TG Telegram Group Link
Channel: Ilaalcha Gaarii
Back to Bottom
WANTI HUNDUMTUU GAARUMMAAF!🕎
========================
Namicha tokkotu biyya tokko jiraata ture. Yeroo hundumaa, “Wanti hundumtuu gaarummaaf ta’a!” jechuun beekama. Taatee hundumaaf deebiin isaa kana qofa ture.
Gaaf tokko karaa dheeraa deemuuf konkolaataa uummataa yaabbatee imala eegala. Karaa guyyaa guutuu deemsisu ture. Walakkaa guyyaa erga deemanii booda konkolaataan rakkoo godhatee dhaabate. Teeknishaanni waan hin turreef namuu deemuu hin dandeenye. Namichi gara konkolaachisaa deemee, “Obboleessa koo! Itti hin dhiphatin, konkolaataan kun gaarummaaf manca’ee!” jedhe. Konkolaachisichis baay’ee itti aaree, “Si wajjin karaa kana hin deemu. Hoo’u maallaqa kee kan hafe!” jedhee maallaqa inni kaffale keessaa walakkaa fuula isaatti darbatee ari’e.
Namichis qalqalloo isaa qabatee xiqqoo fuula duratti deemee dadhabee dhaabate. Achumaan konkolaataan ‘pickup’ tokko booddeedhaan dhuftee jennaan harka itti qabe. Ni dhaabbateef. Ni seene. “Argitee?” jedhe konkolaachisaa isa kanaanis, “Konkolaataan duraanii sun kan cabe gaarummaaf, atis kan dhufte gaarummaaf. Obboleessa koo! Wanti hundinuu gaarummaaf ta’a!” jedhe. Dubbiin namichaa bitaa itti galee, deemsa isaanii itti fufan.
Takka deemanii konkolaachisicha fincaan qabannaan fincaa’uuf konkolaataa dhaabee bu’e. Yeroo achii deebi’ee konkolaataa seenu, balbala cufuuf jennaan balballi quba isaa tokko irraa kute. Harki isaa dhiigaan dhiqame. Namichis akkuma amala isaa, “Ilaa obboleessa koo! Wanti hundinuu gaarummaaf ta’a! Qubni kee kun gaarummaaf sirraa cite!” jedhe. Konkolaachisichi aarii isaa to’achuu hin dandeenye. Baay’ee itti dheekkame. “Qubni namaa yoomuu gaarummaaf hin citu. Ani nama akka kee wajjin karaa hin deemu. Konkolaataa koo irraa bu’i!” jedhee gad darbatee, laga walakkaatti qofaa isaa gatee, karaa isaa itti fufe. “Nagaatti egaa!” jedhe namichi harka isaa mirgaa itti raasaa, “Laga kanatti na gattee deemuun kee gaarummaaf!”
Laga ce’ee tabba ba’aa utuu jiruu shiftoonni itti ba’anii deemsa dhaabsisan—konkolaachisicha, Waan konkolaataa keessa ture hunda erga saamanii booda, “Gad bu’i si qallee waaqa keenyaaf aarsaa si dhi’eessinaa! Isatu akka si argannu nu taasisee!” jedhan. Ni bu’e. Karaa qarqara ciibsan. Isaan keessaa inni tokko qaluuf billaa isaa baafatee yoo gad itti jedhu, qubni harka namichaa inni tokko citaadha. Harki isaa dhiigaan dibameera. Achumaan itti dhiise. “Waaqni keenya waaqa kabajamaadha. Namni qaama hir’uu aarsaa ta’ee isaaf dhi’aachuu hin danda’u. Kanaafuu, si hin qallu. Ka’ii deemi!” ittiin jedhan.
Namichis achii ka’ee konkolaataa isaa dudduubatti naanneffatee of duuba deeme. Namicha gatee dhufe sana barbaacha dhaqe. Yommuu isa argus gammadee, “Obboleessa koo! Dubbiin kee reefuu naaf gale. Edaa dhuguma wanti hundumtuu gaarummaaf ta’a. Otoo qubni koo hin cinne ta’ee shiftoonni na qalanii waaqa isaaniif aarsaa na dhi’eessu turan. Ati immoo qaama guutuu waan taateef, otoo na wajjin jiraattee situ qalamee aarsaa ta’a ture. Qubni koo cituun, si gatee deemuun koo…hundumtuu gaarummaaf ta’e. Kottu karaa keenya waliin deemnaa!” jedhee fudhatee deeme.

Maal jechuu barbaadeen seetan? Jireenya keenya keessatti wantonni nu qunnaman tokko tokko hammeenyaaf qofa nutti fakkaatu. Yeroo nu mudatan sana tasuma gaarummaaf waan ta’an hin fakkaatan. Kanaafuu, hadheeffannee gumgumna. Waaqaa fi nama komanna. Carraa keenya abaarra. Akkuma konkolaachisaa armaan olii turee nuuf gala. Wantonni har’a keessa darbaa jirru hunduu, yeroof fakkaachuu baatanis, gaarummaaf nuuf ta’u. Tokkoo tokkoon mudannoo jireenya keenyaa faayidaa mataa isaa qaba. Yoo xiqqaate barumsa wayii nu barsiisee darba. Ilaalcha poozatiivii haa qabaannu. “Rakkinni keenya inni guddaan rakkina keenya miti; ilaalcha nuti rakkinichaaf qabnudha!” jedhama mitiiree?

💖@smartattitude
yoo dhiiste dhiisi jettee itti lolte. Erga ganamaatii homaa hin gurguranne, na miidhus hanguma yaaddeen fudhadhu jedhaniin. Isheenis killee 5 fudhatteetu, qarshii dhiibboota hedduun jiran keessaa qarshii abbaa 10 baastee itti darbatte. Killee ishees fudhattee konkolaataa ofiif ooftu seentee qajeelte. Deemtees hiriyaa ishee waliin hoteela seenanii nyaata fi dhugaatii barbaadan ajajatanii nyaatanii dhugan. Waliinis bashannanan. Namni hoteela keessa keessumsiisu dhufee herreegni qarshii 1420 dha jedheen. Isheen ammoo, qarshii 1500 itti kennite. Keessummeessaan qarshii hafu deebisuuf jennaan dhiisi abbaa hoteelaaf galchi jetteen. Qarshiin kun abbaa hoteelaaf haaraa miti. Akka waan isheen kenniteefittis hin lakkaa'u, qarshii gahaa qaba. Manguddoon isheen killee irraa bitte garuu, waan nyaatuu fi bakka bulu hin qabu. Osoo qarshii manguddoon sun jedhaniin irraa bittee gaarii ture, gargaarsa biraa dhiistus.

