TG Telegram Group Link
Channel: Sammuu kee jijjiiri
Back to Bottom
Namoonni hedduun bakki isaan itti dogoggoran, jalqaba irratti nama hin taane ykn nama badaa amanuudhaan miidhamaniiti, achi booda weyta silaa nama sirriitin wali- dhufanitti isaan ammoo nama amanuu dhaabanii jiru.

@oroquotes
@ilmanesruu
Amaloota ilma namaa
tokko tokko akka
qorattoonni xiin-sammuu
jedhanitti.๐Ÿ‘‰๐Ÿผ๐Ÿ‘‰๐Ÿผ๐Ÿ‘‰๐Ÿผhttps://youtu.be/UbW0sMLZ8_k
Sammuu kee jijjiiri pinned ยซAmaloota ilma namaa tokko tokko akka qorattoonni xiin-sammuu jedhanitti.๐Ÿ‘‰๐Ÿผ๐Ÿ‘‰๐Ÿผ๐Ÿ‘‰๐Ÿผhttps://youtu.be/UbW0sMLZ8_kยป
Dhugaa hundi keenya qeebaluu qabnu:

1. Dhumti Wanta tokkoo hanga ati silaa ni ta'a jattee abdatte sanitti goonkuma hangas gaarii hin ta'u, akkasumas hanga ati sodaatte sanitti dhumti waan tokkoo hin hammaatu.

2. Wan tokko yaalanii dhabuun, maalumaafin yaaluu dhabe je'anii sheenawuu irra harka meeqantam wayyaadha.

3. Gammaduu fi gammaduu dhabuu keetif namni itti gaafatama fudhatu hin jiru, suma mataa kee yoo taate malee.

4. Walitti dhufeenyi ati namoota adda addaati wajji qabdu rakkoo wal fakkaataa yoo qabaate.. Rakkoon suma mataa keeti.

5: jireenyi gabaabadha, duuti shakkii hin qabdu... Saniifuu waan faayidaa qaburra olchi.

@oroquotes
@ilmanesruu
Mee Comment jalatti yaada keessan irratti kennadhaa.

HAQAA FI DHUGAA n garaagarummaa ni qabanii?
Akkamitti?
Dargaggeessonni jaarsa (manguddoo) akka goowwatti laalu ykn itti fakkaata.
Jaarsi ammoo dargaggoonni akka goowwaa ta'an beeka.
Jireenya kana keessatti ati filannoo 2 qabda..

๐Ÿ‘‰๐ŸผTeessee waa'ee namootaa haasa'uu ykn immoo lafaa kaatee waa'ee keetii akka haasawan gochu.

Warroonni jalqabaa sun dhugumatti miskiina.

@ilmanesruu
Amata (waggaa) gosa tokkoo irra deddeebin yeroo 70 jiraattee, tun jiruudha hin je'iniin.

@oroquotes
@ilmanesruu
Torbaanota dabre kana keessa waan haarawa baratte takka yaadi mee, yoo homa takka mataa keessa sin dhufin, khalaas bakkuma jirtu tanatti ciqilee tolfadhu.. Sababni isaatis bakka takkallee hin geessu ykn jijjiiramni ati arguuf teessu hin jiru.
Barachuu dhaabuu jechuun jireenya dhaabuu jechuudha.

@ilmanesruu
Milkaa'ina yoo feete seera tokko kabaji. Innis.. Ofitti hin kijibin.

@ilmanesruu
Kopaa ta'uu fi kopummaan,
Garaagarummaa ni qabuu?
Akkamitti?

Mee comment jalatti yaada keessan waliif qoodaa.

@ilmanesruu
Namni Sammuu sirrii (guutuu) qabu , hir'ina nama biraa hin odeessu.
Namni Onnee qulqulluu qabu, xurii nama biraa hin odeessu.

@ilmanesruu
@oroquotes
Rakkoo guddaa kan qabu, rakkina mataa isaati miti.
Rakkoo guddaan ilaalcha ati rakkina sanaaf qabduudha.

@ilmanesruu
Nin beekha ni hadhooyti,
Taatus Filannoon ati qabdu garaa ciniinnattee liqimsuudha.

@ilmanesruu
Waa'ee jireenya nama tokkoo hamachuu fi kufaatii ykn dadhabina isaa haasawuu keetin duratti.
Kana yaadadhu, jireenya kee keessatti boqonnaan (chapter) ati sagalee ol kaaftee dubbisuu hin feene akka jiru Hubadhu.

@ilmanesruu
Obsa qabaadhu.
Wanti hundi jalqaba irratti ni ulfaata.

#ilmanesruu
Nama darree jechi namaa isa miidhu hin ta'in.
Jechoonni namootaa akka si miidhaniif hin hayyaminiif, yoo ati hayyamteef malee jechi abbaa fadhee si miidhuf humna hin qabu waan ta'eef.

@ilmanesruu
@oroquotes
Yeroo dadhabde boqonnaa fudhadhu malee deemsa kee akkana jattee hin dhaabin hanga bakka yaadde geessutti.


Jireenya kana keessatti bu'aa ba'iin lubbuu si hin baafne ( ajjeefne) hundi suma jabeessiti.


Madaan akka si fayyitu yoo barbaadde tuttuqaa hin oolin.

@ilmanesruu
@ilmanesruu
Wallaalaa jechuun nama beekkumsa hin qabne yoo ta'u,
Badawa (doofaa) jechuun ammoo nama beekkumsa fudhatuu fi itti fayyadamu didu jechuudha.

@ilmanesruu
Hulaan gammachuu takka Yeroo cufamte, tan biraatu banama, garuu nuti Yeroo hedduu daddeebinee hulaa nurraa cufamte San Waan laalluf tan nuf banamte San hin agarru.
@oroquotes
HTML Embed Code:
2024/06/07 12:42:31
Back to Top