TG Telegram Group Link
Channel: Lalisa T Ayana CHANNEL
Back to Bottom
Mobile keessan barreeffama isa bareechuuf yoo barbaadan app kana fayyadama
link kana tuqaa buufadhaa.
⬇️⬇️⬇️⬇️


https://hd3.bbcko.com/font-style/
https://hd3.bbcko.com/font-style/
Yeroo ammaa kanatti Facebook, Telegram fi social media'n tokko tokko hojii dhaabanii jiru. Kanaaf Namoota telegram fi social media garaagaraa isiniif hojjechuu dideef furmaanni kunooti, Liinkii gadii irraa argattu.⬇️⬇️

https://ift.tt/A2lUWof
https://ift.tt/A2lUWof
''Dubbii ‘sangaatu dhale’ jedhu hin dhaga’iinaa. Wanti duuba deebi’es, dhiifamni gaafannes hin jiru. Utuu ta’ees warra sababa malee nu abaaran, warra macaafa mana amantaarrattillee utuu hin hafiin saba guddaa kana arrabsan…isaantu nus, saba keenyas dhiifama gaafachuu qaba malee nu miti. Hojiin jalqabne si’achi cimee itti fufa.”

Abuuna Saawiroos.
🙌


https://hottg.com/Lalisa_T_Ayana ⬅️join more
What's done is done, What's gone is gone. One of life's lessons is always moving on.
#picoftheday 🥰

Follow on Facebook ➡️ LalisaTAyana
Faayidaa Bunaa fi midhaa buna hedduminaan dhuguu!
Faayidaa Bunaa
1. Dammaqina (alertness) namaaf kennuusaatiin kan beekamu bunni barattootaafi namoota hojii halkanii hojjetaniin baay'inaan dhugama.

Kanas kan godhu bunni kemikaala sammuu keessatti argamu adinoosaayinii (adenosine) jedhamu kan nama dadhabsiisuufi hirriba namatti fidu hir’isuudhaani.

Bunni gaafa dhugamu qofa utuu hinta’in fooliisaatiinillee faayidaa dammaqina namaa kennuu akka qabu himama.

Kanaaf natti fakkaata namootni tokko tokko gaafa bunni akaawamu aarasaa fuunfatan kaan immoo borsaa ykn kiisiisaaniitti baatanii deemaniif.

2. Kuusaa yaadannoo gaarii akka qabaatan nama godha. Bunni kemikaala assetaayilkooliin (acetylecholin) jedhamu akka baay'inaan burqu gochuu danda’a.

Faayidaalee danuu keemikaalli kun qabu keessaa tokko sammuu keessa yaadannoo (memory) kuusuudha.

Kanaaf yeroo dheeraaf namootni buna dhugan dandeettii yaadachuusaanii cimsuurra darbee dhibee dagachuu (alzhemer) dullumaan walqabatee dhufurraa akka ittifaman gargaaruu danda’a.

3. Dhibee mukuu (depression) ittisuu.

Namootni yeroo hunda buna dhugan carraan dhibee mukuutiin qabamuusaanii kanneen hin dhugnerra dhibbantaa15 ni hir’ata.

4. Carraa of ajjeesuu (suicide) hir’isuu. Namootni of ajjeesan baay'eensaanii sababa dhibee mukuutiin (depression) akka ta’e ni beekama.

Egaa dhibee mukuu hir’suun carraa of ajjeesuu namaas %50 ni hir’isa.

5. Lafa hojiitti milkaa’ina akka qabaatan nama godha. Qorannoo haaraan akka agarsiisutti namootni buna dhugan carraan guddina argachuusaanii ni dabala.

Kun kan ta’u bunni dammaqina waan kennuufiif hojiisaaniitti dammaqoo ta’u, darbees carraa namoota baay'ee wajjin walii galuu waan argataniif.

Kun immoo dhiphuufi yaaddoo dinagdee hir’isuun fayyaa sammuusaanii eega.

6. Harkisa jaalalaa dabaluu. Namootni gaafa buna dhugaa taphatan dammaqinnisaaniifi simboonsaanii waan dabaluuf harkisi jaalalaa isaan gidduu jiraatu ni dabala.

