TG Telegram Group Link
Channel: Caffee Mooraa-Jimmaa
Back to Bottom
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Warabii Ayyaana Cuupha B.A 2016 irratti faarfattoota Caffee Mooraa keenyaan dhiyaate.
https://hottg.com/DooniiNoh
Akkuma Dhageenyetti akkasumatti agarre
<unknown>
Misbaakii Sanbataa
"Akkuma dhageenyetti akksumatti agarre.
Mandara Gooftaa maccaatti mandara Waaqa keenyaatti.
Waaqayyoo ni jabeesse bara baraani."
   Faar. 47(48):8

"በከመ ሰማዕነ ከማሁ ርዕኒ
በሀገረ እግዚዕ ኃያላን በሀገረ አምላክነ
እግዚአብሔር ሣራራ ለዓለም" መዝ 47(48:8)
Ergaawwan dubbifaman:
Rom 1:1-13
1Phex 1:13-22
Hojii Erga 19:1-11
Luq 2:36-42
Sirna Galatoo👉 Kan Qulqulluu Diyoosqoroos

Waldaa Sillaasee wiirtuu Jimmaatti Kutaa Barreeffamaaf Hiik-Kuus-Miidiyaa Yaa'ii Mooraa Mooraa Guddichaafi Koollejjiiwwanii(X/Sillaasee)

https://hottg.com/DooniiNoh
Egaa isaan lama miti, foon tokko malee; kanaafis kan Waaqayyo tokko godhe namni gargar hin baasin!"
  — Mat. 19:6


💐💐Guyyaa kaleessaa (03/06/2016 B.A) gaa'ela keessan kan raawwattan miseensaafi tajaajiltuu Yaa'ii mooraa keenyaa kan taate jaalatamtuu Obboleettiin keenya shamarree Sisaayee Taaddasaafi Dar. Birhaanuu Dirribaa Baga Waaqayyo guyyaaa addaafi eebbifamtuu kan iccitiin guddaan itti raawwatu; kabajamaa Fooniif Dhiiga Kiristoosiin chaappeffamuun  lama  ta'uun hafee yaadaan, eeyyamaafi qaamaan tokko itti taataniin isin ga'e.  💐💐
💐💐Gaa'elli keessan kan Abrahaamiif Saaraa isiniif haa ta'u. 💐💐
💐💐Horaa bal'adhaa, dagaagaa, dhaddacha ta'aa lataa, waliin arrii filadhaa💐💐
💐
Misbaakii Sanbata boruu.3gpp
2.3 MB
💒 Misbaakii Sanbata Boruu💒
   Faar 88(89):8
Waaqayyo kabajamaadha Yaa'ii qulqullootan
Guddaafi dinqiidha warra naannoo isaa jiran hundumaarratti
Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa kan akka kee eenyuree?
  መዝ 88(89):8
እግዚአብሔር ስቡሕ በ ምክረ ቅዱሳን
ዐብይ ወግሩም ድበ ኩሎሙ እለ ዐውዱ
እግዚኦ አምላከ ኀያላን መኑ ከማከ

Ergaawwan Dubbifaman
Ibro 12:12-22
2 Phex 1:19
Hojii Erg 7:20-35
Yoh 10:34
Sirna Galatoo 👉 kan Qulqulluu Diyoosqoroos

Kan hiike: Kutaa Barreeffamaafii Hiik-Kuus-Miidiyaa Yaa'ii Mooraa Mooraa Guddichaafi Kollejjiowwanii (X/Sillaasee)
Gurraandhala 09/2016 B.A

https://hottg.com/DooniiNoh
Ni galateeffatti
<unknown>
💒 Misbaakii Sanbata boruu💒
         Faar 146(147):12
Ni galateeffatti Iyyarusaaleem Waaqayyoon.
Galateeffadhu Gooftaakee Tsiyoon.
Jabeesseeraatii danqaraa karra/balbala keellawwan keetii.

   
     መዝ 146(147):12
ትሴብሖ ኢየሩሳሌም ለእግዚአብሔር።
ወሰብሒዮ ለአምላክኪ ጽዮን።
እስመ አፅንዓ መናሥግተ ኆኃትኪ።
Ergaawwan Dubbifaman
Gal 4:21
1Phex 2:1-9
Hoji. Erg 5:17-29
Luq 2:42
✍️ Sirna Galatoo👉 Kan
Diyoosqoroos
 
  Kutaa B/H/K/M Yaa'ii Mooraa Mooraa Guddichaafi Kollejjiiwwanii (X/Sillaaseetiin)

Gurraandhala 16/2016 B.A
JIMMAA

https://hottg.com/DooniiNoh
SOOMA NANAWWEE

👉Irra deebiin kan maxxanfame.

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen 🙏

Baga sooma Nanawween nagaan isin gahe, nu gahe 🙏

"Akkamitti akkas of gattee rafta? Ka'ii Waaqayyo kee waammadhu" Yonas 1:6.

✍️ Dubbiin kun kan inni dubbatame ajajaa markabaa/doonitiinidha. Kan inni itti dubbatame immoo raajicha Yoonaasitti.

✍️ Yoonaas ajaja Waaqayyo isaaf kenne akka inni gara Nanawweetti deemun namootni Nanawwee cubbuu isaanitiif gaabbii akka galan kakaasuuf ture. Garuu ergama Waaqayyo itti kenne kana dhiisee gara ofii barbaade gara Tarseesitti imaluuf ka'e. Sababa kanaafis Waaqayyo danbalii cimaa itti kaasuun akka Doonittiin raafamtu taasise.

✍️Namoonni Doonittii keessa jiran yeroo dhiphatanii waan Doonii keessa jiru hundaa gara galaanatti darbatanii, gara Waaqayyoottis iyyanii kadhachaa fi boo'aa turan Raajichi Yoonaas garuu rafaa ture. Dhiphina isaan keessa turan argaa fi dhagahaa hin turre, hirriba cimaa keessa waan tureef. Garuu, Doonii raafamaa jirtu keessatti hirribni nama raffisu kun hirriba akkamiiti laata?...

