TG Telegram Group Link
Channel: Al-Rayyaan
Back to Bottom
Doktoraa Kabajaa Pireezidaantii Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheyk Hajjii Ibraahiim Tufaa #Turkii_Istaanbuulii
Innaa lillaahi wa'innaa Ileyhi Raaji'uun Ustaaz #Faqii_Galatoo Gama ganda Aakiraa deeman.

πˆπ’π‹π€πŒπˆπ‚ πŒπ„πƒπˆπ€ Caamsaa 06/2016
Daa'ii Beekamaa Kan Da'awaa Anbiyootaa Karaa Irra Deemee gara Islaamummaatti Waamuudhaan Beekamu Ustaaz Faqii Galatoo Guyyaa Arraa gama ganda Aakiraatti godaanan.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Ustaaz Faqiin Nama Islaamummaa Lallabuudhaan beekamu Nama karaa diin islaamaatti Nama amantii islaamaa keessa hin jirre waamu daw'awaa masjiidaa irraa gara alaatti baasuudhaan Nama lallabaa tureedha.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Ustaaz faqiin Naannoo Hunda keessa deemuudhaan baadiyaa fi magaalaa osoo hin jenne Sagale Guddistuun Gurmuu isaa irraa osoo hin buune ganamaa fi galgala Nama gara islaamummaatti waamuu Rabbii isaatiin walgaheedha.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Ustaaz Faqii Namni Hunduu kan ittiin yaadatu Lallabaa diin islaamaa waamaa karaa haqqaa Nama Gurmuu isaa irraa sagale guddiftuun hin buune nama mindaa tokko malee uf kennee da'awaa irratti bobba'ee Islaamumaaf jiraate tahuun ni yaadatama

Rabbiin isaaf haa araaramu

#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
πŸ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
πŸ‘‰ hottg.com/ethioislamicmedia
Barreessaan waliigalaa Yaa'ii Dhaabbilee Amantaa Magaalaa Finfinnee Paastar Tamrat Abegaz Majlisaa Finfinnee daawwatan.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
πˆπ’π‹π€πŒπˆπ‚ πŒπ„πƒπˆπ€ Caamsaa 07/2016
Daawwannaan kun daawwannaa dhaabbilee tibbana dhaabbileen miseensa yaa’ichaa Majlisa magaalaa Finfinneetti taasisan milkeessuuf kan kaayyeffatedha.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Walgahii kana irratti preezdaantiin mana marichaa Dr. Sheek Sulxaan Haaji Amaan Eebbaa, itti aanaa preezdaantii, Sheek Fatihuddin Haaji Zeenu Muqunaa, barreessaa olaanaa Sheek Huseen Bashiir fi hoggantoonni biroo argamaniiru.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
πŸ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
πŸ‘‰ hottg.com/ethioislamicmedia
Share godhaa baadiyyaa fi bakka fagoo odeeffannoon hin geenye akka gahutti..jzk
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Barri Muslimootaa fi Kiristaanota itti adda baasuu hin dandeenye (identity theft) dhufeera. πŸ€”πŸ€”πŸ€”πŸ€”πŸ€”πŸ€”

Dalagaa Miishinarootaa πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ˜πŸ˜πŸ˜

❄️ Islaamummaan wajji dorgomanii dadhabnaan πŸ‘‰"Hijaabnis Nu irraa fudhatame malee keenya ture,"😁😁" πŸ‘‰Areedaa fi Maqaanis keenya ture" jedhanii dheeressuu fi fafakkeessuu jalqabanii jiru.

πŸ‘‰ Akeekkachhisa Muslimoota hundaaf πŸ‘‰nama hin beekne kan areeda dheeressee ykn dubartii jalbaaba fi niqaaba godhattee waa'ee islaamaa isinitti haasayu/haasoftu hanga qorattanii maalummaa isaa/ishee bartanitti iccitii keessan itti hin haasayinaa ykn hin bulchinaaπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

❄️ Wallaahi waan fedhanis tahan waan fedhanis godhan abadan islaamummaa hin moo'an.

Rabbitu akkana jedha.

❀ Qura'aana suuraa al imraan 3:139

ΩˆΩŽΩ„ΩŽΨ§ ΨͺΩŽΩ‡ΩΩ†ΩΩˆΨ§ΫŸ ΩˆΩŽΩ„ΩŽΨ§ ΨͺΩŽΨ­Ω’Ψ²ΩŽΩ†ΩΩˆΨ§ΫŸ ΩˆΩŽΨ£ΩŽΩ†Ψͺُمُ Ω±Ω„Ω’Ψ£ΩŽΨΉΩ’Ω„ΩŽΩˆΩ’Ω†ΩŽ Ψ₯ِن كُنΨͺُم Ω…Ω‘ΩΨ€Ω’Ω…ΩΩ†ΩΩŠΩ†ΩŽ

"Yoo mu’uminoota taataniif isintu irra aanaa hin laafinaa; hin gaddinaas."

