TG Telegram Group Link
Channel: Egeree Post
Back to Bottom
Egeree Post pinned a photo
Wantoota Dhala Namaa Milkeessan Sadan........
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✪ Competence (Dandeettii)
✪ Character (Amala)
✪ Chemistry (Keemistirii)

➛ Namni tokko dirree ogummaa isaatti barbaadamummaa, fudhatamummaa akkasumas nageenyummaa isaa mirkaneessuuf wantoota armaan olitti eeraman sadan walfaana horachuu qaba jedhama.

⓵. Dandeettii: Dandeettii qabda taanaan bakka hundatti barbaadamta. Furmaata tokkoof situ furtuu waan ta'eef hanga ati bakkicha geessutti namni hunduu balbala furmaataa ta'ee siin eega. Situ dhaqee banee hiika kennaaf.

Dandeettii kee kanaan:
➛ Addunyaatu si mararsiifata;
➛ Kan rakkatetu si iyyaafata;
➛ Halkan hirriibaa si kaafata;
➛ Rakkoo isaaf fala si gaafata;
Eeyyeen, dandeetticha keetu kanaan si gahe.
Qabda taanaan ittumaa jabeeffadhu; hin qabdu taanaan hulaa isaa irra gori! Dandeetticha horadhu!

⓶. Character/Amala: Amalli kee namoota biratti kabaja akka qabaattu si gargaara. Fudhatamummaa keefis utubaadha. Amala hin qabdu taanaan garuu dandeettii hangamuu qabaattu gateettiin namootaa danda'ee si hin baatu.

⓷. Chemistry/Keemistirii:
Keemistirii yeroo jennu wal nyaatinsa, yaa'a fi jijjiiramummaa ati naannoo kee waliin taasiftudha. Kunis jijjiirama fudhachuu, ilaalchaa fi ejjennoo ofii irra deebi'anii ilaaluun kan warra kaanii waliin walitti araarsuudha. Kana yeroon jedhu, "bakka hundatti amala gaararraa qabaachuu qabda" jechuu osoo hin taane, yaadaa fi ilaalcha tokko kanuma koo qofatu sirriidha jettee rincicaa ta'uu dhiistee, yaada haaraa fudhachuufis qophaa'oo ta'iidha. Kun yoo hin taane nageenyi kee yaaddessaa dha. Umuriin naannoo sana turuu kees ni xiqqaata.

➛ Walumaa galatti dandeettiin kee barbaadamummaa kee murteessa. Amalli kee fudhatamummaa kee murteessa.
Keemistiriin kee nageenya kee murteessa.
Kanan Dubbise irraan isiniif qoode!
👇
@Ourmichujobs
Beeksisa Hojii Madda qab atamaa irraa dorgomaa
Dadhabbii malee mana Kessan ta'aati baasiif utuu hin saaxilamiin Waan feetan Ilaalaa dorgomaa


Carraa Sholarshipi Bilisaa biyya alaa Appi buufachuun apply godhaa namootni feetan qofti liinkii banuun
👇👇👇👇👇
bit.ly/445EiyL bit.ly/445EiyL
bit.ly/445EiyLbit.ly/445EiyL

Telegramii Beeksisa hojii join godhaa
#Share hiriyaa jaallatuuf godhi #Chaanela Beeksisa Afaan Oromoo
👇👇
https://hottg.com/michujobs
https://hottg.com/michujobs
Forwarded from Egeree Post
Egereen akka Maqaasaa Applikeeshiinii Mobile Keessaniif ta'u qabatee dhufeera
Carraa Scholarshipi Bilisaa Biyyota Addunyaa
Beeksisa Daandii Qillensa Ethiopia
Baatirii dafee Chaarjii fixuuf appi Install godhachuun
Pasportii Online baafachuu
Hojiilee Partime &Full time
Appiwwaan Mobile Keessaniif mijaawaa fi Kanneen feetan liinkii Cuqaasuun Carraa hojii biyyotaa alaas Apply godhaa
👇👇👇👇👇
bit.ly/445EiyL bit.ly/445EiyL
bit.ly/445EiyLbit.ly/445EiyL
Beeksisa Hojii Madda qab atamaa irraa dorgomaa
Dadhabbii malee mana Kessan ta'aati baasiif utuu hin saaxilamiin Waan feetan Ilaalaa dorgomaa