✍️ Namoonni Doonii sana keessa meeshaa hunda gara galaanatti erga fixanii boodas raafamichi dhaabachuu waan dideef, Dooniin tun kan raafamuu dandeessef sababa eenyutiini jedhanii carraa yoo buusan, carraan Yoonaas irra bu'e. Isaanis Yoonaasin "Akkamitti akkas of gattee rafta? ka'ii Waaqayyo kee waammadhu" jedhanii dammaqsanii kaasan.

✍️ Dhugumayyuu yeroon isaa yeroo itti of gatanii rafanii? Galaana gubbaarra deemutti jiruu bar! Mee yeroo Ammaa kanahoo yeroo itti rafuu qabamuudhaa? Miti,
✓yeroo itti waaqayyoon waammataniidha malee.
✓Yeroon yeroo cubbuu baatanii Doonii keessa itti rafan miti, yeroo gaabbiin gara waaqayyootti itti deebi'an malee.

✓ Yericha yeroo qulqulleettii Mana kiristaanaa iddoo daldala siyaasaa godhatan osoo hin taane, yeroo badiinsa hoolota isaatif itti boo'ani malee.
✓Yeroon kun yeroo itti hirribni nama qabee itti of gatanii rafan miti, yeroo kamiyyuu caalaa kan dammaqanii, gaabbii galanii, fooniif dhiiga Gooftaa fudhatanii itti qophaa'anii jiraatani malee.

✓Yeroon kun yeroo itti rafan osoo hin taane, yeroo mudhii hidhatanii(kadhannaadhan) hoolota Waaqayyoo sababa Afaan isaanitiin jecha sagalee waaqayyoo dhagahuu dhabanii, Mana kiristaanaa keessaa baqatan itti barbaadaniidha malee.

(Akkam akkas of gattee rafta?Ka'ii Waaqayyo kee waammadhu Yonas 1:6)


✍️...Ilaalaa! Yoonaas Waaqayyo iddoo hunda jiraachuu osoo beekuu Waaqayyo jalaa baqachuuf gara ofii barbaadetti deemuun isaa dogongoraa fi madda rakkinaa ta'uu isaatin battalumatti osoo asiif achi hin jedhin ofirratti murteesse. Har'a Doonii kan taate qulqulleettiin Mana kiristaanaa raafamuutti kan jirtu sababa eenyutiin ta'inna laata?

☑️ Mana kiristaanaa keessa aangoo eebbisuu baatee, garuu gara ergama isaa kan hin taane namoota abaaruu hojii isaa kan godhate ishee keessa rafaa kan jiru hin jiruu?

☑️ Hojiin isaa fayyina namootaaf dhama'uu osoo ta'ee jiruu, namoonni fayyina irraa fagaachuu fi Mana Waaqayyoo keessaa gara badiisatti yeroo yaa'an osoo Ijaan arguu fi dhagahuu kan ishee keessa rafaa jiru hin jiruu?

☑️ Dhimma badiisa hoolota Waaqayyoo irra dhimmi dhuunfaa fi daldalli siyaasa isaanii isaan dhiphisee Mana Waaqayyoo keessa kan rafan hin jiranii har'a?

☑️ Mee Lallabaan wangeelaa yoo waltajjiitti bahe kan inni lallabutti jiru maalidhaa? jaalaladhaa? tokkummaadhaa? gaabbii akka galaniif uummata dammaqsuudhaa?  Lallabaan wangeela mootummaa waaqayyoo saba hin amannetti akka lallabee mootummaa waaqayyootif geessisuuf ergamni itti kenname har'a ergamicha baatee kan hojiin isaa, lallabnisaa waan biraa tahe, kan Mana kiristaanaa keessa rafe hin jiruu?

✍️ Egaa kun hunduu Doonii/Mana kiristaanaa keessa rafanii osoo jiranii Doonittiin akkamittiin hin raafamturee? ergamni ishees kana mitihoo, akkamittiin raafamuu diddiree? Kan hundeeffamte kaayyoo siyaasaaf itti fayyadamuuf mitihoo, maaliif hin raafamturee? Eegdota hoolota kooti jedhee kan isaan muude tiksoonni hirriba cimaa ishee keessatti rafaa waan jiraniif maaliif hin raafamturee?
✍️ Raafamni doonittii kan battalumatti dhaabachuu danda'eef balleessaa isaa amanee ofirratti murteessuu Yoonaasini. Har'as raafamni Addunyaa tana irratti Mana kiristaanaa irra gahaa jiru dhaabachuu kan danda'u, yoo tokkoon tokkoon keenya balleessaa keenya beeknee fi amannee ofii keenya qofarratti murteessuu yoo dandeenye qofaadha.


✍️ Kanaaf furmaata waaraa  waaqayyorraa akka nuuf dhufuuf barbaanna yoo ta'e, namuu Yakka hojjetetti, badii fi cubbuu raawwatetti gaabbee, mataa isaa lubatti of agarsiisuu qaba(Maat 8:4, Marq 1:44). Boo'ichaa fi kadhannaatti cimuudhan gara waaqayyootti deebi'uu qabna.  Yeroo kana waaqayyo dheekamsa fiduuf ka'e akka Namoota mandara Nanawweef dhiifama taasise (Yonas 3:10) nuunis balleessaa keenyaaf dhiifama nuuf taasisa.

🙏 Waaqayyo Abbaan dhiifamaa akka balleessaa fi cubbuu keenyatti osoo hin taane akka dhiifamaa fi arjummaa isaatti nutti araaramuun fedhaa fi jaalala isaa nuuf haa ta'u. Ameen 🙏
Qaamolee miiraa to'achuu:
Qaamolee miiraa to'achuu jechuu qaamolee miiraa keenyaa waan badaa irraa to'achuun,gara waan gaarii hojjachuutti geessu jechuudha.
Qaamoleen miiraa keenyaa yeroo hundaa to'achuun akkuma jiruutti ta'e caalaatti immoo ta'ii yeroo sooma raawwatamuu of keessaas ni qaba.Abbootni keenya waa'ee kana akkas jechuun barsisuu.
Baahitaawwii Teewoofaan lubbuu nama mootiitti,foon immoo Masaraa mootummaatti fakkeessa.
Masaraan mootummaa Kun foddaa shanii fi balbala tokko of irraa  qaba.Foddaawwan shan kun qaamota miiraa shanan bakka bu'a.Balbalichi immoo sammuudha.Diinni Karaa foddaa fi karaa balbalaatiin yoo ta'e malee eessanuu seenuu hin danda'u .Isaan Kun yoo cufaman diinni seenuu hin danda'u.
Foddaawwan(qaamota miiraa) kanaan daldalaan cubbuu diyaabiloos,shaakalawwan garaagaraa fi miirawwan lubbuu gammachiisan fida.Kanarraa kan ka'es lubbuun gammachuu hunda fudhatti.Isa booda gammachuu kana akka waan gaarii fi akka galmaatti lakkaa'uu jalqabdi.Karaa kanaan dubbiin jijjiirame lubbuun Waaqayyoon barbaaduu dhiistee gammachuu barbaaduu jalqabdi.