❀ Qur'aana suuraa saff 61:9

Ω‡ΩΩˆΩŽ Ω±Ω„Ω‘ΩŽΨ°ΩΩ‰Ω“ Ψ£ΩŽΨ±Ω’Ψ³ΩŽΩ„ΩŽ Ψ±ΩŽΨ³ΩΩˆΩ„ΩŽΩ‡ΩΫ₯ Ψ¨ΩΩ±Ω„Ω’Ω‡ΩΨ―ΩŽΩ‰Ω° ΩˆΩŽΨ―ΩΩŠΩ†Ω Ω±Ω„Ω’Ψ­ΩŽΩ‚Ω‘Ω Ω„ΩΩŠΩΨΈΩ’Ω‡ΩΨ±ΩŽΩ‡ΩΫ₯ ΨΉΩŽΩ„ΩŽΩ‰ Ω±Ω„Ψ―Ω‘ΩΩŠΩ†Ω كُلِّهِۦ ΩˆΩŽΩ„ΩŽΩˆΩ’ ΩƒΩŽΨ±ΩΩ‡ΩŽ Ω±Ω„Ω’Ω…ΩΨ΄Ω’Ψ±ΩΩƒΩΩˆΩ†ΩŽ

"Inni Isa odoo mushrikoonni jibbanuu, amantiiwwan biraa hunda irratti ol taasisuuf jecha ergamaa Isaa qajeelfamaafi amantii haqaatiin ergeedha"

❀ Qur'aana suuraa al imrabn 3:120

Ψ₯ِن ΨͺΩŽΩ…Ω’Ψ³ΩŽΨ³Ω’ΩƒΩΩ…Ω’ Ψ­ΩŽΨ³ΩŽΩ†ΩŽΨ©ΩŒΫ­ ΨͺΩŽΨ³ΩΨ€Ω’Ω‡ΩΩ…Ω’ وَΨ₯ِن Ψͺُءِبْكُمْ Ψ³ΩŽΩŠΩ‘ΩΨ¦ΩŽΨ©ΩŒΫ­ ΩŠΩŽΩΩ’Ψ±ΩŽΨ­ΩΩˆΨ§ΫŸ Ψ¨ΩΩ‡ΩŽΨ§ Ϋ– وَΨ₯ِن
ΨͺΩŽΨ΅Ω’Ψ¨ΩΨ±ΩΩˆΨ§ΫŸ وَΨͺَΨͺΩ‘ΩŽΩ‚ΩΩˆΨ§ΫŸ Ω„ΩŽΨ§ ΩŠΩŽΨΆΩΨ±Ω‘ΩΩƒΩΩ…Ω’ ΩƒΩŽΩŠΩ’Ψ―ΩΩ‡ΩΩ…Ω’ Ψ΄ΩŽΩŠΩ’Ω€Ω”Ω‹Ψ§ Ϋ— Ψ₯ΩΩ†Ω‘ΩŽ Ω±Ω„Ω„Ω‘ΩŽΩ‡ΩŽ Ψ¨ΩΩ…ΩŽΨ§ ΩŠΩŽΨΉΩ’Ω…ΩŽΩ„ΩΩˆΩ†ΩŽ Ω…ΩΨ­ΩΩŠΨ·ΩŒΫ­
.

"Yoo toltuun wahii isin tuqe, isaan gaddisiisa.Yoo hamtuun isin tuqe immoo isheetti gammadu.Yoo isin obsitanii (Rabbiin) sodaattaniif malli isaanii homaa isin hin miidhu.Dhugumatti Rabbiin waan isaan dalagan (beekumsa Isaatiin) marsaadha."

YesπŸ‘‰Waan fedhanis dalagan sharrii fedhanis shiran abadan isaanii hin milkaa'u, yoo akkana jennu ammoo nutis ni rafna jechuu miti haqa nama haqa barbaaduun gahuu fi tattaaffachuun dirqama taati.Insha Allah!

❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️❄️

Awol Kasim Alo
Guyyaa Jumma'a Milkii isiniif haa ta'u

Ψ§Ω„Ω„Ω‡Ω… Ψ΅Ω„ ΩˆΨ³Ω„Ω… ΨΉΩ„Ω‰ Ω†Ψ¨ΩŠΩ†Ψ§ Ω…Ψ­Ω…Ψ―
HTML Embed Code:
2024/05/18 03:18:01
Back to Top