TG Telegram Group Link
Channel: Lalisa T Ayana
Back to Bottom
Forwarded from QAROO-MAGAZINE
Lixa Wallaggaa Mana Sibuu magaalaa Mandii keessatti marsaa afur haleellaa xiyyaara waraanaa uummata gabaa ba'e irratti raawwachuun miidha guddaa qaqqabsiisuun dhagaa'ame.

Akka ONM-ABO gabaaseeti:

Haala kanaanis har'a Sadaasa 9,2022 waaree booda toora 8:00 irratti humni qilleensaa qamaa motummaa haleellaa xiyyaara waraanaa diroonii jedhamu fayyadamuun godina lixa Wallaggaa ona Mana Sibuu magaalaa Mandii ganda 02 bakka adda maqa buufata konkolaataa Mandii iddoo lama irratti raawwatee jira.

Iddoowwan lamaan kunis Teelee fi uummata gabaa dhaqaa ture akkasumas gabaadhaa galaa ture irratti boombiin samii gadi darbatame kun kan bu'e yoo ta'u bakki biran maqa Daalattii naannoo bulchiinsa magaalaa Mandiitti akka raawwate odeessi achii ba'e ni addeessa.

Haleella marsaa afur raawwate kanaanis hanga gabaasni kun qindaa'etti lammiilee nagaan 30 ol yoo du'an namootni 20 ol madaa'anii jiru.

haleellaa xiyyaaraa waraanaa lammiilee nagaa Oromoo irratti bifa haaraan Onkololeessa 19,2022 eegaleen lubbuun namootaa jumlaan dhumaa jiraachuun ni beekama.

ONM-ABO tu gabaasee

Info ➡️  WWW.QAROO.ORG

More ➡️ @QarooMagazine
MAALTU AKKA NATTI DHAGA'AME AMMA ARGITEETTA!

Naappooliyoon mootichi yeroo biyya Raashiyaa weerare mudannoo barumsaaf ta'u tokko qaba ture. Mee isiniifan qoodaa na hordofaa.

Loltoonni isaa naannoo cabbiin haguugame tokkotti lola irra otoo jiranii akka tasaa Naappooliyoon isaan irraa adda ba'e. Isa ta'uu isaa baranii loltoonni Raashiyaa duukaa bu'anii ari'uu eegalan. Lubbuu isaa oolfachuuf jara jalaa baqatee dukkaana xiqqoo suufiin itti gurguramu tokkotti ol lixee, dhoksee lubbuu isaa du'a akka oolchu abbaa dukkaanaa sana kadhate. Namichis garaa laafeefii, gogaa hoolaa walirra nam'ee jiru tokko jala akka seenu itti hime. Naappooliyoonis gogaa hoolaa sana jala seene.

Kanaan otoo jiranii loltoonni Raashiyaa booddeedhaan ari'aa turan dhufanii humnaan balbala dukkaanichaa cabsanii itti seenan. "Diinni keenya eessa jira? Eessa dhoksite?" jedhanii namicha gaafatan. Namichis akka isa hin argiin itti hime. Kutaa dhiphoo sana keessa barbaadanis argachuu hin dandeenye. Fiixee qawwee isaaniin gogaa hoolaa sana tuttuqanis nama keessaa hin argine. Abdii kutanii bakka biraa barbaacha deeman. Naappooliyoonis otoo hin miidhamiin gogaa sana jalaa ba'e.

Yeroo xiqqoo booda loltoonni isaa gurguddoon gara isaa dhufan. Naappooliyoon loltoota isaa wajjin mana isaatii ba'uuf kaanaan abbaan dukkaanaa gaaffii tokko gaafachuu fedhe.

"Gaaffii akkanaa si gaafachuu koof dhiifama naaf godhi. Ati mootii addunyaa kana irratti sodaatamaa fi jabaadha. Amma garuu diina kee baqattee gogaa hoolaa gidduu ciiste. Kana ta'uu isaaf, miira akkamiitu sitti dhaga'ame?" jedhee gaafate. Naappooliyoonis battalumatti fuulli isaa jijjiirame. Aarii guddaadhaan itti iyyee, "Akkamitti gaaffii akkanaa na gaafatta?" jedhe.

Namicha gad baasanii ija isaa hidhanii akka isa ajjeesan loltoota isaa abboome. Isaanis ajaja mootichaa fudhatanii, gad baasanii ija isaa hidhan. Namichi akka malee rifatee hafuurri isaa addaan ciccituu eegale. Naappooliyoon achi irraa hiiqee, "Rasaasa kee qopheeffadhu! Itti dhukaasuuf qophaa'i" jedhee ajaja kenne.

