TG Telegram Group Link
Channel: Caffee Mooraa-Jimmaa
Back to Bottom
"Aaga Qabna"

►Bara gurri keenya wantoota dhagahuuf nama yaaddessan dhagahuu baay'ise kanatti missiraachoo  akkasii dhagahuun akka haadha osoo ciniinsuu irra jirtuu gidduutti booqonnaan wayii isheetti dhagahamuuti. Waaqayyoo kan milkii nuuf haa taasisu! Miidiyaan Sootiriyaa (Sootiriyaa jechuun fayyina) dhufaan jira jedheera. Hammasitti Link gadiin seenuun maaddii miidiyichi yeroo dhiyootti qabatee bahuuf jedhu kana hirmaachuuf haa qophoofnu! Qajeelummaadhaan hiriyyoota keenya haa affeerru!

➭YouTube►https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

➭Telegram Channel►https://hottg.com/Soteriamedia

➭Facebook Page►https://www.facebook.com/61558509670583/posts/1562095994581129/?substory_index=1562095994581129&app=fbl

  🙏Nagaan Nuuf Koottaa!🙏
Forwarded from Ethio entertainment
"Tokkoomuu fi Miidiyaa"

►Tajaajilli mana kiristaanaa  tokkoomuu gaafata. Tajaajilli afuurawaa namni tokko qofaa fiigee milkeessu hin jiru. Keessumaa tajaajilli mana kiristaanaa karaa miidiyaa kennamu kun irra caaalaa iyyuu tumsa hunda keenyaa gaafata. Maarree! Obboloonni hangafoonni dhageettii qabdan osoo hin tuffatiin; obboloonni kaanis wanti isinitti xiqqoo fakkaatu gaafa walirra taa'u tajaajila Miidiyichaaf baay' ee murteessaa ta'uu isaa hubattanii waan dandeenyu hundaan tajaajila jalqabuuf jiru kana haa jajjabeessinu! Hunda caalaa maaddii qophaa'eef nama nyaatutu barbaachisa waan ta'eef carraa arganneen missiraachoo kana obboloota keenyaaf haa qoodnu jechaa jaalala obbolummaan sin kadhanna!

Gara maaddii nuuf qophaa'eetti seenuuf👇
Mootii dugda Harree gubbaatti

👉Harreen maqaan ishee arrabsoo erga ta'ee bineelda bubulteedha.Bineeldi kuu addunyaa hunda keessatti kan argamtu taatus ,seenaan jireenya ishee irra caalaan isaa  walfakkaatadha.Biyyoota baay'inni harrootaa hedduu ta'e keessatti harreen ba'aa ulfaataa baachaa oolti,dadhabdee boqachuu yoo barbaadde ,iyyitullee uleen kan ishee reebu malee mee boqadhu kan jedhuun hin jiru. Dugdi ishee baay'ina ba'aan kan madaa'e ,miilonni ishee baay'ina fe'iisaan kan qallatan,uleen kan ishee ifachiise , bineelda boqannaa hawwiteedha.

Kiristoos mootiin samii dugda kiruubeel irra taa'u  bineelda tuffatamtuu kana gadi of deebisuun teessoo isaa taasifate. Ulee kan barte,boqannaa kan hawwite  bineelda hoomaa hin qabne irratti “Waanjoon koo nama hin dhibu, ba'aan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha" mootiin  jedhe ishee irra taa'e.

🤴Mootonni jajjaboon ,konkolaataa fardaa faayame irra taa'anii,waraanaan  marfamanii, xurumbaa afuufsisaa ,dibbee rukkuchiisaa, loltuu Seefii hidhataniin isaanii sirbamaa gara itti galanitti gara magaalaa Iyyarusaaleemitti, Fayyisaan addunyaa Kiristoos dugda Harree gubbaatti;warreen Qurxummii kiyyeessaniin marfamee, faarfannaa daa'immaniifi damee Meexxiin dabaalamee gale.

😟Sodaatanii osoo hin taane mootiin jaalatanii faarfataniifi uffata namarraa mulqee  osoo hin taane, uffata isaanii baafatanii irra ejjedhuu darbi mootii ittin jedhan konkolaataa fardaa qaaliin kan imalu osoo hin taane "Dugda Harree gubbaa yoon taa'e na gaha" mootiin jedhu gara magaalaa Iyyarusaaleemitti gale.

