TG Telegram Group Link
Channel: GADAA MELBAA
Back to Bottom
Barattoota oromoo #Yuunivarsitii_Dabire_Birhaan irraa

Guyyaa kaleeessa jechuun Sanbata guddaa Galgala qaama hin beeekamneen dhukaasi sagalee jajjabaà nama sodaachisnee mooraa keessatti dhukaafame!!

Sababbuma kanaan Wal qabatee barattoonni nannoo Amaaraa BARREEFFama garaa garaa mooraa keessatti facaasuun guyyaa borii hiriira baana akkasuma KAAFFEE , library Akkasumas class seenuun akka Hin danda'amne waraqicha irratti ibsan!!!

Sababuma kanaan walqabatee barattoota oromoo galgala Mana dubbisaa seenaa jiran irraa bilbilli saamamuu akkasumas reebamuun sodaaguddaa keessa nu galcheera.

Lubbuu keenyaaf sodaachaa Akkasumas torbee kun torbee final exam ta'uun dubbisaa keenyaaf baayee nu yaaddessera!!!

Dabalataa BARATTOOTA OROMOO poolisiin doormiidhaa baasuun biiroo geessanii isin SHANEEDHA! ijaarsa shaneetiif as keessa jirtu jechuun barattoota Sana qorannaa hamaa irraan geessisuun gadhiisan!!!

Xiyyeeffannoon kun garuu jibbiinsa barattoota oromoo akka ta'ee ragaan garaa garaa nuuf mirkaneessee jira!!!

Vidio barattoota yeroo sana library keessa jiraanii naasuudhaan bittimfanii👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://vm.tiktok.com/ZMNMKgFhL/?k=1 https://vm.tiktok.com/ZMNMKgFhL/?k=1

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
📡MIIDIYAA📡
@qeerrooqarre
@qeerrooqarre

https://hottg.com/qeerrooqarre
Koreen Hariiroo Alaa Seeneetii Ameerikaa yaada murtoo waloo Kamisa darbe dabarseen “beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamu” balaaleeffateera.
(GADAA-MEELBAA-Waxabajjii 27,2022)
Yaadi murtoon darbe kun mootummaan Ameerikaa beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu akka gocha gaafachiisutti fudhatee heerota kan akka Global Magnitsky Human Rights Accountability Act (22 U.S.C. 2656) fayyadamuun namoota dhuunfaa, mootummoota fi milishoota gocha kana irratti hirmaatan itti gaafatamaa akka taasisu waamicha dhiyesseera.
Haata’u malee qoqqobbiin godhamu kun barbaachisummaa gargaarsa namoomaa fi deeggarsa lubbuu baraaruu tilmaama keessa kan galche ta’uu qaba jedheera.
Yaada murtoo Senaatarii Jim Rishiin deeggarame Senaataroota kan akka Jeef Markleey, Tod Yaang, Korii Bokar, Joon Tun fi Bob Mendeez ittiin hirmaatan kun beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu balaaleeffata. “Beela lammiilee nagaa, barbadiinsa itti yaadame godhamu, badiisa fi saamicha wantoota oomisha nyaataaf tajaajilan kan akka lafa qonnaa, gabaa, bakka nyaata itti tolfamu, midhaan nyaataa, beelada, diriirfama bishaan dhugaatii fi jallisii irratti godhamu, akkasumas uummata bakkeewwan waraanaan miidhaman keessa jiran irratti karaa cufuu fi jijjiirraa maallaqaa dhorkuu” balaaleeffateera.
“Walitti bu’iinsi sababa ijoo hanqina nyaataa yoo ta’u, gareewwan walwaraanan Itoophiyaa, Sudaan Kibbaa, Sooriyaa fi Yaman keessa jiran tahe jedhanii oomishaalee qonnaa fi bu’uraalee misoomaa barbadeessuun, gabaa to’achuu fi deeggarsa namoomaa irratti danqaa nageenyaa uumaa jiru,” jedhe Senaatariin Jim Rish.
Senaatariin Rippablikaan biroo, Jeef Markleey gama isaatiin, “Yuukireen hanga Sooriyaa hanga Itoophiyaatti taatota badii beelaan fayyadamuun kaayyoo isaani milkeeffachuuf jecha yeroo qonna barbadeessan, dhiyeessi deeggarsa namoomaa yeroo danqanii fi gabaa oomishaalee murteessoo yeroo danqan argaa jirra,” jedhe.
Senaaratariin Dimokraat Boob Mendeezillee Itoophiyaa eeruun yaada laateera. “Addaan ciccituu cancala dhiyeessi, dhorkamuu oomishaalee nyaataa, buufataalee doonii fi wiirtuuwwan geejjibaa murteessoo ta’an cufamuu Itoophiyaa hanga Yukreen itti fufee jiru carraa wantoota murteessoo ta’an argachuu lammiilee miiliyoonaan lakkaawwaman daangeessuun beelaaf isaani saaxilaa jira,” jedhe.

