TG Telegram Group Link
Channel: Al-Rayyaan
Back to Bottom
Waldorgommiin Hifzii Qur'aana bifaa hoo'aa ta'een geggeeffama ture Dorgommaan 1ffaadhaan xumuree Konkolaata miilaa 3 badhafamee

๐ˆ๐’๐‹๐€๐Œ๐ˆ๐‚ ๐Œ๐„๐ƒ๐ˆ๐€ Caamsaa 04/2016
Naannoo Oromiyaa Godina Arsii lixaa magaalaa Shaashamanneetti waldorgommiin Hifzii Qur'aana marsaan 4ffaan sadarkaa magaalaati qopheessummaa Jama'aa Shabaaba Musliimaa magaalaa shaashamanneettiin geggeeffama ture milkii guddaadhaan xumurame.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Dorgommichi Hafizoota masjiidoota magaalaa Shaashamannee irraa filamaniin dorgommii xumuraatiif darbaan kan dorgomsiisa ture yoo ta'u, guyyaa hardhaa dorgommii badhaasa guddaa qabu irraatti dorgomtoota dorgomsiisa ooleera. Shammarraan Sadarkaa Magaalaatti dorgomaa turani namoota 1-3 bahaniif badhaasa #Laptop irraa hangaa Bilbilaa #Smart_Phone tti badhaseera.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Gama Dhiirootaatiin Dorgomtoonni bakka lamatti qoodamanii kan dorgomaan yoo ta'u, marsaan jalqabaa Dorgomtoota Qur'aana Juuzaa 10 gadii yoo ta'u, Namoota sadarkaa 1-3 bahaniif badhaasa #Laptop irraa hanga bilbilaa #Smart_phone badhaseera.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Dorgommii marsaa 2ffaa immoo Dorgomtoota Qur'aana juuzaa 30 kan dorgomsiise yoo ta'u, Dorgommii bayyee ulfaata fi walmorkiin dorgomtoota keessatti daraan muldhate ture.
Dorgomaan 1ffaa bahee badhaasa #konkolaata abbaa miila 3 kan badhaafamee yoo ta'u, Dorgommaan 2ffaa bahee #Motorsaayikiilii fi kan 3ffaa bahe #Laptop badhaafameera.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Dorgommii kana irraatti Aalimaan, Daa'iiwwaan, Hayyoonni fi Hawaasni baldhaan magaalaa shaashamannee Istaadiyeemii magaalichaa guutuudhaan irraatti argameera.

#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
๐Ÿ‘‰ hottg.com/ethioislamicmedia
Yaa'iin Hayyoota Muslimaa Idil-addunyaa Istaanbuulitti ta'amaa jira

๐ˆ๐’๐‹๐€๐Œ๐ˆ๐‚ ๐Œ๐„๐ƒ๐ˆ๐€ Caamsaa 05/2016
Yaa'iin Hayyoota Muslimaa Idil-addunyaa Turkiyyee magaalaa Istaanbuulitti gaggeeffamuu eegaleera.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Perezidaantiin Dhimmoota Amantaa Turkiyyee kan ta'an Pirofeesar Alii Erbaash yaa'icha haaasawaan kan saaqan yoo ta'u perezidaantii mana maree dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheyik Hajjii Ibraahim Tufaa dabalatee waraqaaleen qorannoo hayyoota garaa garaatiin qopha'anis yaa'icha irratti ni dhihaatu.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Muftiiwwan, aalimoonni, du'aatonniifi keessumoonni biyyoota adduunyaa garaa garaa irraa dhufan yaa'icha irratti hurmaataa jiru.
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>
Perezidaantiin Turkiyyee Rajab Xayyiib Erdogaan kaleessa galgala girmaattota kaneenniif affeerraa hirbaata taasisaniiru.

#Marsaalee Kanneen nu hordofaa
#Yaadaa Keessanis nuuf gumaachaa

Facebook
๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/profile.php?id=100083464706045

Telegram
๐Ÿ‘‰ hottg.com/ethioislamicmedia
HTML Embed Code:
2024/06/16 17:38:51
Back to Top