TG Telegram Group Link
Channel: Urgooftuu Naardos Wed.1:12
Back to Bottom
#Abboommiin_kurnan_kennamuu_isaa:-
Bau.20:3-17 & kes.5:6-22
1.Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatin bau.20:3
2.waaqa tolfamaadhaaf hin sagadin. bau 20:5
3.maqaa Waaqayyoo gooftaa keetti akkasumaan maqaa hin dha'in. bau.20:7
4.Guyyaa Sanbataa qulqullinatti eeguudhaaf yaadadhu. bau.20:8
5.Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni. bau.20:12
6.Hin ajjeesin. bau.20:13
7.Hin ejjin. bau.20:14
8.Hin hatin. bau.20:15
9.Hin sobin. Bau.20:16
10.Hin hawwin
Waaqayyo abboommii kana waan nuuf laateef eegnee ittiin akka deddeebinee jiraannu gooftaan nu haa gargaaruu.
#eebbifamaa!!!!!!!!!!!!!!!!
🌺🌺@Naardos🌺🌺🌺
🌺🌺@Naardos🌺🌺🌺
🌺🌺@Naardos🌺🌺🌺
🌺🌺@Naardos🌺🌺🌺
“Ani Waaqayyo gooftaa kee ti, anatu biyya Gibxiitii si baase; afaan kee as qabadhu, ani immoo siif nan guuta.”
— Far. 81:10
Forwarded from Alemayehu Negash
👉👉👉#Waaqayyo_Sin_Taazzabe👈👈👈
=================================
👉Seenaa Baayyee Ajaayiba Kana dubbisaa
Mucayyoo durbaa baayyee tajaajiltu tokkotu ture, isheenis waldaa keessatti baayyee yerooshee laattee hojii waaqayyoo kan hojjettuufii waaqayyos kakuu Gurguddaa Karaa Raajota Garagaraan Galaafii ture.,Mucayyoon kun barumsa xumurtee hojii dorgomuuf deemtee Hojii dorgomuu Gaafa deemtu Beeksisis Bahe sun Miindaan isaa Qarshii kuma 1 ture .Gaafa Qabxiin bahu mucayyoon kun Hin dabarre..Mucayyoon kun kan isheen dhageesse eddoo Guddaan siif kenna utuu waaqayyo jedhuu dhageesse garuu ni kufte, Gaafa Kufuu ishee agartu "Elaamee Waaqayyo ani
#Sin_Taazzabe" jettee kana booda anarra fudhu tajaajilakees jettee waldaa dhiistee mana Galtee teesse..
👉👉=》Guyyaa biraa beeksisi 2ffaa bahee ammas deemtee dorgomtee hojii miindaan isaa qarshii kuma 3 hin argatiin haftee kuftee ..ammas Baayyee isa duraa caalaa aarte,abdii kutaa dhufte
👉👉=》Yeroo 3ffaaf ammas Beeksis bahee qarshii kuma 5 miindaa kan qabu deemtee dorgomtee Ammas hi darbiin haftee aartee 2ffaa hin deemu jettee
#Of_Ajjeesuuf iyyuu murteessitee,Maatiin baayyee waliin muddamanii turan.
👉👉=》Utuuma kanaan jiranii Guyya biraa ammas beeksis wayii bahee deemii dorgomi jennaan hin deemu jettee aartee jennaan Maatiin ishee humnaan deemsisanii Maqaa ishee Galmeessanii, Guyyaan Qorumsaa Geenyaan deemtee Qoramtee amma immoo...Ajaayibadha..maqaan ishee 1ffaa irratti Bahe ..Hojii NGO Qarshii Miindaa kuma 15 n Argattee, Foormii Qacarrii guuttee Galtee..utuu Mana hin gahiin eddoo Aarsaa duraa sana deemtee Kuftee achirratti Waaqayyo ana miti "
#Situu_Na_Taazzabe" jettee Boossee eddoo aarsaa irra gangalatte...waaqayyoon Afaan Galataa fi dhiiifamaan Guuteen Galateeffatti turte..
👉👉👉🙏=》Egaa Walumaa Galatti Baayyeen keenya Eddoo waaqayyo nuuf yaadeef eddoo nuti yaadne gaafa Wal faallessu baayyee aarree akkuma namaatti waaqatti dheekkamna..Waaqayyo Garuu
#Dubbatee sobee hin beeku, #Bubbuluyyuu Waan Bareedaa qabatee dhufa malee inni Ariifatee waan xiqqoo nutti hin kennu,
👉👉Kanaaf Obsinee Guyyaa waaqayyoo haa eeggannuu,
#Waaqayyo_Sirriidha!
#Eebbifamtaniittu!
🔊🔊📝
#Alex dha !!
👉👉Kan Asii gadii Tuquun
#JOIN godhaa nu hordofaa👇👇
👉👉👉👉
@Jireenyibarabaraakankeeti
👉👉👉👉
@Jireenyibarabaraakankeeti
䜀攀琀甀 䈀攀欀攀氀攀 ⌀㌀  㤀㈀㈀㤀㘀㤀㌀ ㌀ 䀀 夀椀猀愀欀漀爀 䄀洀戀漀  㤀㄀㌀㄀㄀㄀ 㔀 
唀渀欀渀漀眀渀
Faar. Geetuu Baqqalaa
Faarfannaa baay'ee ajaa'iba qabatee dhufe jira!!!!!!!!!!!
#Galataan si Fidee
🌸🌸🌸@Naardos🌸🌸🌸
🌸🌸🌸@Naardos🌸🌸🌸
🌸🌸🌸@Naardos🌸🌸🌸
Forwarded from BONA PHOTOGRAPHY (Bonsa Addisu Gute)
LALLABDOOTA WANGEELAA TIIF
Lallabdoonni Wangeelaa fi amantoonniis ergaa tana akka dubbiftan afeerraa kiyya!

Dhimmoota murteeysoo fi ijoo W/K tahan keeysaa tokko dhimma lallabdootaa ti,arraaf aniis isaan dubbachuu barbaada.

Lallabaan Wangeelaa tokko lallaba keeysatti waan dursuu qabuu fi ulaagaa lallabaa sirrii kana beeku qaba.
1. Hunda dura hariiroo fayyaaleeysa Waaqayyoo wajjiin qabaachuu.
2. Jireenya ifii qulqullummaatti eeguu.
sababniis ergaan afaan qofaan osoo hin tahin jireenya qoodamu if keeysaa qaba waan taheef.
3. Qophii gaarii qabaachuu
-Dubbii kitaabaa sirnaan qu'achuu, dubbisaa fi hiika sirrii kutaa dubbifnuun wal fudhatu.
-Kadhannaa fi Hafuura Qulqulluu dhaggeeyfachuu.
-Ergaa qindoomina qabuu fi saba itti lallabnuuf hubatamuu dandeeysu qopheeysuu.
-Ergaa yeroo fi iddoon wal gittu dhiheeysuuf yaaluu
-Akkaataa qabaa waltajjii uffannaa, itti fayyadama maaykii, naamusa dubbannaa. fi kkf
4. Kennaa fi waamicha lallabaa akka qabdu mirkaneeyfachuu. sababniis iddoo kee hin tahin yoo dhaabbatte, bu'aa ati buufturra miidhaa ati geeysiftuutu caala.
5. Qabiyyee ergaa fi saba ergichi bira gahu beekuu.

