jedhaniini. isheen garuu deebi ajaa'iba akkas jedhu deebisteefi, ayi akka sin nan jettan miti, waanti hundu naaf galeera, argaan jiras, garuu waan ta'aa jiru kana hin sodaadhu, yoon laga kana cehe mana intalakoon dhaqa, yoon du'es mana abbaako isa sirriin dhaqa kanaaf hin sodaadhu jetten. heddu dinqisifatani jechashee itti yaadu egalan.

®Maal jechuu barbaadeeni?
Waaqayyoon rakkoo yoo inni si oolche qofaaf isatti amanta yoo ta'eef, ati dhugaadhumatti waaqayyoon hin amanne. gaafa rakkoon dhufuu dhiisuuf jetta. Bu'aa barbaachadha kan isa amanteef. Garuu yoo hubamtees yoo fayyadamtees amantiin ati waaqayyoo irraa qabdu guutuudha yoo ta'eef si'if manni bareedaan kan harka namaan hin ijaarramne ol waaqa irraa siif qophaa'eera!

💙@smartattitude
Forwarded from GAGGEESSUMMAA (Getu Abera✟)
MILKAA'INA KEE LAGA CEESISI!
▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Namicha Xiyyaara Qulqulleessutu gaaftokko utuu teessuma Paayilileetii fuulduraa Qulqulleessuu Maanuwaalii "Akkaataa Xiyyaara Balaliisan Qabiyyee tokkoffaa" jedhu argee xiqqoo waan barateef dubbisuu eegale.

▷ Kutaa tokko Mootora kaasuuf Button diimaa kana press godhi! jedha. Akkasumas godhe mootorris ka'e namichis baay'ee gammade.

▷ Kutaa lamaffaa yeroo dubbisu Xiyyaara kaasuuf Button keelloo press godhi jedha. Akkasumas godhe. "Innis ni gammade.

▷ Kutaa sadaffaa yeroo dubbisu Xiyyaara balaliirra tursiisuuf yookiin Qilleensarra tursiisuuf button magariisa press godhi jedha. Akkasumas godhe. amma namichi kun qilleensarra jira. Ittis toleera.

▷ Amma immoo qubachuu barbaadee kutaa Arfaffaaa yeroo banu, hamma ammaatti waan dubbiftaniif galatoomaa. Akkamitti akka qubachiiftan immoo kitaaba Qabiyyee lammaffaan qabannee walitti deebina jedha.

● Utuu hin hubatin, hubachiisuuf yaaluun bu'aa isaa irra miidhaan isaa baay'ee dha. Waan tokko xiqqoo waan hubatteef ariifattee beekumsatti hin lakkaa'in! Hubannaa qabaadhu!

● Dhaloonni si'anaa beeka jechuuf hin beeku. Hin beeku jechuuf beeka. Yaada namaa murteessuuf waltajjii tokko jalqabaa hamma dhumaatti, akkasumas Yaada nama tokkoo tilmaamuurra hanga dhumaatti dhaggeeffadhu! Altokko tokko beekumsi xiqqoon balaa guddaa fida. Akkasumas hubannaa dhabuun nama miidha.

➥ Ofii keettis nama biraattis murteessuuf hin ariifatin! Faggeessitee yoo Ilaalte milkaa'ina kee laga ceesisuu dandeessa.
Eebbifamaa!


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Ati maraatuu mitii, akkamitti kana yaaduu dandeesse....?
* * * * *

Namicha tokkotu konkolaataa isaa fudhatee bakka bashannanaa deemuuf manaa bahe. Osuma karaa deemaa jiruu konkolaataa isaa dhaabee suuqii ( dukkaana ) tokkotti gore. Yeroo inni meeshaa suuqiidhaa bitatee deebi'utti biliyoonii ( hiituuwwan ) 4 gommaa isa duubaa tokkorraa jalaa yaafataniiru. Baay'ee aareetu nama asiif achi ilaalee dhabe. Bituuf toora sana homtuu hin jiru. Dhiisuuf deemuu hin danda'u. Asuma dhaabbatee achii aariin lafa dhidhiituu maraataan uffatta bututtuu guurratee itti dhufe. Maraataan sun isa namichi aariin lafa dhiitu argeetu;
Namicha: Maal goota? deemi asii amma!
Maraataa: Anillee karaa koon deemaa jira. Ati maal taateetu aartee lafaa fi konkolaataa dhidhiitta?
Namicha: Yoon sitti hime maal goota?
Maraataa: Waanan danda'u yoo ta'e sin gargaara.
Namicha: kkkkk, atimoo? tole, biliyoonii 4 gommaa irraa na jalaa hiikkatani maal na gargaartaree?
Maraataa: Gommaan hundisaa 4 qabaayyuu?
Namicha: kkkk, eeyyee.
Maraataa: Gommaa isaan hafan sadan irraa tokko tokko baastee, maaliif ittiin hiitee hanga bakka bitattu geessutti hin deemturee?
Namicha: Oh! Dhuguma akkas gochuu naaf wayya. Garuu ati maraataa mitii, akkamitti yaadni kun siif dhufe?
Maraataa: Nan maraadhe malee, ani doofaadhaaree? Maaliif akkan maraadhe maalitti beekta?
Namicha: Dhiifama, mala addaa na gorsite, hedduu galatoomi!
Waliin jedhaniitu, namichis akkuma jedhame taasifatee gargar deeman.

👉 Nama hundaaf ilaalcha gaarii osoo qabaannee, nu fayyada malee nu hin miidhu.
Kanaaf yaa firaa nama kamifiyyuu ilaalcha gaarii haa qabaannu. Yoos milkominaa milkominatti ceena!

@smartattitude
#Dhuma_Irratti_Si_Hubatu!