Namichi lubbuun keessaa ba'uu geessee turte. Otoo du'a isaa eeggachaa jiruu sagalee faana miilla namaa suuta jedhee gara isaa dhufu dhaga'e. Namichi gara isaa deemaa ture sun harka isaa hiixatee wanta ija namichaa hidhe sana irraa hiike. Yeroo ija isaa banatee ilaalu Naappooliyoon ture. Gurra namichaatti jedhee, "Yeroon gogaa hoolaa sana keessa seene maaltu akka natti dhaga'ame amma argiteetta!" jedheen.
Jeemsi Terber akkana jedha, "Dheekkamsaan gara boodaa ykn sodaadhaan gara fuula duraa hin ilaalin; naannoo kee hubannaadhaan ilaali!" jedha.

Ergaan seenaa kanaa ifaadha. Haga ofii argutti namni haala sodaachisaa namni tokko keessa jiru hin hubatu. "Kan dheebotee argetu dheebuu namaa namaaf beeka!" jedha mitii Oromoon? Nama tokko hubachuuf kophee namichaa keessa dhaabannee ilaaluutu barbaachisa!

Madda: Istiiv Andiriyaas

Share gochuu hin dagatinaa Galatoomaa

Follow my social media account ⬇️

Facebook page ➡️ www.facebook.com/lalisata.ta

Telegram channel ➡️ hottg.com/Lalisa_T_Ayana

Our Website ➡️ qaroo.org/author/lalisa
Ofitti Amanamummaa Dhabuu!

➥ Ofitti amanamummaa dhabuun waan qabatanii jiran nama harkatti fokkisiisuu irra darbee gatii hin malleen of nama sharafsiisa. Isa kan keetti dugda si gachisiisee kan ormaaf harka si kennisiisa. Harka hin kenniin! Kana yaadatti qabachaama, fakkeenya tokko waliin haa ilaallu.

■ Bara durii namoota sadiitu adamoof manaa bahan. Guyyaa guutuu olii gadi fiigaa turanii homaa tokkoyyuu hin arganne. Dadhabbii fi beela hammana hin jedhamneen waan hubamaniif fala osoma dhahaa jiranii, namicha gosaan warra guddaa kan hoolaa salgii isaatti baatee deemu tokko halaalatti argani. Isaan sadan keessaa tokko, “Namicha kana irraa humnaan hoolaa fudhannee qalannee nyaachuu qabna malee hin duunaa?” ittiin jechuun yaada dhiyeesseef. Yaada kanatti mataa isaa olii fi gadi sochoosuun gammachuun walii galuu isaa ibse inni tokko. Inni hafe immoo, “Hoolaa kana fudhannee akka nyaannu fedha nan qaba, garuu....guutummaa isaa as irra dubisaa ⬇️

https://qaroo.org/ofitti-amanamummaa-dhabuu/
Gochaa sukkanneessaa ummata nagaa irra gaha jiruu baay'ee nama gaddisiisa😭😭

http://hottg.com/Lalisa_T_Ayana
" Ummatni damaqe, Ummatni gurmaa'ee fi hidhate ni bilisooma. Ummata Oromoo dammaqsuun, gurmeessuu fi hidhachiisun Murteessaadha "

Dr.Hayilee Fidaa

📸 Credit Qaroo.org

http://hottg.com/Lalisa_T_Ayana
#Ani_siif_jira! Seenaa ajaa'iba

Dandalaa magaalaa Niwoyoorki ture. Daldalli isaa kufee kasaaraa guddaan taphaa ala ta'e. Muka qabatan dhabeera. Dhiphina isaa jechoonni hin ibsan. Gabaabaamatti jiruu fi jireenya irraa abdii kuteera. Harka isaa lamaaniin mataa isaa jabeessee qabatee paarkota magaalattii keessaa tokko keessa taa'ee jira. Buusee baasee yaada. Homaa furmaanni itti hin mul'atu.

Haala kana keessa otoo jiruu jaarsa bareedaa tokko arge. Gara isaa dhufaa jiru. Itti dhi'aatan. "Maal taate mucaa koo? Maaltu akkana si gaddisiise" jedhanii gaafatan. Yoo xiqqaate nama dhiphina isaa itti himatu argachuu isaaf xiqqoo tasgabbaa'e.

"Dhiphinni namaaf qoodame dachaan hir'ata, gammachuun namaaf qoodame immoo dachaan baay'ata!" jedhama mitiiree?
Hafuura dheeraa baafate. Tokko lama jedhee gaaga'ama guddaa isa mudate seenesseef.

Seenaa isaa hunda itti himate. Ji'oota ja'an darban keessatti kasaaraan hammamii akka isa mudate, gatiin namaa hammamtu akka isa irra jiru, fuula duratti kufaatiin akkamii akka isa eeggatu, egereen isaa akka dukkanaa'e…itti himate. Jaarsis qalbiidhaan dhaggeeffatan.
Dhaggeeffatanii booda jaarsi bareedaan sun,"Jabaadhu ilma koo! Ani siif jiraa!" jedhan.