👉GORSA KANATTI FAYYADAMI!
👉Theology galanii barachuun gaariidha, garuu ergaa Gooftaa biraa qabaachuu irratti xiyyeeyfadhu.
👉Kadhannaa fi dubbisniis gaarii fi barbaachisaadha, garuu akkuma kadhannutti haa dubbifnuu, akkuma dubbifnuttiis haa kadhannuu.
👉Namootaan afeeramnee tajaajiluun gaariidha, garuu Abbaa tajaajilichaa (Waaqayyo) biraa ergaa qabaachuuf dursa kanni.
👉Waltajjii arkachuun gaariidha, garuu waan waltajjii arkanneef qofa lallabuu nurra hin jiru yoo qophii qabaanne malee.
👉Saba danuu (hedduutti) lallabuun gaariidha, garuu warra ergichi kan isaanii tahe qofa jiddu galeeysa haa godhannuu hundatti lallabuu malee hunda jijjiiruuf hin ergamne nuti.
👉Hedduu dubbachuu beekuun gaariidha, garuu ergaa xiqqoo Gooftaa biraa fudhanneetu saba fi dhaloota fayyisa waan taheef hedduu hin odeeysin.
👉Jachoota babbareedaa beekuun gaariidha, lallabni garuu midhagina jachaa osoo hin tahin qabiyyee ergaati.
👉Waltajjii mana Waaqayyoo iddoo qoosaa hin godhin ati lallabaa Wangeelaati malee koomeedii mitii beeki.
👉Kutaa sirriitti siif hin galin hanga siif galuu hin lallabin sababniis dogongortee dhaloota dogongorsitaa.
👉Kitaaba Qulqulluu sammuutti beekuun gaariidha, garuu kitaaba osoo harkaa hin qabaannee fi irraa hin dubbifne lallabuun sirrii miti lallabaan tokko ija namaa duraatti dubbichaaf iddoo qabu arkisiisu qaba.
👉Lallabaa beekkamaa tahuun gaariidha, garuu jireenyaan kan fakkeenya tahu tahu qabda yoo fakkeenyummaa hin qabaanne dhalootaa fi Waaqayyoo niis akka tuffatamtu beeki!
👉Fakkeenya fayyadamuun gaariidha, garuu fakkeenyi mata duree irratti lallabnuu fi saba itti lallabnuun wal hin simne barsiisuu isaarra miidhaa isaatu caalaa eeggadhu.
👉Akka bareedaatti uffachuun gaariidha, garuu ergaa bareedaa qabaachuun haa dursu.
👉Waltajjii akka Wangeelaa itti lallabduuf waamamtetti sirnaan fayyadamuu qabda, haasawa ashmuurii, waldhabdee warra biroo tiin wajji qabduu, dhimma siyaasaa fi kkf hin kaasin ati Abbaa ergichaa Waaqayyof afaan taatee dhaabbata waan taateef.
👉Yeroo dheeraaf lallabuun ergaa guddaa dabarsuu waan hin taaneef akka namoonni si hin nuffinetti ergaa kee yeroo siif ramadame dursitee xumuruuf yaali!
👉Gaggeeysaa nuuf godhuun Waldaa gaariidha, garuu gatiin keenya inni guddaan harka Gooftaa akka jirtu dagachuu hin qabnu.
👉Tajaajilarraa deebinee boqochuun gaariidha, garuu hanga waamichi biroo nuuf tahuu rafuu hin qabnu yeroo hunda qophiin dabarsuu dagachuu hin qabnu.

Xumura dubbii
👉Safarri lallabaa fi ergaa sirrii waan namoota gammachiisu dubbachuu osoo hin tahin, ergaa Waaqayyoo kan yoomiyyuu, eeysattiyyuu, eenyuuniyyuu, haala kam keeysattiyyuu, bara kamiyyuu, dhaloota kamiifiyyuu, nama kamiiniyyuu hin jijjiirame KRISTOOS MULLISUU FI KABAJUU (ULFEEYSUU) tahuu beeki!

LALLABI;- KRISTOOS (mata duree hin jijjiiramne), KRISTOOSIIF (fedha Isaa qofa), KRISTOOSIIN(ergaa, mullataa fi humna isaa qofaan), TAHUU BEEKII LALLABI!
Forwarded from El-Ro'i International Ministry (Isirael A AN)
Dubbii Yesus fannoo irratti dubbate Torban (7) irraa maal baranna?

1. " Yesus garuu, "Yaa abbaa, waan godhan hin beekani'o isaaniif dhiisi!" jedhe;" (Luqaas 23: 34).

Warri Yesusin fannisan maal akka gochaa jiran hin beekan; sababnisaa Yesus Masiihi, ilma Waaqayyoo jiraataa ta'usaa hin beekne ture.
👉 Garaa dhiifamaa waliif qabaachuu Yesus irraa baruu qabna.

2. Yesus yeroo sanatti haadha isaa, bartuu isa inni jaallates ishee bukkee utuu dhaabatuu argee, haadha isaatiin, "Haadha ko, ilaa ilma kee!" jedhe. Ergasii bartuu sanaan immoo, "Ilaa haadha kee!" jedhe; (Yohannis 19: 26-27).

Yesus dhiphinaa guddaa keessa utuu jiru haadhasaa hin irraanfanne.
👉 Maatii kee kabajuu akkasumas ulfina kennuufii akka qabdu Yesus irraa barachuu qabda. Abboommiin inni dura abdii wajjin kenname, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!" isa jedhuudha. Abdichis, "Gaarii akka siif ta'utti, lafa irras bara dheeraa akka jiraattutti!" jedha (Efesoon 6: 2-3 )

3." Yesus immoo, "Dhuguman sitti hima har'a anaa wajjin jannata keessatti in argamta" jedheen" (Luqaas 23: 43).

Yakkamtoota Yesus waliin fannifaman keessaa inni tokko Yesusitti amanuun akkas jedhe "Yaa Yesus, mootummaa keetiin yommuu dhuftu na yaadadhu!" jedhe."
(Luqaas 23: 42)

👉 Ati Yesusitti yoo amante, Waaqayyo cubbuu kee hundumaa siif dhiisa; jireenya barabaraas dhaala kee godhachuu ni dandeessa. Yesus malee fayyisaan tokkoyyuu hin jiru waan ta'eef.