Dan Shechtman jedhama. Bara 2011 ALH Keemistiriin mo'ataa badhaasa Noobelii ture. Qorannoo yeroo dheeraaf adeemsiseen wantota 'Quasi-Crystals' jedhaman abuureetu kan badhaafame. Haga inni qorannoo kana qoratetti wantota hunda keessatti akkaataan teessuma atoomotaa kan addaan hin cinnedha jedhamee amanama ture. Shechtman garuu qorannoo isaatiin wantonni teessumni atoomota isaanii addaan ciccitoo ta'an akka jiran yeroo jalqabaaf mirkaneesse. Wantota kanas 'Quasi-Crystals' jedhee moggaasuun bu'aa qorannoo isaa biyya Siwiidinitti dhi'eesse. 'Quasi-Crystals' jechuun kiristaalota kiristaala fakkaatan jechuudha.
Qorannoo kana dhi'eessee badhaasa Noobelii bara sanaa dhuunfaadhaan fudhachuu danda'e. Akkuma fudhateen garuu rakkoo hamaan isa mudate. Maal inni? Namoonni bu'aa qorannoo isaa hubachuu dadhaban. Saayintistoota beekamoo hiriyyoota isaa ta'an dabalatee namoonni gurguddoo hedduun ni morman, itti qoosan. Taa'umsaa fi dhaabbii dhowwan.
Guutummaa addunyaa irratti kan beekamu atoomonni kiristaala tokko keessa jiran otuu wal irraa hin citiin wal irra nam'anii akka argaman ture. Sanaa ala wanti argame jedhamu kun dhugaa akka hin taane hunduu itti waliif galee namicha irratti duula. Arrabsoon inni arrabsame kan hamilee namaa cabsudha. Gareen qorannoo saayinsii inni miseensummaan keessa ture tokko, "Sababa keef maatiin saayinsii muka kolfaa ta'e. Kanaaf nu keessaa ba'i!" jechuun isa ari'an.
"Kiristaalli kiristaala fakkaatu kan kiristaala hin taane hin jiru. Saayintistiin saayintistii fakkaatu kan saayintistii hin taane garuu ni jira. Innis sidha!" jedhanii itti ge'isan. Saayintistiin beekamaan yeroo lama badhaasa Noobelii fudhate, Liinas Paawuliingi, dabalatee gurguddoonni akka malee itti qoosan, ittiin morman.
Dhuma irratti akka itti USA jiraatu dhabee biyya isaa Israa'elitti deebi'uuf dirqame. Waan hunda dhiisee deeme. Yuunivarsiitii achi jiru tokkotti qacaramee hojii eegale. Yeroo murtaa'e booda haala nama ajaa'ibuun argannoon isaa dhugaa ta'uun bira ga'ame. Hammamuu itti miidhamus, qorannoon isaa qorannoo guddaa akka ta'ee fi badhaasichi akka isaaf malu hunduu itti waliif gale. Warri kaleessa waan meeqa jedhee itti ge'ise yeelloo guddaan dhiifama gaafatan!
Namoonni dhaloota dursanii dammaqan hedduun haala kanaan miidhamaniiru. Giriigor Mendel, abbaan dhaal-maya (genetics) ammayyaa qorannoo ajaa'ibsiisaa taasiseen yaadatama. Akka abbaa oolmaa dhaal-mayaattis ilaalama. Wanti nama gaddisiisu garuu qorannoo isaa yeroo qorate namuu isa irraa hin fudhanne. Yoo xiqqaate bu'aa qorannoo isaa akka isaaf maxxansaniif namoota dhuunfaa fi dhaabbilee hedduu gaafatee ture. Namni tokko illee tole hin jenneef. Bu'aan qorannoo isaa fudhatama otuu hin argatiin namichi du'e. Inni du'ee waggoota hedduu booda qorannoo ajaa'ibaa akka qoratame bira ga'ame. Bakka hin jirretti leellifame.
Alberti Inistaayin qorannoo annisaa irratti qorate namootaaf ibsus dhaloonni yeroo sana ture hagas mara isa hin hubanne. Qorannoon sun garuu adeemsa addunyaa keenyaa kan jijjiire ture. Haala nama gaddisiisuun garuu qorannoo guddaa kanaaf badhaasa Noobelii hin badhaafamiin hafe.
Maatama Gaandiin falaasama fincila karaa nagaa addunyaaf kan gumaache ture. Nama nagaa! Gaafa inni du'e Alberti Inistaayin akkana jedhee yaada kenne, "Dhaloonni dhufu namni akka Gaandii foon uffatee lafa kana irra jiraataa ture jennee yoo itti himne amanuuf ni rakkata!" Namni akkanaa kun garuu badhaasa Noobelii hin badhaafamiin hafe. Maaliif? Dhaloonni isa hin hubanne.

Gabaabaatti ergaan koo kunooti:
Dhaloonni si hubachuus si hubachuu dhiisuus ni danda'a. Itti dadhabdee gatii dadhabbii kee argachuus ta'e dhabuus dandeessa. Sun garuu si yaaddessuu hin qabu. Hojii gaariitti aduun hin dhiitu! Wanti dhaloota har'aa jalaa dhokate dhaloota boriitti mul'achuuf jira. Dhaloonni har'aa dhimma siif dhabuu malee, dhaloonni dhufu garuu hojii gaarii hojjetteef bakka ati hin jirretti siidaa seenaa siif dhaabuuf jira! Kanaafuu, badhaasaa fi beekamtii ittiin argachuuf otoo hin taane, hojjechuu waan qabduuf qofa hojii gaarii hojjedhu! Kaayyoo keetti cichi!

@smartattitude
💙💖MI'AA GORSAA💝
💗Kutaa 9ffaa💟

#Abdii_Kutatteettaa?

#Seenaa_Risaa / #Joobiraa kanaa Dubbisi #Ammayyuu_Abdiin_Jira!
******************************
#Risaan shimbirroota sanyii isaa keessaa umurii dheeraa jiraachudhaan beekama. hanga waggaa 120 jiraachuu danda'aa jedhu qorattootni garuu umurii kana bira gahuudhaaf rakkoo fi gidiraa hamtuu keessa darbee achi gaha.
Umuriin isaa yeroo shantama(50) gahu Fiixeen huuruu isaa qaramaan sun dadhabaa dhufa, baalleen isaa ciccimoon sun lallafaanii bararuu dadhabu qeensi isaanii qara eeboo fakkatu ilmoo re'ee lafaa qonxooxee qabu sun ni caccabu.

