¶Hirpha feena
¶ Noonnoo
Uummata keenya Shawaa Lixaa Aanaa Noonnootti Finxaaleyyii hidhachiisuun itti bobbaasanii duguuganii fi qe'eerraa buqqisaniif deeggarsa walitti qabuun eegalameee jira.
Hawaasa kanarraa yoo xinnaate nama nagaa 29 ajjeesan. Namoonni 6 madaa'anii waldhaanamaa jiru.
Gandoota halleellaa kanaan manca'anitti manneen 300 tu gubate. Qabeenyi beeyladaa hedduun jalaa saamame, midhaan ooyrurraa jalaa gubate. Maatii dhibbaan lakkaawamutu buqqa'e. Hawaasa kana hirphuuf koreen namoota 9 qabu kan Dr.Taganee Raggaasaa walitti qaban hundaayeera.
Miseensotni koree
Dr. Taganee Raggaasaa
Ob. Keebar Bareechaa
Ob. Bayyanaa Tazarraati.
Herregni tumsaaf karaa seera qabeessaan baname kunooti.
Baankii daldalaa Itoophiyaa 1000443593296
Baankii hojii gamtaa Oromiyaa 1000400048658
Galatoomaa!
>>Click here to continue<<