https://hottg.com/qeerrooqarre
Abdiif Gaachanni Uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa Cibraan Soddom
Diina daaraa botoroo taasise.

(GADAA-MELBAA Waxabajjii 27,2022)


Gootichii Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa Cibraan Soddom Booroo Irraa kaasee Godina Gujii Bahaa Aanaa Gumii Eeldalloo Ganda Bulbulii Fi Ganda Malkaa Gubaa gidduutti lola karaa gargaraa lamaan tarkaanfi laalessaa fudhateen Injifannoo ciccimoo galmeesseera.


haaluma kanaan lola magaala Bulbuliif magaala malkaa gubaa gidduutti humna weerartuu PP tan godina irraa galaa waraanaa qabattee sochoote irratti bakka addaa Gaara-Culul jedhamutti tarkaanfi cimaa fudhateen diinaa irraa 27 ajjeessee 34 madoon adabeera.


Gama meeshaan qawwee Turkii 2,AKM4fi Rasaasa,boombiilee gargaraa irraa hiikuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootiif galii godheera.


Bifuma wal fakkaatuun humna diinaa kan Malkaa Gubaa irraa karaa Dhangaggooftu Waraana Bilisummaa Oromoo dhokattee uummata oromoo duguuguuf sochoote irratti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo bakka addaa Amboo-kuroo jedhamutti tarkaanfi cimaa irratti fudhachuu lola guyyaa guutuu Yeroo sadii oli itti deddeebiin loleen 16 battalatti ajjeessee 20 ol madoo cimaan adabeeraa.



Tarkaanfiin Waraannii bilisummaa Oromoo fudhatu jabaatee itti fufa.

Injifannoo uummata Oromoof !

https://hottg.com/qeerrooqarre
Haasaa Ajaa'ibaati!

Jawar Mohammed Kaadiree Bilxiginnaa irraa dhukkee kaasaa jira! "Bilxiginnaan hanna baayyata biyyaatti irratti raawwachuuf jacha waraana maqaa Shaneen iddoo iddootti ijaarte bar Naannoo keenyaas Shiftaan ni jira jattee baayyata biyyaattii ittiin nyaatti, yeroo barbaaddes Shiftaan Naannoo keenyaa gale jattee warruma ofii ijaarte san galchiti. Kana hunda hannaaf godhaa jirti" jadhe! Yeroo kanatti haasaan kun haasaa murteessaa waan Oromiyaa keessatti Bilxiginnaan raawwachaa jirtu ibsuudha! Jawar ummatni dhugaa akkasii sirraa dhagahuu barbaada. Ammas ummatni shira akkasii saaxiluu sirraa eegaa. Gara fuulduraatti jabaattee akka itti fuftu abdii qabna jabaadhu! Maddi haasaa Jawar kan live USA 🇺🇸 irraa darbaa ture irraa kan fudhatameedha! Hayyicha diimaa sabaa Galatoomi! 🙂
https://hottg.com/qeerrooqarre
https://hottg.com/qeerrooqarre
https://hottg.com/qeerrooqarre
Qubeelaan maaliif quba isa 4ffaatti godhamaa ykn kaayyama beektu?