Namni tokko jireenya afuuraa gonka jalqabuu barbaada yoo ta'e duraa duuba jireenyaa isa sirrii adeemsisuu jalqabuu qaba.Kunis gammachuudhaan liqimsamuu irra boqonnaa Waaqayyoo biraa barbaaduudha.Qabsoon isaa rakkisaa fi dheeraa ta'us yeroo tokko tokko murtii kana murteessina.Waggootaaf of gammachiisuu keessa erga jiraatanii booda;lubbuu amala badaa kana irraa adda baasuun rakkisaa fi waggoota kan gaafatuudha.Namni tokko wantoota karaa sirriidhaan rawwachuuf miira isaa bituun barbaachisaadha.
Miirri tokkoon tokkoon isaa gammachiisaa ta'uu ykn ta'uu dhiisuus danda'a.Lubbuun wantoota nama gammachiisanitti gammaduu fi araada godhachuu dandeessi;turtiin booda yeroo hunda gammachuuwwan kana hawwuu jalqabdi. Karaa kanaan tokkoon tokkoon qaamota miiraa keenyaa lubbuun keenyaa hawwiiwwan hedduu fi barteewwan gadi-dhiisuudhaaf rakkisoo ta'an akka bartu taasisuu.Fedhiiwwan kunneen lubbuu keenya keessatti ukkaamamanii turuudhaan carraa ittiin wanta hawwinu irra deebinee argannu yommuu argatan ni kaka'u.Miirrii kun yeroo yoo kaka'e Qulqulluun Yaa'iqoob akka dubbate irra deddeebiin hidhamuutu dhufa. "Kajeellaan hamaan erga iddoo ga'ee cubbuu ni dhala;cubbuunis erga raawwatamee du'a ni dhala." (yai 1:15).Kanaanis raajiin Raajicha Ermiyaas raawatame."Duuti gara foddaa keenyaa qaqqabeera;galma keenyattis ol lixe."(Erm 9:21).Kana jechuun duuti karaa miirota keenyaatin gara lubbuu keenyaatti seena jechuudha.
Miira ofii bituun faayidaa dachaa lama waan qabuudha.Miirota keenya kan eegnu wantoota miidhoo ta'aniif bitamuu fi fudhatamuu irraa qofa miti.lnumaayyuu tokkoon tokkoon uumamaa fi wantoota barbaachisoo ta'aniin miirri keenya akka booji'amuu fi harkisamu gochuus qabna.Miirota keenyaan uumama dinqisiifachuu danda'uu qabna jechuudha.

Soomni keennawwan waaqayyoo dhala namaf keenne keessaa tokkoodha.
''SEEXANAAF YEROO HIN QABU''

Barsiisaan barattootasaaf gaaffii lama sa'atii tokko keessatti hojjettanii akka xumuraniif qorumsa qopheesse. Barattoonnis kutaa qorumsaa seenanii taa'umsa isaanii qabatanii qorumsa eeggachaa jiru. Barsiisaan qorumsa fudhatee gara daree qormaataa seene.Ajajni qorumsichaas himamee waraqaan qorumsaa kennameefiira. Barsiisaan sa'atii itti jalqaban qabatee ''Jalqabuu dandeessu'' jedhee itti hime.

Gaaffiin 1ffaa waa'ee Waaqayyoo waan beektu barreessi kan jedhu yoo ta'u lammaffaan immoo waa'ee Seexanaa waan beektu barreessi jedha. ''Gaaffii tokkoof daqiiqaa 30'tu kenname'' yemmuu jedhu osoo sa'atiin isaan jalaa hin dhumiin dafanii barreessuudhaaf barattoonni ariifachaa jiru. Daqiiqaan jalqabaa 30'n dhumuusaa barattoonni dhaga'an gaaffii lammaffaa hojjechuu eegalaniiru, waan sammuu isaaniitti dhufe ariitiidhaan barreessaa jiru. Barsiisaanis kan dhuunfaa dhuunfaa isaanii akka hojjechaa jiran naanna'ee ilaalaa jira.
Barsiisaanis 'Xumuruuf daqiiqaa 10'tu isin hafa'' jedhe. Xumurreerra kan jedhan barattoonni baay'een waraqaa deebii isaanii barsiisaatti kennanii ba'aa jiru, kaan immoo irra deebi'anii deebii isaanii dubbisaa jiru. Kan hin xumurre immoo daqiiqaa hafte sana fayyadamanii xumuruuf ariifachaa jiru. Daqiiqaa kudhanii booda '' Sa'aatiin isiniif kenname waan xumurameef dhaabaa'' jedhe barsiisaan. Waraqaa deebiis naanna'ee funaanuu eegale. Barataa tokko bira yemmuu ga'u ammallee osoo deebii barreessuu argee ''Sa'atiin dhumeera yemmuun siin jedhu hin dhageessuu jedhee'' waraqaasaa irraa butee fudhate.
Barattoonni baay'een gaaffii lamaansaaf waan deebii ta'a jedhan barreessaniiru. Barataan kun garuu gaaffii tokkooffaaf(isayyuu hin xumurre) qofa deebii kenne. Barsiisaanis dinqisiifannaadhaan ''Maaliif gaaffii lamaniif deebii hin guunne'' jedhee gaafate.  Baratichis '' SEEXANAAF YEROO HIN QABU'' 🤷‍♂ waa'ee waaqayyoo qofayyuu barreessee fixuudhaaf sa'atiin kenname ga'aa waan hin taaneef osoo hin xumuriin na dhaabsistan jedhe jedhama.

