TG Telegram Group Link
Channel: LENCHO IBRAHIM
Back to Bottom
💎عن أَبي أيوبَ رضي الله عنه : أنَّ رسول الله ﷺ قَالَ :
(( لا يَحِلُّ لِمُسْلِمٍ أنْ يَهْجُرَ أَخَاهُ فَوْقَ ثَلاَثِ لَيَالٍ : يَلْتَقِيَانِ ، فَيُعْرِضُ هَذَا ، وَيُعْرِضُ هَذَا ، وخَيْرُهُما الَّذِي يَبْدَأُ بِالسَّلاَمِ )) .
📚متفق عَلَيْهِ .
MEE AAMIIN JA'I FURAMUUTU MALAA

Ikwaanii wa Akawaatii Rabbiin karaa
ifii irra isin haa bobbaasu. Jiruun
teessan sunnaan haa daraartu.
Ibaadaan Aadaa isinii haa ta'u.
Hiyyummaan oduu isinii haa taatu.
Dunyaa hin barbadina isimmaan isin haa barbaduu.
Dunyaa mu'mintootaan
maltu harka isin haa kaawu. Warra
wal fuudhee Rahmanni Rahmaan
isaanii haa bu'u. Joollee surriin furrii qofaa mitii joollee aalima taatu tan firee qabdu rabbi irraa haa yaasu.
Warra ilma dhabee akka nabi
ibraahimiif Nabi zakariyyaa kenne
sanitti kennee haa gammachiisu.

Warra wal hin fuudhinii warra walii
tolee wal tolchu Rabbi waliin haa
barbaduu.

Qaama keessaniif diliin walii
hin tahin. Rabbiin kaaznaa ifii isinitti haa cabsu.
Karaa isin baatanirra sunnaan haa margu. Bakkaa isin qubattanii bid'aan haa baqatu.
Dhibee qaamaafii dhibee qalbii Rabbi
isin haa yaalu. Bakka jiranitti mootiin muslimtoota haa nassaru. Nasrii isaa nuu fide nu haa qabbaneessu. Rabbiin mu'mintoota
dabranii tan qabrii haaraatiif
mooftuullee haa araaramu. Otoo
duuyda dachee irra yaanu otoo jalatti
hin dachaanee biyyee hin uffanne
nasrii diin nu haa garsiisu. Otoo
umriin nun funne of nu haa beysisu.

Gaafa ajala keenyaa kaatimaa nu haa bareechu. -LAA ILAAHA ILLALLAAH-
irratti mirgarratti nu haa kuffisu.
Cinqaa qabrii nutti haa salphisu.
Gaafa biyyee hargufataa kaanu cinaa
Nabi muhammadiin s.a.w. Nu haa
kaasu. Gaaddisa arshii jala qubannoo nuu haa taasisu. Ollaa arshii ollaa anbiyootaa jannatal firdowsiin nu haa geessu.

LaKE__COMMENT__SHARE__
LUBBUU TEE AKKAMITTI HERREEYDA YKN HISAABDA ?

Imaam Ibnu Al-Qayyim Akkamitti akka lubbuu herreeynu akkatti tarreeysa:

1. Dura Fardiin eegaluu, Yoo Irruu tahuu Isaa hubate dafee itti guutuu.

2. Waan Rabbiin irraa Isa dhorge herreeguu, Yoo Haraamarraa xiqquma dalagaa jiraachuu Isaa hubate, dafee Towbaa fii araarama barbaaduu, ammas dalagaa gaarii cubbuu namarraa haxoytu itti jabaachuu qaba.

3. Lubbuu ifii daguu keeysa jiraachuu Isii herreeguu, yoo Daguu keeysa jiraate Zikrii fii gama Rabbii deebi’uun if dhaqabuu.

4. Qaamni ifii waan dalagaa jiru herreeguu, Arrabni waan dubbate, Millii bakka dhaqe, harki waan qabate, ijji waan laalte, gurri waan dhagaye, Maaliifin godhe? Maalirratti oolche? Jechuun ifa gaafachuu.

===>. FAAYIDAA LUBBUU IFII HERREEGUU.

Eybii/Hamtuu ifii arguudha. Namni eybii ifii hin beyne hamtuu san ifirraa hin oofu.

Towbachuu, Sheenawuu, fii Yeroo hanga hafte itti fayyadamuu.

Tola Rabbiin sirratti oole beekuuf si fayyada.

Lubbuu ifii karaa Rabbii keeysatti maal daleyde jechuun herreeguun Badii ifii beekuu fii gama Rabbii deebi’uuf nama kaasa.

Lubbuu ifii hamtuu Isii arguudhaan boonaa fii na argaaf dalaguurraa qulqullaawuu.

Ibaadaa Rabbiitti Jajjabaachuu fii hamtuurraa fagaachuu.

Haqa namaa ifirraa deebisuu fii Amala toluu.

Wanni kun hundi bu’aa lubbuu ifii herreeguun itti geenyu.

