TG Telegram Group Link
Channel: VOA Afaan Oromoo
Back to Bottom
Ajaja Sadarkaa Ol Aanaa Prezidaant Joo Baayiden Ilaalchisuun Ibsi Kenname
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6237613.html

TPLF fi mootummaan Itiyoopiyaa gara furmaata nageenyaatti dhufu taanaan, sababaa walitti bu’iinsaan kan dadhabe dinagdee Itiyoophiyaa deggeruuf qophee ta’uu Yunaayitid Isteetis beeksistee jirti.


Prezidaant Baayiden kan mallatteessan ajaja ugguraa waliin wal qabatee tarkaanfiiwwn itti aansuun fudhataman maal akka ta’e illee angawoonni Yunaayitid Isteetis ibsaniiru. Bulchiinsi Baayiden, rakkoon namoomaa kaaba Itiyoophiyaa jiru akka dhumatu trkaanfii isaan fudhatan akan ajaaibsiifatan itti aanaa ministrii yeroofii kan dhimmootii Sudaanii fi gaanfa Afriikaa Biraayan Hant, qaamotiin walitti bu’iinsa sana keessatti hirmaatan, gara mariitti hin dhufan taanaan, uggurri kaa’amu namoota dhuunfaa fi waaltaalee irra darbee, uummata Itiyoophiyaa fi Eertraa irratti kan hin fuuleffanne ta’uu Biraayant Hant ibsaniiru. Yunaayitid Isteetis gargaarsa namoomaa fi deggersa ka biroo Itiyoophiyaaf gootu kan itti fuftu ta’uus dubbatanii jiran.


Mootummaan Itiyoopiyaa fi TPLF lola dhaabiinsa marii irratti hundaa’e irratti mari’achuuf gargaarsi namoomaa danqaa malee akka deddeebi’u eeyamuuf tarkaanfii hiika qabu fudhatu taanaan, daandii addaa hordofuun ni danda’amaj. Yunaayitid Isteetis dinagdeen Itiyoophiyaa akka dandammatu deggeruuf qophee dha.


Tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban, tattaaffii jaarsummaa gamtaa Afriikaan hoogganamu simachuu, gareelee araar teessotaa ramaduu, haalduree tokko malee mariif walii galuu fi marii jalqabatti jiruuf afeerraa simachuu of keessaa qaba.gargaarsa namoomaa gama ilaaleen, konkolaattonni gargaarsaa akka boodatti hin hafne gochuu, etajaajila bu’uuraa kan akka elektirikii, telekominikeeshinii fi baankii fafakkaatan Tigraayiif bakkatti deebisuu of keessaa qabaachuu danda’a jedhan.


Walitti bu’iinsi sun furmaata waraanaan akka hiikamuu hin dandeenye mootummaan Itiyoophiyaa ni hubata jennee abdanna kan jedhan Brayaan Hant, Muummicha ministeeraa Abyiin dabalatuu itti fufiinsaan mari’ataa jirra jedhan jechuu dhaan Kennedy Abate Finfinnee irraa gabaaseera.
Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaden fi Paartilee Biroon Adeemsa Filannootti Hirmaachuu Dhabuu
https://www.voaafaanoromoo.com/a/addi-bilisummaa-biyyoolessaa-ogaden-filannootti-hirmaachuu-dhabuu/6237644.html

Addi bilisummaa biyyoolessaa Ogaaden fi paartilee kanneen biroon adeemsa filannoo itti aanu keessaa of baasuun isaanii jijjiirama akka hin fidne boordiin filannoo beeksise. Gorsituun kominikeeshinii boordichaa Sooliyaanaa Shimellis ibsa kennaniin, iyyata paartilee siyaasaan dhiyaateef furmaata fiduuf boordichi baatii tokko dura waan irraa barbaachisu raawwachuu isaa ibsanii, amma Addi bilisummaa biyyoolessaa Ogaden fi paartilee biroon adeemsa filannoo keessaa of baasuun ba’iis ta’e akkaataa hojii irratti jijjiirama hin fidu jedhan.


Fulbaana 20 kan geggeessamu adeemsa sagalee kennuuf boordichi qophee xumuruu isaa kan ibsan Sooliyaanaan, filannoo bara 2013 naannolee filannoon marsaa lamaaniin iyyuu hin geggeessamnetti kan geggeessamu dhimma filannoo hanga yoonaa murtiin hin kennamne.


Gorsituun kominikeeshinii boordii filannoo Sooliyaanaa Shimellis kaleessa ibsa kennaniin naannolee 47 keessatti kan geggeessamu adeemsa filannoo bbara 2013, sagalee hiree murteeffannaa kan naannoo kibbaaf geggeessamuuf qophiin barbaachisu xumurameera jedhan.