4. " Gara sa'aatii salgaffaatti Yesus sagalee guddaadhaan, "Elii, Elii (Elohee, Elohee) lamaa sabaktanii?" jedhee waammate; kunis, "Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?" jechuutti in hiikama. "
(Maatewos 27: 46)

Waaqayyo cubbuu biyya lafaa guutummaa isa irra kaa'e; isa booda irraa garagale. Kunis nuti sababa yakka keenyaaf Waaqayyoo irraa addaan baanee waan turreef, nuyi gara Waaqayyootti akka deebinuuf, ofiisaa Waaqayyo irraa gargar ba'e.
👉 Jaalala Yesus si jaallattu yoomillee beekuu hin dandeessu; Sababnisaa hanga ati yaaduu dandeessuun oliidha waan ta'eef.

5.Yesus... "Nan dheebodhe" jedhe (Yohannis 19: 28).

Dubbiin waa'ee isaatiif dubbatame akka raawwatuuf nan dheebodhe jedhe. Innis, " Hadhaa akkan nyaadhuuf anaaf kennan, dhugaatii dhangaggaa'es dheebuuf akka ani dhuguuf anatti hiixatan" (Macaafa Faarfannaa 69: 21) kan jedhu ture.

👉 Waan Waaqayyo dubbate utuu hin raawwatamiin hin hafu.

6. " Yesus ... "Fiixaan ba'eera" jedhe" (Yohannis 19: 30).

👉 Yesus gatii nurra ture hundumaa xumureera.
Haleeluyyaa!!!

7. " Yesus yommus sagalee guddaadhaan iyyee, "Yaa abbaa ko, hafuura koo harka keettan kennadha!" jedhe. Utuu inni kana dubbatuus hafuurri isaa keessaa yaa'e" (Luqaas 23: 46).

Anaaf jedhee.......siif jedhee........nuuf jedhee......gatii kana hundumaa baase.

Yohannis akkas jechuun dubbate:

📖 Isaan sagalee guddaadhaan, "Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf kan maleeu dha" jedhan.
Wanti waaqa irratti, lafa irratti, lafa jalatti, galaana keessatti uumamee, isaan keessa jirus hundinuu, "Hooqubaan, ulfinni, guddinni, aangoon, isa teessoo irra taa'ee jiru sanaaf, hoolichaafis baraa hamma bara baraatti haa ta'u!" jechuu isaanii, nan dhaga'e.
Uumamni lubbuu qaban arfanis, "Ameen!" jedhan; maanguddoonnis gombifamanii sagadan.
(Mul'ata Yohannis 5 : 12-14)

👉 Barabaraan ulfinni Yesusiif ha ta'u!!!

Ameen!!!

Share 💯 share 💯

@ElroiInternationalMinistry
@ElroiInternationalMinistry
“Waaqayyo gooftaan biiftuu dha, gaachanas; inni ayyaana, ulfinas in kenna; gooftichi wanta gaarii ta'e warra balleessaa malee deddeebi'an duraa hin hambisu.”
— Far. 84:11
Forwarded from Heavenly Citizenship (Yo ni)
MADAA--MADAA FAYYISU
••••••••••••••••••••••••••••••••
1. Lubbuun dirree waraanaa ti; yoo foonni jireenya namaa dhuunfate, hafuurri namichaa callisuudhaan akka du'aatti guyyaa foon keessaa itti baatu eeggatti.
2. Gonfoon qoraattii irraa hojjetamee mataa Yesusitti kaa'ame kan mul'isu mallattoo cubbuu fi abaarsaa yoo ta'u, innis Yesus Kristos cubbuu fi abaarsa keenya ofitti fudhatee qullaa ta'uudhaan araara nutti argisiise.
3. Dubbiiwwan jajjaboo Yesus fannoo irratti dubbate:
a) Elii Elii Lamaa sabaktanii...
Mat 27:46
b) Yaa abbaa waan godhan
hin beekanii isaaniif dhiisi....
Luq 23:34
c) Dhuguman sitti hima har'a
anaa wajjin jannata keessatti
in argamta....Luq 23:43
d) Yaa abbaa koo hafuura koo
harka keettan kennadha...Luq 23:46
e) Haadha koo ilaa ilma
kee...Yohaannisiin immoo
"Ilaa haadha kee"...Yoh 19:26-27
f) Nan dheebodhe...Yoh 10:28
g) Fiixaan ba'eera...Yoh 19:30
4. Yesus fannoo irratti du'ee karaa afur madeeffame:
- Qaama Isaa yeroo reeban
- Gonfoo qoraattii mataa Isaa irraatiin
- Cinaacha Isaa eeboon waraanan
- Mismaaraan harkaa fi miilli
Isaa mukatti waqaramuun
5. Madaa'uun Yesus Kristos fayyina keenya foonii fi hafuuraa ti.
6. Wangeelli Yesus Kristos Ofuma Isaatii fayyina, fiixaan ba'iinsa, madda duroomina keenyaa, bilisa ba'uu, milkaa'ina, eebba, haara'umsa, kallattii hundaan cabsanii ba'uu fi nagaa keenya dha.
7. Seexanni akka Yesus du'u waan hin barbaanneef namoota adda addaatti gargaaramee daandii sanaaf dhorkaa ka'aa ture; sababni isaa humna du'uu Yesusiin aangoon Seexanaa hurraa'a waan ta'eefi dha. Akeekni fayyina ilmaan namootaa fiixaan kan ba'uu karaa tokkichi fannoo irratti du'uu Yesusiin waan ta'eef Waaqayyo abbaanis dhimma kanaaf waan Isa ergeef Yesus nuuf du'ee nu oolchuuf hayyamamaa ta'e.
8. Jechootni Yesus Wangeela Yohannis keessatti "Ana" jedhee ittiin of ibse torban:
- Ana buddeenni jireenyaa!
- Ani ifa biyya lafaa ti!
- Tiksee gaariin Ana!
- Ana mukichi waynii Inni dhugaan!
- Du'aa ka'uun jireenyis Ana!
- Ana balballi hoolotaa!
- Karichi, dhugaan, jireenyis Ana!
…………
Wabii
Kitaaba "Madaa'uu Yesus Kristos" jedhu keessaa fudhatame.
Obboleessa keenya #Geetahuun_Immiruu kitaaba kana dhalootaaf gumaachuu keessaniif galatoomaa!!
Forwarded from Ilma namaa ✝️
Dhuga Ba'umsa #Raajii Garboolee Hirpha