Eegaa #Risaan filannoo lama qofaa qaba
1ffaa: Du'a
2ffaa: Adeemsa Jijjiramaa Abdii kutachiisaa keessa bahanii haaromuu

Adeemsi kun ammoo guyyoota 150 ykn Ji'a/Baatii 5 itti fudhata. adeemsa kana keessatti Risaan gara gaara/Tulluu olkaa'ati ol bahee qara huuruu isaa fi baallee/kochoo isaa ofirraa caccabsuun jireenya gadadoo fi dhiphinaa hedduu keessa darba.
Nyaata nyaachuu hin danda'u, bararuu/balali'uu hin danda'u, koluu/baallee hin qabu, aduu fi bokkaa dandamachuu hin danda'u......garuu ji'oota muraasa boodee Koluu/baallee haaraa, Huuruu haaraa fi Qeensa haaraa biqilcha/baasa.

Sana booda Risaa balalii isaa cimaa sanatti deebi'uun waggoota dabalataa 50 ol jiraata

#Jijjiiramni_Maaliif_Barbaachisee??
Jiraachudhaaf rakkinaa fi gadadoo keessa jiru keessaa bahuudhaaf Jijjiramni barbaachisaadha. akkasumaas yaadannoo badaa/gaarii hin taane kaleessa keessa turre keessaa bahuudhaf barbaachisaadha. Yeroo tokko tokko waan keessa jirru keessaa waan baanu nutti hin fakkatu #Abdii kutannaa cimaa keessa galla namniis Waaqniis nu hin baasu jennee amana garuu ammayyuu Abdiin jira Waaqayyo carraa biraa siif kenna.

Risaan waggaa 50 itti murtii lubbuu olchuu fi jireenyaa hambisu erga murteesse nutti maaliif dadhabne??
Daandii haaraa fi jireenya haaraa fuuldura kee jiru yoo barbaadde ofitti amanamummaa boodeetti si harkise jalaa bahi Waaqayyo si gargaara.
Sammuukee sirriitti bani akka Risaa/Joobiraa balali'uu dandeessa.

Yeroo bokkaan roobu simbirroon hunduu godoo isaanitti gaggalu #Risaan garuu baantii Waaqatti ol bahee bokkaa roobu gararraa balali'a. Rakkoon bokkaa jiru hundumaaf tokko haatahu malee ilaalchi nutti wantoota itti ilaallee furmaata kenninutu addaa adda beekaa.
Jijjirama hin sodaatiin jaalalaan fudhadhu!

#Gaaffii
Akka #Risaa balali'uu barbaaddaa ol kaatee??
***********************
"Yeroo sadiin barnootakoo koollejjii kufe, Yeroo 30 ol beeksisa hojii ba'e qacarriif iyyannoo galchadhee hundaa kufe. Yeroo dhaabbanni KFC jedhamu biyya Chaayinaa dhufe namoota 24 hojiif dorgomaan keessaa kan otoo hin qacaramiin kophaatti hafe ana qofaadha. Humna waraanaa chaayinaatti poolisii ta'ee qacaramuuf namoota 5 dorgomne keessaa ana qofaa fudhachuu didan. Yuunivarsiitii Harvaardiitti deebi'ee seenudhaaf yeroo 10 ol iyyata galfadhee yeroo 10 na fudhachuu didan".

#Jack_Maa
Jack Maan Hundeessaa fi Abbaa qabeenyaa Marsariitii/Websaayitii beekamaa Chaayinaa www.alibaba.com yoo tahu akka barruun Forbees jedhutti dureessa beekamaa Addunyaa kanaa 22ffadha qabeenyi isaa doolaara biliyoona 28.8 ture bara 2015ti. Amma garuu biliyoona 39 ol ta'eera.

Ijoon dubbii seenaa kanaa: Abdii hin kutatiin. carraa fuldura kee jiruuf of qopheessi, Kufaatiin gulantaa milkaa'ina kee itti aanuu waan taheef jabaadhu. Kufaatiin cimina sammuu keessanii hin ibsu karaa itti wantootni ittin siif hojjechuu didan barta. Toomaas Ediisan namichi ibsaa elektiriikii uume yeroo 99 milkaa'uu dadhabe garuu yeroo gaafatamu ani hin kufne karaa ittin elektiriikiin ifuu hin dandeenye 99 bare malee jedhe.

Atiwoo Abdii kutannaa keessaa baatee of jijjiruuf qophoofteettaa??
Jabaadhu Waaqayyo si gargaara.

@smartattitude
ADDUNYAAN KUN NAMOOTA GOSA SADII OF KEESSAA QABDI.

"Argannoowwan namni argate keessaa inni guddaa fi ajaa'ibsiisaan wanta gochuu hin danda'u jedhee sodaachaa ture gochuu danda'ee of arguu isaati!"
Helen Keeler

1. Namoota Maaltu Ta'e Jedhanii Gaafatan

Gareen namoota maaltu ta'e jedhanii gaafachaa jiraatanii garee umrii lakkaa'uuf jiraatuudha. Hojii hin beekan, warra hojii beekan wajjinis wal hin beekan.

Namoonni kun hojii qofa miti odeefannoo hojii hojjetamee irraas fagoodha. Dirree dorgommii kam keessaayyuu hin jiran. Isaan kun deggeraa isaa hojiitti jirullee ta'uuf ganaa waan baayyeetu isaan hafa. Amalli isaanii waan ta'e arguu osoo hin taanee warra arge gaafatanii gurraan dhaga'uudha. Hojii dhaloonni eenyutu hojjetee? jedhee gaafatu dhabuun salphina. Ofii hojjechuudhaa yoo baatanillee hojii dhaloonni eenyutu hojjete jedhee gaafatuuf deebii kennuuf odeefannoo irraa fagaachuun immoo salphina salphina caaluudha. Ni deggeru yoo ta'e qillensarra oduudhaan deggeru. Ni beeku yoo 'ta'e argani osoo hin taanee dhaga'anii tti kan isaan beekan.

#Amala_Namoota_Maaltu_Ta'e_Jedhanii_Gaafatani

© Gaaffii gaafatanii deebii isaa dhaggeeffachaa jiraatu malee ofii deebisuu hin barbaadan.