Paartilee siyaasaa filannoo kana keessatti hirmaataniif sabaa himaalee naannoo 9 keessatti yeron kennameefii dadammaqiinsa filannoo geggeessaa kan turan ta’uu ibsanii, qopheen meeshaalee dilannoos xumuramuu dubbataniiru. Haa ta’u malee Addi bilisummaa biyyoolessaa Ogaadeen guyyoota dura filannoo keessaa of bbaasuu ibsanii jiran.


Kana ilaalchisuun itti gaafatamaan quunnamtii uummataa paartichaa obbo Hasan Abdilqaadir VOAf akka ibsanitti naannoo Somaalee fi walumaa gala Itiyoopiyaa keessa sirna dhablummaa fi aangootti seeraan ala fayyadamuutu jira jedhanii, filannoo walabaa fi haqaa geggeessuuf haalli mijataan waan hin jiraanneef filannoo naannoo Somaalee keessatti geggeessamu irraa of hambisuu isaanii ibsanii jiru jedha Kenedii Abaatee Finfinnee irraa
Yaaliin Fonqolcha Mootummaa Sudaan Fashaluu Waraanni Biyyattii Beeksise
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6237654.html

Angawoonni Sudaan bara 2019 Omar al-Bashir aangoo irraa kaafamanii qabee kan biyyattii bulchaa jiru gumii siviliif waraanaaf rakkisaa kan ture yaalii fonqolcha mootummaa fashalsiisuu isaanii angawoonni Sudaan beeksisanii jiru.


Miseensa sivilii kan gumii sanaa kan ta’an tokko Rooyitersiif akka himanitti, yaaliin fonqolcha mootummaa halkan edaa erga taasisamee booda to’annaa jala ooleera jedhan. Dubbi himaa gumichaa kan ta’an Mohamed Al Faki Suleemaan akka jedhanitti qorannaan shakkamaa sana irratti geggeessamu eegaluuf jedha.


Qaamni biyya bulchu kun erga al Bashir aangoo fonqolchamanii qabee walii galtee aangoo qooddannaa laaffataa ta’een Sudaaniin hoogganaa jira. Bara 2014tti filannoo geggeessuuf illee karoorsee jira.


Waraanni biyyattii yaalii fonqolcha mootummaa sana guutummaan to’achuu isaa hoogganaan gumii waraana biyyoolessaa, Jeneraal Abdelfattaa Burhaan dhaabbata oduu mootummaa SUNAf ibsaniiru.


Maddeen mootummaa of utuu hin beeksisin ibsa kennan akka jedhanitti yalaiin fonqolchaa sun tattaaffii radio mootummaa kan laga Nile gama fuullee Kaartuum jiru Omdurman keessaa to’achuu illee of keessaa qaba ture.


Kanneen ijaan argan akka jedhanitti murna waraanaa kanneen gumichaaf amanamoo ta’an riqicha Kartuumii fi Omdurmaniin wal agarsiisu taankiitti gargaaramuu dhaan har’a ganama cufanii jiran. Yaaliin fonqolcha mootummaa garee al-Bashiriif amanamoo ta’aniin geggeessamee angawoota yeroo ce’umsaaf qormaata ta’e isa jalqabaa akka hin ta’iniif kana duras yaalii wal fakkaatu fashalsiisuu isaanii angawoonni dubbatanii jiran.
Prezidaant Baayden Guddinni Addunyaa Hunda Ofitti Haammatu Akka Jiraatu Gumii Tokkummaa Mootummootaaf Ibsan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6237665.html

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden wixata gumi tokkummaa mootummaa irratti akka hoogganaa biyyaatti ennaa dhiyaatan, diplomaasii ilaalcha addunyaa irratti kan fuuleffate kan hunda hirmaachise beeksisu jechuu dhaan angawoonni bulchiinsa isaanii beeksisaniiru.


Angawaan bulchiinsichaa tokko gaazixeesotaaf ibsa kennaniin, prezidaanti Baayidenii fi hooggana isaaniif, waltajjii addunyaa irratti waa’ee naggeenya biyyoolessaa kan Ameerikaa fi nageenya addunyaa maraaf badhaadinaaf dursi kennamuu isaa kan itti beeksisan torrban barbaachisaa dha jedhan.


Ejjennoon kun kalattii dhaan kan prezidaantichi duraanii Doonaald Traamp Ameerikaan Haa dursitu jedhaniin faallaa dha.


Gumiin waggaa kun biyyoota miseensota 193 ta’aniif baraachisummaa rakkoo naannoo fi addunyaa mudate ilaalchisee jiru mari’aichuuf carraa kennaaf.


Baayiden, hoogganoota biyyaa 100 ta’an waliin waajjira haadhoo Tokkummaa Mootummootaatti wal arguuf jecha wixata kaleessaa galgala gara New Yorkitti imalanii jiran.


“Haasaan isaan gumii sana irratti dhageessisuuf jiran, rakkoolee ijoo ta’an dura dhaabbachuuf michootaa fi waaltaalee walitti fiduu dhaan, boqonnaa waraansa waggoota 20 cufnee, boqonnaa dipilomaasii cimaa ta’e banna yaada jedhu irratti fuuleffata.


