TG Telegram Group Link
Channel: TIKVAH AFAAN OROMOO
Back to Bottom
Bulchiinsi Yeroo #Tigraay himannaa Humna Saffisaa Sudaan #ABUT irratti dhiyeesse kufaa taasise

Humni Saffisaa Sudaan (#RSF), humnoonni Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) Waraana Idilee Sudaan Janaraal Abdulfattaah Al-Burhaanin durfamu waliin hiriiruun waraana Sudaan keessatti hirmaachaa jiru jechuun himannaa dhiyeesse bulchiinsi yeroo Tigraay haale.

Humni Saffisaa Sudaan ibsa tibbana baaseen “Waraanni Idilee Sudaan loltoota biyya alaa bobbaasuun lolaa akka jiru miidiyaalee idil addunyaan mirkanaa’eera” jechuun, loltoota biyya alaa kanneen keessaa humnoonni ABUT akka argaman ragaa qabaachuu ibse.

Dhimmicha irratti ibsa kan baase Bulchiinsi Yeroo Tigraay, himannaan Humna Saffisaa Sudaan “bu'uura hin qabu'' jechuun kuffiseera. “Humni Saffisaa Sudaan deeggarsa idil addunyaa argachuuf jecha himannaa kana dhiyeesse,” jedhe. #AS

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Guyyaa har'aa balaliin Daandii Xiyyaaraa Itiyoophiyaa lakkoofsi ET154 Hawaasaa irraa gara Finfinnee imalaa kan ture yoo ta'u, aarri xiyyaaricha keessatti mul'ateera.

Haa ta'u malee xiyyaarichi akka ibsetti imaltoonni hundi Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Finfinnee Booleetti nagaan gahuu isaanii ibseera.

"Yeroo ammaa kana sababni taatee kanaa qoratamaa jira," jechuun Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa taatee mudateef maamiltoota isaa dhiifama gaafateera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Harargee Bahaatti Balaa Tiraafikaa Mudateen lubbuun namoota 4 darbe

Godina Harargee Bahaa Aanaa Meettaatti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 4 darbuu Waajjirri Poolisii Aanichaa beeksise.

Balaan kun Aanaa Meettaa ganda Calanqoo Lolaatti har'a ganama sa'aa 2:00tti Konkolaataan dhaabbata deeggarsa Sagantaa Nyaata Addunyaa Jibuutiirraa midhaan deeggarsaa fe'uun gara Finfinnee imalaa ture kufee garagaluun miidhaa kana qaqqabsiisuu Waajjira Poolisii Aanaa Meettaatti Qindeessaan Kutaa Tiraafikaa Inispeektar Badhaasaa Abbabee himaniiruu.

Dubartoonni daandiirratti Jimaa daldalan 3 fi konkolaachisaan battalumatti du’uu isaanii Inispeektar Badhaasaan ibsaniiruu.

Saffisaa humnaa oliin konkolaachisuun balichaaf sababa ta'uus eerameera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Embaasiin Ameerikaa Asmaraatti argamu waggaa torba booda tajaajila viizaa kennuu jalqabe

Embaasiin Ameerikaa #Eertiraa, Asmaraatti argamu, torban dhufurraa eegalee tajaajila viizaa waggaa torbaaf addaan citee ture akka jalqabu Ebaasichi beeksise.

Haata'u malee, Seera Immigireeshiniifi Lammumma kutaa 243 (C) jalatti ifatti lammiileen Eertiraarra dhorkaan viizaa jiru akkuma jirutti akka itti fufu Embaasiin Ameerikaa Asmaraa jiru kun ibsa fuula marsariitii isaaratti beeksiseera.

Dhorkaan viizaa kaa'ame aanga'oota mootummaa Eertiraa sadarkaa daarekatara olaanaa ol jiran, aanga'oota paartii biyya bulchaa jiru Paartii Ummataa Dimokiraasiifi Haqaaf (IGDAF) keessa hojjetan kan ilaallatudha.

Dabalataanis, namoota aanga'oota kana waliin hariiroo gaa'elaa qabaniif ijoolleen isaanii umuriin waggaa 21 ol ta'anirratti dhorkaan kun hojiirra ni oola.