©Eenyummaa isaanii isa dhugaa wajjiin waan wal hin beekneef waa'ee ofii isaanii beekuu dursanii waa'ee nama kan biraa beekuuf iyyaafatu.

©Barbaadanii arguuf of dadhabsiisuu hin barbaadan warra barbaade arge gaafachuutti amanu.

®Haasaan isaanii ragaa guutuu hin qabu. Kan isaan beekan amma nama arge irraa dhaga'an qofa.

®Haasaa isaanii keessatti gaaffii tu baayyata. Gaafachuu malee deebii laachuuf qophii hin qaban.

®Waan hin beekne hin beeku hin jedhan akka nama beekuu of fakkeessu malee.

®Harki isaaniis, giiphiin isaaniis duwwaadha karaa hundumaa eegattoota waan ta'anif.

®Namoota seenaa hojjetan beekuu irraa fagoodha, hojii seenaa hojjechuu irraas baayyee fagoo waan ta'aniif seenaanis isaan hin beeku.

©Hojii hin beekan, yoo beekaniis akka beekan waan hin beekneef, beekuun isaani hoomaafuu isaan hin gargaaru.

®Waan dhaga'an tole jedhanii fudhatu malee akkamitti kan jedhu gaaffii hin kaasan.

®Gurri isaanii waa'ee hojii hojjetamee dhaga'uuf gaafa hundumaa qopheessu. Ta 'us miila isaanii gara bakka waa ta' eetti geessuuf, ija isaaniin waan ta'ee jiru arguuf of dadhabsiisuu hin barbaadan.
#Itti_fufa...

@smartattitude
2. Namoota Waan Ta'aa Jiru Beekan

❇️Gareen namoota maaltu akka ta'aa jiru beekanii odeefannoo qabu. Dirree dorgommii keessa jiru garuu deggaraa ta'aniiti malee morkataa ta'aanii miti kan isaan seenan.

💙Isaan kun warra isa hojiitti jiruuf harka rukutanii dha. Badhaasa hin qaban malee isa badhaasa qabu wajjiin walitti dhi'eenya guddaa qabu. Morkataan isaan deggeran sun isaan beekuudhaa yoo baatees isaan ni beeku. Addunyaa kanarra amma jiraatttutti ofii dorgomaa ta'uuf waa'ee nama dorgomiitti jiruu beekuun ka'umsa dorgommee jireenyaati. Kanaaf gareen kun warra waan ta'e hin beekne irra baayyee ni caalu. Warra waan ta'e hin beekne sana irra waan caalaaniif madda odeeffannoo isaanii ta'uudhaan jara tajaajilu. Hojiin hojjetame kan isaanii miti,isaaniin hojjetames miti,garuu hojii hojjetame sana sirriitti beeku. Gareen kun garee abbaa dhimmaa miti. Ta'us daboo abbaa dhimmaati. Dirree keessa kan jiru nama muraasa. Bakkee ta'ee waa'ee warra dirree keessa jiraniitiif kan iyyu,kan fooricu,kan lafa dhiitee sirbu garuu lakkofsaan danuudha. Dhukkeen ka'u afaan isaani seenee, osoo fiiganiis gaggabanii kufanii yoo ka'uu dadhaban warra kanaaf bishaan qophaa'e bakka sana hin jiru. Dadhabbiin isaanii warra dirree keessa morkachaa jiran irra waan caalu natti fakkaata. Wanti nama gaddisiisu garuu badhaasni argamu kan isaanii miti. Geeba kan fudhatu warra injifateedha.

#Amala_Namoota_Waan_Ta'aa Jiru_Beekanii

©Bakka morkiin yookaan dorgommiin jiru hin oolan. Kan isaan hojiidha jedhanii lakkaa'atan ta'aani isa hojiitti jiruuf harka rukutuu waan ta'eef.

®Waa'ee waan ta'aa jiruu sirriitti beeku,himuus ni danda'u garuu ofii isaaniitii waan isaaniif himamu hin qaban.

®Milkaa'insa garee deggeranii akka waan kan isaanii ta'eetti yaadu malee milkaa'insa ofii himatan tokkoyyuu hin qaban.

©Gaafa hundumaa oduu of harkaa qabu waa'ee waan ta'aa jiruu waan himan. Dirree odeeffannoo keessa jiru garuu dirree hojiitti hin seenne.

©Seenaa beeku, waa'ee namoota hojii seenaa hojjetaniis beeku,garuu hojii seenaa hojjechuu hin beekan.

©Gareen kun odeessitoota. Hojiin isaanii waan arganii fi dhaga'an beeksisuu dha.

®Mo'achuu garee deggeraniin gaammadu. Garuu injifannoon isaa kan isaanii waan hin taaneef gammachuun isaanii kan guyyaa sana qofa.

#Itti_fufa...

@smartattitude
Forwarded from GAGGEESSUMMAA (Getu Abera✟)
GAARUMMAA NAMAAF OOLUU
▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Bar tokko Namtichi tokko osoo Fardaan
gaara guddaa tokko ba'uu, namticha naafa
tokko, osoo inni gaara sana foqoqaa ol ba'uu
arga!

■ Namtichi naafti kun, "Adaraa Gooftaa koo, karaa xiqqoo na uddeelladhu?" jedhee gaafata!

■ Namtichi abbaa fardaas garaan isaa
gaddeefii, "tole obboleessa koo, fardi koo hanga
danda'etti waliin deemna" jedheenii, farda isaa irraa bu'ee, namticha hammatee ol baase!

■ Karaa xiqqoo akka waliin deemaniin, Namtichi naafti sun, "Gooftaa koo, baay'ee naaf mijataa hin jiru, sababan naafa ta'eef miilli koo na dhukkubaa jira!" jedheen.

■ Abbaan fardaas, "Maarree akkam yoon siif godhe siif mijata?" jedhee gaafate! "Karaa xiqqoo osoon qofaa koo deemee, ati miilli kee fayyaa waan ta'eef, buutee miillaan osoo deemtee natti tola" jechuun deebiseef!

■ Abbaan fardaas baay'ee waan gaddeefif, "Haa ta'u, ani siifan bu'a ati ittiin deemii" jedhee irraa bu'eef!