COVID-19, jijjiirama qilleensaa, teeknooloojii guddataa jiruu fi qajeelfamootaaf daandii daldallii fi dinagdeen irra jiru, bu’uura misoomaa qulqulluu kan malaammaltummaa irraa walaba ta’e irratti maallaqa baasuu, farra shororkeessummaa mala hammayyaan dura dhaabbachuu, kanneen cimoo ta’an waliin dorgommii cimaa geggeessuu malee bara waraana qabbana’aa haaraan itti geggeessamu miti jedhan.
Ajajaan WBO-Zoonii Kibbaa Duraanii Gollichaa Dheengee Karaa Nagaa Qabsaa’uuf Murteeffachuu Isaanii Beeksisan 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6237346.html

Ajajaan riphxee-loltoota Mootummaan “Shanee” jedhee waamu, isaan ammoo Waraana Bilisummaa Oromoo jechuun of waamatti ajajaa Zoonii Kibbaa ka turan, Goollicha Dheengee, karaa nagaa qabsaa’uuf murteessuu isaanii beeksisuun isaanii himamee jira.


Goollichi, waliigaltee dhiheenya WBOn Adda Bilisummaa Uummata Tigraay, ABUT wajjin hojjachuuf tolfate mormuun murtoo kanarra ga’uu isaanii beeksisan.  


Aangawoota Mootummaa Dirree Xayyaaraa Booleetti arganuun Goollicha simatan keessaa tokko ka tahan dubbi-himaan mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa, “Mootummaan murtoo Goolichaa gama gaarii isaan ilaala” jedhan.


Hooggantoota Waraanaa Bilisummaa Oromoo, kan mootummaan “Shanee” ittiin jedhu dhimma kana irratti akka yaada isaanii nuuf kennan gaafachuuf carraaqqiin goone ammaaf hin milkoofne.


Gabaasaa guutuu caqasaa






 
Prezidaantiin Masrii Furmaanni Akka Aramuuf Gaafatan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/prezidaantiin-masrii-furmaanni-akka-aramuuf-gaafatan/6241331.html

Hidha laga Abbayyaa kan Itiyoophiyaa keessaa akkaataa itti hojii irra ooluu danda’uu ilaalchisee, walii galteen kan walii galaa madaalawaa fi seera-qabeessa ta’e akka argamuuf prezidaantiin Masrii Abdel Fattah Al sisi gaafatanii jiru. 


Ibsa dursee waraabamee Kan Al Si Sii Kaayroo irraa Kibxata kaleessaa kora gola naga eegumsaa irratti kan dhiyatee Kanaan, Masriif akkaan barbaachisaa kan ta’e laga Abbayyaa  irratti hidha ijaaramee kan ilaaleen biyyi isaanii gadda kan qabdu ta’u ibsan.   


Masrii fi Sudaan  golli naga eegumsaa marii hoggantummaa gamtaa Afrikaan gaggeeffamuu akka itti fufuu akka taasisuu,  kunis falmii Itiyoophiyaa waliin jiru kan furu ta’u dubbatu. 


Itiyoophiyaan immo golli naga eegumsaa keessa seenuu mormaa jirti. 


   
Jaarmayoonni Soddomnii Haala Tigraay Keessaa Kan Ilaaleen Xalayaa Galfatan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/jaarmayoonni-soddomnii-haala-tigraay-keessaa-kan-ilaaleen-xalayaa-galfatan-/6241340.html

Korri waggaa kan Tokkummaa Mootummootaa magaala Niiw yoork keessatti gaggeeffamaa yeroo jiru kanatti, jaarmayoonni 30 wal ta’uun barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarreesii fi biyyoota miseensa dhaabbataa kan gola naga eegumsaa ta’aniif har’a xalayaa dhiyeessanii jiru. 


Kunis hokkaraa fi beela Tigraay keessaa xumura akka argatuuf  tarkaanfiin hatattamaa haa fudhatamuu gaaffii jedhu qaba. 


Baatii Sdaasa bara 2020 kaasee uummanni siviliin kan Itiyoophiyaa gama kaabaa  gargaarsa dhala namaa, tajaajiila baankii fi qunnamtii jiran irraa cituun uummannii miliyoona tokko ta’u haala beela fakkaatu keessa akka jiran akkasumas hedduun qarqara afaan beelaa irra kan jiran ta’u ibsee jira. 


Wal waraansii kutaa sana keessatti gaggeeffamee hokkara saalaa dabalatee dhiittaa mirga namoomaa bal’aa geesisuu akkasumas nama beeleessuu akka meeshaa waaraanaatti gargaaramuu fi uummata hedduminaan godaansisuun akka jiru ibsee jira. 
Seera Tumtoonni Liibiyaa Seera Jijjiran
https://www.voaafaanoromoo.com/a/seera-tumtoonni-liibiyaa-seera-jijjiran/6241369.html

Seera tumtoonni Libyaa mootummaa ce’umsaa biyyatti keessatti sirnii caalmaa sagalee akka hojii irra hin oolleef raggaasiisan.


