Dhimmi ka’umsa miinda hojjettootaa (minimum wage) akka qoratamu Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangawoota mootummaaf kallattii kaa’an.
Roobii darbe (Hagayya 30, 2023) Ministirri Muummee Abiy Ahimed bakka buutota hojjettoota Itophiyaa waliin yeroo wal arganii mari'achuu Pirezidantiin Konfedereeshinii Waldaalee Hojjettoota Itoophiyaa Obbo Kaasahuun Foolloo BBC’tti himaniiru.
Qaala'iinsa jireenyaa biyyattii keessatti hammaateen hojjetaan mindaa argatee jiraatu daran miidhamaa jiraachuu fi dhimmoota rakkoo kana furuu danda'anirratti xiyyeeffachuun Ministira muummee Abiy waliin akka dubbatan himan Obbo Kaasahuun.
''Gibirri miindaa hojjetaarraa muramu akka gadi xiqqaatu fi miindaan ka'umsaa (minimum wage) akka biyyaalessaatti akka jiraatu kan jedhurratti mari'anneerra,'' jedhan.
Mindaan ka'umsaa akka jiraatu kanaan dura labsiin ba'uu kan ibsan Obbo Kaasahuun, ''akka labsii kanaatti boordiin dhaabbateetu kana murteessa. Boordiin kun ammoo labsii manni maree ministeerotaa baasuun dhaabbata. Kunis hanga yoonaa hin dhaabbatin jira,'' jechuun hanqina jiru ibsan.
''Boordiin kun dhaabbatee gara hojiitti akka seenuu fi qorannoorratti hundaa'ee miindaan ka'umsaa akka murtaa'u, kallattiin akka kaa'amu dhiheessine.''
Gareen hojjetaa, hojjechiisaa fi mootummaa irraa ijaaramuun walitti dhufee dhimma hojjetaa fi hojjechiisaa irratti yeroo yeroon maria'atu- Advisory Board jedhamu waggaa lamaaf addaan citeeti kan ture jedhan Obbo Kaasahuun.
''Gareen rakkoo hojjetaa ilaalee mariin sirreessu kun akkanni itti fufu mari'anneerra.''
Gaaffilee fi yaadota isaan dhiheessan Ministirri muummee Abiy deebii abdachiisaa ta'e kennuufii dubbatan qondaalli konfedereeshinii waldaalee hojjettootaa kun.
Gibirri hojjetaarraa citu akka hir'atuu fi ka'umsi miindaa akka murtaa'u gaaffii dhiheessan irratti Ministirri Muummee kallattii kaa'uus himan Obbo Kaasahuun.
Rakkoo qaala'iinsa jireenyaa hojjettoota mindeeffamanii jiraatan mudatu gaafachaa turuu kan dubbatan Obbo Kaasahuun, ''haala kanaan carraa Ministira muummee fi ministiroota kaan waliin mari'achuu argachuun rakkoon kun furmaata akka argatu abdii namatti hora,'' jedhan.
>>Click here to continue<<