Karaa muraasa abbaan Fardaa miillaan, Namtichi naafti sunis, Fardaan deemani.

■ Sanaan booda abbaan fardaa, "Waanan dadhabeef na eegi!" jedheen, Namtichi naafti sunis dhaabeefii, karaa xiqqoo akka waliin deemaniin, Abbaan fardaa
ammas gaddeefii, irraa bu'ee miillaan deemuu
eegale!

■ Namtichi naafti kun garuu, Farda
gulufsiisaa, baay'ee irraa fagaate!

■ Abbaan Fardaas, fiigu, fiigu, bira ga'uu
hin dandeenye! achii booda sagalee isaa ol
kaasuun akkas jedheen,

■ "Adaraa kee waan biraa waanan barbaadu hin qabu, waanan sitti himu qofa na dhaggeeffadhu!" jedhee iyyee itti hime!

■ Namtichi naafni sunis, abbaan fardaa, isa bira ga'uu akka hin dandeenye, erga mirkaneeffatee booda,

"Tole maal jechuu barbaaddee? .. si dhaggeeffachaan jira itti fufi" jedheen itti qoosa!

■ "Obboleessa koo, gochaa anarratti raawwate kana, nama biraatti hin odeessin, gara fuula duraatti, Addunyaa kana irratti, namni gaarummaa namaaf oolu ni dhibamaati" jedheen jedhama!
Horaa Bulaa

✍️ Eyayu Regasa


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
3. Namoota Wanti Ta'e Sun Ittiin Raawwatame(Hojjetame)

❇️Jiraachuu kan qabnu yeroo jiraachuu qabnutti, akka jiraachuu qabnu qofatti. Kanaan ala umriin jiru hundumtuu umrii akkasumaaniiti.

♻️Gareen kun garee hojii hojjechuuf dhalatee hojjechaa jiruu dha. Isaan kun warra abbaa dhimmaatis. Garee warra maaltu ta'e jedhanii gaafataniifis,warra maaltu akka ta'aa jiru beekaniifis adda dureen garee kana. Kanaaf kan dhaloonni bakka hojii isaanii deemee isaan deggeruuf. Kanaafi kan warri bakka sana hin deemin immoo hojii isaan hojjetan maal irra akka inni ga'e baruuf iyyaafataniif. Warri maaltu ta'e jedhanii gaafatan waa'ee isaanii baruuf warra maaltu akka ta'aa jiru beekan gaafatu, gareen maal akka ta'aa jiruu beekummoo warra hin beekne kanatti waa'ee isaanii dubbata. Hojjetachaa kan jiru garee kana. Waa'een isaanii bakka hundummaatti dubbatamaa kan jirus isaani. Beekamtii barbaadan osoo hin taanee hojii isaan beeksisu hojjetan. Addunyaa kana irraa namoota beekamtii qaban yoo seenaa isaanii qorattee baayyeen isaanii ittiin beekamuuf miti kan isaan waan isaan beeksisee sana hojjetan.Sababni isaa beekamtii giddu-galeessa godhannee miti hojii hojjechuuf dhalanne kan nuti hojjechuu qabnu. Hojii gaariin ofiima isaatii beekamtii namaaf laata. Kanaaf ga'een keenya hojii gaarii hojjechuu dha. Kan nu beeksisummoo hojii gaarii isa nuti hojjennee sanaadha. Hojiin beekamtiidhaaf itti yaadamee hojjetamu baayyeen isaa hojii seenaa osoo hin taanee oduu yeroo ta'ee bira darbama. Hojiin seenaa hojii akkasumaan hojjetamu osoo hin taanee, hojii itti yaadamee egereef hojjetamuudha. Kanaaf gareen hojii kunis garee warra oduu himanii irraas, warra oduu dhageeffatan irraas adda kan isaan ta'an kanaafi. Isaan hin odeessaniis,oduus hin dhaggeefatan. Gaafa hundumaa hojiidhaan ko'oommatanii(busy) ta'anii jiraatu. Isaan warra adunyaan,dhaloonnii fi uumamni bu'aa irraa argateedha. Yeroo hojjechuu qabanitti waan hojjetaniif yeroo hundumaa maqaan isaan hojii argannoo fi bu'a qabessaa wajjin waamama. Warra dhiibbaa uumaniidha malee warra akkasumaan naannoo jireenya isaanii keessa,hawaasa keessa jiraatan miti. Isaan kun misirroo fi dhirsa misirrooti malee amaamoota miti. Abbaan dhimmaa isaan kana. Dirree keessa jiru. Gaafa hundumaa morkattoota warra waa injifachuuf wallaansoo qaban. Garee jiru kan sadan keessaa warri baayyee barbaachisoon isaan kana. Sadarkaan isaaniis kan warra sana wajjin waliin hin madaalamu. Garee kana keessaa namoonni jiran warra dhimma baasaaniidha. Geggeessaan hojii dhaloonni kitaaba seenaa irraa,nama irraa iyyaafatee baru hojjetu isaan kana keessaa ba'a. Hawaasni hojjetachuu beeku,dhaloonni mirga isaa kabachiifachuu danda'u kan inni jiru isaan kana keessa.

#Amala_Namoota_Wanti_Ta'e_Sun_Ittiin_Hojjetame

1.Hojii malee oduu hin beekan.

2. Isaan morkattoota malee deggertoota miti.

3. Waan himataniis,waan isaaniif himamus qabu.

4.Hojii beeku,akka hojii beekaniis beeku waan ta'eef jaboodha.

5. Hojii seenaa du'a isaaniin booda aawwalcha isaanii ol jiraatu hojjetanii qabu.

6. Mo'uuf hojjetu, mo'aamuu isaani irraa immoo akkatti mo'aan baratu.

7. Of beekuu irra darbanii ga'umsa dhokkataa keessa isaani jirus waan beekaniif dhaadannoon isaani nan danda'a jecha jedhuu dha.

#xumurameera!

Maddi: kitaaba seera moo seenaa sodaannu? Jedhu kan #Waada_Bultiitiin barreeffame irrati.

@smartattitude
#LOLLI_KUN_LOLA_GAARIIDHA!