Inni qabu qaba. Isa dhabe yoo gargaarre maal ta'aree?

Inni beekamtii qabus qaba. Isa beekamtii hin qabne yoo jajjabeessine hoo?

Qarshii ilaallee(uffata) ilaallee osoo nama wal caalchisuu dhiisnee maal qaba?
Isa rakkate haa gargaarru!

@smartattitude
#NAMA_GUDDAA_TAUU_NI_BARBAADDAA?
✍️Wantoota 3 (sadi) jireenya namaa keessa jiranii fi irratti hojjachuu barbaachisan:

1️⃣ Kaleessa
2️⃣ Har'a
3️⃣ Bor

✍️Namoonni baay'een kaleessa miidhamaniiru ta'uu danda'a. Har'a irra dhaabatanii waa'ee kaleessaaf dhiphachuun, abdii fuulduratti adeemuuf namni qabu gadi buusa.

👉 Har'i kaleessa irra ni caala.
👉 Har'i boruuf murteessaa dha.
👉 Kaleessi gaariis ta'u gadhees darbeera.
👉 Guyyaan har'aa milkaa'ina boriitiif si qopheessa.
👉 Boriif jennee obsina.

✍️Namoonni baay'een kan dhiphataniif, kan jeeqamanii fi of ajjeesaniif haalli jireenyaa ta'uufii didee miti. Waan barbaadan dhabaniifis miti.

Guyyaa borii maaltu akka jiru, maaltu akka ta'u jalaa dhokate.Guyyaan "bori" jedhamu itti argamuu dhabuu irraan kan ka'ee dha.

Nama guddaa ta'uu ni barbaaddaaree?

✔️ Har'a Karoora kee barreessi !
✔️ Har'a irratti hojjadhu!
✔️ Guddinaa fi Milkaa'ina ati itti of hin eegne irra geessa.

@smartattitude
#Dheebuun du'uu moo, bishaanicha dhugee lubbuun turuu......?
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
-
Namichi tokko gammoojjii keessa osoo deemuu bishaan inni baatee ture jalaa dhume. Suutuma suuta dheebuun bishaanii namicha dadhabsiisaa dhufe. Dhumarratti bakka boolla bishaanii wayii bira gahe. Boollichi baay'ee gadi fagoodha; bishaan qabaa, hin qabuu hin mul'atu. Boolla kana cinaa harkistuun bishaanii motora dulloomaa tokkotu jira. Motoricha irratti akkas jedheetu barreeffamee jira. "Motorri harkiftuun bishaanii kun bishaaniin hojjeta," jedha. Namichatti dalga gale. Maal jechuudha? Motora cinaa jookiin tokko guutuun bishaan taa'eetu jira. Jookii sana irratti barreeffama akkas jedhutu jira. "Ilaa yaa lammiikoo, bishaan jookii kana keessa jiru motoratti naqiitii motorichi bishaan baay'ee siif baasa. Kanaafuu namni akka keetii kan biraa kara deemaan hin fayyadamaatii, adaraa atis yeroo bishaan boolla keessaa siif bahe jookii kanatti guuttee kaa'uu hin dagatiin maaloo!" jedha. Bishaan jookii keessa jiru kana motoratti haa naqu moo haa dhugu? Motorichi dulloomaa waan ta'eef hin hojjetu yoo ta'e hoo? Namichi bakka kanatti yaada lamaan dhiphate. "Tokkoffaa motorri kun dulloomeera, yoon bishaan kana itti naqee hojjechuu dide bishaan kana nan dhaba waan ta'eef du'e jechuudha, kanaafuu dhugee jireenyaa koo oolfachuun qaba. Garuu, motorichi bishaaniin malee hin hojjetu erga ta'ee akka kootti kan dheebotee dhufe waan ittiin motora sochoofatu hin qabu waan ta'eef ni du'a," jedhee ofiifis, kanneen biroofis dhiphate. Dhumarra baay'ee dhiphatee murtoo cimaa murteesse. Akkas jedhe, "Bishaan motoratti naquu naaf wayya. Yoo hojjete gaariidha. Yoo hojjechuu dide nan du'a malee, gonkumaa/habadan bishaan kana dhugee deemee umrii koo guutuu waayee boolla kanaa fi bishaan kana dhabanii namoota du'anii yaadaa jiraachuu hin barbaadu," jedhe.

Achii booda bishaan jookumaan fuudhee gara motoricha dulloomaatti naqee, kan motorichi ittiin banamu ( presser ) gadi qabe. Motorrichi sagalee dhageessise. Bishaanis ol baasuu jalqabe. Namichi hin ajaa'ibsiifate. Hanga isa gahus dhuge. Bishaan akka malee yaa'ee naannoo sana ciise. Namichis jookiitti guutee, barreeffama dura jiru irratti dabalee akkas jedhee barreesse. "Lammii koo na amani motorri kun sirriitti hojjeta," jedhee deeme.

©Kanaaf;
Ofii keetiif yaaduun kee lubbuudhaan jiraachuufi; kan biroof yaaduun garuu nama ta'uudha. Isa qabdu waakkii malee yoo kennite waaqni ammoo dachaan siif kenna.

