TG Telegram Group Link
Channel: TIKVAH AFAAN OROMOO
Back to Bottom
'Itoophiyaan maallaqa IMF irraa argachuuf murtoo cimaa gatii Birrii buusuuti ishee eeggata'

Itoophiyaan deeggarsa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) irraa barbaaddu argachuudhaaf gatii Birrii gadi buusuuf murteessuu akka maltu Roohitars gabaase.

IMF akkaataa deeggarsa maallaqaa Itoophiyaaf taasisurratti marii torban lamaan darban Finfinneetti taasisaa ture waliigalteerra osoo hin ga’iin addaan kutuun isaa ni yaadatama.

“Akkaataa IMF sagantaa dinagdee aanga’oota [Itoophiyaa] deeggaruu danda’urratti tarkaanfiin jabaa deemameera” kan jedhe gareen IMF Finfinnee ture kun, mariin kun dhuma ji’a kanaa Waashingiteenitti akka itti fufu himees ture.

Itoophiyaan rakkoo dinagdeeshee furuuf liqaa dolaara biiliyoona 3.5 barbaaddi. #BBC

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Lammiilee kuma 70 hojiin gara biyyaatti deebisuun eegalameera.

Marsaa 3ffaa, Dippiloomaasii lammiileerratti xiyyeeffateen Saa’ud Arabiyaatti lammiilee haala rakkisaa keessa turan kuma 70 hojiin gara biyyatti deebisuun har’aa ifatti eegaleera.

Haaluma kanaan torbanitti balaliiwwan 12 taasisuun baatiiwwan afran dhufan lammiilee Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa jiran hojiin gara biyyatti deebisuu kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Guyyaa har’as deebitoonni wayita Buufata Xiyyaara Idil Addunyaa Boolee ga’anitti simannaan taasifamuufii TOI gabaaseera.

Ministir Deetaan Ministeeraa Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi qondaaltonni biroon ministeeraa Dhimma Alaa Saa’ud Arabiyaatti Itti Gaafatamtuu Bulchiinsaa Makka Ambaasaddar Ma’aazaa Biin Haamiid Alhamilii waliin Giddugala Tursiisa Shimeesiitti lammiilee argaman kuma 10 ta’an deebisuun haala danda’amurratti mar’achuun ni yaadatama.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
TIKVAH AFAAN OROMOO
Photo
Namni haadha manaa isaa irra deddeebiin waraanuun fi daa'ima isaa reebuun madeesse hidhaa waggaa 11 itti murtaa'e.

Miidhamtuun haadha manaa isaa taatee, ijoollee qabattee nama biraatti heerumun gara biyya alaa deemuuf sababa jedhuun, meesha qara qabuun waraanuun yaali ajjeechaa geessuun fi mucaa ishee irra deddeebiin dugdaa fi miila ishee funyoo elektirikiitiin irra deddebiin reebuun madeesse hidhaa cimaa waggaa 11 itti murtaa'eera.

Himatamaan maqaan isaa Mohammad Farajaa Miraa jedhamu kutaa magaalaa Kolfe qaraniyoo naannoo Betel wayiraa jedhamutti haadha warraa isaa meeshaa qara qabuun kutaalee qaama ishee adda addaa irra deddeebiin waraanuun yaalii ajjeechaa godheera.

Dabalataan, shamarree ganna 15, daa'ima isaa irra deddeebiin , mukaa hartuu fi funyoo elektirikiitiin reebuun harka, mataa fi miila ishee akka dhiita'u taasisuun dhokatee ture jedhameera.

Namtichi hordoffiin to'annoo jala oolfamuun Abbaa Alangaa Waliigalaa Ministeera Haqaatiin himannaan irratti banamee ofirraa ittisuu dadhabuu isaatiin  Manni murtii federaalaa Lidataa hidhaa cimaa waggaa 11'n adabamuu isaa ministeerri haqaa ibseera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
#Dodolaa

Balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun nama 13 darbe.

Naannoo Oromiyaa godina Arsii lixaa, aanaa Dodolaatti Balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 13 darbeera. Konkolaataan imaltoota fe'ee Magaalaa Nageellee Meexamaa irraa gara Dodolaa imala ture Ganda Alantuutti  konkolaataa Siinootiraakii waliin walitti bu'uun lubbuun namoota 13 galaafateera.