💍 Qubeelaan quba isa 4ffaa karaa bitaan jiruu irrattii kan godhamuuf ykn kaayyamuuf quboota keenya keessaa ujummoo dhiiga deebistuu kan Onnee keenyaa waliin wal qabattuu ykn wal quunnamuu kan qabuu isa qofa waan taa'eefi.

Qubeelaan quba 4ffaa kan kara bitaa jiruu irrattii godhamuu hiikkaa guddaa qaba jechuudha. Onneen mallattoo jaalalaati mitiree?

#Join_us #Share
@qeerrooqarre
@qeerrooqarre
@qeerrooqarre
Yuunivarsiitiin Riifti Vaalii Kaampaasii Dirree Gafarsaa maqaa Aartist Haacaaluu Hundeessaatiin moggaasuu beeksise.
(GADAA-ME-Waxabajjii 28,2022)
Sirnicharratti kan argaman Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Riifti Vaalii Dr. Abbabaa Gammachuu maqaa Kampaasii Dirree Gafarsaa kan maqaa Aartist Haacaaluu Hundeessatti jijjiirreef seenaa Aartistiin kun hojjechaa ture akka hin dagatamneefi bara baraan akka yaadatamuuf jedhan.
Hojiin Aartist Haacaaluu Hundeessaa yeroo hundaa nu faanaa jiraataa kan jedhan Dr. Abbabaan, hojiin isaa yeroo hundaa laphee Oromoota hunda keessa jiraata jedhan.
Sirnicharratti kan argaman, Duraa Taa’an KFO Pirofeessar Mararaa Guddinaa Aartist Hacaaluun akkuma gootota Oromoo biroo maqaan isaa seenaa Oromoof hojjateen ni yaadatamaa jedhan.
Sirnicharratti maatii, jaalattonni, hayyoonni, dargaggoonnifi barattoonni Yuunivarsiitii Riifti Vaalii argamuun yaadannoo sammuu Aartist Haacaaluu Hundeesaafis taasisuun sirni duungoo ibsuus gaggeeffameera.
https://hottg.com/qeerrooqarre
HAACAALUU

Soba dhugaan dhukaastee
Irraa kaaste qolashee
Hudhaa dhugaa futtaastee
Harka dhoofte sobashee

Dhiira qixxee qerransaa
Babbaroodduko Haacee
"JIRTUU"n jettuure kaatee
Jirra siin jennaka kaanee

Laphee keenya tarsaastee
Keessa dhaabdee siidaakee
Miira keenyaa uggurtee
Qalbii keenyaa gurgurtee

Akkamiin dandeesse obsitee
Fageeffatte sagalee
Inni sabake fooksitee
Kaastee seenaa maqalee

Haaceeko gumbii seenaa
Kuusaa madda warraaqsaa
Akkamiin garaan danda'ee
Seenaake dhoksee ciisaa

Qoraastuu onnee dhiiraa
Kakaastuu raaftuu miiraa
Naaf homtuu sin gituu
Kumaatamaan wal coree
Warqiif meetin sin bituu
Utuu waakkuun wal horee


Dadhabne si dagachuu
Akkamiinu dagannaa
Akkamiin Hacee dagatuu
Haacee michuu Jagamaa
"Kan gariin garaa siree
Nooraa garaa dhidheessaa
An yooman garaa hiree
Ani Haacaaluu Hundeessaa"
Jettee garaa nu raastee
Hin dubbanne kaleessaa

Utuu jirra ofiin jennuu
Hin jirru maadha jirraa
Ofkeessatti osoo dhiignuu
Jiraa maal jirra firaa?