Dhugaadha dubbiin waaqayyoo osoo dubbatan, dhaggeeffatanfi barreesssan kan hin dhumneefi kan nama hin nuffisiisne icciitii guddaadha. Hamma barbaanne osoo yeroo kennineef iyyuu seensumasaarra osoo jirruu sa'aatiin dhuma. Jaalala jechasaan, addunyaa hin dabarre keessatti fudhatamna. Kana gochuudhaaf immoo Seexanaafi dhimmoota isa waliin walqabataniif yeroo hin qabu jechuu qabna.Yeroon alatti wanti hojjetamu waan hin jirreef cubbuu irraa fagaanne jechuudha mitiiree?. Seexanaaf yeroo kennuu dhiisnaan immoo isa jibbine jechuudha. Yoomis taanaan namni waan jibbe tokkoof yeroo hin qabaatu. Hojii osoo dhabeyyuu waan jibbe waliin walquunnamuu dhiisuudhaf sababa uumee irraa fagaata mitii?. Kanaaf seexanaaf yeroo kennuu yoo hin barbaadne isa loli. Kan nama ajaa'ibsiisummoo seexana waliin walloolte taanaan namaafi Waaqayyoo kee waliin jaalalaan jiraatta. Sa'atii 24 keessaa kan seexanaaf ta'u dhabne jennaan cubbuu hojjechuudhaaf sa'aatii hin argannu.

Yeroo nuuf kenname deebisnee waaqa nuuf kenneef akka kenninu hubannoo nuuf haa kennu.


Kan hiike Ilma Mikaa'el

Jimmaa
       CUUPHAMAA DABAREEN ISAA HIN QAQQABNE!✍️✍️✍️✍️✍️✍️
                (YOH  5: 5-7)
Namni waggaa soddomii saddeet dhukkubsate tokko achi ture.
Iyyasuus yemmuu namicha dhukkubsatee ciisu sana arge, yeroo dheeraa hammana ga'u dhukkubsachuu isaa erga beekee, "Fayyuu barbaaddaa?" jedhee isa gaafate.
Namichi dhukkubsataan sun, "Gooftaa, bishaanichi yommuu raafamu  bishaan  cuuphaa keessa nama na buusu hin qabu; ofii kootii immoo utuu ani itti rakkadhuu, namni biraa na dura keessa lixa" jedhee deebiseef.

👆👆👉Gaaffii fi deebii kana gaafan argu keessi koo dhukkubsaticha argadhuutii akkana ittuin jedhi naan jedha;
👉Ati yaa dhukkubsataa wanta gaafatamte qofa deebisi .Sababni isaas gaafataan kee, gaafataa salphaa (laayyoo) miti.
Kan si gaafatu akka gaaffiiwwan kanaan duraa afaan kee gogsaa turan; gaaffii nuffisiisaa  miti. Gaaffiin isaas akka gaaffiiwwan namooota birok miti. Fuuldura kee dhaabbatee kan jiru bishaan Cuuphaa kana qofa osoo hin taane, bishaanota  guutuu  addunyaa  irra jiran ,Waaqa uumedha!
👉Gara iddoo cuuphatti nama na geessu hin qabu ” jettaa? Wanta gaafatamte deebisi malee!
Kan si gaafate eenyu akka ta’e beekuu baattullee, gaaffiichumallee sirritti dhaga’i malee!
👥👥👥 Nama hin qabu hin jedhin ,waa’ee baay’ina namootaa (dabaree) iddoo Cuuphichaa  jiruu hin dubbatin; namoonni meeqa si dursanii akka fayyan itti hin lakkaa’in; kan si gaafate gaaffii ifaadhaatii.

FAYYUU NI BARBADDAA ????

👉Waaqayyo fuulduratti waa’ee ulfaatina (cimina) rakkoo keetii maaliif haasoftaa? Maal akka ati hin qabne inni ni beekaati.
Akkan fayyuuf moo jedhiin, rakkoo kee tarreessuu dhiisii; wanta barbaaddu itti himadhu.

👉Rakkoon kee wal xaxaa ta’us ,hammam hundee gadi fageeffatus ,isatti kan ulfaatu waan hin taaneef, fayyuu akka barbaaddu qofa amantiidhaan isatti himi kan jedhu; lallabni (gorsi) karaa dhukkubsataa gara keenya dhufe.
👇👇👇
MATSAAGUUN (DHUKKUBSATAAN ) erga gara Beeta Saayidaa dhufee waggaa 38 ta’eera. Qulqulluun Daawwitiifi Solomoon waggaa 40, 40 moo’anillee lafarratti ciigoo baay’ee dhiyeessaniiru (dubbataniiru) .
👉 Namni kun Sireerra taa’uun waggaa 40 guutuuf yoo jedhu hangam isa nuffisiseera ta’a?
Hubadhaa Gooftaan keenya Beeteliheemitti yeroo dhalatus dhukkubsataan kun Siree isaarra ture.
Tiksitoonni  Ergamoota hedduu waliin  yeroo faarfatan inni garuu; bu’uu Ergamaa tokkoofi raafama bishaanichaa osoo eeguu waggaa 6ffaa isaa guutee ture.
Gooftaan keenya umuriin isaa waggaa 32 guutee gara iddoo bishaan Cuuphaa sanatti yoo dhaqus Matsaaguun Siree isaarra ture. Iddoo cuuphichaa waggaa 38tiif abdiidhaan eegaa turee, osoo itti hin cuuphamin hafe.
Yaa gooftaa koo dabaree nan geenye eegurraa na oolchi.🛟🛟🛟
Akkan ittin fayyuuf iddoo naaf hin heeyyamamne  taa’ee umurii koo akkan hin fixne ati na eegi.

Beeta Saayidaa Kakuu Haaraa kan taate gara Mana Kiristaanaa ergan dhufee bara baay’ee lakkoofsiseera. Garuu hanga ammaatti diree cubbuu irraa hin buune.  Ka’uu nan barbaada garuu hin dandeenye. Laphee koo malee miilli koo  jabaatee dhaabbachuu hin dandeenye.
Dabaree kan hin qabne bishaan jireenyaa  dhiiga kee dhuguuf  yeroo dhufan; ija koon ilaalaa  baay'oliin dhiiga kee qulqulluu dhuganii yoo fayyan argee; ija koon isaan gaggeessaa ofii koof siree cubbuu irra taa’ee hafeera.
🛌🛌🛌🛌
Ani otoon rafee jiruu baay’een na dursanii akka fayyan osoo naaf agartee!
Na  booddee dhufanii namoonni meeqa na dura fayyaniiru?
Meeqaatamni siree cubbuu irraa gaabbiin ka’ee qulqulluu fooniifi dhiiga kee fudhatee fayyeera?
 