Carraa Sholarshipi Bilisaa biyya alaa Appi buufachuun apply godhaa namootni feetan qofti liinkii banuun
👇👇👇👇👇
bit.ly/445EiyL bit.ly/445EiyL
bit.ly/445EiyLbit.ly/445EiyL

🌈Telegramii Beeksisa hojii join godhaa #Share hiriyaa jaallatuuf godhi #Chaanela Beeksisa Afaan Oromoo
👇👇
https://hottg.com/michujobs
https://hottg.com/michujobs
Barnoota Kudhan (10) "Akkaataa Namoonni Milkaa'oon Itti Guddatan" jedhu kan Jiim Koolinsi barreesse |

1. Dandeettiilee ijoo kee guddifadhu! Maal irratti addatti dandeettii qabda? Wantoonni ati hojjettu kan warri kaan hin dandeenye maali? Dandeettiilee ijoo kana guddisuu irratti xiyyeeffadhu; karaa milkaa’ina gaarii irra jirta.

2. Mul’ata ifaa ta’e qabaadhu! Jireenya kee keessatti maal galmaan gahuu barbaadda? Kaayyoon kee maali? Mul’ata ifaa ta’e qabaachuun kaayyoo kee galmaan ga’uuf kallattii fi kaka’umsa siif kenna!

3. Itti cichi! Abjuu keetiif abdii hin kutatin! Yeroo meeqa yoo kufteyyuu carraaqqii kee itti fufi! Cichoominni milkaa’inaaf furtuudha.

4. Balaa dhufuu danda'u fudhachuuf fedhii qabaadhu! Waan gurguddaa galmaan gahuu yoo barbaadde balaa dhufuu danda'u fudhachuuf fedhii qabaachuu qabda. Naannoo mijataa hin taane keessa tarkaanfachuun waan haaraa yaaluu hin sodaatiin!

5. Barataa umurii guutuu ta'i! Addunyaan yeroo hunda jijjiiramaa waan jirtuuf yeroo hunda barachuu qabda. Kitaaba dubbisi! Konfiraansii irratti hirmaadhu! Akkasumas koorsii fudhadhu dursitee turuuf.

6. Namoota yaada gaarii qabaniin of marsi! Namoota waliin yeroo dabarsitu jireenya kee irratti dhiibbaa guddaa qabu. Kanaafuu namoota gaarii abjuu kee deeggaraniin of marsi.

7. Deebisii kenni! Hawaasa keetiif yookiin waa'ee isaaniif dhimmaa jiraachuu keetiif karaa ittiin deebiftee kennitu barbaadi! Kana gochuu keetiif miira gaariitu sitti dhagahama akkasumas namoota biroo wajjin akka wal qunnamtuuf si gargaara.

8. Milkaa'ina kee kabaji! Yeroo galma tokko galmaan geessu yeroo fudhadhuutii milkaa'ina kee kabaji! Kunis kaka’umsa qabaachuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachuun akka itti fuftuuf si gargaara.

9. Namoota biroo wajjin of hin madaalin! Hunduu imala mataa isaa irra jira. Kanaaf namoota biroo wajjin of hin madaalin! Kaayyoo mataa keetii fi guddina mataa keetii qofa irratti xiyyeeffadhu!

10. Imala keetti gammadi! Milkaa'inni ga'umsa ("destination") miti. Imalli ("journey") dha.

✪ Barumsi kun jireenya mataa keetii keessatti guddachuu fi milkaa'ina akka argattuuf si gargaara jedheen abdadha.
👇
@Ourmichujobs @Ourmichujobs @Ourmichujobs @Ourmichujobs
Beeksisa Hojii Madda qab atamaa irraa dorgomaa
Dadhabbii malee mana Kessan ta'aati baasiif utuu hin saaxilamiin Waan feetan Ilaalaa dorgomaa

Carraa Sholarshipi Bilisaa biyya alaa Appi buufachuun apply godhaa namootni feetan qofti liinkii banuun
👇👇👇👇👇
bit.ly/445EiyL bit.ly/445EiyL
bit.ly/445EiyLbit.ly/445EiyL