Namoota kanan ala ta'an tajaajila viizaa argachuu akka danda'an beeksisa Embaasichaarratti eerameera. #BBC

@tikvahethafaanoromoo
Yuunivarsiitiin Finfinnee eebbifamtootaaf madaallii ga’umsa ogummaa eegaluufi

Seenaa dhaabbilee barnoota olaanoo Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaaf yuunivarsiitiin Finfinnee baatii Fulbaana dhufuu eegalee sagantaa madaallii ga’umsa ogummaa eegaluuf ta’uu beeksise.

Yuunivarsiiticha waggaa lama keessatti guutummaan yuunivarsiitii ofiin of bulchu taasisuuf hojiilee hedduun hojjetamuu Itti Aanaan Pireezidaantiin Akkaadaamii Yuunivarsiitii Finfinnee Dooktar Jaluu Umar TOI’tti himaniiru.

Barattoota eebbifamanii gara Indaastirii hojii galaniif madaallii ga’umsa ogummaa kennuuf murtaa’uu fi sagantaan madaalli ga’umsa ogummaa kun damee hundaan kan kennamu ta’uu
eeraniiru.

Sagantichi sadarkaa idil addunyaa kan eeggatee fi fedhii gabaa bu’uura kan taasise ta’uu himuun, sagantichis seenaa dhaabbilee barnootaa olaanaa kan jalqabaa ta’uu kaasaniiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Gurgurtaa daldala qinxaaboo boba'aa irratti daballiin taasifame.

Ministeera Daldalaa fi Hariiroo Naannoo, Caamsa 1, 2016 halkan sa'aatii 6:00 irra eegale gatiin naafxaa adii, keeroosiinii, boba’aa xiyyaaraa, naafxaa gurraacha salphaa fi naafxaa gurraacha ulfaataa haaluma tureen akka itti fufu beeksiseera.

Haaluma kanaan Liitira tokkoof:

- Naafxaa adii birrii 79.75
- Keeroosiinii birrii 79.75
- Boba'aan xiyyaaraa birrii 70.83
- Naafxaa gurraacha salphaa 62.36
- Naafxaa gurraacha ulfaataa birrii 61.16n itti fufa.

Gatiin gurgurtaa beenzilaa liitira tokkoof Birrii 78 fi saantima 67 akka ta'u sirreeffameera.

@tikvahethafaanoromoo
#Update #TaayyeDanda,a

Obbo Taayyee Danda’aan Mana Amala sirreessaa galanii dhimmasaanii akka hordofan yaadni murtoo kenname

Manni Murtii Ministir De’eetaa Ministeera Nageenyaa kan turan Obbo Taayyee Danda’aan mana amala sirreessaa galanii dhimmasaanii akka hordofan yaadni murtoo kenne.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti dhaddachi ramaddii 1ffaa Liddataa dhimmoota yakka heera mootummaafi sirna heera mootummaa oolmaa har’aan mirga Wabii Obbo Taayyeen dhiyeessan qorachuun yaada murtoo kenneera.

Dhaddachichi falmii bitaa mirgaa qorachuun Obbo Taayyeen mana amala sirreessaa galanii dhimmasaanii akka hordofan yaada murtoo kenneera.

Ministeera Haqaatti Abbaan Alangaa Daarektoreetii Dhimmoota Yakkoota Gurmaa’aafi Daangaa Ce’aa Obbo Taayyee Danda’aa yakkoota sadiin himachuun kan yaadatamuudha. #FBC

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
TIKVAH AFAAN OROMOO
Photo
Tiiktook seera uggura mootummaan Ameerikaa tibbana raggaase irratti himata bane

Mootummaan Ameerikaa abbaa qabeenyummaa dhaabbata #Chaayinaa ‘ByteDance’ jedhamu jala kan jiru miidiyaan hawaasaa Tiiktook dhaabbata biraaf yoo gurgurame malee biyyattii keessa ugguruuf seera raggaasuu hordofee dhaabbatichi himannaa baneera.