Tarkaanfiin kun immo filannoo waggaa kana dhumatti gaggeeffamuuf karoorfame ture irratti caalaatti shakkii uume.,  Mummichi ministeera Libiyaa Abdul Hamid Dbeibah akka jedhanti,baatii Muddee dhufu  filannoo gaggeessuuf karoora ba’e akka hojii irra ooluuf, mootummaan isaanii dhiibbaa godha. 
Korri Waggaa Kan Tokkummaa Mootummootaa Itti Fufee Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6241406.html

Mummichi ministeera Briiteen, prezidaantii Viyeetnaam fi prezidaantiin Maalaawii hogganoota addunyaa kanneen Robii har’a haasawaa dhageesisuu jedhamuun sagantaa irra ka’aman keessa jiran. 


Mummichi ministeera Briteen Jaansan guyyoota hanga tokko dursuun haasawaan dhageesiisan irratti kan irratti qiyyaafatan, jijjiirama qilleensaa kan ilaaleen tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu, kunis sagantaa dinagdee addunyaa bayyanachiisuu uumamam irratti hundaa’eetu barbaachiisa jedhan.  


Biyyonni dureeyyiin guddiina faalama qilleensaa dhaqqabsisee irraa bu’aa argatanii jiru kan jedhan Jaansan amma immo biyyootiin guddataa jiran  dinagdee isaanii qilleensa uumamaa keessatti akka guddisan, kunis haala waariinsa qabuun akka ta’u wiixata dabree dhaamsa Twitarii irratti barreessaniin hubachiisan. 


Mummichi ministeeraa Jaansan yaada kana kan kennan, prezidaantii Yunaaytid Isteets Joo Baaydin waliin Waayit Haawus keessatti erga wal arganii booda. 
Yunivarsitii Ambootti Eebbifamaan Qabxii Ol'aamaa Fiduun Badhaafame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/6241562.html

Barataan Yunivarsiitii Amboo ka Muummee Barnoota Ikoonomiksii, eebba barannaa irratti guutummaa Yunivarsitichaatti qabxii olaanaa fiduun waancaa fi medaaliyaa warqee badhaasame, Daanyee Beeksisaa, “Kun cimee hojjachuun koo bu’aa naaf argamsiise” jedha.  


Daanyeen, achuma Yunivarsitichatti hafee barsiisaa akka tahu abdiidhaan dubbata. Rakkoolee fi yaaddoo qabullee ibsee jira. Eebbifamtoota Yunivarsitichaa ka bara kanaa biroo itti dabalee, gabaasaan Naakoor Malkaa qindeesse kanatti aanee dhihaata.  






 
Ba’iin Filannoo Jarmanii Eegamaa Jira
https://www.voaafaanoromoo.com/a/ba-iin-filannoo-jarmanii-eegamaa-jira/6247594.html

Filannoo paarlaamaa Jarmaniif sagaleen kennamee kan dursaa akka agarsisuutti, paartii sooshaal Deemookraat jedhamu harka caaluun injifataa jira.paartileen adda addaas  eenyuutu bakka chaansilar Angeelaa Markal bu’a? jechuun wal dorgomaa jiran. 


Paartiin sooshaal Demookraat Dilbata kaleessaa sagalee 100 keessaa harka 25.7 kan argatee yoo ta’u paartiin Chaansilar Angeelaa Merkal kan Kristiyaan  Demokraatiik Yuniiyan jedhamu sagalee harka 24.1 argachuun itti aanaan. 


Merkal waggoota 16f aangoo irra turanii eega gadhiifnaan booda, angawoonni paartii soshaal deemookraat, nutuu biyya Awuuroopaa keessatti dinagdee guddaa qabdu Jarmanii hoggana jechuun dorgomaa jiran. 


Waggaan kun ituu hin xumuuramiin dura, mootummaa haaraa kan wal taatootaa dhaabuufiis paartilee xixxiqqaa akka qunnamuuf jiran ibsan.  


Chaansilar Merkal hanga namnii isaa bakka bu’u argamuutti yeroof hojii mootummaa gaggeessuu itti fufuu. 
Tuniziyaa Keessatti Uummanni Mormii Dhagesisee Jira 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/tuniziyaa-keessatti-uummanni-mormii-dhagesisee-jira-/6247610.html

Lammiwwan Tuniziyaa kuma hedduun Dilbata kaleessaa hiriiruun prezidaant Kaaiis Saiid aangoo qabachuu isaanii morman.Mufannaa jabaan kan irratti mullate hiriira kana irratti prezidaantichii aangoo akka gadhiisaniif gaafatan.  


Saiid torban kana heera bara 2014 ba’e irra hedduu foyyeesuun erga mummicha ministeeraa aangoo irraa ari’anii baatii lama booda, akkasumas paarlaamaa hojii dhaabsisuun of aangoo walii galaa dhunfatan. 