Kutaa 2ffaan itti fufa......

Madda: Barruu Dn. Heenook Hayilee
Akka Malaakuu Kabbadaa hiiketti.
KUTAA 2FFAA
KAN ITTI FUFE...✍️✍️✍️

Yaa ogeessa Beeta Saa’idaa hangafa dhukkubsatootaa kanan ta’e ;dhibee cimaan qabamee kanan jiru gara koo kan dhuftu yoomii laata?
Dhukkubsataan sun“ Baroota baay’eef akkanuma akka ture”.kan itti himte hoo,anatti hoo   kan natti himtu yoomiidha laata? bara baay’ee akkan lakkoofsise hin beekturee?

👉Nama hin qabu ,laphee hin qabu, humna hin qabu; gahumsa hin qabu jedhee dhiphuu koo kanan sitti himadhu yoom ta’a laata?    Iyyasuus ka'ii  too Siree kee baadhuu deemi ittin jedhe.Namichis yeroosuma fayyee siree isaa baattatee deeme" (Yoh 5:8-9).  
🛏🛌🛌                                                                                                     
👉Ati ka'i jetteenii kan hin kaane eenyudha?
Siree irraa yaa hafuutii boolla awwalchaa keessaayyuu ka'i kan jetteen ni ka'a mitii?       

Egaa anaanis ka'i nan jedhi. Ka'i humnas uffadhu naan Jetta yoo ta'e;
kunoo "ba'aan koos salphaadha
".Kan jette ati; kan na ajajje ba'aa koo irratti ba'aa  obboleessa koos baadhee seera kee nan raawwadha. (Gal 6:2).

👉 Namichis batalumatti fayyee Siree isaas baatee ni deeme. Sana booda gooftaan Iyyasuus mana Qulqullummaatti isa argee "Egaa amma fayyiteetta,kan kanarra caalu akka sin arganneef gara fuulduratti cubbuu hin hojjetin ,ittin jedhe" jedha .

Dhukkubsatichi fayyee Siree isaa baatee  akka deeme yoon dubbisu wanti tokko onnee koo dhiphise.
Namni Kun waggaa 38 guutuu kan jiraate Beeta Saa'idaadha.Kiristoos akka tasaa (carraa) erga isa fayyisee booda deemi yoo ittin jedhu tole jedhee naannoo  bishaan Cuuphaa sanaa erga bahee booda eessa deeme?  
👉Yaa dhukkubsataa waggaa 38 tii dhuguma eessa deemte? Iddoo Bishaan Cuuphaa sanaa bahuu kee dhageenyee ajaa'ibsifanneerra!!!
Sana booda eessa deemteree? Gabaan naannichaa sitti hin  jijjiramnee? Karaan hoo si jalaa hin bannee? Gara fiirota kee deemte akkan hin jenneef "Nama hin qabu" yoo jettu dhagaheera. 

🛏🛏🛏                                   Siree kee hoo eessaan geesse? Yoomu caccabsitee akka hin ganne beekamaadha.
Sireen dhukkubsataaf qofa osoo hin taane namaa fayyaadhaafis barbaachisaadhaati, miila  4 osoo qabduu si dhiistee kan hin deemne fira kee kan taate kabajaan olkaa'uun kee hin hafu.Maalumaafuu boqonnuma sana irratti  Iyyasuus yeroo 2ffaaf ;Mana Qulqullummaatti arge jedha.
(Yoh 5:14).💒💒💒
👉Gooftaan isa fayyisee  iddoo Bishaan Cuuphaa sanaa nama  kaase;Mana Qulqullummaa keessa dhaabbattee  osoo jiruu arge.Dhukkubsataan Kun miilonni isaa erga jabaataniifi kan deeme gara mana Waaqayyoo ta'uun isaa kan isa galateeffachisuudha (galanni kan isaaf maluudha)🙏

Gooftaan Mana Qulqullummaatii isa dhabuudhaan  ; dhukkubsaticha   manatti osoo argeera ta'ee baay'ee nama gaddisiisa ture. Amma garuu gooftaan isa fayyise Mana Qulqullummaa isaatti isa argate " Egaa fayyiteetta kanarra kan caalu akka sirra hin geenyeef gara fuulduratti cubbuu hin hojjetin ittin jedheen".
📖📖📖📖
👆Kana kan dubbistu yaa obboleessa/ obboleetttii koo Kiristoos siin hoo hin fayyisneeree?
Lakkii anoo naafadhee hin beeku.Eenyullee ana Siree koorraa ol na qabee hin beeku yoo naan jetta ta'e;na amani akka keetti Kiristoos kan fayyina kenneef hin jiru.

👉Inni anaafi si'iin ka'aa jedhee kan nu kaase Siree waggaa 38ti irraa osoo hin taane siree bara baraa si'ooliifi cubbuu irraayi.

🛏Nuun kan nu fayyise siree keenya nu baachisee osoo hin taane,inni Siree keenya waliin nu baatetiidha.

👉"Inni garuu cubbuu namoota baay'ee baate" yoo jedhu ni dhageessa (Isaa 53:13).Balleessaa keenya baatee dugdi isaa hangam akka madaa'e osoo ilaaltee.Kana dugda koo ni agarta kan jedhameen Musee osoo gaafatte wayya tureeyyu.

👉Waaqni si fayyise siin hoo eessatti si arga laata? Akka namicha kanaa mana Qulqullummaa isatti si argaa laata? 💒💒💒
                   
👉Eessattuu si yaa argatu garuu jechi (dubbiin ) isaa tokkoodha."Egaa fayyiteetta kanarra kan caalu akka sirra hin geenyeef gara fuulduratti cubbuu hin hojjetin" waggoota 38 Siree irratti hafuu kan caalu maaltu dhufuu danda'a yoo jettees?
isa arguurraa na oolchi yoo jetteen siif wayya.