Haacee akka maqaakee
Goota simboon badhaasaa
Bookni haa guutu boollakee
Jechuuyyu afaan na sodaataa
Ekeraanke haa jannatuu
Sila oromoon sin dagatuu.

👉join https://hottg.com/qeerrooqarre
Badhaasa Artiisti Haacaaluu Hundeessa


Artistoota buleeyyii fi haaraa sagantaa Badhaasa Artist
Haacaaluu Hundeessaatiin badhaafaman.

👉Faawundeeshinichi Artiisti Haaloo Daawwee, Ibraahim Adamii fi
Zarihuun Wadaajoo tokko tokkoon isaani Birrii
kuma dhibba 1 fi kuma 50 badhaaseera.

👉Dabalaan Sirna Badhaasa Haacaaluu Hundddeessaa
2014, kanaan Dameelee badhaasaa dhihaatan keessaa,

1) Walaloo Bareedaa (Best Lyrics) bara 2014, Siisaay Asaffaa Badhaasa waancaa fi Birri 100,000.

2) Yeedalloo Bareedaa (Best Melody) bara 2014, wallee (3Obsan) Yoosan Geetaahun Badhaasa waancaa fi Birrii kuma dhibba,

3) Sirba Cimaa bara 2014 (Song of the Year), “3Obsan”, Yoosan Geetaahuun, Badhaasa waancaa fi Birrii 200,000.

4. Qindeessaa muuziqaa cimaa bara kanaa Artiisti Daawwiit Taaddasaa , Birrii 100,000.

5. Sinimaatoogiraafi cimaa bara kanaa Artiisti Shimallis Taaddasaan injifataniiru. https://hottg.com/qeerrooqarre
Qormaanni biyyaaleessa kutaa 12ffaa bara 2014 Yuunivarsiitiiwwan keessatti akka kennamu, Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Birhaanuu Naggaan, manneen barnootaa moodeelaafi sadarkaa 2ffaa magaaloota Hoosaa’iinaa, Waraabee fi Walqixxeetti argaman daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniins Proofesar Birhaanuun hawaasaa fi barsiisoota manneen barnootaa kanneenii waliin marii taasiisan irratti qormaanni biyyaaleessa kutaa 12ffaa bara 2014 yuunivarsiitiiwwan keessatti akka kennamu beeksisaniiru.

Proofesar Biraanuun qormaanni biyyaaleessa kutaa 12ffaa karaa onlaayinii hanga kennamu eegalutti, qormaatichis yuunivarsiitiiwwan keessatti kennamu akka itti fufuu himaniiru.

Murtoon darbes hannaa fi waliin dhahiinsa qormaata hambisuuf kan murtaa’e ta’uu himaniiru.

Kunis barattoonni barnoonni kan argamu hojiin ta’u beekuun, cimaani barachuu fi dubbisuu akka qaban hubachiisaniiru.

@qeerrooqarre
@qeerrooqarre
Manni Murtii Bilxiginnaa Miseensa Gumii Saba ABO jaal Amaan Filee irratti murtii dabaa waggaa 10 dabarsuun dhaga’ame.