Sidney Walker nama dorgommii buunyaa (box) dorgomuun beekamudha. Gama kanaan shaampiyoonaa addunyaati. Beekamtii fi milkaa'ina guddaa kanatti dhufuu isaa dura nama kophee qulqulleessu ture. Barnootas hin baranne. Yeroo sana rakkoo hamtuu keessa ture. Jireenya rakkinaa keessaa ba'ee shaampiyoonaa addunyaa ta'e. Rakkinas bal'inas sirriitti argeera.
Jireenyi waan guddaa waan isa barsiisteef, nama gara-laafessa ta'e. Namoota hundaaf waan gaarii yaada.
Gaaf tokko dorgommii buunyaa kan waggaa dorgomuuf uffata uffataa otuu jiruu namni WC Heinz jedhamu gara isaa dhufe. Nama lolatti ba'aa jiru kana gaaffii tokko gaafate ; "Yeroo hundumaa yeroo dorgommii lolaatti baatu akka ati Waaqa kadhattu nan beeka. Mee natti himi! Maal jettee kadhatta?" jedhe. Namni lola deemu maal jedhee akka Waaqa kadhatu baruuf waan ariifate fakkaata.
Sidney Walker deebii ajaa'ibaa deebiseef. Maal jedhe? "Sirriidha nan kadhadha. Namni kamuu akka hin miidhamnen kadhadha. Itti aansuun, lolichi lola gaarii waan ta'eef, nu keessaa namni mo'achuu qabu akka mo'atun kadhadha!" jedhe.

Qabxiin koo ishee kana: Nu keessaa namni mo'achuu qabu akka mo'atun kadhadha! Namichi kun ofittoo miti. "Waaqni akka ana moosisun kadhadha!" hin jenne. "Anaa fi morkataa koo keessaa abbaan mo'achuu qabu akka mo'atun kadhadha!" jedhe. Kun bilchina guddaadha. Diina (morkataa) ofiif mo'icha kadhachuu! Hundi keenya bilchina akkanaatti ol guddachuu qabna!

💙@smartattitude
⑉⑉⑉⑉⑉⑉⑉⑉⑉⑉༄༄༄⑉⑉⑉⑉⑉⑉⑉⑉⑉⑉

Choose your friends wisely. You are affected far more than you think by the people you spend your time with. Do your friends share your values? Do they encourage you when you speak of your goals and dreams or do they scoff? Make sure the people around you are conducive to the lifestyle you want to lead or you will find yourself being dragged again and again into behavior that distances you from your desires. Friends with a habit of producing negative thoughts will especially hinder you. This can be a hard task to follow through with if you realize you good friend is one of these saboteurs, but you must be firm! Don’t let anyone get in the way of you being all that you can be.