Madda: Dn Heenook Haayilee
Kan hiike Melaakuu Kabbadaa
''Sababa gufatteef abdii hin kutiin. Kana jechuun cubbuu kee yaadattee hin gaabbiin jechuu osoo hin taane kan hin fayyine taasistee hin yaadiin jechuudha. Yeroo baay'ee abdii kutuun cubbuu koo irraa hin qulqullaa'u, fayyuu hin danda'u jedhanii yaaduurraa kan dhufudha.
Obboleessa/obboleettii koo  gufuu baay'een si quunnamuu danda'a, haa ta'u malee laphee keetiin deebitee yoo gaabbii galte kan fayyitu ta'uu hin dagatiin. Waaqayyo kufaatii kee caalaa kan inni sitti gaddu innoo naaf hin dhiisu jettee amanuu gaafa jalqabdudha. Gaabbii yoo galan dhukkubni cubbuu cimaan hin fayyine tokkollee hin jiru''.
QULQULLUU YISIHAAK ISAAN  SOORIYAA
Maaliif Hinaafta?   

 👉Kitaaba "Oduu Abbootaa " jedhu irratti monoksee tokko kuffisuuf Jinnoonni akka irratti mari'atan  seenaan galmaa'e jira. 
👉 Monokseen kun qabsuura waggaa baay'ee booda Abbaa sadarkaa qulqullummaa olaanarra gahaniidha.Seexanoonni lakkoofsaan hedduu ta'an hogganaa isaaniin duurfamanii Monoksee kana gufachiisuuf itti duulan.🥷🥷🥷
👉Dabaree dabareedhaan gara Abbaa sanaa dhaquudhaan kiyyoo qorumsa isaanii itti diriirsan.
Sagaagalummaadhaan (ejjaan) qoruuf yaalanii hin dandeenye, nyaatanis yaalaniilee ammas abbaan sun moo'atan.Tooftaalee qorumsaa  adda addaa karaalee adda Addaan si'a tokko akka Ergamaatti si'a tokko tokko immoo akka namatti itti muldhatanillee kuffisuu hin dandeenye .

😈😈😈Yeroo kana dursaan isaanii koottaa wantan ani godhi ilaalaa ittin jedhee nama Kara deemaa( keessummaa) fakkaatee gara Abbaa sanaatti dhiyaate. Gurra isaanitti wanta ta'e itti hime yeroo dhuma sana nagaa itti dhammatee bahe.
Battaluma sanaatti jinnoonni sun otuma ilaalanuu monoksicharraa kennaan isaan irraa fudhatamee fuulli isaa lolaafi aariin yoo jijjiramu argan. Kana gaafa argan ajaa'ibsifatanii hogganaa isaaniin maal jetteenii moo'atte? ittin jedhan .
Innis akkana ittin jedhe;Kan si  wajjin guddatee fi barate hiriyaan kee Paatiriyaarikii Iskindiriyaa ta'uun mudameera jedheen itti himee biraa bahe.Amma lapheen isaa hinaaffaan boba'aa jira ittin jedhe.
👉Sana booda Seexanoonni sirbuun gammachuu isaanii ibsatan. Seexanni humna hinaaffaan qabu sirritti cimsee beeka. Kitaabni sirna  galatoo du'a yoo ibsu "Hinaaffaan Seexanaan gara addunyaa kan gale (dhufe) " ittin jedha.

😈Seexanni ayyaana ilma namaaf kennameetti hinaafee ; Addaamii fi Heewan Waaqa uumaa isaanitti akka hinaafaan taasisee ;Waaqa ta'uu akka hawwan godhee addunyaa gara kan dhabsiise; Monoksee kanas kuffisuuf waggoota kumatamaa oliif baay'eewwan kan ittin kuffisan Seefii isaanii itti luqqifatan.

👨‍👩‍👦Abbaan Kun muudamuu hiriyaa isaanii yeroo dhaga'anitti hinaaffaa isaanii too'achuu hin dandeenye.Hinaaffaan cubbuu baay'ee hamaadha.Namni yoo ejje,yoo machaa'ees foon isaa xureessa. Hinaaffaan garuu yaadduu (qalbeeffattuu) kan taate lubbuu keessatti summii biqiluudha.Qaa'eel obboleessa isaa gaarrammii irratti akka garaa jabaatu kan taasise hinaaffaa ture.Milkaa'inni Abeel Qaa'eeliif kufaatii ta'ee waan itti mul'ateef hammeenyaan ajjeesuuf gahe.
👉Yooseef kan uffate halluun ishee baay'ee kan ta'e Qamisii faayamtuun sun obboloota isaarraa jibbinsa hamaa itti fiddee turte. Namni tokko bareedee faayamee yoo argamu  osoo du'ee fi isaan irraa adda bahee kan isaan gammachisu Obboloonni Yooseef bara hundumaa ni jiru. Yooseefis adabatee hin teenye.Deemee abjuu arge isaanitti hima ture.Waa'ee abjuu isaatiifis caalchisanii isa jibban jedha.

👨Yaa fira koo abjuu kee akkasumaan namootatti  hin facaasin .Abjuu gaafan siin jedhu raafte kan abjoottu qofa siin jechuu koo miti .Mul'ata kee,abdii kee,karoora kee yeroo beekan akka tokko tokko kan of taasisan  Obboloonni Yooseef bara hundumaa ni jiru. Hiikaan isaallee yoo isaaniif galuu baatellee abjuu hin hiikamnetti si jibbu. Homaallee yoo gochuu baatte "Maaliif  abjootte ?" Jedhanii hidhii sitti ciniinu.

👉 Yaa fira koo atis abjuu kee garramummaadhaan akka Yooseef himta yoo ta'e Egaa Waaqni Yooseef si haa eegu. 