7. Cooma garaa (borcii) irraa hir’isuun ilaalchi namootni ofiif qaban akka dabalu ni taasisa.

Midhaa Bunaa

Bunni yoo garmalee dhugame miidhaalee sammuu/qorqalbii armaan gadii fiduu danda’a:

1. Garmalee nama dammaqsuun (hyperactive) xiyyeeffannoo nama dhorka. Kun immoo hojii harka ofiirraa sirriitti raawwachuu nama dadhabsiisuu danda’a.

Miira nama sossodaachisuu waan namatti fiduuf qormaata (exam) irratti nama miidhuu danda’a.

2. Gara galgalaa yoo dhugame, nama rafuu barbaadu hirriba dhorkuun, qulqullina hirriba namaa jeequu danda’a.

3. Namni dhibee yaaddoo (anxiety) qabu yoo buna garmalee dhuge dhibee kana itti hammeessuu danda’a.

4. Nama dhibee miira garlamee (bipolar disorder) qabu akka sadarkaan maaniyaa (mania) isaa itti ka’u gochuun miidhaa biraafillee saaxiluu danda’a.

Miidhaaleen kun namoota guyyaatti buna finjaala/ siinii afurii ol dhuganitti akka baay'atu hima qorannoon dhiyeenya biyya Ingiliziitii ba’e.

Ta’us, waanti hubatamuu qabu carraan nama mudachuu miidhaalee armaan olii namaa namatti gara gara.
Kanaaf, qaama ofii dhaggeeffachuun madaala ofii argachuun haala fayyaa qabeessa ta’een buna dhuguun miidhaasaarra bu'aasaatu caala.

Fayyaa hindhabinaa!
Dr. Gurmeessaa

Follow my social media account ⬇️

Facebook ➡️ www.facebook.com/lalisata.ta

Telegram channel ➡️ hottg.com/Lalisa_T_Ayana

Contact @LalisaTAyana
Roobert Mugaabee fi haati warraa isaa ijoollee 6 erga waliin godhatanii booda guyyaa tokko wal lolaan.
Achii haati manaa isaa baay'ee aartee uffata ishee boorsaatti guurrachuu eegalte.
Mugaabeen gocha ishee kanatti ajaa'ibsiifamee " Maaliif uffata kee waliitti guurracha jirta?" ittin jedhe.
Isheeniis "kanan booda si waliin jiraachuun na gahe jira gara harmee kootin deema..."

Innis gara kutaa ciisichaa deemee uffata isa waliitti guurrate.

Yeroo kana argitu isheen "Ati hoo eechaa deemuuf uffata kee guurratta?"

Mugaabee "Anis gara haadha kootin deema."

Ishee " Ijoollee eenyuuf dhiiste deemta?"

Mugaabee " Isaaniis gara haadha isaanii deemu danda'u."

Follow my social media account ⬇️

Facebook ➡️ www.facebook.com/lalisata.ta

Telegram channel ➡️ hottg.com/Lalisa_T_Ayana

Contact @LalisaTAyana
Lalisa T Ayana CHANNEL
Photo
Biyya Zimbaabuweetti kan ta'e ture😜

Filannoon biyyooleessa gahus R.Mugaabeen hanga guyyaa dhumatti duula filannoo hin gaggeechine ture.
Uummanni waan inni aangoo isa morkattoota isaaf dabarsee kennu se'un gammadaan.
Jalabultii filannoo irratti garuu "Mugaabeen haasaha gochuuf jedha istaadiyeemiitti argamtanii haasaha isaanii dhaggreffachuu dandeechu" jedhame.
Namootni hedduun istaadiyeemii guutan. 'Aangoo eenyuuf dabarsanii kennuuf laata?' jedhanii yaadu ture.
Mugaabeen yeroo muraasa booda istaadiyeemii gahe...