Kanneen lubbuun hafan Hospitaala Waliigalaa Dodolaafi Madda wolaabuutti yaalamaa jiru.

Firootaafi maatii lammiileen irraa boqataniif jajjabina hawwina.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
TIKVAH AFAAN OROMOO
Photo
🚨Breaking🚨

Iraan haleellaa diroonii Israa'el irratti banteetti.

Guyyoota 12 dura haleellaa qilleensaa Israa’el qoonsilaa Iraan Siiriyaatti argamu irratti raawwatteen, jeneraala olaanaa Iraan dabalatee namoonni 13 ajjeefamaniiru.

Israa'el ajjeechaa kanaaf itti gaafatamummaa fudhachuu baattus, Iraan garuu israa'el akka taate amanu. Kana hordofuun Iraan haaloo ba’uuf doorsisaa turteetti. Sodaachisu qofa osoo hin taane qophaa'a turtee jirti.

Israa'el, "Ani ofirraa ittisuuf qophaa'eera" jetterti.

Waraanni Israa’el fi Hamaas, Falasxiin hanga ammaatti xumura kan hin geenye osoo ta'uu, Iraan fi Israa’el waraana adda ta’e keessa seenu jedhanii biyyoonni sodaa fi yaaddoo keessa galanii turan.

Michoonni Israa'el ciccimoon kan akka Ameerikaa Iraaniin ''haleellaa hin banin, adabadhu taa'i'' jechuun akeekkachiisaa turaniiru.

Oduun galgala kana dhagahame akka ibsutti Iraan, Israa'eliin dirooniidhaan haleellaa akka jirtu himameera. Iraan haleellaan misaa'elaas akka jiraatu ibsiteetti.

Hanga ammaatti haleellaa diroonii 100 ol raawwachuu ishee dhagahameera.

Waraanni Israa’eelis dirooniin Iraan gara Israa’elitti ergamaa jiraachuus mirkaneessee jira.
Dirooniin 100 ol osoo naannoo qilleensaa Israa’el hin geenye ittisuun akka danda’ame ibsameera.

Waraanni Ameerikaas Israa’el ittisaa kan jiru yoo ta’u, diroonii Israa’el haleeluuf ergamanis dhahee kuffisu isaa eerameera. Humni Qilleensaa UK diroonota Israa'el haleeluuf ergamanis kuffiseera.

Israa’el haleellaa kallattii Iraan raawwattu kamiifuu deebii kennuuf qophii ta’uu beeksifteetti.

Gama biraatiin ammoo Hizbullaah Libaanos haleellaa misaa'elaa kaaba Israa'el irratti raawwachaa kan jiru yoo ta'u, Huutii Yamanis Israa'el irratti haleellaa dirooniin bananii jiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
TIKVAH AFAAN OROMOO
Photo
Baankota hedduu irraa liqeeffattoota liqii ol'aanaa fudhatan to’achuuf seerri ba’uuf akka jiru himame.

Labsiin liqeeffattoota baankota hedduu irraa liqii fudhatan to’achuu fi kuufamaa liqii sirreessuu danda’u, labsii hojii baankii fooyya’e keessatti akka hammatamuuf hojjetamaa akka jiru hubatamee jira.

Baankii Biyyaalessaa Kamisa, Ebla 3, 2016, Gabaasa Tasgabbii Faayinaansii(Financial stability Report) keessatti liqiin baankii harka liqeeffattoota muraasa keessatti akka walitti qabame eerameera.

Baankonni biyyattii hundi bara darbe liqii waliigalaa Birrii tiriliyoona 1.9 hanga dhuma baatii Waxabajjiitti kennaman keessaa dhibbeentaa 23.5 liqeessitoota kudhaniif liqeessuu isaanii gabaasa kana keessatti hammatameera.

Liqeeffattoonni kudhanii liqii baankii waliigalaa bara 2014 keessaa dhibbeentaa 18.7 ture irraa bara 2015tti dhibbeentaa 23.5tti kan guddateedha jedhameera.