Hiriirtoonni gama isaanii kun yaaliin fonqoolchaa waan ta’eef akka kufuu barbaanna jechuun sagalee dhageesiisan. 


Hiriira wal fakkaatuu bara 2011gaggeeffame bulchiinsa prezidaantiicha duraanii barri aangoo isaanii akka xumuuramu taasisuun ni yaadatama. 


Sa’iid akka jedhanti, tarkaanfiin fudhadhee akka mormiitonni koo jedhan sana fonqoolcha mootummaa miti. Laamsha’uu gama siyaasaa fi dinagdee jabeessee akkasumas deebii dadhabaa kan weerara vaayrasii Koronaaf kennamaa jiru, foyyeessuuf malee jedhan. 


Mirga nama maraa nan eegsiisa malee abbaa irraa hin ta’u jechuun waadaa seenan. 
Aadde Adaanech Abebee Kantiibaa Magaalaa Ta’uun Filataman
https://www.voaafaanoromoo.com/a/aadde-adaanech-abebee-kantiibaa-magaalaa-ta-uun-filataman/6248926.html

Manni maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee har’a hundeeffamee jira. Kan haaraa hundeeffame bulchiinsi magaalattii aadde Adaanech Abebee kantiibaa gochuun filatee jira.


Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee ta’uu dhaan miseenosta mana maree magaalattii 138n sagalee guutuun kan filataman aadde Adaanech Abebee, mana maree sana duratti hirbuu erga seenanii booda haasaa dhageessisaniin, manni maree haaraan kan hundeeffame filannoon akka hin geggeessamne gochuuf kan ture jiddu seeniinsa alaa dura dhaabbachuun adeemsa filannoo ta’eni jedhan.


Waggoota shanan itti aananiif carraa Finfinnee bulchuu kan argate bulchiinsi isaanii, damee qiyyaafata itti kennu ijoo keessaa, malaammaltummaa ittisuun tokko ta’uu kantiibaan kun tuqanii jiru.


Hawaasichaaf qormaata kan ta’e qaala’ina jireenyaa ittisuu gama ilaaleen hiyyeeyyii irratti hojii fuuleffatee fi dargaggootaaf hojii uumuu irratti qiyyaafati kan itti kennamu ta’uu aadde Adaanech ibsaniiru.


Manni maree haaraa hundeeffame, paartii badhaadhinaaf afaan yaa’ii ta’uun kaadhimummaan kan dhiyeesse, aadde Buzeenaa Alqaadir afaan yaa’ii, dubree Faayizaa Mahaammad itti aantuu afaan yaa’ii gochuun kan filate yoo ta’u filatamtoonni kunis hirbuu seenuun hojii jalqabaniiru.


Waxabajjii 14 bara 2013 filannoo geggeessameen boordiin filannoo kan ibse bakka bu’oota mana maree uummataa 425 keessaa barchuma 410 kan injifate jpaartiin badhaadhinaa bulchiinsawwan magaalaa fi naannoo hundeessuu kan jalqabe yoo ta’u, guyyoota hanga tokko booda immoo mootummaa federaalaa hundeessuuf qophii irra jira.
Maqalee Keessatti Hiriirri Geggeessame
https://www.voaafaanoromoo.com/a/maqalee-keessatti-hiriirri-geggeessame/6248934.html

Hawaasi Yuniversitii Maqalee kumatti hedamu sambata jechuun Fulbaana 15/2014 magaalaa Meqeleef gargaarsi midhaan nyaataa fi dawaan akka ergamu hiriira gaafatu gggeessanii jiran. Hiriirtonni kun Tigraay keessatti kan uumame beela harki namaa fide ta’uu isaa tuqanii, gaaffii isaanii gamasitti kan argaman hawaasa sadarkaa addunyaaf xalayaa isaanii galfataniiru.  


Hiriira sana irratti kan argaman keessaa tokko Dr. Kaashisaa Taaddelee ti. Dr. Kaahisaan Yuniversitii Maqaleetti barsiistuu fi qorattuu dhimma qabeenyaa beeladaalee ta’uutti dabalee, Yuniversitii sana keessatti daayiiktera waaltaa dhimmootii saalaa ti. Kaayyoo hiriira sanaa akkas jechuun ibsan.


Akeeki hiriira kanaa inni ijoon sagalee uummata keenyaa dhageessisuu dha. Tigraay keessatti waan uumame ni argina. Beelli harki namaa fide jira, hanqinni dawaa jira. Haala kanaan attamiin sagalee keenya dhageessisna. Tokkummaan mootummootaas furmaata kallattii akka kennu jechuu dhaan sagalee hawaasichaa dhageessisuuf baane jedhan. Haala beelli harki namaa fideen ijoolleen, dubartoonni du’aa waan jiraniif furmaanni hatattamaa akka kennamu gaafachuufi jedhan.