Yeroo tokko Raajiin Garboolee maatii isaaniitiin mee
gaaffii barbaaddan na gaafadhaa jedhaniiniin. Maatiin
isaaniis deebisanii waan fedha keenyaa gaafachuun nuuf ni
heeyyamamaa jedhaniiniin. Deebiinis raajichaas ni
danda'amaadha. Gaaffii jalqabaa kan dhiyeesse muchaa
angafaa kan taate Kennaadha. Ani shurraaba dhayuu
jalqabee sababii fo'aan na jalaa dhumeef hojicha
dhaabeera. Kanaafuu ammatti qarshii 180 na barbaachisa
jette. Haati warraa isaanis xaafiin manaa dhumeera gatii
ittiin bitu hin qabu waan ta'eef qarshii naaf kenni jedhan.
Hunduu gaaffii dhuunfaa isaa dhiyeesse. Raajichis gaaffii
keessan xumurtanii jedhanii maatii gaafatan. Hunduu
eeyyeen jedhaniiniin deebisaniif.
Raajiin Garboolee manaa gad ba'anii baala bargamoo
funaananii fidan. Akka gaaffii gaafatamaniittis baalicha
lakkaa'anii kennuufii yemmuu jalqaban ijoolleen isaanii
maaliif nutti qoosta ? Nuti qarshii si gaafanne malee baala
nuuf kenni hin jenne jedhaniiniin. Yeroo kana haati manaa
isaanii dhimmicha gidduu galuun waanuma isaan isiniif
Kennan fudhadhaa malee hin didiinaa jechuun ijoolleetti
himan. Kunis sababii amantii raajiichi Waaqayyoottii qaban
beekaniifi. Ijoolleenis tole jedhanii baalicha kennameef
lakkaa'anii fudhatan.
Achiis raajichi keessa isaaniitti yaa gooftaa ana hin
qaanessiin, deebiinis ammuma ariifatee haa dhufu jedhan.
Mee Adaaneech dhimma kanarratti Waaqayyoon nuuf
kadhadhu jedhaniin. Isheenis kadhannaa yoo jalqabdu
balballi isaanii rurrukatamuu eegale. Namarra Waaqayyo
ulfina qabeessa waan ta'eef kadhata ishee xumurtee
balballi yoo banamu namoonni sadi dhaabbatanii jiru. Inni
tokko jara lamaanitti mana agarsiisuuf dhufe. Warri lamaan
ol galanii mana taa'an.
Manni hundinuu foolii baala bargamoon guutameera.
Jarreenis nuti ergamnee waan dhufneef waan fidnee dhufne
nurraa fuudhaa jedhan. Jarris raajicha arguu isaaniitti
guddaa gammadanii kadhataa gabaabaa erga godhaniin
booda nagaa itti dhaamanii sokkan. Waanti isaanii fidan
hiikamee yemmuu ilaalamu deebii kadhannaa isaaniiti.
Qarshii dhufe sanas raajichi hundumaaf akka gaaffii
isaaniitti hiraniif. Kan irraa hafeen gatii gejjibaaf
hambifatanii tajaajilatti sokkan.
Egaa qajeelonni amantiin jiraatu kan jedhame dhuga akka
ta'eef dhuga ba'umsi kun ragaadha. Kan amaneef waanti
hundinuu ni danda'ama. Eebba argadhaa!!


#Barnoota edduu argachuuf channel #ilma_namaa jedhuu akka hordofuu hirriyya kee afferii!!
@ilmanamaa
@ilmanamaa
@ilmanamaa
Forwarded from Ilma namaa ✝️
seenaa wareegamtoota Abboota Amantii.

1)Barnaabaas:-ibbiddaan gubamee du'ee.
2)Vitaalaas:- fayyaatti awwaalamee du'ee.
3)Lugaas:-mukaa ejersaatti fannifamee du'ee.
4)maatiyaas:-in fannifamee,dhagaadhan fannoorrattii
reebamee,qottoodhan mormattii fannoorrattii citee
obbaaffatee.
5)Yihudaa Alfeewos:-ulleedhaan hammaa du'aatti
reebamee obbaafatee.
6)Yaaqob Alfeewos:-gamoo mana qulqullummarraa gad-
darbatamee miillisaa lamaan ergaa cabee ulleedhaan
reebamee du'ee.
8)Barteelemoos:-ni reeban, gadi garagaalchanii
fannisàan,fannoorratti osoo lubbuutti jiruu gogaa irraa
baasani qottoon mormaatti kutaan.
9) Indiriyaas:- halkaan sadiif guyyaa sadii fannoorra
oluudhaan du'ee.
10) Filiphoos:-mataa isaa fannootti hidhaani
,dhagaadhan fannoorratti reebani ajjeesan.
11)Yaaqob Zabdeewos:-mana hidhaa keessatti
mormattii citee du'ee.
12)Phaawuloos:-mormaatti cituudhan du'ee.
@ilmanamaa

13)Toomaas:-Allaanga sibilaa dimmeeffameen ergaa
reebamee Zaayitaa danfee keessa buusun cinnaachasa
Eboodhaan waraananii ajjeessan.
14)Simoon Alfeewoos:- fannifamee du'ee.
15)mariqoos:- lafarraa goototamee du'ee.
15)maatiwoos:-Akka fannifameetti lafatti waaqaranii
mormaatti kutaan.
Egaan yaa obboolataa ko nuhii qabsoo lubbuun lallabuu
miti jireenyi keenya kristoosin lallabaa jiraa.
nuhii garuu kristoos isaa fannifameen in lallabna, in
labsinaa,dhugaa baana,aarsaa taanaa ,in deemna
hangaa Adaaraa lafaattii Ameen...
seenaa bartoota kanattiin wallitti deebinaa.


Abbonni amantii wangeelaf jedhanii dhigaa isanii akka dhibayyutti dhangalaasani(×2)

Qosaatti mitii kan waangeelli nuu biraan ga'amee
Dhaamasuu guddadhan gaatituu itti baafamee(×2)

@ilmanamaa
@ilmanamaa
Forwarded from Ilma namaa ✝️
Raajii Elsaayii fi Garboolee!
========================
Guyyaa tokko raajiin Garboolee bara dargaggummaa isaanii wangeela tajaajilaanii osoo miilaan lafa fagoo
adeemaa jiranii dubaroota mi'a fardatti fe'anii gara manatti
adeemaniin walitti dhufan.
Maaloo daandiin nuyi deemnu
baay'ee fagoo waan ta'eef maaloo qarshii 20'n boorsaa koo kana faradoo irratti naaf qaba jedheen. Dubaroonni kunis dargaggoo dhaaba bareedu kana arganii tole jechuun
erga itti fe'aniifii booda qarshii 50 kaffalta jedhaniin.
Innis deebisee lakki ani qarshii 20 qofan qaba, yoo diddan immoo mi'a koo irraa naaf buusaa jedheen.
Isaaniis takka erga fagaatanii booda bosona guddatti dhufan.
Dubaroonni kunis walii galanii asiif achi erga nama ilaalanii Garboolee dura goran. Yookan qarshi 50 kaffali
yookan immoo nu lamaan keessaa nama bareedu filadhuutii wajjiin bosona kana keessa ciisi jedhaniin. Innis lakki ani nama bultoo qabu waan ta'eef waan akkasii hin
godhu jedheen.
Jarris cimsanii qaban. Achumaan raajichi waa'ee Elsaayi isaanitti hime. Nama nagaa osoo karaa darbaa jiruu moluu jedhanii itti ga'iisan.
Namni Waaqayyoos dheekkamsan jara abaare. Isaan keessas namni 42 ni du'an. Kanaafuu, isinis nan dhiiftan taanaan kannisan isinitti waama jedheen. Jarris hanga
garaan dhukubutti erga kolfanii mee maal akka fiddu ilaalla jedhaniin.
Innis yaa kanniisota koottaa dubaroota kana hiddaa jedhee
ofii mukarratti ba'e. Battalumatti kanniisoni 4,dhufanii dubarootarra marsan. Innis kanneen biraa dabaladhaatii baay'adhaa, hiddas jedhe. Kannisonnis baay'inaan dhufanii jara hiddan. Iyyanii maaloo yaa namichoo dhumne jedhan.
Inni garuu isaan dhiisee sokke. Fardeen ba'ichas jijjigsanii bishaanitti nam'anii du'an. Garbooleenis boorsaa isaa
fudhatee qajeele.