(GADAA-MEEBLBAA-Waxabajjii 30,2022)
Miseensa Gumii sabaa ABO kan ta’an jaal Amaan Filee jireenya isaanii guutuu Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu kesssatti dabarsan yoo ta’u walii galtee fakkeessaa bara 2018 ABO’n, Mootummaa EPRDF waliin taasiseen qabsoo karaa nagahaa ummata isaanii keessatti gaggeesuuf ABO waliin Oromiyaatti galanii osoo hojjataa jiranii Waggaa lama dura Sadaasa, 2020 Hoggaanna ABO jaal Abdii Raggaasaa mana hidhatti gaafachuuf deemani magaalaa Buraayyuutti qabamun hidhaman. Achiis mana hidha Godina Boorana achiira mmoo gara mana hidha magaalaa Shaashaamanneetti hidhun dararaa jiru.
Haaluma kanaan Miseensi Gumii Sabaa ABO jaal Amaan Filee Waxabajjii 30, 2022 dhaddacha irratti dhihaachuun himata fakkeessii yeroo dirree qabsoo irra turtee hoggannoota mootummaa EPRDF ajjeeffte,fi kkf jedhu itti banuun Manni murtii Bilxiginnaa murtoo dabaa Waggoota kudhani irratti murteessee jiraachuu maddeen SQ nuuf himan.
Murtoon Miseensota,Qondaalotaa fi Hoogganoota ABO murtoo siyaasaati malee murtoo seeraa miti; badii balleessanii hidhamanii dararamaa jiru osoo hin taane ejjannoo isaanii qofaaf, hiraarfamaa jiru.
Mootummaan Bilxiginnaa Badii tokko malee Qondaalota ABO, miseensota fi Deeggartoota ABO hidhuun hiraarsuu akkuma itti fufetti jira.
https://hottg.com/qeerrooqarre
Yuunivarsiitiin Amboo barattoota muummeewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 3 fi 921 guyyaa boruu ni eebbisa.

Eebbifamtoonni kaampaasii Haadhoo dabalatee, Kaampaasii Walisoo,Kaampaasii Haacaaluufi Kaampaasii Maammoo Mazamaritti barachaa turn aka ta'e Daarekterri Sab quunnamtii Yuniivarsiitichaa Dr Mangistuu Tulluu himaniiru.

Barattoota eeebbifamuuf jedhan 3,921 keesaa 906 dubartoota aka ta'an himan. Barattoonni eebbaaf qophaa anis muummeewwan barnootaa garagaraan Digiri jalqabaa hang Digirii 3ffaatti barnoota isaanii hordofaa kan turaniidha.

Kanneen keessaa barattoonni 3,044 digirii jalqabaan, 875 Digiri lammaffaan barnoota isaanii hordofaa kan turn yoo ta'u, barattoonni 2 ammo kanneen Digirii 3 ffaa eebbifamaniidha.

Sagantaa eebba Barattootaa guyyaa boruu gaggeeffamu irratti barattoota eebbaaf qophaa an 448 barattoota Yuunivarsitiiwwan Naannoo Tigraay keessa jiran irraa sababa waraana tureen barnoota isaanii addaan kutanii turan simachuun barsiisaa ture aka ta'e Dr Mangistuun himaniiru Yuunivarsitiin Amboo yeroo ammaa Kaampaasiwwan isaa 4' tti waliigalaan barattoota kuma 30 ol barsisuu irratti aka argamu ragaan arganne ni mulisa Yuunivarsiitiin Amboo bara 1939 ka hundeeffame yoo ta'u, bar 2002'tti gara Yuunivarsititti guddate.

⚡️⚡️ @qeerrooqarre ⚡️⚡️
⚡️⚡️ @qeerrooqarre
Waamicha Birmannaa
Maqaan mucaa suuraasaa armaan gaditti Haadha Wabii waliin argitan kun barataa Yeroosan Lammii Kafanaa jedhama.
Godina Shawaa Lixaa aanaa Amboo ganda Hora Ayyeetuu jedhamu keessatti dhalatee guddate.

Akka Gootichi keenya Artist Haacaaluu Hundeessaa Boonsaa addunyaa irraa darbeen,gaafa sirna awwaalcha Haacaaluu sana rasaasa diinaatiin rukutame.
Erga rukutamee booddee immoo,qaamni isaa fayyuu waan dideef,haga ammaattti;barnoota seeraan hordofee barachuu hin dandeenye.
Barnoota barachuu qofa osoo hin taane;akka hiriyoota isaatti iddoo garaasaa oolee galuun itti ulfaate.
Jiruuf jireenyisaa jalaa dukkanaa'e.