Hiriirtonni hawaasa yuniversitii Maqalee xalayaa isaanii waajjira baqattootaa kan tokkummaa mootummootaatti kan galfatan yoo ta’u, bakka bu’aan sagantaa nyaata addunyaa hiriira sana irratti argamuu dhaan xalayaa sana harkaa fuudhaniiru jechuun Alem Fissehaa Meqelee irraa gabaaseera.


Gama biraan gargaarsa midhaan nyaataa erguu gama ilaaleen kana dura dura ibsa kan kennan itti gaafatamtuun kutaa presii kan waajjira muummicha ministeeraa Billenee Siyyuum Rakkooon deggersi dhaqqabuu yoo jiraate, gaaffiin dhiyaachuufiin kan irra jiraatu qaama rakkoo sana uumaa jiruuf jedhanii turan. 


Uummata Tigraayiin gargaarsi akka hin dhaqqabne gochaa kan jiru, saamicha kan raawwataa jiruu fi dhiyeessii midhaan nyaataa butee waraansaaf oolchaa kan jiru TPLF jedhan. Ministriin nagaa Mufriyaat Kamiil, torbee VOAf ennaa ibsan, naannoo Tigraayiif gargaarsa ittiin ga’uuf adeemsi jiru mijataa akka jiru ibsaniiru. Konkolaattonni gargaarsa fe’atan, keellaa sakatta’aa isaan irra dhaabatan fakkeenyaaf sagal irraa gara lamaatti gad siqeera jedhanii turan jechuun isaanii ni yaadatama.  
Ministeerri Haajaa Alaa Ertaa Kora Waggaa Tokkummaa Mootummootaa Irratti Kaleessa Haasawaa Dhageesisan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/ministeerri-haajaa-alaa-ertaa-haasawaa-dhageesisan/6249126.html

Sagalee dursee waraabamuun kaleessa koran waggaa kan Tokkummaa Mootummootaa irratti dhiyaate kanaan addunyaan  yeroo ammaa rakoo gurguddaan qabamtee akka jiru kan ibsan ministriin dantaa alaa Ertraa Osmaan Saalee.


Isaanii weerara dhukkuba KOOVIID-19 , jijjirama qillensaa fi addunyaa irratti gama Humna qabaachuun jijjirama jiru maqaa dhahaan.


Waa'ee hidha laga Abbayyaa kan ilaaleen Itiyoophiyaa Masrii fi Sudaan gidduu fedhii fi amantii gaarii jiruutu fura malee gidduu seensa addunyaa miti jedhan.


Amerikaa fi Awuroopaan wal taatoota isaanii waliin akka jecha isaanii gocha balaa'amaa ABUT rawwtuuf deebiin kennan Ertraan hin fudhattu jedhan.


Gabaasa Guutuu Caqasaa






 
Nagaa Kan Ilaaleen Dubbataa Jirra :Dr. Dabratsiyoon Gabra Mikaa’eel
https://www.voaafaanoromoo.com/a/nagaa-kan-ilaaleen-dubbataa-jirra-dabratsiyoon-/6249163.html

Jiloota Yunaaytid Istees kan Awuroopaa fi Gamtaa Afrikaa waliin waa’ee nagaa dubbataa jirra kan jedhan Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa’eel prezidaantii Amerikaa Joo Baaydiin waamicha nagaaf dhiyeessan kan simanneef uummata keenyaaf bu’aa waan qabuuf jedhan. 


Sababaa deelaan lakkoobsii namoota Tigraay keessatti du’anii dabalaa adeemuu isaa ibsanii kanneen gargaarsii akka hin seennee karaa cuufan humnaan bansisuuf tarkaanfii fudhachuu qabna jedhan. 


Bulchiinsa naannoo Afaarii fi Amaaraa keessatti akka jecha isaanti, humnootiin Tigraay namoota nagaa ajjeesan jechuun oduun dhaga’amu soba jechuun fudhatama dhabsiisanii qaama walaba ta’een akka qoratamuuf ni ehamna jedhan. 


Deebii gama mootummaa Itiyoophiyaas dabalatee gabaasa ergame caqasaa.






 
Itiyoophiyaan aangawoonni dhaabbata Tokkummaa Mootummootaa toorba biyyattiidhaa akka bahan murteessite
https://www.voaafaanoromoo.com/a/itoophiyaan-hojjattoota-mootummaa-tokoomani-torba-biyaa-akka-bahan-jette/6252071.html

Itiyoophiyaan aangawoonni dhaabbata Tokkummaa Mootummootaa toorba sa’atii 72 keessatti biyyattii keessaa akka bahan murteessuu ishee Ministarri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa beeksisee jira