Telegramii Beeksisa hojii join godhaa #Share hiriyaa jaallatuuf godhi #Chaanela Beeksisa Afaan Oromoo
👇👇
https://hottg.com/michujobs
https://hottg.com/michujobs
Egeree Post pinned a photo
Egeree Post pinned a photo
Waggaa17 dura Godina Shawaa Lixaa magaalaa Gincii keessa ol-adeemaan kutaa jahaffaa baratu kalaqni hojjete jiraattoota naannoo tajaajiluu eegaluun isaa tasa hidhaa isa buusee oole.
Gabaa fi daandilee gubbaatti raadiyoo fi televizhinii hojjechuu dide suphuu ijoollummaadhumatti kan eegale oladeemaan kun, telefoona guyyaa tokko argeen raajjefamee telefoona mataa isaa kalaqe.
Ol-adeemaan meeshaalee elektirooniksii suphuufuu namni amanee meeshaasaa itti kennachuuf rakkatu, telefoona kalaqee jiraattota magaalichaa kaffaltii xiqqaan tajaajiluu eegalee ture.
Kalaqni isaa bilbilaa kun gabaa harkisaa deeme, gurra dhaabbata teelekoomii Itoophiyaas gahe. Yeroo kana ture hidhaa bu'uuf fiixeerra kan gahe.
Kalaqni isaa kun amma kaampanii sooftiweerii oomishu akka hundeessuu bu'uura ta'eera. Abbummaa kalaqoota hedduu ittiin argachuufis ka'umsadha.
Ijoollummaa isaatti hojjetaa dhaabbata teelee ta'eera, achiis Ministeerri Ittisaa Itoophiyaa oogummaa isaa barbaadee fudhate.
Boodas abbootii kalaqaa fi oogummaa addaa dhaabbata Ejensii Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa(INSA) yeroo jalqabaaf hundeessan keessaa tokko ta'e.
Dargaggoon kun Israa'eel Beellamaa jedhama. Waggoota 17 oliif hojii oogummaa kalaqaa uumamaan argate, barnotaan deeggareera.
Dargaggoo Israa'eel waggoota torba dura carraa barnoota bilisaa biyya Ameerikaatti argatee, damee Saayibeer Sekiyuritiin erga eebbifamee booda biyyatti deebi'uun kaampanii softiweerii oomishu hundeessee duula magaalota dijitaalessuurratti hojjechaa jira.
Dargaggoo Israa'eel oogummaa waa kalaquu isaa gabbisuuf biyyoota addunyaa hedduurra naanna'eera. Dorgommii teeknolojii sadarkaa idila addunyaatti gaggeeffaman adda addaa irrattis hirmaatee maqaa biyyaa gaariin dhoofsiseera.
Bilbila akkamiin kalaquu danda'e?
Israa'eel Beellamaa yeroo kutaa jahaffaa baratu ijoollee ganna 13 akka ta'u tilmaama.
''Telefoona ijaan argee hin beeku ture. Akka carraa ta'ee gaafa tokko obboleessikoo hangafaa mana bilbilaa na fudhatee deeme. Nama achuma jiru malee nama fageenyarra jiru kan dubbise hin seene.
Wantan hin beekne tokko yeroo namni natti himu qalbiinan hordofa. Achii bilbilli kun akkamiin hojjeta jedheen xiinxaluu jalqabe'' jechuun kalaqni isaa akkamiin akka eegale BBC'tti hime.
Muxannoo isaa raadiyooniifi meeshaalee elektirooniksii kaan suphu irraa argateen wantootni akka kappaasitar, tiraanziitaraa fi kaan maal akka hojjetan baree akka ture hima.
''Namni raadiyooniidhaan yeroo dubbatu ani ''isa amma jette irra naa deebi'i'' osoon jedhee namni achi keessaa dubbatus isan dubbadhu na dhagahee yaadni bilbilaa ykn telefoonaa akka kanaan hojjechuu danda'a'' hubannoo jedhuun telefoona hojjechuu akka eegale dubbata.
''Asumarraa ka'een shiboo maramaa fi tirii biddeenaa fa'a qaxaqqaxeedhuman bilbila manaa hojjedhe. Bilbilichi hin lakkaawu, wanta warri teelee ittiin hojjetan waliinis qunnamtii hin qabu.''
Bilbila sibilotaafi dhoqqeerraa godhee kalaqe kana harmee isaatti bilbilee hojjechuu isaa mirkaneeffate.
Booda telee iddoo namoonni firoota isaaniif bilbiluu dhaqan dhokatee yeroo ilaalu sibiila akka golboo ol fagaatee fannifame arge.
Kanas sibilotuma raadiyoo keessa jiran walitti tumee tirii irratti nyaatan waliin bobbocee yeroo fannisu diishii ykn risiivarii sagalee akka harkisu achiis gara shibootti akka galuu danda'uu hubate.
'Wanta gabaan haasa'u diishii tirriirraa hojjedheen dhagaheen harmee kootti gatii xaafii himaan ture'
Amma maal hojjechaa jira?
Dargaggoo Israa'eel oogummaa qabu barnootaan cimsuuf waggaa torba dura gara Ameerikaa imalee barnoota Saayibeer Sekiyuuritii erga hordofee booda 'amma biyya koo akkamiin gargaaruu danda'a'' jedhee Itoophiyaatti deebi'ee jedha.
''Amma kaampanii sooftiweerii kalaqu ijaaruudhaafin deebi'ee dhufe. US keessatti damee Itiyoo Innooveeshiin Senter jedhu hundeesseera. Hayyama achii baafadheen dhufe'' jedha.
Ijoollee eebbifamtoota Yunivarsiitii ICT irratti gaarii ta'an waliin piriijektoota Ismaart Siitiif oolan irratti hojjechaa akka jiran hima.
''Duula magaalota dijitaalessuuf godhamu keessatti gaheekoo bahuurrattin hojjechaa jira.''
Yeroo ammaa magaalota naannoo Oromiyaa keessatti hojii kana hojjechaa akka jirus dubbateera.
ABDII HIN DHABIN! |
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
⌲ Yoo ofii kee rakkattee, itti dadhabdee milkaa'uu baatte, rakkina kee kanatti ilmi kee, dhaloonni si boodaa ni milkaa'u.