@smartattitude
Mul'ata kee hojiitti jijjiiri!

~~~~~~~~~~
√Eenyuyyuu mul'ata qaba. Nama ta'ee mul'ata malee kan uumame lafarra hin jiru. Hunduu qaba mul'ata. garuu, mul'ata qaban hojiitti kan hiikan muraasa. Dachee kanarratti mul'anni baay'een osoo hojiitti hin jijjiramiin akkasumatti darba. Kanaf mitiree kan Dr. Myles Murnoe akkas jedheef, "Addunyaa kanarraa qabeenyi guddaan bakki itti argamu biyyoota gaasii uumamaa qaban bira miti,yookiis biyyoota albuuda akka diyaamandii, pilaatiyeemi, warqii fi meetiin yookiis kan biroon badhaadhaan biratti miti. Addunyaa kanarraa bakki qabeenyi guddaan itti argamu bakka awwaalaati. Maaliif yoo jettan? Namoonni baay'een mul'ata isaan keessa jiru osoo ittiin hin hojjatiin du'an. nama muraasa kan mul'ata isaa baree hojiitti jijjire. Ega mul'anni ammana hin jedhamne kun isaan faana du'ee bakka awwaalcha jira".
Dhugaa jedhee mul'ata uumaan itti kenne ittiin osoo hin hojjatiin dachee kanarraa kan darban lakkoofsa hin qaban. Anaan garuu kan na dhiphisuu kan warraa mul'ata isaanii qabaatanii du'anii osoo hin taane kan warra qabatanii du'uuf jiraniiti. Ammayyuu mul'ata meeqatu du'aaf kaadhimamee jira laata? Waaqayyootu beeka. Kanaaf mul'ata keenya beeknee gara waan qabatamatti jijjiruu danda'uu qabna. Wanti ulfaatan garuu mul'ata ofii beekudha. Mul'ata si keessa jiru eenyuyyuu hin beeku garuu tilmaamuu danda'a. Kan inni ittiin tilmaamus fedhii hojii kee ilaaleeti. Kana jechuun yoo barreessi si godha ta'ee namni kun barreessaa ta'uu danda'a, yoo wantoota garaagaraa walitti qabuun kalaqa yaalta ta'eef namni kun nama kalaqaa ta'uu hin hafu yoo kan biraa dalagdees akkasumatti si ilaalee mul'ata kee tilmaamu danda'a namni. garuu sirritti kan of beeku si'i. wanti akka ati waan tokko hojjettuuf keessa keetii si xuxxuqu inni mul'ata keeti. Kanaaf mul'ata kee adda baasii bari.
Erga barteen booda isa hojiitti jijjiri. Akka kootti inni kun baay'ee ulfaatadha garuu ni danda'ama. Maaliif jettee? Anaaf
Addunyaa kanarraa wanti baay'ee ulfaataan waan hojjechuuf uumaman hojjechuu danda'udha.
maarree hojjechuu danda'uun maal cima hojjechuu dadhabuudha malee, jechuu dandeessa. hojjechuu dadhabuun salphaadha. mul'ata ofii kan beekanuu muraasa waan ta'aniif. Hojjechuu danda'uun garuu aarsaa nama gaafata. hanga aarsaa lubbuutti illee deemuu danda'a. eenyu egaa hanga kanatti mul'ata isaaf jedhee kan 'risk' gurguddaa baatuu? Isaanii kan mul'ata isaanii hojiitti jijjiran. Kanaaf atis aarsaa mul'anni kee si gaafatu kaffaliitii mul'ata kee hojiitti jijjiri.

©Araarsaa Fayyisaa
Mudde 14, 2020
Amboo


@smartattitude
❇️GATIINKEE HANGAMI (HOW MUCH YOUR WORTH IS?
~
♻️Abbaatu du'asaan dura ilmasaan akkas jedha, "Sa'aatiin kun kan akaakayyuun kee naaf kennedha; kunis waggaa 200 ol fixeera. Garuu ani osoo siif hin kenniin dura dukkaana (suuqii) itti sa'aatiin ( yareegan) gurguramu deemiiti gatii hangamii akka baasu gaafadhu!" jedheen. Ilmis deemee dhufee, abbaasaatiin, " 'Sa'aatichi tureera (dulloomeera)' nan jechuun $5 naaf kennani" jedhe. Abbanis "Suuqii bunaa deemi gaafadhu!" jedheen. Achis deemee gara isaatti deebi'uun, "Isaan immoo $10 naaf kennani" jechuun itti hime. Dhumarratti abbaan, "Muuziyeema deemii itti agarsiisi!" jedheenii. Innis deemee deebi'ee; abbasaatiin akkana jedhe, "Sa'aatii umurii heddu lakkoofsiseeru kanatiif $1,000,000 naaf kennani." Abbaanis ilmasaan, "Bakki sirriin haala sirriin gatii kee akka dinqisiifatu akka beektun barbaade. Bakka dogoggoraa of hin kaa'iin! Kan gatii kee beeku kan si dinqisiifatudha; bakka sin madaallee hin turiin!" jedhee ilmasaa gorsee jedhama.

Moral (Seexaa): Tarii bakka dhaquun nuuf hin mallee ykn nun madaalle deemuun, gatii nun maadalleen dhoofsifamnee ta'uu danda'a. Garuu inni gatii keenya osoo hin taanee, balleessaa bakka filachuu dhabuuti. Akkan taanee madaalamuun sammuu miidha, guddinas quucarsa. Madaallin sirrii hin taane akkasii nu aarsuu danda'a; garuu aaruurra maadaltu sirrii kan bakka isaa eeggateen maadala sirreessudha. Gatii keenya isa sirrii beekuuf bakka sirrii haala sirriin nu maadalu deemuun dirqama!.........!
Right place appreciates your value in right way!
*KNOW YOUR worthy👍👍👍

@smartattitude
✍️Waan gaarii yaadi

👉Hiriyyota lamatu turan Tokko hiriyyaa isaa sana baayyee jaallata ture . ❤️❤️❤️❤️

👉Inni tokko garuu baayyee itti hinaafa ture. 😏😔

Barumsaan, yaadan waan Garaa Garaan maaf na caala jedhee itti hinaafa ture.

Gaafa tokko abbaan mucaa sun dhufee ilma koo ati waan hedduudhaan waan na gammachisteef waan fedha kee na gaafadhu sifan godhaa jedheen.

Mucaanis gammadee mana electronics tokko wajjin deemna jedheen abbaanis Tole jedheen.

👉Sana booda Abbaa koo kuno PC(PERSONAL COMPUTER) 🔳🔳 kana 50,000(kuma shantamaan) naaf biti jedheen Abbanis in biteef.

Mucaanis gammadee fiigichaan hiriyyaa isaa isa hinaafticha sana waame elaa kuno kana jedhe itti agarsiisee; na eegi waan hiraanfadhee fideen dhufa jedheenii sokke.

🙊🙊Kana giddutti mucichii ammas kun na caaluu isaati jedhee
Waan tokko yaadee maafaan caccabsee irrattan kufe hin jedhuun? jedhee yaade.