Karattis konkolaataa dhaabanii fi tola
gara manasaatti gale. Dubarootni sun fuulli bobbokokee gargaarsa namaan gara manaa adeeman. Eenyu namichi kana godhe jedhanii barbaadanis Garboolee argachuu hin
dandeenye. Egaa namoonni baroota keessatti Waaqayyoof of kennanii
jiraatan hojii akkasii hojjetu.

Ulfina Waaqayyoof kan kennu
kunoo goofticbi akkanatti wajjiin hojjeta. Barri itti hattoonnii fi yeyyoonii itti godaananiis as dhiyoodha.

Madda: Kitaaba Qilxuu Dhagaarratti Biqile jedhuu

Channel ilma namaa jedhuu kanaa hiriyyota keef ergii

@ilmanamaa
@ilmanamaa
@ilmanamaa
Forwarded from JIREENYA HAARAA (Kèñî Bîçîlâ)
Barnoota_bara_dhumaa
KUTAA 1ffaa
«««««««««««
Rom 8:8-25
Bara dhumaa jechuun bara booddee jechuudha.
1Qor15:24-28
BARRI DHUMAA YOOM JALQABEE?
"""""""""""""""""""""""""""
°Dhalachuu Yesus irraa kaaseeti. Gal 4:4 ; Ibr 1:2
*Biyyi lafaa jalqabaaf dhuma qabdi. Kanaafuu amma bara
dhumaa keessa jirrnaa
BARA DHUMAATIIF BUUURA KAN TAE MAALI? """""""""""""""
""""""""""
=Kristoos jalqaba dhuma biyya lafaatti dhufe.
=Bara dhumaa kanattis namootaaf due
=Bara dhumaa kanattis hafuurri qulqulluun bue. Yoel 2:5 ; Erg
2:16-18
=Bara dhumaa kanattis waldaan kristaanaa
hundeeffamte.Erg 2:1
WANTOOTA IJOO BARA DHUMAA
""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
:: Duuu fi duaa kauu
-Duuti, namni tokko jireenya biyya lafaa irraa qabu yeroo itti
raawwatu dha. Uum 3:14-19 , 7:22
-Jechi dua jedhu adda adda bauu kan agarsiisudha.
-Dua kan fide irra daddarbaa namootaati.
-Duuti eenyuuf kan hin hafne dha.
GOSOOTA DUAA
"
Duuti bakka sadii (3) tti qoodama.
#1) Dua foonii Yay 2:26
""""""""""""""" """"""""""""
Dua foonii jechuun fooniif lubbuun gargar bauudha.
#2) Dua hafuuraa
""""""""""""""""""""
Dua hafuuraa jechuun immoo utuu jiranii waaqayyoottii
adda bauudha. Efe 4:16
#3) Dua bara baraa ykn dua 2ffaa
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
Duuti bara baraa isa lubbuun waaqayyoon hin beekne bara
baraan dhiphatu dha.Mul 21:8
««««««««««««««««««««««««««««««««««
SABABA DUAA
"""""""""""""""""""
-Sababni duaa cubbuu dha. 1Qor 5:12
Waan kanaan gadii hubannoodhaan dubbisi.
JIREENYA EENYUMMAA GIDDU GALEESSAA """""""""""""""
<> Qaamaan duuu fi duaa kauu gidduu kan jiru dha.
<>Sagaleen waaqayyoo waaee eenyummaa giddu
galeessaa ni ibsa Luq 16:19-21 ;Mul 6:9-11 ; Lal 12:7
<> Qaamaan duuun booda jiraachuun akka jiru
mirkaneessa. Luq 16:19-21 ; 2Qor 5:8 ; Filp 1:21-23 ; Luq
23:42-43 ; Mat 10:28 ; Mul 6:9-11 ; Lal 12:7
<> Gooftaan namicha isaa wajjin fannifameen «hara naa
wajjin jannatatti galta» jechee itti himuun isaa, adeemsi
jiraachuu itti fufee jiraachuu isaa ibsa. 2Qor 12:2-6
<> Fooniif lubbuun erga gargar baanii booddee , Carraan
lubbuu namaa maal ta`a? Kan jedhu irratti ilaalchonni
baayyeen ni calaqqisu.
-Aanaa baabtistii kan jedhaman «Yeroo maalummaa giddu
galeessaatti lubbuun sillimii keessa jirti» jedhu.
-Warri Roomaa Kaatolikii imm oo «kan warra amananii
kallattiidhaan gara gooftaa deemti» jedhu. Kan warra hin
amaninii immoo piroograatoorii keessatti walitti qabamti»
jedhu.
-Warri guyyaa 7ffaa (Adiveentistii) immoo «Kan warra
amananiis, kan warra hin amannees kan hin
dammaqne dha» jedhu.
-«lubbuun in baddi malee hin jiraattu» kan jedhanis jiru.
:-Lubbuun namaa hin baddu, ofis hin jijjiirtu itti fuftee
jiraatti. Yoh 5:28 ; Erg 2:27 ; Yoh 3:16
Jannata keessa jiraatti. Luq 16:19-31 ; Filp 1:20-21
Gooftaa wajjin jiraatti. Filp 1:23
Ofis, namas beektee jiraatti. Luq 16:19-31
itti fufaa.........
👇👇👇👇👇👇👇
@jireenyahaaraa
@jireenyahaaraa
@jireenyahaaraa
@jireenyahaaraa
👆👆👆👆👆👆
Forwarded from JIREENYA HAARAA (Kèñî Bîçîlâ)
KUTAA 2FFAA
"""""""""""""""""
SIOOL YKN GAANNAM
""""""""""""""""""""""""""""
=Lamaan isaaniiyyuu boolla.
-Siool, afaan Ibraayisxiitti # itti_gatamuu ykn # boolla
jedhama. Siool ykn boolla kan jedhu:
>kakuu moofaa keessatti yeroo jaatamii shan (65) tuqame.