Madda Dn Heenok Hayilee.   
Akka Malaakuu Kabbadaan hiiketti                
  KUTAA 2FFAAN ITTI FUFA....
KAN ITTI FUFE
KUTAA 2FFAA

  👉Hinaaffaan baay'ee ulfaatadha. Daawwit tikseen hoolaa guyyaa Gooliyaad ajjeese sana kan isaaf sirbame wanta hamaa kan itti fide sirbi tureera."Saa'ol Kuma ajjeese ;Daawwit Kuma kumatamaa ajjeese" jechaa sirbaniif. Sirbi tun gurra mootii Saa'ol bira gaafa geessu,Daawwititti waraana baay'ee itti darbachiiste.
👉Warreen gartuu Saa'ol ta'an namni biraa isaan irra gaafa galateeffamuu isaa argan hinaaffaan jaamanii maaddii irrattillee osoo hin hafin Seefii isaanii ni luqqisu.                                  👉Obboleessa mucaa bade sanaa yaadadhu.(Luq15:20) obboleessi isaa iddoo badee deebi'ee gammachuun gaafa taasifamu inni garuu muufate gara alaa bahee taa'e.
Yaa fira koo hinaaffaan Mana Kiristaanaa fi Mootummaa Waaqayyoo keessaa si baasa. Milkaa'inni nama biraa yoo si aarse akka obboleessa mucaa badee ala teessee biyyee haadhaa (caaraa)
" Lakkii gara manaatti ol hin galu" jechaa ofiin osoo haasoftuu hafta.                                 👉Qeequmsi warreen Ayihuudootaa Kiristoos irratti kaasan seeraaf quuqamanii osoo hin taane hinaaffaa irraa kan madde ture.

👉Philaaxoosuu 'Hinaaffaan dabarsanii akka isa Kennan ni beeka ture' jedha.Yeroo tokko tokko namoonni  hinaaffaa isaanii akka warreen Ayihuudootaa wanta biraan haguuganii qeequmsa ni dhiyeessu. Akka waan seera Waaqayyoof quuqamanii; sirnichaaf akka gaddan fakkeessuun,hinaaffaa fi jibbinsa keessoo isaanii jiru ni mul'isu. 

Diigamuu sanbataa, Qeesaariif gibira kaffaluu,Manni Qulqullummaa guyyaa sadii keessatti diigamee ijaarramuun akka isaan aarsee fi ciggaasisanii dubbatanis, dhugaan jiru garuu hinaaffaadha.

💒 "Hinaaffaan mana kee na nyaate" Gooftaan akkuma jedhe bara hundumaa hinaaffaan  garraamootaa fi (qulqulloota) baay'ee ni nyaatti .        
👨 Yaa fira koo kan biraatti ni Hinaafta yoo ta'e; ammuma kaansarii (cancer) keessa kee nyaatee fixu kanarraa of oolchi.
Mataa kee namoota biroo waliin hin dorgomsiisin.Lafa kana  irratti  Waaqayyo kan uume namni biraa si fakkaatu hin jiru.Si duursees sirritti namni biraa  si ta'e hin uumamne, gara fuuldurattiis hin uumamu.
Waaqayyo duraan kan hin hojjenne ,lamaffaas  irra deebi'ee kan hin hojjenne meeshaa filatamaa isaati waan taateef ofii kee namoota biroo waliin hin
dorgomsiisin.
🫵  Isiif qofa kan kenne Kennaan  jira waan ta'eef namoota biroo ilaaluu dhiisii ,eenyummaa kee isa qaalii keessoo kee jiru qootii baasi. Furtuun jireenya kee kan awwaalamee suma keessa.Warreen biroo irraanfadhuu gara ofii keetti gadi fageenyaan deebi'i.
Caaltee argamuu yoo barbaadde si amma jiru kana caalii si kan biraa guddaa ta'i.                                

👉👉Akka hinaaffaadhaan hin gubanneef namoota  biroos jaaladhu .
Yoo isaan jaalatte 'Jaalalli hin hinaafu waan ta'eef ' milkaa'inni isaanii siif madda gammachuu siif ta'a.Miirri hinaaffaas yeroo sitti dhaga'amu "Laphee koo hinaafaa naaf fayyisi" jedhii kadhadhu. 

🤌🤌🤌Koottaa Sirnaan yaa deddeebinu; sirbaa fi machiin hin ta'in ;ejjaafi halaalummatti hin ta'in; wal falmii fi hinaaffaan hin ta'in ( Rom 13:13).   

  Madda Dn Heenok Hayilee 
Akka Malaakuu.K hiiketti
''Foon keenya nyaata yoo dhabde baay'ee dadhabdi, Lubbuunis akkasuma nyaatashee kan ta'e sagalee waaqayyoo yoo dhabde baay'ee dadhabdi'' Abbaa Shinoodaa

Nyaatni foonii foon keenyaaf kan baay'ee barbaachisuufi jireenya guyyaa guyyaa keenyaa raawwachuu keessatti gaheen inni qabu baay'ee olaanaa ta'uun kan nama jalaa dhokatu miti. Kiristaanota jireenya samii(mootummaa waaqayyoo) abdii godhataniif garuu nyaata fooniin dabalatee nyaanni lubbuu akka barbaachisu gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yemmuu seexanaan qorametti namni nyaata qofaan hin jiraatu sagalee waaqayyoo dabalatee malee jechuun jireenya keenyaaf sagaleen waaqayyoo isa baay'ee barbaachisaa akka ta'e nutti himeera. Sagalee waaqayyoo kana fayyadamnee lubbuun keenya akka hin beelofne gochuun fayyina keenya raawwachuun immoo dirqama kiristaanotaati. Fayyina keenya raawwachuudhaaf lubbuun keenya beela'uu hin qabdu. Nyaata lubbuu keenyaa kan ta'e sagalee waaqayyoo dhaga'uufi dhaggeeffachuun qofaan immoo fayyina keenya raawwachaa jirra jechuun ni ulfaata. Kana jechuun isa  dhageenyu hojiitti hiikuunis barbaachisaadha. Hojiitti hiikuu keenyaan firiiwwan afuuraa kanneen jedhaman buusna. Firiiwwaan afuuraa buusuu keenyaan immoo ifni keessan namootatti haa ifu kan jedhame sana raawwanna jechuudha. Kanaanis waaqayyo keenya akkaa gammachiisne jiraanna. Yoo akkas hin taane garuu lubbuun keenya beela'aa waan jirtuuf osoo baay'ee nu jalaa hin dadhabiin dafnee beela jalaa baasuu qabna
.
Firii akkamii buusne?