👉Dhagatti rurrukute erga cacabsee booda

👉mucaan xiqqoon tokko fiigaa dhuftee xalaya akkas jedhu itti laattee inni amma kenna keeti. Baayyeen si jaalladha hiriyyaa koo jedha ture. 🙆🙆🙆🙆🙆

🤲Hinaaffaa dhiisnee, waan gaarii walii gochuun haa jiraannu. Gaarii obbolessa keef ta'eef gammadi.

@smartattitude
👈👈K͢U͢N͢I͢S͢ G͢A͢R͢U͢U͢ N͢I͢ D͢A͢R͢B͢A͢ 👉👉

👉Namicha Qotee bulaa tokkotu jira. namichi kun mana namaatti 'gabaree' galee qota. waggaattis midhaan kuntaala shan keessa tokko fudhata. kuntaala afur warra Abba lafaatu fudhataa jechuudha. guyyaa tokko osoo inni qotu namichi karaa deeman wayii dubbiseeni kan ati qottu kun maasi namati miti? jedhee gaafate. eyyeen kan namaan qota, kunis garuu ni darba jedheeni. namichis darbee deeme. guyyaa biraa ammas namichi karaa deemaan sun deebi'ee gaafa dhufu namichi sila maasi namaa qotu sangoota bitate bakka biraati qota. kana booda namichi akkamitti as Dhuftee? iddoo dura qottuu ni baate? jedheni gaafate. eyyeen amma kunoo sangoota bitadheera, lafammo nan kireeffadhe, kunis garuu ni darbaa jedheni qonnasa egale. waggaa shan booda ammas namichi karaa deeman sun deebi'ee karichumarra dhufee, qotee bulaa sanas halaalatti gaafa ilaaluu sangoota cimdii hedduutin qota, itti siiqe waaqayyo si gargaare sangoota hanganaan qotuu egaltekaa jedhen. eyyeen amma lafas bitadhe sangoota cimdii hamma kanaanis qotuu egaleera, garuu kunis ni darba jedhe. namichi karaa deeman sunis garaasaatti dinqifachaama darbee deeme. namichi karaa deeman sun ammas guyyaa biraa tokko waanuma namichi qotee bulaan kun irra jiruun ilaala jedhee karaa lafa qonnaa namicharra sokke. Otoonni tirakteeran qotu halaalatti arge, bay'ee naheetu itti siiqe otooman asiin naannahu tiraakteraanis qotu egalteka jedheni, eyyeen waaqayyo na gargaare tirakteraanis na qochisiiseera, garuu kunis ni darba jedheni. waa'een kunis ni darbaa namicha hedduu isa dinqeera jechasaa kanattis yaadama har'as bira darbee adeeme. waggaa muraasa erga turani booda namichi karaa deemaan sun otoo namichi qotee bulaa ture kun magaala keessa gamoo ijaarsisu arge, qotee bulaa sana ta'uusaa mirkaneeffachuuf fiigee gaafa iddoosa dhaqu isumadha. erga wal dubbisani booda na barteetta? ani namicha isa yerooti qottu karaa maasikee si gaggaafate darbudha, gamoowwan gurguddoo kana situ ijaarsiisu egale jedheni gaafate. namichi qotee bulaan kunis akkuma amalasaa eyyeen, garuu kunis ni darba jedheeni. egaa jijjiramoonni qotee bulaan kun hin darba jechaama adeemsise namicha karaa deema kana baay'eema dinqeera. kana booda namichi karaa deeman sun biyyicha gadhiise adeeme. waggaa hedduu erga biyya biraa turee booda deebi'ee gara magaalicha dur keessa jiraatu dhufe, namichi qotee bulaan sun maalirraa akka gahe adda baafachuufis baay'ee ariifate.Bakka gamoowwan inni dura itti ijaarsisa ture deeme. gamoon sunis hedduu miidhekfame magaalittiifille miidhagina ta'eera. namichis Abban gamoo kana essaa jira jedhe namoota naanno sanaa gaafaate. namoonni tarii firasaa ta'aa laata jedhani itti himuu sodaatani. ta'us garuu deddeebise waaninni gaafateef akkanni boqoteeru itti himani. namichis hedduu gadde bakka awwalcha isaa na geessa jedhe, isaanis gara awwalaatti fudhatani qajeelani. otoo deemani lafa awwalcha gahanii, otooma namni itti hin himiin awwaalota danuu keessa kan namicha kanadha jedhe bare. akkuma amalasaa duraani awwaala isa irraattis kunis ni darba jedhani barreessaniiru. maaliif barressitani irratti naaf barreessa jedhe dhaammate du'emo jedhee gaafate. eyyeen jedhani deebisaniifi. dur yeroo lafarra tures namichi kun kunis ni darba jechaa ture, akkuma jedhes waan inni jedhe hundinuummo darbeera, anillee isarraa waan hedduu bareera, ammaa garuu du'eera, duutimmo isa dhumaati, maal yaadeetu kunis ni darba jedhe? Essatti darbaa kana boodammoo du'eerawo jedhe namoota gaafate. isaanis akkas jedhani deebisaniifi, duuni walii lamadha du'a fooniif du'a lubbuuti,namichi kun yoo foon isa du'eyyu lubbuun isa ni jiraata, lafarra qofa osoo hin taane waaqarras jireenyi ni jira. kanaafiyyu hangam namatti toles yoo namatti bades jireenyi lafa kanaa ni darba, namichi kunis ol waaqarra jireenya akka qabu waan beekuuf kunis ni darba jedhe jedhani.

©Rakkina kee hardhaa ilaaltee waaqayyyoon hin komatin. Rakkinni kee kun darbuuf jedha. Soorumuu kee, beekamuu keen, bakka guddaa jiraachuu keen nama hin tuffatin. Kunis darbuuf jira. Wanti aduu jalaa hunduu darbuuf jedha. Kan bara bara
an jiraatu waaqayyoo qofa.
#haala kam keessayyuu jiraadhu, #Kunis_ni_darba.

@smartattitude
OFIRRAA LAFA KAA'I!👋

❇️Barsiisaa tokkotu daree barnootaa seenee yoo barsiisuuf jedhu burcuqqoo bishaan of keessaa qabu fudhatee seene. Burcuqqoo kanas akka barattootni hundi arguu danda'anitti ol qabee dhaabate.
"Burcuqqoon kun hammam ulfaata jettanii yaaddu?", jedhee barattoota gaafate. Isaanis "100g, 125g, 150g, ... "jechuun tilmaaama isaanii kennan.
Barsiisichis ulfaatina burcuqqoo kanaa baruuf innis deemee safaruu akka qabu dubbatee, garuu ijoon dubbii isaatii waan biraa akka tahe itti hime.