Walumaagalatti dargaggeessi kun "ani humna dhabeera" jedhee dubbata.
"Barachuu fi hojjechuu hin dandeenye.Maatii fi biyya koo irratti ba'aa guddaa ta'eera" jedhee ofitti gaddaa jira.
"Barachuufis ta'ee,hojjechuuf namoonni tokko tokko na mucaa kana cinaa/bukkee dhaabachuu waan barbaachisa. Haamilee itti horuun dirqama sabummaati. Ergaa kana #share godhaa namoota gargaaruu danda’an qaqqabsiisaa. Waan humna keessaniin jajjabeessaa; cinaa dhaabadhaa!

1000361163684
Baankii Daldala Itiyoophiyaa.
Yeroosan Lammii Kafanaa (Yerosan Yero) https://hottg.com/qeerrooqarre
Ustaaz Kamaal Heboo wareegamuu isaa dubbi himaan Idil adunyaa ABO-WBO Odaa Torbii beeksise.
GADAAMEELBAA:- Adoolessa 03/20222
=====================
Akka dubbi himaan Idil Adunyaa waraana Bilisummaa Oromoo ODaaa Taorbii jedhanitti “lola waxabajjii 10-13 /2022 godina Arsii Anaa Shirkaa keessatti geggeeffamerratti loltoota sirnaa waliin naannawa magaalaa Gobeessaatti otuu wal waraansarra jiranii wareegame” jedhan. Wayita wareegames “miseensa tokko waliin kan wareegame tahuu” himan.

“Dubbiin Miseensa waraana isaanitu ajjeesu jedhu garaagarummaa Ummata keenya gidduutti uumu fi akka bara 2018 ti qoqqoodinsa dhalchuuf haasa’ama malee loltoota keenya keessa amalli akkasii hin jiru” jedhan. Maalif akka wareegamni Ustaaz Kamaal dafee akka hin ibsamne gaafa himan, “qabasaa’an yoo wareegamu akkasumaan Ummataaf hin himamu galmaayee taa’et guyyaa goototaa /Bilisuummaa fi haala mijataa eeggatee ummataaf ibsamee kabaja isaaf maluun yaadatama” jedhan.

“Kanaan alatti olilli diinni oromoo gandaan,amantiin fi gartuudhan gargar qooduf kan diinaa ta’uu ummanni keenya hubachuu qaba kan jedhe dubbi himaan kun waraanni keenya amantii kiristaanaas,Phoenixes,Musliimas akkasuma waaqeffataas of keessaa qaba. Afuurri gidduu jaallaniitis afuura amantaa fi gandarraa bilisa tahe afuura obbolummaati”jedhan.

Dhimma tokkummaa tikfachuu irratti yaada kaasaniin “sabni keenya tokkummaa abbootin keenya bara Minilikii fi Hayilasillaasee irraa kaasanii dhiigan tiksaa nuun gahan tikfachuu qaba. dhiigan dhufee as gahe waan taheef akkanumatti akka salphaatti diinni akka hin cabsine tokkummaa isaa eeggachuu qaba”jedhan.

Gabaasni kun Yaada dubbi Himaan ABO-WBO idil Adunyaa Odaa Torbii Kello Media irratti kennan irraa kan fudhatameedha. https://t.me.qeerrooqarre
Mucaan warra___________isaa dhaqee gale. Jechi bakka duwwaa galuu qabu kami?
Anonymous Quiz
12%
Sodaa
11%
Soodda
75%
Soddaa
3%
Soodaa
Baankin Hojii Gamtaa Oromiyaa bara bajataa 2021/2022tti bu'aa waliigalaa seenaasaa keessatti olaanaa ta'e Qar. biiliyoona 3.95 galmeessise.

Hundeeffama irraa kaasee tajaajila baankiitin diinagdee hawaasaa utubuun guddina hawaasa- diinagdee dhugoomsuuf kan akeeke Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa, bu'aa walligalaa gibira duraa; olaanaa ta'e Qar. Biiliyoona 3.95 bufachuufi qabeenyaasaa waliigalaa Qar: Biliyoona 114n gahuun bra bajataa 2021/22 milkiin xumuruu danda'eera.