Labsiin baankii fooyya’a jiru kun Baankii Biyyaalessaatiin xumuramee Mana Maree Ministirootaaf kan hin ergamneefi haata'u malee dhaabbileen akka Baankii Addunyaa fi Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa ilaala akka jiranii fi  yaada itti kenna akka jiran himameera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
TIKVAH AFAAN OROMOO
Video
Fiigicha Maraatoonii Beejiing irratti maaltu muudate?

Maaraatoonii walakkaa Beejiingitti adeemsifameen atileetotni Afrikaa sadii atileeti Chaayinaa tokko akka injifatu gargaaraniiru. Seera dorgommii cabsaniiru jechuun qorannoon irratti gaggeeffamaa akka jiru ibsamee jira.

Qorannichi kan eegale atileetiin lammii Itoophiyaa Dajanee Hayiluu dabalatee atileetotni Keeniyaa lama dorgommii kana irratti hirmaatan atileeti chaayinaa Hey-Jii jedhamu dorgommii gidduutti harka isaaniitiin akka saffisiisuu mallattoo itti kennanii saffisa isaanii hir’isuun akka moo'atu godhuu isaaniitin qorannoon kan irratti jalqabe.

Viidiyoon kun Chaayinaa keessatti miidiyaalee hawaasaa irratti erga bahee booda namoonni hedduun gocha kana mormuun xiyyeeffannoo miidiyaalee addunyaa hawwateera.

Atileetota Keeniyaa keessaa tokko BBC Sport Afrikaa'tti akka himeetti, sadan keenya atileeti Chaayinaa kana saffisiisuuf dorgommii kana irratti hirmaannee jechuun ibseera.

Akka atileetiin kun jedhutti atileetiin Chaayinaa kana rikoordii walakkaa maaraatoonii Beejiing sa’aatii 1:02:33 cabsuuf gargaaruuf yaalnullee galmaan gahuun hin danda’amne jedhe. Atileetiin Chaayinaa kun fiigicha kana sa'aatii 1:03:44n xumureera.

Dubbi himaan Biiroo Ispoortii Beejiing dhimmicha qorachaa akka jiran AFPtti himuun, ''bu'aa isaa akkuma arganneen ummata ni beeksifna'' jedhan.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
TIKVAH AFAAN OROMOO
"Baankichi barattoota maallaqa deebisan irratti himannaa tokkollee hin banu" - Baankii Daldalaa Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa guyyoota muraasa dura rakkoo baankichi mudate ilaalchisee ibsa kenneera. Ibsa kana kan kennan preezdaantii baankichaa Obbo Aabbee…
#Update #BaankiiDaldalaa

Maallaqa seeraan ala fudhataman %95 deebisiisuu Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa beeksise.

Rakkoo siistamaa Bitootessaa 7, 2016 mudateen Birrii Miiliyoona 801 fi kuma 417 fi 747.8 seeraan ala fudhatamuu baankichi beeksisee turuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan maallaqa seeraa ala fudhataman keessaa Birrii miiliyoona 762 fi kuma 941 fi 341 deebisisuu eereera.

Kunis maallaqaa deebifamuu qabu keessaa %95 ta’uu eeruun kan hafe Birrii miiliyoonaa 38 fi kuma 474 fi 938 hojiin deebisiisuu akka itti fufu ibsuu ragaa baankicharraa argame ni mul’isa.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
Manni Maree Ministirootaa walga'ii idilee 30ffaa har'a taa’een dhimmoota adda addaarratti mari'achuun murtee dabarseera.

👉Manni marichaa dursa kan inni mari’ate wixinee labsii hojjettoota mootummaa federaalaarratti yoo ta’u wixineen kun walgahii mana maree ministirootaa 29ffaa irratti dhiyaatee kan ragga’e tajaajila mootummaafi Imaammata bulchiinsaa bu’uura gochuun, imaammaticha raawwachiisuun akka danda’uuf kan qophaa’eedha.

Manni marichaa dhimma kanarratti mari’achuun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.

👉 Manni marichaa wixinee imaammata haqa ce’umsaarratti mari’achuun yaadaan gabbisuun guyyaa mirkanaa’erraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot
HTML Embed Code:
2024/04/18 07:49:41
Back to Top