>kakuu haaraa keessatti yeroo kudha tokko (11) tuqame.
*Siool lafa cubbamootni itti gatamani dha. Luq 16:19
*Siool, afaan Ibirootaatti # Innoom jedhama. Hikkaan isaa
dachaa ykn boolla qilillee jechuu dha. Mar 9:43
*Siool, faallaa jireenya barabaraati. Mat 18:8-9
Kakuu haaraatti adabbiin barabaraa akkaataa
adda addaatiin ibsameera.
°Dhukkuba jedhameera. Yih 6 ; Mat 25 ; 2Phex 2:17
°Badiisaaf iddoo waaqayyo irraa adda bae jedhameera.
2Tas 1:9 ; Mat 7:21-23
=Lubbuun namaa bakka lama akka isheen dhaqxu macaafni
ni dubbata. Innis Gara Jannataa fi Gara Siool. Luq 16:19
«
JIRAATTOTA SIOOL
""""""""""""""""""""""""""""
:-Lubbuuwwan hin fayyine Mat 22:11
:-Ergamoota seexanaa 2Phex 2:4
:-Bakka jireenya Diyaabiloos Mat 25:41 ; Mul 20:10
«
WARRI SIOOL KEESSA JIRAATAN
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
~Aasauu ni dandau. Luq 16:19
~Waan darbe yaadachuu ni dandau.
~Dhagauu ni dandau
SIOOL EESSA JIRA?
=============
:-Siool, garaa lafaa keessa jira. 1Phex 3:19-21 ; Hisq
32:18-21
:-Warri # si ool keessaa firdiif ni kau.Namni cubbamaan
erga itti faradamee gara # gaannam dhaqa.
Hub :- Dhufee dhalachuun yesus afa-
"""""" an Grikiitti # Inkoojiintoo jedhama.
:-Inni inni lammata deebiee dhufuuf nu abdachiise immoo
# Puuriisiyaa jedhama.
DEEBIEE DHUFUU YESUS KRISTOOS
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
Dhufaatiin kristoos isa olaanaa abdii amantootaati. Mul 3:11
Dhufaan Yesuus handhuura abdii keenyaati
LAMMAFFAA DEEBIEE DUFUU Yesus
""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
*Barri dhumaa kan inni irratti xiyyeeffatu 2ffaa deebiee
dhufuu isaa irratti.
*Dhufaatiin Gooftaa inni 2ffaan yeroo duuti itti
xumuramudha.
*Duatu golgoleeffama.
1Qor 15:26,54
«
LAMMAFFAA DEEBIEE DHUFUU ISAA F I RAGAALEE
MACAAFA QULQULU
"""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
Yoh 1:45
=Ofii isaatii deebiee akka dhufu dubbateera Yoh 14:2-3
=Ergamootni dubbataniiru. Mul 1:7
=Lallabameera. 1:11
:-Yesus yeroo duuuf kae 2ffaa deebieen isin fudhadha
jedhee bartoota abdachiiseera. Yoh 14:3,28
:-Phaawulos, Yesus ajaja guddaa dhaan samii irraa akka
gadi buu dubbateera. 1Tas 4:16 Yoh 21:22
:"Ilmi namaa duumessa waaqa irraatiin yeroo dhufu in
argitu" kan jedhu caafamee jira. Mat 24:30 ; Mul 1:7
AMALA DHUFAATII GOOFTAA
""""""""""""""""""""""""""""""""""""
# Gooftaan , maal fakkaatee dhufa? Akkamittis dhufa?
::Isumatu utuu hin jijjiiramin dhufa.
::Utuu arganii dhufa. Mat 24:30-31
::Ulfina abbaa isaatiin dhufa. Mat 25:31
::Mootii moototaa taee dhufa. Mul 19:16
««««««««««««««««««««««««««««««««««
»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»»
MILIKKITA DHUFAATII ISAA
""""""""""""""""""""""""""""""""""
®Sochiin lafaa iddoo addaaddaatti tauu. Luq 21:11
®Amantoota irra rakkinni gahuu.
®Ejjummaa fi halalummaan akkuma bara Nohii fi Looxiin
baayachuu. Luq 17:26-30 ; Mat 24:36 ; 2Phex 2:7
®Baayina dhiphuu irraa kan kae gufachuu amantootaa
®Waaee Yesusiif biyya llafaatti jibbamuu. Mat 24:9 ; Mar
13:5-13
®Raajonni sobduun baayinaan kauu Mat 24:11
®Ammeenyi biyya lafaa fi Waldaa Kristaanaa keessaa
baayachuu. His 6:10 ; 2Xim 3:1-6
®Wangeelli biyya lafaa irratti lallabamuu. Mat 24:14
®Baayeen "ani Kristoosi" jedhanii kauu. Mat 24:23-28
®Lolaa fi oduun lolaa dhagaamuu. Mat 24:6
®Sabni saba irratti, mootummaan mootummaa irratti
kauu. Mat 24:7
®Namootni akka mataa isaaniitti deddeebiuun dhugaa
irratti qoosuu.
®Itti fakkeessuun kan deddeebian baayinaan mulchuu.
Mat 25:1-13
®Jaalalli namoota keessaa qabbanaauu. Mat 25:12..
itti fufaa..............

KUTAA 3FFAA
=Bifti dhufaatii yesuu bakka lama (2) tti qoodama.
1) Dhoksaatti dhufuu
2) Mulinatti dhufuu
:-Dhoksaatti eenyuuf dhufaa? Mul 19:7-9
-Waldaa kristaanaaf dhufa. 1Tas 4:16-17 ; 2Tas 1:7-10
:-Maalif dhoksaatti dhufa?
_Waldaa kristaanaa ishee dhiiga isaan bitamte gara isaatti
sassaabuuf
1Qor 15:51-52 ; Yoh 14:3 ; Tito 2:13 ; Mul 3:10
-Gidiraa jalaa baasuudhaaf dhufa. 2P