"Burcuqqoo kana utuun daqiiqaa tokko ykn lamaaf ol qabee akkasiin dhaabadhee maalin ta'a?" jedhe Barsiisichi. Barattootnis, "homaa", jedhanii deebisaniif. Innis tole jedhee, " Utuun daqiiqaa dheeraaf akkasitti qabee dhaabadheehoo?" jedhee itti dabalee gaafate. Barattoota keessaa inni tokko, "Harki keessan isin dhukkubuu danda'a." jedhe.

Barsiisichi ammas, "Utuun sa'atii dheeraaf akkasitti ol qabee dhaabadheehoo?" jedhee gaafate. Barataan tokko ammas, "Harki keessan baay'ee isin dhukkubee maashaa harka keessanii dadhabsiisuu danda'a." jedhe. Barsiisichis itti dabalee, "Utuun guyyaa dheeraaf burcuqqoo kana akkasiin ol qabee dhaabadheehoo?" jedhee gaafate. Barattootnis, " Harki keessan isin hadoodee waa hojjechuu dadhabuu dandeessu, hubaatii cimaa harka keessan irraan gahuu danda'a. Kanaaf hospitaala deemuun keessan hin oolu." jedhanii deebisaniif.
Barsiisichis tole jedhee, "garuu ulfaatinni burcuqqoo kanaa jijjiirameeraa?" jedhee gaafate. Barattootnis, "lakki" jedhani. Innis dhukkubbii harka isaarra gahu hambisuuf maal gochuu akka qabu barattoota yoo gaafatu, Barattootnis Burcuqqoo sana lafa kaa'uu akka qabu itti himani.

®Maal irraa baranna?

Nutis jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti rakkinaa fi yaaddoo qabaachuu ni malla. Garuu, ol kaasnee ilaaluu fi sammuu keenya keessatti yeroo dheeraaf yaadda'uudhaan waan jijjiiruu hin dandeenye miidhaa isaa ofitti hammeessina. Kanaaf, waan jireenya keenya keessatti nu mudatu haala sammuu keenya hin miineen ilaallee utuu inni miidhaa hin qaqqabsiisin ofirraa lafa kaa'uun gaariidha. Baay'ee yaadnee ykn yaaddofnee of dhiphisuurra kan darbe lafa keenyee kan fuulduraaf tarkaanfachuun jireenya keenyaaf gaarummaa qaba.

@smartattitude
#ATIS_NI_DANDEESSA!


❇️Bara 1939 ALA ture. Joorji Daalzigii jedhama. Barataadha. Gaaf tokko barfatee mana barumsaa deeme. Yeroo inni daree seenu barsiisaan istaatiksii barsiisee ba'eera. Gaaffiilee lama kan barsiisichi barreesse gabatee gurraacha irra jiru. Daalzigiin gaaffilee sana lamaan barreeffatee gara doormii isaatti deebi'e.
Gaaffilee sana hojjechuun salphaa hin turre. Yaalii guddaa booda hojjete.
Akkuma hojjeteen gara biiroo barsiisaa isaatti geesse. Kutaa dhiphoo waraqaan itti guute keessa ture barsiisichi. Quba isaan argisiisaa, "Achi irra kaa'ii deemi!" ittiin jedhe. Kaa'eefii deeme.
Bor ganama balballi rurukkutame. Ka'ee baneef. Barsiisaa istaatiksiidha. Ni rifate. Barsiisaan akkamitti doormii dhufa? Akkuma inni balbala baneen barsiisaan isaa dubbisuuf harka itti hiixachaa, "Baga gammadde!" ittiin jedhe. Daalzigiin waan isaa wallaale. Bitaa itti gallaan, "Maaltu ta'e?" jedhee gaafate.
Barsiisichi fuula gammachuudhaan ifeen, "Waraqaa qorannoo kan ittiin eebbifamtu xumurteetta! Qorannoo biroo hojjechuun si hin barbaachisu!" ittiin jedhe. Gurbaan daran burjaaja'ee ilaale. Haalli barsiisichaa galuufii dide.
"Maal jechuudha kun? Akkamitti ta'a" jedhee gaafate. "Maal seete!" jedhe barsiisichi, "Gaaffileen ani kaleessa gabatee gurraacha irratti barreesse lamaan seenaa istaatiksii keessatti haga ammaatti deebii hin arganne. Ani barattoonni gaaffilee lachuu akka beekaniifan barreesse malee akka hojjetaniif hin turre! Ajaa'iba! Ati garuu akkuma hojii manaa salphaatti hojjettee fidde. Sunuu yeroo gabaabduutti. Eyyee, baga gammadde!" ittiin jedhe.
Seenaa istaatiksii keessatti gaaffiilee deebii hin qabne akkamitti hojjette Daalzigiin? Deebiin isaa salphaadha. Akka gaaffileen sun hojjetamuu hin dandeenye hin dhageenye. Hojii manaa barattootaaf kenname qofa se'e. Akka hin danda'amne waan hin dhaga'iiniif akka danda'amu amane. Sammuu isaa gurra isaa lachuu gidduu jiru haalaan hojjechiise. Maarree gaaffii deebii dhabe deebise.

®Maal jechuufan kana jedhe seete? Atis ni dandeessa! Daa'imummaadhaa eegalanii maatii fi hawaasni ati keessatti guddatte wantonni hedduun akka hin danda'amne waan sitti himaniif akka hin dandeenye amante. Hin danda'amu siin jedhan, atis hin danda'amu jettee itti waliif galte. ©Dhugaan jiru garuu: Daangaan sammuu keetii sammuu kee mataa isaati! Eyyee, ni dandeessa.
#Dilbata_baay'ee_bareedduu_qabaadhaa!

@smartattitude
# Utuu dursee isiniif galeera ta'ee...

--------------------------------------------------
👩‍👧‍👧Harmee haadha ilmaan baayyee tokkotu dhukkubasate. dhukkubni ishee baay'ee ulfaataa waan ta'eef ilmaan ishee hundumtuu, bakka jiraanii isheedhaaf birmaatan. Jaalala isheef qaban irraa kan ka'ee hundumti isaanii dabaree dhungachaa lafaa ol ishee fuudhan. Hundumtuu dirqama jaalala haadhaa bahuu waan qabaniif falmii an dhibee harmee nan wal'ana anatu wal'anaa jedhutu eegale. garuu hundumti isaanii anaan wayya anaan wayya anatu wal'anaa osoo jedhaanii wal harkaatti qabanii, haati isaanii isaan harkaa kufte. dhukkubni ishees kan durii caala itti hammaate. sanaan booda eenyuyyuu isaan keessaa mana yaalaa geessee wal'ansiisuuf akka fuudhee hin kaanee jala murtee isaanitti himte. Isaaniis wal duukaa "maaliif harmee?" gaaffii jedhu gaafatan. Isheenis "wal