Dubbi-himaan Ministirichaa ibsa har’a baasaniin, Itiyoophiyaatti itti-gaafatamtoota waajiraa dhaabbata gargaarsa daa’immanii yokaan UNICEF fi kan dhimnma gargaarsa namoomaa jaarmayichaa, akkasumas itti-gaafatamaan garee waajjjira qindeessa dhimma mirga namoomaa jaarmayichaa dabalee namoota toorba irratti, “dhimma Itiyoophiyaa keessa harka galfatan” jechuun, mootummaan murtii “Persona Non Gratta” yokaan “namnoota fudhatama hin qabne” jedhu irratti baasuu isaa beeksise.
Gareen Mirga Dhala Namaaf Falmuu Waa’ee Itiyoophiyaa Ibsa Kenne 
https://www.voaafaanoromoo.com/a/gareen-mirga-dhala-namaaf-falmuu-waa-ee-itiyoophiyaa-ibsa-kenne-/6253560.html

Itiyoophiyaa keessatti mootummaa haaraan ituu hin hundeeffamiin dursee, dhiittaa mirga namoomaa fi miidhaa Tigraay keessatti dhaqqabe jedhame irratti dubbachuuf jecha gareen mirga dhala namaaf falmuu Hiyumaan Raaytis Waach(HRW) Kamiisa kaleessaa tuuta oduuf ibsa kenneen jira. 


Kaayyoon waltajjii kanaas mootummaa haaraan Itiyoophiyaa keessatti ituu hin hundeeffamiin dura, hogganoonni biyyaa kanneen Finfinnee keessatti wal ga’an, dhaqqabaa jiru kan jedhman diittaa mirga namoomaa hubachuu akka danda’an akkasumas, Hiyumaan Raaytis Waach, mootummaan Itiyoophiyaa bulchiinsa naannoo Tigraay irra ugguura ka’ee jira jechuun kan himataa ture gargaarsaa akka hin dhaqqabnee marsanii turuu sana akka kaasuuf, hogganoonni biyyootaa mootummaa Itiyoophiyaa irratti dhiibbaa akka godhan gaafachuuf akka ta’e ibsee jira. 


Gareen mirga dhala namaaf falmuu kun dursee ibsa barreeffamaan baaseen, Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti walitti bu’iinsii gaggeeffama jiru mallattoo qabanaa’uu agarsiisaa hin jiru jedhee jira. 


Dhuma Baatii onkolooleessa darbee kaasee looltoota Itiyoophiyaa fi Ertraan gaggeeffamee kan jedhamee, gocha gara jabinaa fi namoota walitti qabuun ajjeesuu, humnaan gudeeddii bal’inaan gaggeeffamee, bu’uura misoomaa sivilootaa irratti beekaa haaleellaa gaggeessuu, akkasumas milishoota Tigraay keessa sosso’aniin baqattonni Ertraa gudeedamuu gabaasaa kan ture kan ibsee Hiyumaan Raaytis Waach, jaarmayoonni gargaarsaa akkaan barbaachisaa ta’an kan akka nyaata, boba’aa, dawaalee, akka Tigraay hin dhaqqabneef mootummaan Itiyoophiyaa beekaa marsee eeguu itti fufee jira jedha. 


Kana malees walitti bu’iinsii kun gara bulchiinsa naannoo Afaarii fi Amaaraatti eega baballatee booda, miidhaan dhala namaa irra ga’e gabaasaaleen itti fufee ba’uuf akka jiran kan ibsee ta’uus, gocha kanaaf itti gaafatamaa ykn shakkamaan eenyu akka ta’e garu hin ibsinee. 


Mootummaan Itiyoophiyaa shoroorkeessaa jechuun kan ramadee HIWHAAT kan hogganan Dr.Dabratsiyoon Gabra Mikaa’eel dhuma torban dabree tuuta oduuf ibsa kennan irratti, hidhattonni isaanii siviiloota irratti haleellaa kan hin gaggeessine ta’u kan dubbatan yoo ta’u hogganoonni HIWHAAT kanneen biroonis himata irratti dhiyaate soba jechuun qaama walabaan qorannoon akka gaggeeffamu ennaa gaafatan dhaga’amu. 


Gama kaaniin rakkoo gargaarsa dhala namaa Tigraay keessa jiruuf HIWHAAT itti gaaftamaaadha jechuun kan himatu mootummaan Fedeeraalaa, ibsa adda addaa kennee irratti HIWHAAT daandilee cufuun, midhaan gargaarsaa fi dhiyeessii kanneen biroo akka saamuu, kokolaataan gargaarsa geessan deebi’anii akka hin galle ittisuu dubbatu. 


Dhiyeessii gargaarsaa jiru haala salphaan dhaqqabsisuuf ulaa sakata’aan duraan turan 9 irraa  gara 2tti gad busuu dabalatee, tarkaanfii fudhatamees ni ibsan.kana malees Tigraay keessatti dhaqqabe jechuun himannaan dhiyaatan,garee yakkamaa ittiin jedhan HIWHAAT fi deggertoonni isaanii uumanii kan odeessan fakkii sobaati jedhuun itti aanaa mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dammaqee Mokonniin kora waggaa 76faaa kan tokkummaa mootummootaa irratti sambata dabree dubbachuun isaanii ni yaadatama. 