hex 2:9 ; Mul 3
Forwarded from JIREENYA HAARAA (Kèñî Bîçîlâ)
:10 ; 1Tas
1:10 ;
2Tas 1:6-8
-Yeroo fiingeen afuufamu waldaan kristaanaa ni butamti. 1Tas
4:15-16 ; Luq 17:34 2Qor 12:2-6 ; Ibr 11:16 ; Yoh 11:31
NAMOOTNI BUTAMAN EENYU FAI?
""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""""
_Gooftaa dammaqanii kan eegan.
_Jireenya qajeelaa kan jiraatan
_Waaqayyoo fi waldaa kristaanaaf kan abboomaman. 1Phex
1:13-16
_Warri duaa kaans utuu lubbuudhaan jiranii gooftaa kan
qabanidha.
Mul 14:13
SABABA GOOFTAAN AKKA TASAATTI DHUFUU:- """""""""""""""
""""""""""""
=Ija isaanii fi yaada isaanii namootni waan xiqqoo irratti waan
hidhaniif. 1Tas 5:2-3 ; Mat 24:36-39
=Hara waan ittiin jiraachuuf hojjetanii argatan wabii waan
isaaniif tau
itti fakkaatee waan abdataniif. Mar 10:17
=Raajiin waaee kanaaf dubbatame waan jiruuf. 1Tas 5:2 ; Mul
22:7-12
AMANTOOTNI MAAL GOCHUU QABNA?
A) Qophoofnee eeguu qabna. Mat 24:6-13 ; Luq 12:39-40 ; Mat
24:44
B) Dammaquu qabna. 1Tas 5:6 Mul 16:15
C) Dhimminee eeggachuu qabna. Mar 13:37
D) Jireenya toora ykn naamusa qabu jiraachuu qabna.
E) Of bituu fi qixatti jiraachuu beekuu qabna. 1Tas 5:8
SIRNA YEROO OL BUTAMUU
""""""""""""""""""""""""""""""""""
::Qulqullootatu qilleensa irratti gooftaa simata. 1Tas 4:17
::Duaa kauu isa duraatu taa. Mul 1:20
::Hirmaattuu ulfina isaatii taana. Rom 8:28-30
Waldaan kristaanaa yeroo ol butamtu wanta lama (2) tu taaaf
:-Cidha hoolichaatti hirmaatti. Mul 19:5-8 Ibr 12:23
:-Gatii hojii isheetii badhaasa fudhatti. 2Qor 5:10 1Qor 3:8 Mul
19:9,22:14
Obboleessako obboleettiiko ammayyuu obsaan dubbisi.
Waaqayyo si
haa eebbisu!
Warri tajaajila bua qabeessa hin laanne akka nama manni isaa
jalaa
gubatee qabeenyi isaa jalaa dhumee lubbuun isaa qofti hafeetti
ilaalama. Hojiin namaa yeroo ibiddaan ilaalamu yoo hojiin isaa
gubate
iyyuu lubbuun isaa jireenya bara baraa in dhaalti. Rom 8:1 1Qor
3:12-14
Yeroon ol butamuu yeroo itti amantootni fuula yesus duratti
dhihaatanii gatii isaanii fudhataniidha malee yeroo itti ifataman
miti.
Kanaafuu ol butamnaan ati bara baraan ni jiraatta.
Sirriitti hubannaan dubbisi!
# Dhoksaatti_dhufuu_fi_mullinatti_dhufuu_Yesus_
gidduu_waggaa_t
orba_ (7)_tu_jira.
Waggaa torba(7) jechuun # Sabaa_Subaa ee (torban
torbaatamaffaa)
jechuudha.
-Waaee # sabaa_subaa ee ilaalchisee yaadota adda addaatu
jira.
@Namootni tokko tokko "subaaee jaatamii sagal(69) keessa
jirra"
jedhu.
@Warri kaan immoo "subaaeen 69 dhumee bara waldaa
kristaanaa
keessa jirra" jedhu.
@Warri kaan immoo, "torban torbaatamaffaan raawwateera"
jedhu.
@Nuti kana keessaa kan fudhannu "bara waldaa kiristaanaa
keessa
jirra" isa jedhudha.
Subaaee tokko (1) jechuun waggaa torba (7) jechuudha. Dan
9:24-27
= Ijaaramuu dallaa yerusaalemii kaasee (eegalee) hanga
ajjeefamuu
masichaatti waggaa dhibba afuriif saddeettamii sadii (483)
subaaeen
69 darbeera jechuudha.
=Kristoos ajjeefamuu fi duuu isaatiin barri waldaa kristaanaa
gidduu
galuu isaatiin torbeen sun gargar citee ture. Mat 21:43 Erg
15:14
=Subaaeen tokko waggaa torba waan taeef hanga Yesus
duetti
subaaee 69 tu dhume.
7x69=483 taa.
:-Waldaan erga ol butamtee booda subaaee tokko ykn
waggaa 7 tu
itti fufa.
:-Yeroon kun yeroo gidiraa isa guddaa jedhama. Dan 12:1
:-Yeroo gidiraan inni guddaan xumuramu subaaee 70ffaa ykn
waggaa
490 jedhama.
7x70=490 taa.
:-Waggaa 490 booda bara mootummaa waggaa 1000 jedhama.
483/7=69
490/7=70
Waggaa 483 hanga 490 tti.....
@jireenyahaaraa
@jireenyahaaraa
@jireenyahaaraa
itti fufa
Waaqayyo inni bara baraa kun iddoo jireenya keetii ti; irreen bara baraas isa jala jira, inni diinota kee si duraa in oofa, ‘Isaan balleessis!’ in jedha*; Israa'el kophaa isaa bir'aa malee in jiraata, sanyiin Yaaqoobis, biyya midhaanii fi daadhii waynii baasu keessa, biyya waaqni fixeensa gad itti coccophsu keessas nagaatti in taa'a*. Yaa Israa'el, ati gammadi! Eenyu sabni akka kee Waaqayyo oolche? Gaachannii kee fi gargaarsi kee isa; billaan kee inni ulfina-qabeessis, diinonni kee si dura in quphanu, ati immoo iddoo isaanii isa ol jedhaa irra in ejjetta” jedhe*.
Seera Keessa Deebii 33:27-29
@Naardos❤️❤️❤️
@Naardos❤️❤️❤️
Forwarded from Kaayyoo koo
(Abjuu Mukkeen Sadii)