harkaa na butun keessan, wal harkaatti na qabuun keessan dhukkuba koo caalaa waan na miidheef",isaaniin jette. Ergasiin booda haadhaa isaanii biraa achi deebi'anii maal gochuu qabna jedhaanii waliin maree eegalan. dhuma irrattis namni tokko nu keessaa ishee wal'anuu haa eegalu. nuti warri hafne hundi keenya immoo isa harmee gargaruuu sana gargarra jedhaanii waliif galan. gaafa isaan ol deebi'an garuu haati isaanii duute isaan eegde. hundumti isaanii reeffa harmee isaanii irra naanna'anii osoo boo'a jiranii waraqaa xinnoo dhaamsi irratti isaaniif barreffamte harkaa haadha isaanii keessaatti argan kan isheen barreessaa duute. innis akkas jedha. ijoollee koo mareen kun kan inni dhimma baasuu fi lubbuu koo du'a irraa isiniif hambisuu danda'u duraan ture. Isiniif galuun isaa kan hin hafne utuu dursee isiniif galeera ta'ee? kan jedhu ture.

©Ergaasaa isiniif dhiiseera.
Galatomaa!

@smartattitude
🤝3B( Beeki Beekun Beekumsa)🤝

Kutaan (state) haaraa yoo Ameerikaa keessatti dabalame urjiin haaraa alaabaa USA irratti adoolessa 4 ni ida’ama. 

💙Singaapor keessatti ‘wifi’ nama biraa eeyyamaan ala yoo fayyadamtu argamte hidhaa waggaa 3 ykn qarshii doolaara kuma kudhan adabamta.

♻️Neezerlaand keessatti sababa dhukkuba ykn sababa gara garaatiif osoo waggaa lamaaf hojii dhaabdeetu mindaa ji’aa 70% siif kaffalama. 

✳️Noorwey keessatti barataa addunyaa kamiin irraa dhufuuf mana barumsaa mootummaa irratti kaffaltii malee barsiisu.

💟 Ragaan tokko akka ibsuttii balaa konkolataafi sababa guddaa kan ta’e yeroo konkolachistonni muuziqaa baay’ee jaallatan dhaggeefatanidha. 

💝 Guyyaa 1 keessatti g/g sa’aatii saddeetiif yoo rafte waggaan kee 99 yoo ta’e waggaa 33 hirribatti dabarsite jechuudha. 

💠 Namni tokkoo osoo waggaa 25 fi isaa olitti fuudhee ykn heerumtee dhibbantaa 60n carraa hiikkaa isaan gidduutti uumamu hir’isuu ni danda’u.

@smartattitude
#WAAQAYYO_JIRA!

Daldaltoonni lama karaa dheeraa deemaa oolan. Dadhabaniiru. Gammoojjii beekamaa keessa imalu. Lafti itti dhiinaan gaalota isaanii waliin cirracha irra buluuf dirqaman.
Inni tokko musiliima, inni kaan amantaa hin qabu. Inni amantaa hin qabne irra deddeebi'ee, "Waaqayyo hin jiru!" jedha. Inni musiliimni immoo,"Lakki! Allaahn jira!" jedha. Lafti bariinaan hirribaa dammaqan. Akkuma dammaqeen inni musiliimni kadhanna (solaata) eegale. Akkuma inni kadhatee xumureen inni amantaa hin qabne sun, "Dhuguma Waaqayyo jira jettee amantaa?" jedhee gaafate. "Eyyee! Nan amana!" jedhee deebiseef inni sun, "Jireenya koo keessatti gaaf tokko illee jiraachuu Allaah shakkee hin beeku!"
Deebii isaa akkuma dhaga'een, "Jiraachuu Waaqaa maaliin mirkaneessita? Ragaan kee maali?" jedhee gaafate_inni amantaa hin qabne sun. Musiliimichi xiqqoo itti yaade. Naannoo isaa haalaan erga ilaalee booda, "Eda halkan nuti rafnee otoo jirru bineeldi asiin darbe maal ture?" jedhee gaafate. Namichis, "Gaalatu darbekaa!" jedhee deebiseef. "Gaalli asiin darbuu akkamitti barte?" gaaffii musiliimicha ture. "Faana kottee isaan cirracha irratti arge" deebii namichaati.
Biiftuu reefuu ba'aa jirtu quba isaan akeekaa, "Obboleessa koo! Ilaa biiftuu ba'aa jirtu sana argitaa?" jedhee gaafate. Namichis, "Eyyee! Argaan jira!" jedhee deebiseef. "Biiftuun sun faana miillaa Allaah akka taaten beeka! Uumamni erga jiraatee Uumaan akkamitti dhiba?" jedhee deebii ajaa'ibsiisaa kenneef!

@smartattitude
#MAALIIF_IRRAANFATTE?

Victor Hugo barreessaa jabaadha. Kitaaba isaa "Less Mirerables" jedhamu keessatti seenaa garaa nama nyaatu tokko seenessa. Akka armaan gadiitti:
Luba garaa isaanii guutuu Waaqaaf bulan tokkotu turan. Hawaasa biratti baay'ee jaallatamu. Akka keessa jiraataniif manni guddaan isaaniif kenname. Isaan garuu sana hin barbaadne. Namoonni rakkatan kan lafa bulan hin qabne hedduun otoo jiranii mana akka sanaa keessa jiraachuu hin feene. Manni guddichi mana yaalaa ta'ee dhukkubsatoonni akka itti waldhaanamaniif dabarsanii kennan. Ofii kutaa dhiphoo tokko keessa jiraachuu eegalan.
Manuma dhiphoo sana iyyuu namoonni bakka bultii hin qabne akka itti boqotaniif banaa godhaniiru. Maarree gaaf tokko dargaggeessi bakka bulu hin qabne tokko mana isaanii dhiphoo sana dhufe. Lubnis kabajaan simatanii waan barbaachisu hunda kennaniifii keessummeessan.
Halkan walakkaa dargaggeessichi hirribaa dammaqe. Waan hamaa yaadaa ture raawwachuuf. Meeshaalee Waldaa Kiristaanaa kanneen akka fal'aanaa fi waancaa kan meetii irraa hojjetaman hunda hatee bade. Lubnis waan ta'etti gaddan. Garuu gurbicha arguu hin dandeenye.
Borumtaa mucaan meeshaalee hate sana gurgurachuuf gabaa ba'e. Haa ta'u malee, meeshaaleen sun kan hataman ta'uu poolisoonni bira ga'an. Gurbichaa fi meshaalee inni hate fidanii gara mana lubichaa dhufan. Poolisootaan qabamuu gurbichaa gaafa argan lubni baay'ee gaddan. Ija mararteen ilaalan. Baattuu dungoo mataa torba qabu kan baay'ee bareedu gabatee irraa fuudhanii itti hiixacha, "Ilma koo! Kunoo kanas siif kenneen tureem! Maaliif irraanfattee deemte! Hoo'u itti dabaladhu!" jedhanii kennaniif. Ofitti qabanii haammatan. Poolisoonni gochaa kana argan ni rifatan. "Edaa gurbaan meeshaalee sana hin hanne, lubatu kenneef!" jedhanii, dargaggeessicha dhiifama gaafatanii achii adeeman.