⑉⑉⑉⑉⑉⑉⑉⑉⑉⑉༄༄༄⑉⑉⑉⑉⑉ 🗯
Dandeettii keessa kee awwaalamee jiruu beekta ?🤏

~~~~~~~~~~~~~~~~~

Namicha baayyee rakkata ta’e tokkotu ture.Namichi kun waan jiraachuuf isaa barbachisuu guuttachuu hin dandenyee waan ta'ef daandii irratti bahee kadhachaa ture. Waggoota hedduuf saanduqa cufaa (qulfii ) ta’e tokkorraa tahe nyaachuuf,dhuguuf,uffachuuf harkaa nama eegata kan jiraachaa tureedha.
Akkuma amalaa isaa gaaf tokkoo osooma kadhatuu Gurbaan tokkoo daandii sana irraa qaxxaamura waan jiruuf naa gargarii... naa gargarii... jechaa harka isaa garaa gurbaa kanatti bal’isee kadhate.
Gurbaan kunis xiqqoo dhabatee ergaa ilaaleen boodaa "mallaqaa ittiin sii gargaruu hin qabuu garuu gaffii tokkoo sii gafachuun barbada " ittiin jedhee.
~Gurbaa: maal irraa taha jirta ?
~ Namicha: saanduqadha kaa
~ Gurbaa: Bantee waan inni qabuu ilaaltee bektaa ?
~ Namicha: ktktkt.... Maal qaba jedhetan baanaa ? Lakkii banee hin bekkuu
~ Gurbaa: Rakkoo hin qabuu duwwaas haa ta’u kessaa isaa cabsii waan keessaa jiruu ilaalii !

~Namichi fedhii isaa malee sanduqa waggaa hedduuf irraa tahee santima harkaa nama irraa eegachaa turee cabsuuf murtessee.
Cabse gaafa ilaaluu waanti aja’ibaa amanuuf nama rakkisuu sanduqa sana kessatti argame.warqiiin,maallaqni, wantoonni gatii gurguddaa baasan qabenyaa innii dhabee rakkacha turee sanduqa sana kessatti argame.

√ Argitee ?
Namichi qabenyaa haga kana gahuu irraa tahee santima nama kadhachaa ture.
√√√ Dandeettiin keessa kee awwaalamee jiruu gatiin isaa hangana jedhamee tilmaamuun tasumaa hin danda’amuu. garuu haga kessaa kee hubattee ilaaltee hin beeknetti atis kan ofitti himtuu namni kan biraas kan sitti himuu akkatti walalaa taatee dha. osoo keessaa kee hubattee garuu dubbin kan birattii.
√√ Humnaa kessaa kenyaa haa hubannu sana booda biyya keenya, Afrikaa akkasumalee Addunyaa hawwattuu taasisuu ni dandeenya.

@smartattitude
JECHOOTA BEEKTOTAA!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ "Hiyyeessa taatee yoo dhalatte balleessaa kee miti, hiyyeessa taatee yoo duute garuu balleessaa keeti."
— (Biilii Giraam)

■ "Maatii irraa dhalatte filachuu hin dandeessu ijoollee sirraa dhalataniif garuu haala mijeessuu ni dandeessa."
— (Biilii Giraam)

■ "Namoonni waan tokko hojjechuuf yaalanii kufan, warra homaa utuu hin hojjetin milkaa'an irra ni caalu."
— (Looyid Joonsi)

■ "Muka ija qabutti dhagaan baay'ata."
— (Shiikeeraa)

■ "Karaa si baasu hin beektu taanaan deemsa hin eegalin."
— (Ingilizoota)

■ "Nama hundumaaf gaarummaa yaadi, garuu hiriyyaa filadhu."
— (Giriikota)

■ "Rabbi gurra lamaa fi afaan tokko nuuf kennuun isaa baayyee dhaggeeffachuu fi xiqqoo dubbachuu akka qabnu nu hubachiisuu dhaafi."
— (Araboota)

■ "Beekumsi nyaata lubbuuti."
— (Pilaatoo)

■ "Amala nama tokkoo yoo baruu feete aangoo yookiin taayitaa kenniif."
— (Abrahaam Liinkan)


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Kennaa biyya ofiif kennamu❇️

Bara 1940 biyyi ingilizii loltoota jarmaniitiin marfamtuun hedduu qoraman. Loltoonni jarmaniis ingilizitti marsuun ni dhiphisan.yerochi muummicha ministeeraa ingiliziifis ta’e uummata ingiliziif yeroo abdii kutannaa cimaa ture, si’achi waan abdii hin qabnes fakkaatu. Haa ta’u malee muummichi ministeeraa winisten cherchil akka tasaa raadiyoo biyyichaa irratti sagaleen isaa dhagaa’ame, akkasis jedhe, “waan fedhe taanaan hin kufnu, hanga dhumaatti ni deemna, loltoota jarmanii warra biyya faransaay jiran ni lolla, galaanaa fi garba irra kan jiran ni lolla, humnaa fi ofitti amanannaadhaan qilleensa irratti ni lolla, lafootii galaanaa gidduu jiran irraa ni ittisna, gatii yoo nu baasise iyyuu biyya keenya irraa ni ittisna, saba ingiliziif waan biraa kanan kennu hin qabu, garuu kanan kennuuf yoo jiraate dhiiga,dafqa,imimmaan,lubbuu……qofa jedhe. Dubbiikanattiaansuun dargaggootni hedduun loliisaaf ni ka’an, utuu hin turinis biyya isaanii irraa diina ni deebisan; jarmaniinis ni injifatan.

Namni biyya isaa jaal’atu waan kennuuf yoo dhabellee lubbuu isaa biyyoof kenna!

@smartattitude
Gorsa Abbaa kee hin tuffatiin♻️
========================

Maatii harka qalleeyyii tokkotu ture gurbaa dhiiraa tokko qabu turani. Gurbaan kun abbaa isaatiin akkas jedhe. Yaa abbaa koo! hundumti keenya as teenyee beelaan dhumuu irra mana namaatti galeen hojii hojjeedha jedhe. Abbaan isaas dhiisi nu gattee hin deemiin jedheen. Gurbichis darqama deemuun qaba jedhe. Abbaanis dirqama taanaan koottu waan si gorsa jedheen . Gurbichis tole jedhee taa'e. Abbaanis 1ffaa irratti; Yaa ilma koo! Mana dhaqxee galtutti natti bareedde jettee haadha manaa gooftaa kee hin kajeeliin jedheen. 2ffaa irratti; Yaa ilma koo! lafa deemtu hudumaatti nan ariifadhe jettee buna danfe dhiistee hin deemiin. Gorsi koo kanuma nagaan dhaqi jedheen.

Mucichis deemee mana namaatti erga galee yeroo muraasa jiraaten booda baay'ee waan bareeduuf haati manaa gooftaa si waliin ciisuun barbaada jetteen. Gurbichis tole jechuuf jedheet gorsa abbaa isaa isa 1ffaa; Yaa ilma koo! natti bareedde jettee haadha manaa gooftaa kee hin kajeeliin isa jedhu yaadateet lakki kun gonkumaa hin ta'u jedheen

Giiftiinis baay'ee waan aarteef galgala gooftaan gallaan hojjetaan keenya kun na qabateet ani iyyinaan na gadhiise baqate jetteet gooftaatti himatee. Gooftaanis kana yeroo dhaga'u baay'ee waan aareef tooftaa ittiin hojjetaasaa kana ajjeesu barbaaduu jalqabe.