Bay'inn maamiltoota baankichaa miiliyoona 9 yoo qaqqabu, olkaawwannaa isaas Qar. Biiliyoona 96.77 geessisuu danda'ee jira.

Gama sharafa alaatiin, Doolaarii Ameerikaa miliyoona 437.95 argachuu danda'es jira. Bay'inni dameelee isaa 593 yoo dhaqqaban, toorawwan hojii adda addaaf Iiqiin kennamee ala jiru Qar. biiliyoona 84.26 gahee jira. Haaluma kanaan, qabeenyi waliigalaa baankichaa Qar: biiliyoona 14.36 ga'ee jira.

Kaappitaalli waliigalaa baankichaa Qar. biiliyoona 12.28,akkasumas kaappitaalli aksiyoonaa kaffalame Qar. biiliyoona 7.73 qaqqabuun firiin baankichaa bu'uura cimaa irra dhaabbachuu dandaeera.

Baankichi bara bajataa xumurame kana keessattis, Tajaajila Baankii Dhalarraa Bilisaa kennuurratti argamu babalisuu danda'ee jira Tajaajilawwan baanki dijitaalaa karaa mobaayilaafi intarneeti kennaman babal'isuun milkaaina isaa mirkaneessee jira.

@qeerrooqarre
@qeerrooqarre
Kun jala muramee beekkamuu qaba!

1, Maqaa Shaneen Waraana hundeesse kan ummata Oromoofi sabaaf sablammii irratti duguuggaa Sanyii (Genocide) raawwachaa jiru erga Shimallis Abdiisaa, Fiqaaduu Tasammaa, Araarsaa Mardaasa ta'uun erga afaanuma miseensa isaanii irraa erga mirkanaa'eera ta'ee,
2, Abbootii Gadaa Karrayyuu jumlaan kan ajje*esise erga Shimallis Abdiisaa, Fiqaaduu Tasammaa fi Araarsaa Mardaasa erga ta'ee jara sadan kana aangoo irraa kaasuun Olaantummaa seera irratti nuu mirkaneessuu qabu MM Abiy Ahmed fi Humni nageenya Poolisii Federaalaa! Manni murtii Olaanaa Federaalaa Itoophiyaa Liidetaa Yakkamtoota sadan kana irratti ajaja Poolisii Federaalaaf akka dabarsu kabajaan gaafanna! Yoo kun godhame Olaantummaa seera ni hojjata jachuu dandeenya. Wanti amma afaan isaanii irraa dhageenyees dhuguma dhugaa ummataaf kan dubbatame jannee fudhachuu dandeenya. Yoo akkas hin taane dubbiin tapha siyaasaa Hoggantoota paartii Bilxiginnaa gidduutti godhamuuf karoorfame jadheen fudhadha ani gama kiyyaan! Fixadhe ilmaan aayyaa! Barreeffama kana Saffisaan Waliif qooduun nama social media fayyadamu hunda biraan gahaa!#Ernesto_Cheguavera👆👆

Jechoota jajjaboo Cheguavera.

1. Ati addunyaa jijjiiruu dandeessa.
2. Qabsoo cimaan jaalalaan geggeeffama.
3. Qabsoo keessatti waa lamatu jira. Yookaan du'uu, yookaan injifachuu.
4. Hojiin qabsa'aa innii jalqabaa, ofii kan barate ta'uudha.https://hottg.com/qeerrooqarre
Forwarded from ECB! via @PostBot
The Ethiopian Commercial Bank gives 200 ETB for subscribing to its Telegram channel! Each Ethiopian can get 200 ETB for subscribing to the ECB channel, channel below 👇🇪🇹
HTML Embed Code:
2024/05/12 04:56:10
Back to Top