Dhaabbanni Tiiktook himannaa bane kana keessatti, “gochi kun [uggurri Tiiktook irratti kaa’amuuf jiru] mirga yaada of bilisaan ibsachuu fayyadamtoota Ameerikaa miiliyoona 170 ta'an kan sarbuudha” jedheera.

Ameerikaan tarkaanfii kana fudhachuuf “yaaddoo tilmaamuudhaan'' qofa akka sababaatti fudhachuu ibsuun, manni murtii adeemsa mootummaan Ameerikaa itti deemaa jiru akka dhaabsisu gaafateera.

Mootummaan Ameerikaa miidiyaan hawaasaa kun dhaabbata biyya Chaayinaan waan qabatamee jiruuf odeeffannoo fayyadamtoota mootummaa Chaayinaaf dabarsee kennu mala jechuun murtoo kana dabarsuu ibseera.

Waggaa tokkoon sadarkaa garagaraan erga falmiin irratti gaggeeffame booda Prezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden nageenya biyyaalessaa akka sababaatti kaasuun baatii darbe labsii kana mallatteessanii seera taasisuun isaanii ni yaadatama.

Akkaataa seera bahee kanaan dhaabbatni Chaayinaa ‘BtyeDance’ jedhamu miidiyaa hawaasaa kana dhaabbata biraaf gurgurtaadhaan kan hin dabarsine yoo ta’e, Amajjii 2025 irraa eegalee uggurri kun hojiirra oola. Dhaabbatichi garuu gurgurtaan kun “waan hin danda’amnedha” jedheera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
TIKVAH AFAAN OROMOO
Photo
#SaafarikoomItoophiyaa

° Itoophiyaatti maamiltoota miiliyoona 9.4 fi fayyadamtoota EM-Peessa miiliyoona 4.51 horachuu danda'eera.

° Tajaajila waggaa jalqabaatiin doolaara miiliyoona 41.22 argadheera._

Saafarikoom Itiyoophiyaan tajaajila waggaa jalqabaatti galii doolaara miiliyoona 41.22 argachuu beeksise. Galiin daataa doolaaraa miiliyoona 31.83 fi kan sagalee irraa doolaara miiliyoona 7.63 argateera. Akka gabaasa kanaatti namni tokko giddu galeessaan daataa intarneetii 4.3GB fayyadama jedheera.

Yeroo kanatti dhaabbatichi maamiltoota miiliyoona 9.4 kan argate yoo ta'u, saayitiiwwan moobaayilaa 2,806 diddiriirsee jira.kunis niitorkiin hawaasa %38 bira akka gahu himameera.

Hojii gaggeessaa olaanaa dhaabbata Safarikoom Itiyoophiyaa ta’uun kan muudaman Wiim Vaanhelepute, walitti bu’iinsaa fi tasgabbii dhabuun naannoolee bu’uuraalee telekoomii Safarikoom fi babal’ina isaaf gufuu ta’uu ibsaniiru.

Hojii gaggeessaan olaanaan kun, "Itoophiyaa keessatti naannoo waldhabdee jiru keessatti sochiin keenya daangeffamaadha. Fakkeenyaaf naannoo Amaaraatti ejensiiwwan 500 qabna, garuu sababa labsii yeroo muddamaatiin hojjechaa hin jiran" jedhan.

Dhaabbanni telekoomii kun hanga Bitootessa bara 2024tti ijaarsa bu’uuraalee telekoomii irratti doolaara miiliyoona 713.8 baasuu isaas beeksiseera.

@tikvahethafaanoromoo
#KUTAA_12FFAA

Sagantaa guyyaa
qormaata kutaa 12ffaa Kan bara 2016 fudhatan:-

➭ Qoramtoonni saayinsii hawaasaa

Roobii (03/11/2016)
      Ganama :- Afaan Ingiliffaa
      Guyyaa  :- Herregaa

Kamisa:- (04/11/2016)
      Ganama :- Aptituudii
      Guyyaa  :- Ji'oograafii

Jimaata:- (05/11/2016)
      Ganama :- History
      Guyyaa  :- Economics 

➭ Qoramtoonni saayinsii uumamaa Adoolessa 9-11/2016 fudhatu.