Maaliifan ergaa kana barreesse seetan? Abbaan amantaa kun garaa dhalootaaf gaddu qabu. Abbummaan akkana! Gurbaan halkan walakkaa hirribaa ka'ee meeshaalee sana hatee deeme. Eyyee ni hate. Lubni garuu gaafa poolisiin qabee fidu hanna sana dhoksaniif. Dabarsanii kennuu hin barbaadne. "Isa kanahoo maaliif irraanfatte?" jedhan ija jaalalaan ija gurbichaa ilaalaa.
Argitanii? Akka lafti bari'een buufata poolisii deemanii hin himanne. Miidiyaa hawaasaa irratti hin dhoobne. Hattuudhaan, "Ilma koo!" jedhan. Garaa jaalalaa!
Har'ahoo? Abboota akkanaa qabnaa laata? Jaalalli isaanii yakka namaa kan isaan dagachiisu, humna jaalala keessa jiruun dhaloota kan deebisan, mana guddaa qaban tola-ooltummaaf kennanii ofii kutaa dhiphootti kan galan, walumaa galatti ofiif otuu hin taane lammiif kan jiraatan!
Dhaloonni har'aa hin milkoofne. Kan isa saamu malee kan isaaf yaadu hin qabu. Dhaabbilee amantaa keessatti guyyaa guyyaan saamama. Gama siyaasaan namoonni aangoo argatan ni saamu. Biyya kana keessatti aangoon ergama ittiin ofitti hir'isanii gad jedhanii uummata ofii tajaajilan otuu hin taane, balbala saamichaa guddaa kan guyyoota qubaan lakkaa'aman keessatti ittiin duroomanidha. Eyyee! Dhaloota kanaan dhaloota hin carroomnen jedha.

@smartattitude
#Ammayyuu_jiraa_edaa_jaalalli_dhugaan!

Dubbisii waan Dhugaa fi qabatamaadha.

Namni sin jaaladha sin du'a kan waliin jechaa oolu baay'edha, kan walii du'u garuu muraasa.

#Har'a seenaa mucaayyo hiriyyaanshee duunaan mukatti of fannistee haada dhaqxee duutee sinii kaasuufan jedha.
Kanaafin edaa ammayyuu jiraa jaalalli sin du'a jedhanii walii du'uun jedhe.
👉Ijollee Hiriyyaa lamaantu jira waggaa hedduu wal jaalatanii turan., dhugumuuma dhugaatti jaalalli isaanii ajab nama jechiisiisa. wanti kun Seenaa miti waan dhugaadha, mucaan inni dhiiraa kunis ta'e, isheen lachuu fayya buleessa turan. guyyaa tokko akka carraa ta'ee hiriyyaan ishee sun dhukkubsatee qoricha aadaa fayyadamee, qorichichis waan yeroon isaa Irra darbeefii waan isaaf hin barbaachifne ture. qorichuma sana akka fayyadameen otoo isheenillee ni dhukkube jettee dhaqxee hin gaafatiin lubbuun isaa darbite. ayii ayi baay'ee nama gaddisiisa dargaggessaa taphatee hin quufne ture. hiriyyaan isaa kunis du'a isaa gaafa dhageessu amanu dadhabde. gaafa mana warrasaa geesse dhugaa ta'uu bartu ni gaggabdee. akkumasaati as qabanii achii qabanii sa'atii muraasa booda of barte, sana booda mucayyoon kun bohuus hin dandeenye. namatu asiif achiin qabee deemsisa. borumtaa isaa awwalcha isaati waan ta'eef qawwee dhukasanii reeffa baasani gara bakka awwalchaatti mucayyos asiin achiin qabanii fudhanii sokkan. isheen garuu deemuu dhiiste ni teesse. tarii deemuu dadhabde jedhani manatti ishee deebisani, gaafa isaan ishee bukkee taa'uuf jedhan deema anoo nan taa'a, isinan egaa, dhaqaa awwala kootta jettee kokkolfite, isaanis qofaa gatanii gara awwaalchaa deeman. isheenis gaafa isaan deeman gara mana warrashee galtee of rarrastee duute. egaa guyyaan gaggeessa reeffa isaani har'aaf bor ta'e.
Gabaabumatti waanan yaada kana kaasef qaba. kana gaafan jedhu of ajjesuun ykn Abdii kutachuun gaariidha jechuuko miti waaqayyo waan hundayyu maaliif akka godhe beeka. kanaaf ofirratti murtessuun gaarii miti. haa ta'u garuu sababni ani yaada kana kaaseefi meeqan keenyaatu jaalala Dhugaa beeka? Meeqan keenyatummo wal goyyomsaa oola? Dhugumuuma jaalalli keenyaaf jechi keenya arrabamoo onnerra maddaa? obbolessako atis obboleettiko jaalalli ati gaggeessa jirtu sobadha yoo ta'e ammuma dhaabi. Jaalalli waan gatii jabeessa waaqa biraa kennamedha. gatii dhabeessa hin godhiin. jaalalli kennaa dhugaadha. haati manaas ta'ee abbaan manaa kennaa waqayyooti, yoo jaallatte jaalalichi kan sitti ulfaatu yoo ta'e yeroo hunduma waaqayyoon irratti kadhadhu.

@smartattitude
Forwarded from OBDI MEDIA
-- Cal'iseellee Hin Du'u --

Bara durii mootiin biyya peershiyaa tokko namoota lama irratti murtoo du'aa murteessa. Guyyaan itti ajjeefaman gahee, "dhumarratti dhaamsa ykn waan dubbattan qabduu?" Jedhee isaan gaafata. Inni tokko murtiin du'aa kan narraa hin kaaneef maalsaan dubbadha jedhee "homaa waanan dubbadhu hin qabu" jedha. Inni lammaffaan immoo calliseen du'uura jedhee yaadee mala wayii malata.

Mootichi farda baay'ee jaalatan tokko akka qabu waan beekuuf, "Yaa mootii waggaa kuma mo'aa! Ani farda isin baay'ee jaalattan akka isin balaliisuuf waggaa tokko nan leenjisa. Kun kan ta'u garuu umuriin waggaa tokkoo yoo naaf kennamedha" jedha.

Mootichis dubbiin nama kanaa isaan dinqee "farda balali'u akka addunyaatti qabadheen mootii addaa ta'uun danda'a" yaanni jedhu keessa isaanii weeraree nama yaada kana kaaseef umuriin waggaa tokko akka dabalamu ajaja dabarsa.