#Repost
Muka sadiitu ture. Lama kan dhaabbatan yoo ta'u tokko garuu jigee jira. Guyyoota jiran keessaa guyyaa tokko mukkeen kunneen abjuu jireenyaa isaanii (hawwii isaanii waliitti himatu turani. Mukni inni tokko akkas jedha, "Ani saaxinii ( cuftuu) ta'ee waan qaalii (mi'aahaa) addunyaa akka narra taa'u hawwii kooti "jedha. Inni lammaffaa immoo akkas jedha, " Ani doonii ta'ee, mootonni addunyaa akka narra taa'anii imalan nan barbaada "jedha. Inni sadafaas harkaa fuudhuun," Ani immoo qoricha ta'een nama baay'ee yoon fayyise kanaa ol homaa hin barbaadu "jedha. Sadanuu hawwii isaanii walitti himanii yeroo fixan warreen muka muran dhufani. Muka jigee sana fudhatanii deemani. Innis saaxinii ta'uun hawwii isaa yoo ta'ellee soofanii meeshaa horiin irratti nyaatu godhani. Isa lammaffaas dhufanii kutuun bidiruuf oolfatani. Hawwiin Doonii ta'uu jalaa hafe. Mukkeen lamaanuu hin aarani. Hawwiin isaanii kan jalaa hafe isaanitti fakkaate. Mukni inni sadaffaas tajaajila kamiifuu ooluu dadhabuun isaa baay'ee isa aarse.
Waggoota muraasa booda, Kiristoos Yesuus gara biyya lafaa dhufa. Bakki Beeteleheem wan hin, jirreef dallaa horii keessatti dhalate. Haati isaa Maariyaam meeshaa horiin nyaata itti nyaatan irra martee isa keesse. Waan qaalii (mi'aahaa addunyaa kanaa irra akka taa'u kan hawwaa ture mukni kun qaalii fi mi'aahaa kan tale Kiristoos irra taale.
Gooftaa Yesuus barsiisuuf yeroo deemuu bidiruutiin deeme. Bidiruun sun mootiin addunyaa akka narra taa'u muka nan barbaada jedhe dha. Mootiin moototaa irra taa'uun ittin imale. Hawwiin isaas galma gahe. Gooftaan keenyi Yesuus Kiristoos akka fannifamuuf yeroo itti faradame muka isa sadaffaa kutanii fiduun Kiristoosiin itti fannisani. Nama baay'eef qoricha ta'uun barbaada mukni jedhes hawwiin isaas galma gahee fannoo ta'uun fayyisaa fi qoricha kan ta'e Yesuus Kiristoosiin itti fannifamee nama hundaaf qoricha ta'e.
Mukkeen sadanuu abjuun ykn hawwiin isaanii kan hafe yoo fakkaatellee, Waaqayyoo isa yaadan ol godheefi jira. Yaa saba gooftaa unuufis unu caalaa kan nuuf yaadu jira gooftaan. Waan abdii nama kutachiisu yoo baay'atellee yeroo hundumaa isaan abdii fi amantii guutuun isa eeguu akka dandeenyu nu haa gargaaru. #Ameen!#Eebbifamaa
━━━━━━━━━━
➤ Join
🔺in🔺
ᔑᕼᗩᖇᗴ📖 ᔑᕼᗩᖇᗴ
🔻in🔻
⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣ ⇣⇣
@Kaayyookoo
@Kaayyookoo
@Kaayyookoo
𝐒𝐡𝐚𝐫𝐞 𝐦𝐲 𝐅𝐫𝐢𝐞𝐧𝐝𝐬
Comment: @Laabiwaangela_bot
┗━━━━━💞━━━━━┛
Forwarded from Yaadannoo Wangeela (Dåvíd Çj)
Bartuummaa (Discipleship)


Maalummaa Bartummaa.

👉jechi bartuu jedhu jecha Griikii mateetes (mathetes) jedhu irraa kan dhufe yoo ta'u hiikkaan isaa baraataa (kan barsiisaa isaa faana bu'u) ykn kan geggeessaa isaa fakkaatu,(fakkaattii barsiisaa isaa) jechuudha.


Akka bu'uura kanaatti Waldaan kristiyaanaa barsiisa fayya buleessa M/Q akka horattuf kan ishee irra jiru barsisaa fi hundeessa kristiyaanotaa kan ta'e yesusin kan fakkatindha.yoh 8:31,1Qor11:1.


Fakkaachuu jechuun fakkeessuu (kooppii garagalchuu) jechuu osoo hin taane jireenyaan mul'isuu jechuudha .


Bartuu Yesus Kristos Ta'u Kan Danda'amu.


1) Isatti amanuun lammaffaa dhalachuu (yoh3).

2) Hafuura isaa dhuguu .(1qor12:13 ).

3) Barsiisa isaa amanuu fi hordofuu (Hoe 2:42;13:12).

4) Fakkeenya isaa duukaa bu'uu (hordofuu) imitates his example( mat10:24;yoh6:69 ;luq 14:26_27).

5) Fannoo kan ofii baadhatanii isaa hordofuu (mat10:38;16:24 mar8:24).

6)mataa ofii ganuu ( mat16:24).

7) Biyya lafaa ganuu (mat 4:8_9 ;16:26;13:22;gal 6:14).

8) Seexnaafi hojii isaa ganuu (yoh 3:10 ).


Hamma dhumaatti (du'aatti) isaa faana bu'uu murteessuu (Dan 12:13;Mat 10:22;24:13; mul 2:10 ).


Eebbifama🙏.
✳️✳️ Share ✳️✳️ Share & join join

👇Kanaa 👇👇tuqi👇👇

@ifawangeela
@ifawangeela
@ifawangeela
@ifawangeela
@ifawangeela
Forwarded from Dammaa Injiguu
MACAAFNI WEEDDUU, WEEDDUU CAALUU ERGAAN ISAA MAALI?
1ffaa, Fakkeenya jaalala fi tokkumaa kiristoosii fi Waldaa kiristaanaa gidduu jiruu bifa jaalala misirrootiin ibsa
Efe. 5
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
²⁵ Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!
²⁶ Waldaan kristiyaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtuu akka taatutti, Kristos karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiquudhaan ishee in qulleessa.
²⁷ Waldaas xurii fi dirmammuun, wanti kana fakkaatus utuu irratti hin argamin fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee, ulfinaan of dura ishee dhaabuuf jira.
Mat. 25
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹ ¹ Yesus yommus, "Mootummaan waaqaa durboota kurnan warra ibsaa isaanii fudhatanii, dhirsa misirroo simuudhaaf ba'an fakkaata.
² Durboota sana keessaa shan gowwoota turan, shan immoo afshaalota turan.
³ Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee cuunfaa ejersaa isa ibsaatti naqan hin fudhanne.
⁴ Warri afshaalonni ibsaa isaanii wajjin cuunfaa ejersaa qodaatti fudhatan.
⁵ Dhirsi misirroo galuu turraan hundumti isaanii muganii rafan.
⁶ "Halkan walakkaa immoo sagalee guddisee, 'Dhirsi misirroo kunoo ti! Isa simuudhaaf ba'aa!' jedhutu dhaga'ame.
⁷ Yommus durboonni sun hundinuu ka'anii ibsaa isaanii tottolfatan.
2ffaa,Jaalalaa Abbaa manaa fi haadha manaa gidduu jiruu ammam akkaa wal jaalatan ibsa
— Lal. 9:9
“Bara jireenya kee isa waa'ee hin baafne hundumaa kana keessatti haadha manaa kee ishee jaallattuu wajjin jireenyatti gammadi! Aduu jalatti isa kanatti akka jiraattuuf Waaqayyotu siif kenne; bara jireenya kee isa waa'ee hin baafne hundumaatti wanta ati aduu jalatti itti dadhabdee hojjetteef qoodni kee isa kana.”
— Wed. 3:1
“"Isa garaan koo jaallatu halkan guutuu siree koo irra nan barbaade, barbaadees isa hin arganne; [ani isa nan waame, innis na jalaa hin oowwaanne] 2 ani ka'ee mandara keessa, karaa irra, walga'ii karaa irra naanna'ee isa nan barbaada; isa garaan koo jaallatu sanas nan barbaade, garuu isa hin arganne.”
HTML Embed Code:
2024/06/12 22:06:51
Back to Top