"Yaa uummata Zimbaabuwee waan na dhaggeeffachuuf dhuftaniif galatoomaa!" jedhanii haasaha jalqaban.
"Jalqaba yeroo na filattan san Ofii koofin hojjadhe ittiniis kabajamee.
Yeroo 2ffaaf na filattanitti maatii fi firoottan koo hundaf hojjadhe ittis kabajamaan.
Kanaaf anis kabajamee, Maatiif firoottan koos kabachiiseera.
Filannoo boruu irratti yeroo 3ffaaf yoo na filattan uummataafin hojjadha. Kun ifadha. Garuu, yoo nama biraa filattan jalqaba ofiif hojjeta. Yeroo 2ffaaf yoo carraa kenniteef maatiif firaafis ni hojjeta. Uummataaf kan hojjatu yoo 3ffaa filatte qofa.
Kanaaf yeroo kana eenyutu isin tajaajiluuf argama? .. #Anuma qofa!.
Maqaan koos kan yeroo 3ffaaf filatamuu Roobert Mugaabeedha Xumureera!.
Bor yeroo filannootti wal agarra!."

Follow my social media account ⬇️

Facebook ➡️ www.facebook.com/lalisata.ta

Telegram channel ➡️ hottg.com/Lalisa_T_Ayana

Contact @LalisaTAyana
#Namummaa!

Biyya Amerikaa keessa, bakka Daldalaa / Supermarket / tokko keessatti Dubartiin Hellina jedhamtu osoo hattuu qabamtee Poolisoota itti waaman. Poolisiinis To'achuuf battala achi gaha.

Poolisichis achi ga'ee maal akka isheen Hatte gaafata. Kan isheen hattes Killee /Buphaa/ Shanidha. kan isheen hatteefis Mucaa ishee Beela'ee jiru sooruuf akka ta'e boo'aa itti himti. Yeroo kana Poolisichi Garaan mooga'ee Giphii isaa keessaa Qarshii baasee laata. Qarshii Waantota feetu ittiin bitattu hundas cufa laateef. Hellinaanis Bitaa itti galee dinquuniin maalif akka akkas godhe yoo gaafattuun; Poolisichi "Seera kabachiisuun dura Namummaa kabachuutu dursa." jedhaan.
Yeroo Mara Namummaan bakka maratti kabajuuf duubatti jechuu hinqabnu. Namummaan waan mara caala, Nama ta'uu qofti gahaa miti Namooma qabaachuunis murteessaadha.
Waliif Yaaduu, wal kabajuu, Wal jaalachuun Namummaadha. Waan fedhe keessa jiraattus Waan dandeessu maraan Nama sicinaa dhiphina keessa jiru gargaaruuf yaali. isa namummaan.

Follow my social media account ⬇️

Facebook ➡️ www.facebook.com/lalisata.ta

Telegram channel ➡️ hottg.com/Lalisa_T_Ayana
Deebinee jira namootani nu gaafachaa turtaan galatoomaa 💜🙏
Odaaplay.com irra muuziqa Afaan oromoo 1000 ol ta'an hedduu irraa argatu, muuziiqaa hundaa bifaa Album tin argattu. website kana irraa muziiqaan dhibe hin jiru jechuuf ni danda'ama. Odaaplay.com wanti adda taasisuu nami kam account banachuufi Akkasumas Artist barbaade muziiqaa isaa Odaaplay.com irratti gadhifachuu danda'a dabalataanis muziiqaa isaa as irratti gabaaf dhiyeessun gurgurachuu danda'a. Odaaplay.com kanneen akka spotify fi Amazon prime fa waliin kan wal qixatuudha itti fayyadama. 👇

http://www.Odaaplay.com
http://www.Odaaplay.com

Galatoomaa🙏
Odaaplay.com
🔄 Update Odaaplay.com irra muuziqa miliyoonatti lakka'amuu argachuu dandeessu. Muuziqa qofaa miti namootani barbadaan faaruu Akkata fi gosaa amaantii keessanii argachuu dandeessuu. Kanas iddo search jedhuu qofaa xuquun wan barbaadan barreessuun argatuu kaffaltii tokkoo malee itti fayyadama. 👇

http://www.Odaaplay.com
http://www.Odaaplay.com

Galatoomaa🙏
Odaaplay.com Find and listen to millions of songs, albums and artists, all completely free on
Finally we back !....
Baga Guyyaa Ayyaana Dhaloota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosin Ishin gahe ! AYYAANA GAARII ! 🥰

Merry Christmas 🎄

@Lalisa_T_Ayana
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
HTML Embed Code:
2024/05/17 12:08:57
Back to Top