Dhaddacha booda hiriyyaan isaa homaa hin dubbadhu jedhee callise sun, "an kanaan jedhu takka takka sammuu gadhiistaa? Ni maraatteemoo? Biyya kamittidha fardi kan balali'u? Waggaan tokko dheeraa sitti fakkateetuu waan hin danda'amne kan dubbattu? Maal qaba dhiphina ofiiti dabaluu otuu dhiiste?" Jedhee itti seeqe.

Namni gamni kun garuu ofitti boonee, "ani akka kee callisee hin du'u, yaada kana gaafan dhiheesse bilisa bahuuf filannoo afur nan qaba. Isaanis
● Waggaa tokko keessatti mootiin kun du'uu danda'a.
● Ani ofiikoo du'uu danda'a.
● Fardichi du'uu danda'a.
● Maaltu beeka farda kana balaliisuu leenjisuu nan danda'a ta'a" jedhee jedhama.

Kanaafuu gahe, kan kee xumurameera yeroo jedhamutti abdii keenya haa yaannu. Bor guyyaa biraati. Har'akee malee guyyaan boruu maal fidee akka dhufu hin beektu waan ta'eef ariifattee abdii hin kutatiin

"Mukti yoo murame iyyuu deebi'ee waan latuuf, damee godhachuun isaas waan hin oolleef abdii qaba" Iyo.14:7
#Eebbifamaa!
#Taddalee Fiqaaduu
@Oobdii
ICCITII TALAALLII COVID-19 DUUBA JIRU
•••
"Talaalliin COVID-19 Gubaa Bineensichaa dabalatee dhiira dhalaa, dhalaa ammoo dhiira akkasuma dhala namaa bineensa kan taasisu HORMONII of keessaa qaba"!

Qophii talaallii Covid-19 himamaa ture irraa jalqabee hanga har'a inni kennamuu jalqabeetti mormii gurguddaan isa mudachaa jira. Biyyoonni tokko tokko talaallii kanaan qabanii ergamtoonni bineensichaa "MicroChip" gogaa keenya jala awwaaluuf tooftaa itti dhimma baa'ameedha jechuun mormaa jiru.

Oduun gama Biraazilii baate ammoo ajab nama jechiisiisa. Biraazil biyya sadaffaa akka addunyaa kanaatti Covid-19 miidhamteedha. Icciin Biraazilii dho'e bineensichi dhala namaa balleessuuf akka ka'ee fi ogummaa Waaqayyoon mormuuf hammam akka ifaajaa jiru agarsiisa.

Peresedaantiin Biraazil Bolsonaaroon iccitii bineensichi talaallii kanaan qabee ittiin dhaloota waraanuuf deemu yeroo saaxilu, maqaa talaallii Covid-19'n da'atee bineensichi kanneen armaan gadii kana hojjechuuf deemaa akka jiru ifaatti dubbatee jira:

1ffaa, "MicroChip" Gubaa Bineensichaa (Mul'ata 13:16) irra isa jiru gogaa namaa jala awwaaluuf akka deemaa jiru,

2ffaa, Talaalliin kun hormonii bineensaan badhaadhee jira. Namni talaallii kana fudhate gara bineensaatti keessumaa Naacha (Crocodile) tti of jijjiiraa deema. Talaalliin kun hormonii bineensa kanaa "Glucocorticoids, thyroid hormones, fi iodothyronine deiodinases" badhaadhaa waan ta'eef. Bineensi kun Macaafa Qulqulluu keessatti Lewaataan jedhamuun beekama. Iddoo baay'eetti ammoo bineensa akka Jawwee jedhamuunis waamameera (Mul'ata 12:4, Isaayaas 27:1, Iyoob 41:1). Abbaan Mul'ataa Yohaannis mul'ataa isaa keessatti Lewaataan bineensa isa Ilma Dubartittii irraa dhalatu loluuf ba'eedha jedha. Ifatti Lewaataan bineensa Mormituu Kristoos (Anti-Christ) bakka bu'uudha. Walumaa gala bineensa isa Seexanni itti of fakkeessuun bobba'e balaafamaadha.

3ffaa, Ergama warra gadhaa'otaa (Homosexual) kan milkeessu hormonii saala jijjiiruun talaallii badhaadheedha. Kana jechuun talaallii kanaan walqabatee warra dhiirotaaf hormonii dubartii, warra dubartiif ammoo hormonii dhiiraatu kennama. Dubartoonni talaallii kana fudhatan hormonii dhiiraa waan waraannataniif qaama isaanii irratti areedi biqiluu, guntutni irraa dhumuu, fi kan akka sagaleen furdachuutu mul'ata. Dhiirota irraatti ammoo kan akka areedi dhumuu, sagaleen qal'achuu, ta'a (hudduu) baasuufaatu mul'ata. Kaayyoon isaas uumama Waaqayyoo wal jala dabarsuu, akkasumas dhiirri dhiira akka hawwu, dubartiinis dubartii akka isheetii hawwitee waliin akka gadhooftuuf yadameeti (Romaa 1:26-27).

Bolsonaaroon akka jedhanitti "Ani talaallii kana hin fudhadhu mirga kooti. Hawaasni koo illee akka fudhataniif hin eyyamu. Yoo didanii fudhatan ammoo ani dhiira dubartii ta'uuf, dhalaa dhiira taatuuf, akkasuma nama bineensa ta'uuf itti gaafatamummaa hin fudhadhu. Namoonni baay'een talaalliin kun akka kennamuuf jajjabeessan "Ati fakkeenya gadhee taate, dadhabaadhas" jedhanii na arrabsaa jiru. Waan fedhan haa jedhan! Ani garuu waanan dubbadhu beeka" jechuun miidiyaaf ibsa kennanii jiru.

Gaaffii Bolsonaroon gaafatan keessaa "Namni maadinummaan qaama isaa Covid-19 of irraa dhorkuu dandaa'uuf talaallii kana kennuun maalif barbaachise? Dhuguma Covid-19'f yaadamee kan kenname yoo ta'e maalif kanneen madiinummaan qaama isaanii vaayiresii kana of irraa dhorkuu hin dandeenye qofaaf hin kennamin. Kun kan agarsiisu vaayiresii kanaaf talaallii kennamu utuu hin taane ergama mataa ofii ba'achuuf herrega herregameedha" jedhu.

Bulchitoota addunyaa kana irraa kanneen talaallii kana fudhatan jedhaman keessaa Muummeen Minsteeraa Isiraa'eel Beenjaamiin Neetanyawuu keessatti argama. Kun akeeka ergama isa hamaa sanaan kan walqatu ergaa guddaa qaba. Mootiin biyya Kristoos keessaan dhufee addunyaaf fayyina ta'ee yommuu dursee talaallii kana talaalamu booji'amuu iddoo qulqullaa'aaf ergaa dabarsu qaba. Haata'u malee orma Kristoosiin fayyan kan akka Bolsonaaroo fi Magufuliitti dhimma ba'ee Waaqayyo iccitii bineensichaa qul'aa dhaabaa jira.
Maddi: https://www.facebook.com/451369008407073/posts/1630526517157977/
HTML Embed Code:
2024/06/13 07:01:31
Back to Top