Abbaan manaa ykn gooftaan kun saawwa akka isaaf tiksaniif baadiyyatti namatti kennatee ture. Akkas jedheet warra saawwa isaaf tiksanitti nama erge. Namoota laman gara keessanitti erga. Isa dura dhufe ajjeesaa. Isa 2ffaa irratti dhufe saawwa itti naaf kenna jedhe. Isaan booda hojjetichaan dhaqiitii saawwa baadiyyaadhaa naaf fidii koottu jedheen. Hojjetichis ajaja gooftaa fudhatee deemsa eegale. Osuma inni deemaa jiruu bokkaan tokko roobnaan mana namaatti gore. warri mana sunii buna akaawu jalqabaniiru. Bokkaan caamnaan deemuuf ka'e. Warri mana sunii buna dhugi jedhaniin mucichis lakki nan ariifadha jechuuf ka'eet gorsa abbaa isaa isa 2ffaa Yaa ilma koo! nan ariifadha jettee buna danfee dhiistee hin deemiin jedhu yadateet tole jedheet taa'ee.

Erga buna isaa dhugee booda dhaqee saawwa fudhee gara manaatti deemuu eegale. Yeroo inni saawwa oofee mana gahu gooftaan baay'ee naheet eessa turte ? jedheet gaafate. Hojjetichis abbaa kootu yeroon manaa ba'u Akkas jedhee na gorsee. Natti bareedde jettee haadha manaa gooftaa kee hin kajeeliin. Nan ariifadhe jettee buna danfe bira hin darbiin naan jedhe. Gorsa abbaa koo eeguuf iddoon bokkaa baqadhetti buna dhugi naan jennaan buna dhuguufan taa'e jedheen.

Gooftaanis waan lamatti baay'ee gadde. 1ffaa Akka saawwa fuudhuuf 2ffaa irratti kan ergame ilma gooftaa ture. Yeroo hojjetichi buna dhuguuf taa'e sun ilmi gooftaa bira darbee saawwa fuudhuu dhaqeet qooda hojjeta sunii ajjeefame.
2ffaa immoo soba haadha manaa isaatti baay'ee gadde. jedhama. kanan dhaga'e irraan isiniif qoode
=================================
Gorsa abbaa ofii dhagahuun du'a nama oolcha gorsa abbaa kee hin tuffatiin .
fak 1:8, fak 10:1

@smartattitude
#AJJEESAA_HUNDUMTUU_EEGGATAA_DU'AATI

👉Oolmaakoo fi oolmaa dargaggeessa yaanni garaa isaa jijjiiramee na gammachiisee kanaa irraa baradhaa!

💠Ganama subbii naaf bilbilame. Bilbila haaraadha. Nagaa wal gaafannee maqaa isaa natti himate. Itti fufees baayyee na arguu akka barbaadu natti hime. Anis hojii baayyee na muddu waanan qabuuf waajjira seenuu akkan qabuu fi achi yoo dhufe daqiiqaa muraasa kennuufii akkan qabun waadaa isaaf seene. Akkuma waliif galle daqiiqan isaan jedhe sekoondii tokko osoo hin dabarsin dhufee ulaa wajjira kootii rukkute. Seenaa banaadha jedhee dubbachuufii harganaa ol seenuun isaa tokko. Nagaa nan gaafanne. Gadis hin teenye. Dhaabbateema haasaa isaa eegale. Jechi isaa jalqabaa, "Maaloo yoo dandeesse na gargaari. Dhibee hamaa kanattis akkan fayyuuf na wal'ani. Tasumaa osoo nagaankoo hin deebi'in si biraa deemuu hin fedhu" kan jedhu ture. Baayyee na'een maal taatee jedhee gaafachaa akka inni taa'uufis teesuma itti agarsiise. Innis seenaa dheeraa ani as irratti kaasee xumuruu hin dandeenyee fi gaddaan garaa nama cabsu tokko naaf seenesse. Waggaa dheeraan booda namni abbaa isaa ajjeese jedhamee barbaadamaa ture akka lubbuun jiru dhaga'uu isaatii fi barbaadee argee ajjeesuuf murteesse akka jiru, erga kana murteesseen booda immoo jireenyi hundumtuu isa jibbisiisee nagaa akka dhabee jiru imimmaan gadda abbaa isaatii dhangalaasaa, hudhamees dafqaa natti himate. Anis yoos tasgabbooftaa hundumaa haasa'i xumurii jedheen amma dhumaatti dhaggeeffadhe. Haasa'ee xumuree hafuura dheera erga baafateen booda fuulakoo dura gadi taa'e. Ijakoo keessa ilaalees, "Waadaako maal akkan gochuu qabu natti himika" naan jedhe. Anis imimmaan isaa harka kootiin irra haqaan kankoos haxxawwadhe. Ka'ee itti siqee taa'een dubbii gabaabduu kana itti dubbachuu eegale!

💠Dhala nama hundumaa dursee kan harka namaatti du'e dargaggeessa jaallatamaa Waaqayyo itti gammadee fi hamaa tokko illee nama biraa irratti godhee hin beekne Abeel jedhamu tokkoo dha. Kan ajjeese obboleessa isaa Qaayin ture. Waaqayyo Abeeliin ajjeesuu Qaayin sanatti gaddee namicha ajjesaa sana abaareera. Jooraa lafa dhaqu hin qabne ta'is ittiin jedheera. Kan si dhibu garuu Waaqayyomti immoo deebisee, "Sababii gumaa Abeeliif namni Qaayiniin ajjeese gumaa isaa dachaa torba baasaa" jedhee kakate. Kanaaf namni kam illee isa ajjeesuu irraa gumaa dachaa torba baqachuudhaaf of eeggate. Qaayin Abeeliin gaafa ajjeese akka eeggataa du'a ta'ee yaadeera isaa hin beeku malee innis yeroo eegee ni du'e. Moottonni darban ofii mootii ta'uuf mootii isaan dura ture ajjeesaniiru. Bakka isaas bu'anii yeroodhaaf mootii ta'anii bulchaniiru. Ta'us barri mootummaa dhala namaa daangaa waan qabuuf isaanis har'a nama harkatti yookaan guyyaan isaanii geessee du'anii isa ajjeesan sana cina jiru. Bakki awwaalcha isaanii illee mootota waan ta'aniif walitti dhiwoodha. Warri ajjeesaa jiranis bor du'aniima warra ajjeesan kana waliin garaa dachee keessa seenu. Duuti daandii irra adeemanii dhaqan malee irra adeemanii deebi'anii galan hin qabu. Namni garuu akka waan guyyaa barbaade affeerra isaa irratti deebisee waamuu danda'uutti marartee malee nama bakka inni galuu hin dandeenye kanatti geggeessa.

💠Loltuun biyyaa meeshaa waraanaa hidhatee ajjeesaa jiru eeggataa du'aati. Eenyumti illee ajjesaa du'a akka eeggachaa jiru osoo beekee marartee malee haadhoo isaa hin ajjeesu. Dhaba bor dhidhimuuf qabeenya muraasa kan ofii isaa godhachuuf namni nama ajjeesa. Dhugaa dhoksuuf namni nama ajjeesa. Caalee argamuuf namni nama ajjeesa. Kophaa isaa abbaa isaa dhaaluuf haadhoon haadhoo ajjeesa. Dhugaan sitti hima garuu nu hundumti keenya eeggataa du'aati. Humna qabaadhuus ajjeesi. Yeroon angoo harkakee fiddees garboomsi saba boosisi. Boosisaa bo'icha, miidhaa miidhama, ajjeesaa du'a eeggatta. Yoos ajjeesaa isa kamtu hin du'in hafa ree? Dhugaa dubbachuuf ajjeesaan hundumtuu eeggataa du'aati. Kanaaf,'Eeggataa du'aa isa abbaakee ajjeese jedhame hin ajjeesinii yaada garaa keetii fi namummaakee hundumaan dhiifama godhiifii nagaatti jiraadhu. Tasumaa duuti isaa hin ooluu ajjeesaa du'aa isa du'a eeggatu hin ajjeesin. Ajjeesuu
HTML Embed Code:
2024/05/17 05:00:51
Back to Top