⌲ Ilaali rakkina kee har'aa kana ilaaltee abdii hin kutin!

» Diinni milkaa'inaa inni guddaan abdii kutuu dha. Waan hojjettu kamiyyuu hamma du'aatti yoo ta'e iyyuu cichii jabeessii itti fufi! Bor yoo duute iyyuu dhaloota boriif eebba taate duuta.

» Dhaloonni si boodaa "rakkina inni rakkachaa ture nuti immoo har'a bu'aa isaa jiraanna" siin jechaa seenaa kee yaadachaa jiraatu.

⌲ Hammuma kufaatiin sitti baay'atu, milkaa'ina keetti dhiyaachaa akka deemtu beeki!

⌲ Kufaatiin tokko gaafa si quunnamu deemsa gara galma milkaa'ina keetti gootu dheerina isaa gabaabfachaa jirta jechuu dha.

⌲ Imala gara milkaa'inaatti deemuu kee,  karaa milkaa'inaa irra imalaa jiraachuu kee kan siif mirkaneessu kufaatii si mudachaa jiru dha.

⌲ Kufaatiin yoo si mudachaa jira ta'e,  jabaadhu ati karaa milkaa'naa irra jirtaati. Garuu hamma yoonaa kufaatiin si mudatee hin jiru yoo ta'e ati milkaa'ina keef deemsa hin eegalle jechuu dha.

⌲ Namni osoo hin kufin milkaa'e nama hin hojjanne dha yookiin kufaatii nama biraatti kan milkaa'e dha.

⌲ Kufaatiin hammuma si mudachaa deemu; ofitti amanamummaa kee cimsaa,  waan darbe irraa barachaa,  karaa kaleessa irratti kufte irra akka hin deddeebine hubachaa,  karaan biraa akka jiru xiinxalaa akka deemtu si gargaara.

⌲ Kanaaf kufaatii hin jibbiin kufaatiin daandii milkaa'inaa ti.

» Jireenya kee jijjiruuf sammuu jijjiiramaan har'a jijjiirama eegali!

Beeksisa Hojii Madda qab atamaa irraa dorgomaa
Dadhabbii malee mana Kessan ta'aati baasiif utuu hin saaxilamiin Waan feetan Ilaalaa dorgomaa

Carraa Sholarshipi Bilisaa biyya alaa Appi buufachuun apply godhaa namootni feetan qofti liinkii banuun
👇👇👇👇👇
bit.ly/445EiyL bit.ly/445EiyL
bit.ly/445EiyLbit.ly/445EiyL

Telegramii Beeksisa hojii join godhaa #Share hiriyaa jaallatuuf godhi #Chaanela Beeksisa Afaan Oromoo
👇👇
https://hottg.com/michujobs
https://hottg.com/michujobs
HTML Embed Code:
2025/06/28 09:46:28
Back to Top