🫵“Isin yaa namoota Tsiyoon, guddaa gammadaa! Isin yaa namoota Iyyarusaaleem, guddisaatii sagalee gammachuu dhageessisaa! Kunoo, mootiin keessan inni qajeelaan, inni moo'aan, gad of deebisee, harree yaabbii keessaa ilmoo harree irra taa'ee gara keessan in dhufa.”
  — Zak. 9:9
Kan jedhameef Iyyarusaaleem hangam kan carroomtedha? "Mootii kasoomaafi gadi of deebise " biyyi qabdu ,magaalitti ilaalaa mootiin boo'uuf ,gaarummaa isaa dhoksuuf namoonni yeroo  barbaadan waa'ee isaa hin dubbatinaa otoo jedhaniyyuu dhagoonni Biitaaniyaa afaan baasanii kan isaaf ragaa bahan mootii kan qabdu Iyyarusaaleem hangam kan carroomtedhaa?
Warreen hidhaman yaadatee  "Nan barbaadatii ,hiikaa naaf fidaa" mootiin jedhu kan itti muudame,Meexxiin qabatamee waa'ee nageenyaa kan keessatti  faarfatame, "Nageenyi kee har'adha" kan jedhameef magaalaan sun hangam kan carroomtedhaa?

👉Gara Dubbii harritti yaa deebinu  harree" Ba'aan  ishee luqqise,boqochuun kan ishee hawwisiise Kiristoos hiikaa naaf fidaa jedhee teessoo isaa taasifate" seenaan jedhu  guyyaa itti harreen qofti ulfina itti argatte  yoo nutti fakkaate dhugumatti garraamota.
Harroonni dubbisanii kan ittin hin jabanne Wangeela irratti ta'iin Kun kan barreeffame  nuuf malee kan biraaf miti.

👉Akka Harree meeshaa baachuu baannus,dugdi keenya yoo madaa'uu baatees ,dugi laphee keenyaa ba'aa cubbuun kan guutame, baay'ina yakkaan kan nu jalaa madaa'e lubbuu baay'ee keenyati."Yoomidha laata ba'aa cubbuu  of irraa buusee kanan aara galfadhu?" jechaa kan dhiphannu baay'ee keenyadha.
Fayyisaan addunyaa luboota yeroo sana erge ,har'as gara keenyatti ergee "Hiikatii naaf fidaa" jedhe nuun otoo nu hirmaachisee maal ta'a? Waamaraafuu hidhaan cubbuun keenya baay'ee xaxamaa waan ta'eef Luboonnis "Hidhaa cubbuu irraa Waaqayyo si haa hiiku " yoo jedhan ni dhageenya.

Madda Dn Heenok Hayilee
Forwarded from GODOLIYAAS (Lamessa Teshome)
#Ergaa

Maatiiwwan Chaanela Godoliyaas (@Kalabhiyahu) akkam jirtu? Baga torban eebbifamaa Torbee Dhukkubbiiwwaniin isin gahe! YouTube Miidiyaa nu tajaajiluuf dhufe, "Miidiyaa Sootiriyaa" kan guyyoota  muraasa booda sin tajaajiluu jalqabu kana #Subscribe gootaniittuu? Yoo hin goone ta'e kunoo link gadiin seenuun ammuma subscribe akka gootan jaalala obbolummaan sin gaafadha!

YouTube Miidiyaa Sootiriyaa👇

https://youtube.com/@Soteriamedia21?si=VMAMZpRtucXIkMwg

Odeeffannoo dabalataaf►@lamtesh
“Maaloo amma fayyyisi!"
— Far. 118:25
Imala Afuuraa guyyaa har'aa ayyaana Hosaa'inaa sababeeffachuun tokkummaa Caffeewwan Mooraa Waldaa Sillaasee wiirtuu Jimmaan gara M/K/Q/ Sillaasee tulluu diimootti taasifamerratti suuraa fudhatame!
HTML Embed Code:
2024/04/30 10:17:57
Back to Top