Yaa ijoollee koo; har'a naaf heyyamaatii mee gaaffii tokko isin haa gaafadhu.Yeroo baay'ee mana kiristaanaatti ni deddeebitu. Gaariidha.Garuu jijjirama maalii fiddan? Firii akkamii  buustan? ni tajaajiltuu?Tajaajila keessan irraa bu'aa argattanii? Bu'aa buufattanittu yoo ta'e dhugumatti deddeebiin keessan deddeebii ogeessaa ture jechuudha.

👉Raajonni,duuka bu'oonni,lallabdoonni akkanatti osoo nu barsiisaa jiranuu,yoo hin jijjiramnu ta'e garuu, deddeebiin keenya hanga ammaa deddeebii warra Ayihudii ture jechuudha.
Warreen Ayihudootaa seerri ooritii kan kennameef,ishee akka Daawwititti fayyadamanii cubbuu isaanii keessatti ilaaluun gaabbii akka galaniif ture. Isaan garuu firii osoo ittin hin bufatin ,akkasumaan seerichaan boonu ture. waan maraafuu  jireenyaaf kan isaaniif kennamte seerittiin  du'a taatee argatan.Nutis abaarsaaf osoo hin taane eebbaaf kan nuuf kennamte Wangeelaan firii yoo hin buusne ta'e  adabbii warreen Ayihudootaa caalu nutti fida.

🤼‍♀Mee fakkeenya fudhadhee isin yaa hubachiisu.Namni walaansoo dorgomu tokko (wrestler) ,yeroo hundumaa morkataa isaa akkamitti moo'achuu akka qabu shaakala kan taasisu yoo ta'e; gahumsa isaa ni guddifata.Morkataa isaas haala salphaan moo'achuu danda'a.Yeroo yeroon ogeessi fayyaa beekumsa isaa foyyeeffatu (update) ,ogeessa cimaafi beekaa ta'a; akkasumas dhukkubsatootas daraan kan  yaaluu ta'a. Guyyaa guyyaadhaan dubbiin sagalee isaa kan nutti dubbatamu ;nutti hoo jijjirama akkamii  fidne?  Firii akkamii buusne? Kanan dubbachaa jiru warreen mana Kiristaanaa keessa waggaa tokko qofa turtaniif miti.Kanan dubbachaa jiru warreen ijoollummaa keenyaa kaasne mana Waaqayyootti deddeebinuufi malee.
Bara kana hunda mana isaatti osoo deddeebinuu firii yoo hin buusne;mana Kiristaanaa geenyee deebi'uun keenya bu'aa maalii qaba?
Abboonni keenya mana Kiristaanaa ni ijaaru maaliifi? Caal jenneetuma akka  keessatti walitti qabamnuufiidhaa? Kanaaf  taanaan iddoo gabaatti walitti qabamuu ni dandeenya.Abboonni mana Kiristaanaa kan nuuf ijaaraan  (bu'ureessan)jecha sagalee  Waaqayyoo akka keessatti barannuufi , jecha sagalee  isaa baranneenis firii akka itti buusnufi,Fooniifi dhiiga isaa akka itti fudhannuufi akkasumas walii walii keenya akka keessatti wal sirreessinuufi malee kaayyoo biraaf miti.  

Egaa firii buusneree.  
Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee
Torbeewwan sooma guddichaa keessaa inni torbaffaan NIQOODIMOOS jedhamuun beekama. Niqoodimoos eenyu? yoo jenne Faarisaawwii hangafa Ayihuudotaa akka ta'e wangeela guyyaa sana dubbifamurraa ni hubanna. Niqoodimoos faarisaawwii haa ta'uyyuu malee akka Farisootaa of agarsiisaa, of tuulaa kan hin taane raacitii Fariisootaarraa kan fagaate ( mat 23, mat 16:6), Mootii Kiristoosiifis qofaasaa dhaabbatee kan falme(yoh7:50-51), ulfaataa foon gooftaa keenyaas qul. Yooseef waliin kan awwaale(Yoh 19:39) qulqulluu kan ta'edha.
Farisaawwii ta'ee hojii Farisootaa kan hin hojjenne, Ayihudii ta'ee fedhii Ayihuudotaa kan hin hordofne barsiisaa ajaa'ibaa yoo ta'u guyyaa akka hin dhufneef Ayihuudotni waan isa mormaniif halkan gara Kiristoos dhufuun kan baratu ture. Ayihuudonni kan Kiristoositti amane mana qulqullummaa keessaa haa arii'amu jedhanii labsanii turan, Kanaafis ture namicha ijjisaa banameef baasanii kan arii'aniif (yoh 9:22). Akkasumas guyyaa hojiin waan itti baay'atuuf hojiisaa xumuree dadhabbiifi nuffii malee  halkan gara gooftaasaa dhaqee barata ture. Ooriitii guyyaa akkaa barsiise, halkan wangeela barata. Kakuu moofaa akkaa barsiise, kakuu haaraa kan baratu barataa cimaa  nuufis fooniifi lubbuu keenyaaf fakkeenya kan nuuf ta'udha. Sababnisaas yeroo isaa fooniifi lubbuusaaf sirriitti fayyadameera. Yerootti seeraan fayyadamuu jechuun akka Niqoodimoositti yoo fayyadamnedha.

Nuti hoo akka Niqoodimoos yeroo keenya seeraan fayyadamneerraa???
Guyyaa hojii foonii keenyaan baay'ee qabamnee yoo ooleyyuu sa'atii arganne fayyadamnee gara mana qulqullummaa dhufnee jecha sagaleesaa(wangeela) barachaa jirraa? Yeroo qabnutti fayyadamnee wanti nuti raawwannu maalidha? Akka Niqoodimoos nama halkaniin deemee baratudhamoo?, akka yihuudaa nama maaddii nuuf dhiyaate dhiisee bahudha moo? yeroo keenya bakka hin barbaachisnetti balleessinee waaqayyoon kan gaddisiisnudha laati? Manni kiristaanaa keenya garuu kan nu barsiistu akka Niqoodimoos gara gooftaa deemnee waa'ee lammaffaa dhalachuu akka barannu, halkaniinis dhufnee  waaqayyoon ulfinaan akka jajannudha
.
HTML Embed Code:
2024/05/17 17:41:54
Back to Top