Giiphii kootii isaanii keessaa cheekii tokko gad baasan. Itti hiixatan. Irraa fuudhee ilaale. Waan irratti barreeffamee jiru amanuu hin dandeenye. Akkamitti amana? Doolaara kuma dhibba shan ($500,000)! Cheekii sana mallattoo gajjallaa immoo maqaan barreeffame kan nama salphaa hin turre. Obboleesso! Dureessa beekamaa Joon D. Rookfeelertu itti mallatteesse! Galagalchee...gaggalagalchee ilaale. Amanuu dadhabe!

"Maal goota seete? Maallaqa guddaa ani siif arjoome kanaan daldala kee bayyaannachiifattee yoo jabaatte, waggaa har'aa sa'atiima kanatti cheekii doolaara 500,000 qabattee dhufta. Atis nama rakkate kan biroof akka arjoomtun barbaada. Jedhi egaa! Gaafa beellamaa wal agarraa!" jedhanii deeman. Itti galagalanii, "Yoo milkaa'uu baattes itti hin dhiphatiin. Ta'es ta'uu baates hin badiin. Akkuma beellamnetti wal haa agarru. Mudannoo kee hunda natti himtaa!" ittiin jedhan.

Daldalichi waan jedhu dhabe. Gammachuu irraa kan ka'e onneen isaa dha'annaa ishee dabaltee karaa afaanii waan baatu fakkaatte. Rookfeeler miti Uumaa waliin fuulaan waan wal arge fakkaatee itti dhaga'ame. Abdiin isaa jalaa du'e lubbuu horate. "Maal abbaa isheen abdii kuta?" jedhe! Amma doolaara 500,000 kanaan gatii isa irra jiru hunda kaffalachuu danda'a.

Kanaan otoo jiruu yaadni tokko dhufeef! "Anumti ofii koo itti dadhabee hojjedhee karaasaan keessa jiru keessaa ba'uu nan danda'a! Kanaaf haga waggaa har'aatti cheekii kana otoon hin calleeffatiinan tursa. Waggaa har'aas cheekiima kana qabatee dhufee jaarsichaaf kenna. Seenaa milkaa'ina isaa immoo itti himata. Kana gochuuf onnatee cheekii isaa fudhatee manatti deebi'e.

Onnatee hojii daldalaa isaa itti fufe. Jabaatee hojjete. Yoo itti cime malee cheekii sana akka hin calleessine waadaa ofiif seeneera. Haala nama ajaa'ibuun, hojii isaatti milkaa'ee walakkaa waggaa otoo hin ga'iin gatii isa irra jiru hunda kaffale. Ni bayyaannate. Gaafa waggaa tokkoo daldalli isaa haalaan guddate.

Amma guyyaan beellamaa ga'eera. Jaarsa waliin deebi'ee wal arguuf ariifateera. Sa'atiin geenyaan fuula gammachuun ifeen cheekii jaarsaa qabatee bakka jedhametti qajeele. Daqiiqaa muraasa eegee booda jaarsi fuula ifaadhaan achii as dhufaa otoo jiranii arge. Baay'ee gammade.

Jaarsi yoo dhufanii isatti dhi'aatan narsiin tokko dudduubaan dhuftee harka isaanii qabde.
"Maaluma naaf wayya?" jette narsittiin, "Jaarsi kun inuma na guban. Guyyaa guyyaatti kutaa waldhaansa dhibee sammuu itti yaalamaa jiranii badanii bakka kana dhufu. As dhufuun isaanii homaa miti. 'Ani Rookfeeleri' jedhanii cheekii sobaa namaaf kennaa ooluu isaaniitu bade malee!' jette. Itti aarteetti. "Nama xiqqoo waan gadde fakkaatu yeroo argan dubbisanii cheekii sobaa Rookfeeleriin mallattaa'e fakkaatu itti kennu. @Lalisa_T_Ayana
Nama meeqa kiyyootti galchan seete! Jedhimee ilma koo! Siinis si argatanii oolan…Waaqatu si oolche!" jettee akkuma harka isaanii qabdetti jaarsa fuutee deemte.Namichi naasuun hollate.Dafqatu irra cite! "Ani siif jira" kan ittiin jedhe jaarsi edaa dhukkubsataa sammuuti.

Maal jechuun barbaade seetan? Mee waana ani jechuu barbaade gol-yaada keessatti barreessaa. Seenaa ajaa'ibaa kana irraa maal baratta?
Halkan baay'ee bareedaa qabaadhaa!

Share gochuu hin dagatinaa Galatoomaa

Follow my social media account ⬇️

Facebook page ➡️ Lalisa_T_Ayana

Telegram channel ➡️ hottg.com/Lalisa_T_Ayana

Our Website ➡️ qaroo.org/author/lalisa
KUTAA 12FFAA

Karaawwan Firii qorumsa biyyaalesaa kutaa 12ffaa ittiin ilaalan
.

1) website https://eaes.edu.et/

2) Telegram @eaesbot

3) shot link bit.ly/eaeseduet

4) Kara ( SMS 6284)

✤Join more news @QarooMagazine
HTML Embed Code:
2024/06/16 06:09:59
Back to Top