Kibxata:- (09/11/2016)
      Ganama :- Afaan Ingiliffaa
      Guyyaa  :- Maths

Roobii (10/11/2016)
      Ganama :- Aptituudii

      Guyyaa  :- Physics

Kamisa:- (11/11/2016)
      Ganama :- Chemistry
      Guyyaa  :- Biology

➭Qoramaanni Bara 2016 magaalota filatamoo ta'an keessatti barattoonni filataman toora interneetii kan fudhatan yoo ta'u, barattoonni kan hafan Yunivarsitiiwwan keessatti waraqaan ni fudhatu jedhameera.

➭ Magaalota filatamoo 25 qormaanni kutaa 12ffaa toora interneetiin itti kennamu fuulduratti ifa ni ta'a.

  Share Gochuu Hin Dagatinaa!!
  @tikvahethafaanoromoo
Balaa konkolaata qaqqabeen lubbuun nama lama darbe.

Godina Baalee Bahaa Aanaa Dawwee Qachanitti Gaafa guyyaa 03/09/2016 Ganama Tilmaaman Naannoo sa'aatii 1:30 tii konkolaata "Isuzun" fe'umsa lakkoofsa gabatee isaa ' koodii 3 13298 A A' ta'ee aanaa Gindhir ganda dhobbuu irra gara Dawwee Qachan magaalaa sofumaar osoo deema jiru iddoo adda Holqa soofumar Riqicha laga Weeyib irratti garagaluudhaan lubbuun nama lama battalumatti darbee namoota shan irraa miidhaa salphaan gahee jira.

Sababni balaa kana rakkoo daandii fi of eeggannoo gochuu dhabuu ta'uu isaa Itti Aanaa inspeektera Warqineesh Amxaachow Itti Gaafatamtun kutaa Nageenya Tiraafika Qajeelcha Poolisii Godina Baalee Bahaa ibsaniru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
#Update: Dooniin guddittii Itoophiyaa "Abbaay 2" jedhamtu yeroo jalqabaaf buufata doonii Laamu Keeniyaa geette jirti.

Dooniin guddichi "Abbaay 2" jedhamtu xaa'oo toonii kuma 60 fe'achuun giddugala doonii Laapset kan taatee, buufata doonii Laamu Keeniyaatti fe'umsa ishee buusuu eegalteerti.

Yeroo jalqabaaf dooniin kun buufata doonii Laamuu Keeniyaa, wiirtuu Laapset yeroo gahu, Ministirri Qonnaa Girmaa Amantee (Dr.) dabalatee qondaaltonni biroo hojii buufata doonii kanaa ilaalaniiru.

Itoophiyaan buufata doonii Laamu Keeniyaa fayyadamuun xaa'oo biyya alaa galchuuf qophii ta'uun ishee ibsamuun dagatamuu hin qabu.

@Tikvahethafaanoromoo
"Bara dhufu pirojektoonni haaraan hin jiraatan" - Dr. Iyyoob Takkaaliny

Ministeerri Maallaqaa karoora baajata bara 2017 kan Ministeera Barnootaa fi yunivarsiitiiwwan 22 gamaaggamamuu beeksiseera.

Ministeerri Barnootaa, dhaabbilee Ministeerichaa lama, yunivarsiitiiwwan qorannoo 8 fi kan Appilaayidii 14, Walumaagalatti yuniversitiiwwan 22 karoora baajata bara 2017 gamaaggamuu ministeerri maallaqa ibseera.

Gamaaggama kanaan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee baajatni mootummaa sirnaan fi kaayyoo karoorfame qofaaf itti fayyadamuu akka qabnus dubbataniiru.

Waajjiraaleen hojii raawwachiiftuu fi qondaaltonni baajatni sirnaan hojiirraa akka ooluuf gahee isaanii akka bahan dhaamaniiru.

Gama biraatiin Deetaan Ministeera Maallaqaa Dr. Iyyoob Takkaalliny; "Waggaa dhufu keessatti pirojektoonni haaraan hin jiraatan" jedhaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
HTML Embed Code:
2024/05/14 18:02:54
Back to Top