Motummaa haaraa kan Itiyoophiyaa Wiixata dhufu hundeeffama jedhamee egama. 
Hojjattoonni Tokkummaa Mootummootaa torba Itoophiyaa dha akka bahan murteeffamuu ilaalchisee deebiiwwan qaamonni adda addaa kennan
https://www.voaafaanoromoo.com/a/hojjattonni-un-7-itoophiyaa-keessa-akka-bahan-itti-himame/6253817.html

Mootummaan Itiyoophyaa hojjettoota gargaarsa namoomaa kan tokkummaa mootummootaa torba biyya isaakan baasu ta’uu beeksise. Mootummaan, angawoonni kun dhimma keessoo kan biyyattii jidduu seenan jechuun himate. Muumichi barreessaan tokkummaa mootummootaa himannaan kun kan isana rifachiise ta’uu dubbatanii, hojjettoonni kun hojii isaanii akka itti fufan gochuuf Itiyoophiyaan akka eeyamtu mootummaa waliin dubbataa jiraachuu ibsan. 


Mootummaan Itiyoophyaa karaa ministeera ofii kan alaa kaleessa angawoota ol aanoo kan dhaabolii gargaarsaa kan tokkummaa mootuummootaa torba biyyattii keessaa baasuu beeksise.


Ibsa bal’aa utuu hin kennin, mootummaan hojjettoonni gargaarsaa kun dhimma keessoo jidduu seenan jechuun himate. Kanneen biyyattii dhaa baafaman keessaa jarmayaa gargaarsa daa’immanii kan tokkummaa mootummootaatti bakka buutuu damee Itiyoophiyaa kan ta’an Adele Khodor, waajjira komiishina mirga namaa ol aanaa kan tokkummaa mootummootaaf hoogganaa garee to’attootaa kan ta’an Sonny Onyegbula fi angawoota shan kan waajjira gargaarsa qindeessu kan tokkummaa mootummootaa, fi gorsa dhimma nageenyaa fi misoomaa Kwesi Sansculotte ti.


Ministriin dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinken angawoonni tokkummaa mootummootaa Itiyoophiyaa keessaa baafamuu ilaalchisuun ibsa kennanii jiran.


Mootummaan Itiyoophiyaa aangawoota tokkummaa mootummootaa 7 biyya isaa keessaa baasuuf karoorafachuu isaa kan jabinaan balaaleeffatte yunaaytid Isteetes, murtiin kun battalumatti akka keessa deebi’amu gaafattee jirt jedhan.


Dhimmi kana irratti mootumaan naannoo Tigraay inni ABUT-n ogganamu ibsa guyyaa ar’aa baaseen haryatamuun ojjattootaa gargaarsaa seera adduunyaa kan gargaarsa namoomaa fi kan mirgaa namoomaa waan cabsuudha jechuudhaan balaaleffateera.


Ibsii fuula tiwuutaraa dubbi- himaa Adda bilisummaa uummata Tigraay Geetachoo Radda irratti manxanfame kun , akka mootummaan Itiyoophiyaa adeemsa gargaarsaa danqaa jiru ibsee ,kanaan duras jarmiyaalee gargaarsaa kan akka Mediisin San Froontees (MSF) , Noorwejiiyaan refiwuujii kawunsil (NRC) fi Al Maaktoom Faawundeshiin jedhaman akka biyyaa baasan himeera.


Gochaa mootummaan Itiyoophiyaa raawwate kanaaf manii maree mootummoota gamtoomanii murtoo lakkoofsa 2417(2018) akka iiratti dabarsuus gaafateera ibsii mootummaa naannoo Tigraay kun.


Seerrii mana maree kun seera warren ykn biyyoottan namootta beelessuu akka meeshaa waraanatti fayyadaman ittiin adabamanuudha.






 
Muummichi Ministaraa Abiyyi Ahmed fi Paarlaamaan Itiyoophiyaa Bulchiisa Marsaa Haaraaf Kakuu Fudhatan   
https://www.voaafaanoromoo.com/a/itiyoophiyaa-bulchiisi-marsaa-haaraaf-kakuu-fudhatan-/6256934.html

Itoophiyaan har'a mootummaa haaraa har'a hundesssitee jirti. Obbo Taaggasee Caafoo Afyaa'ii mana maree bakka bu'oota ummataa, Aaddee Loomii Baadhoo itti aantu afayaa'ii mana maree bakka bu'oota ummataa ta'uun muudamaaniru.


Dr.Abiy Ahmad Ali muummee minisitira Itoophiyaa ta'uun muudaman. Obbo Aganyew Tashaagar Afayaa'ii mana maaree federeeshinii fi Aadde Zahaaraa Umad itti aantuu Afyaa’ii mana maree federeesiinii ta'uun muudamanii jiru. 
HTML Embed Code:
2024/06/16 07:36:06
Back to Top