Eenyuutu Lubbuu ifii herregee Towbaaf qophiidha?
🌹 🌸 Gorsa Nabi Daawuud Irraa ﻋﻠﻴﻪ ﺍﻟﺴﻼﻡ 🌸 🌹

Aalimni Taabi'ootaa Wahbi Bin Munabbih ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ akkana je'an 👉 Kitaaba Nabi Daawuud kan [Zabuur] je'amu keessatti jechoota kana arge -Gaafii Rabbiin Nabi Daawuudiin gaafate -

📢 Yaa daawuud " Namni ilma namaa keessaa dafee dildila jahannam Siraaxa gubbaa dabru eenyu beeytaa 👉 Bar kan dafee Siraaxa kiyya irra dabru isaannan murtii kiyya jaalatanii fudhataniifii isaannan arrabni jaraa Zikrii kiyyaan jettuudhaa

📢 Yaa Daawuud " Hiyyoolee keessaa kan caalu kan sadarkaa qabu eenyu beeytaa sii
Bar hiyyoolee keessaa kan caalan isaannan murtii kiyyaafii qooda kiyya fudhataniifii akkasuma isaannan waan ani kenneef irratti na shakkaranii

📢 Yaa Daawuud "Mu'umintoota keessaa kan na biratti sadarkaaf kabajaa qabu kami beeytaa Bar kan waan ani kenneef irra waan ani of biratti isaaf hambiseef caalaa gammaduu dhaa je'een.


ﺍﺧﺮﺟﻪ ﺍﺑﻮ ﻧﻌﻴﻢ ‏[ ٤ /٦٣ ‏] ﻓﻲ ﺍﻟﺤﻠﻴﺔ ، ﻭﺳﻨﺪﻩ ﺣﺴﻦ، ﻧﻘﻠﺘﻪ ﻣﻦ ‏[ ﻣﻦ ﻣﻮﺍﻋﻆ ﺍﻻﻧﺒﻴﺎﺀ ﻭﺍﻟﺼﺤﺎﺑﺔ ﻭﺍﻟﺘﺎﺑﻌﻴﻦ ‏] ﻣﺤﻤﻮﺩ ﺍﻟﻤﺼﺮﻱ ﺣﻔﻈﻪ ﺍﻟﻠﻪ ﺗﻌﺎﻟﻰ !

👉 Share. Fii Keyri In shaa Allaah.!!
468: Itti heerumuuf erge wolii galee booda nama hamaa ta’uu yoo bare dhiisuu dandayaa?

Gaaffii: Nama tokkon wal jaalannee wal heerumna jennee warra kiyyattillee dhaamee akka nikaha na gootan jedhee dhaamsa bira kaayyadhe. Garuu jala deemee eega isa qoradheen boodatti akka nama kijibaa ta’eef akka dhalaa biraa wajjiin kijibee jiruufii akka badii adda addaa qabu itti dhaqqabee waan sanirraa uf duuba deebi’e. uf duuba deebi’uu kiyya kanatti maaltu narra jira?

Deebisaa: Abbaan kankee ka si dhale nama ati hin feeneef si kennuu hin danda’u waan biraa dhiisii. Akkauma sani ufiifillee yoo jaalattee waan duraan inni sitti kijibu dhugoomsattee jaalatee yoo isa boodaan waa dhageesse didduudhaaf mirga guutuu qabda.

Dr. Liwaa’ul Islam 🎵
💎عن أَبي زهير عُمارة بن رُؤَيْبَةَ رضي الله عنه قال: سَمِعْتُ رسول الله ﷺ يقول:
((لَنْ يَلِجَ النَّارَ أحَدٌ صَلَّى قَبْلَ طُلُوعِ الشَّمْسِ وَقَبْلَ غُرُوبِهَا))
يعني: الفَجْرَ والعَصْرَ.
📚رواه مسلم.

🌹🍃قناة صحيح البخاري ومسلم🍃🌹
@Hadeeth_Page
http://v.ht/Hadeeth
470: Khuxbaa dhageeffachuu dhabuun salaata ni balleessaa?

Gaaffii: Namni tokko tokko yoo dirree iidaa deeman khuxbaa hin dhageeffatanii salaanni isaanii kun qeebalame moo hin qeebalamne?
 
Deebisaa: Salaataaf khuxba kamtu irra waajibaa addaa baradhu. Namni tokko dirree iidaa deemee salaatee deemnaan salaanni isaa dhibbarraa dhibbatti guutu. Ammo ajrii guddaa yoggaa inni bakka sanirraa garagalu Rabbiin guddaan siif araarame jedhee isaan dhaadatutu isarraa hirdhate. Keeyrii irraa uf hin hoongessin numa jennaan malee salaanni kee qeebalame.

Dr. Liwaa’ul Islam🎵
475: namaa fi beeladatti qara’uun akkam?

Gaaffii: Horiin beeladaadhaa kan ani tajaajilu kun re’eef hoolaa waan adda addaattu keessa jiraa keessaahuu gaala haa ta’uu re’ee, qur’aana itti qara’I mu’awwadateeynii itti qara’I, takkaahuu bishaanitti qara’ii obaasi akka horii kana ijaan namni laalee hin miine akka ilmoon tun nagayaan dhalattu naan jedhanii wanni kun hukmii shariyaa keessa ni jirtii?

Deebisaa: Durri nama miidhamee karaa zihrii haa ta’uu miidhaan irra geessee, waan kana dawaan suuratul falaqiifii suuraa mu’awadateeynii lamaan Rabbiin dawaa godheefii ufitti qara’I jechaa karaa godheef dura Nabii keenya ﷺ. Kanaaf wasiyyaallee nabiin nuuf dhaamee, hoggaa rafanis haa ta’uu, salaata shaman boodaanis haa ta’uu mu’awwadateeyniin barbaachisa. Tanaaf jecha Wanni warri dawaadha godhii siin jedhan waa takkallee hin qabu. Suuratul mu’awwadateeynii namarrattis qara’uun horii irrattis qara’uun humaa hin qabu ajajatu itti jira Nabii keenyarraa ﷺ.mataa keetiifis ufiin tiksi hoggaa raftus salaata shaman boodas.

Dr. Liwaa’ul Islam🎵
Forwarded from Misbah ibnu Aliyi (Misiye Aliyi)
Kennaa Rabbii keenyaa
Gabrichi yoo badii dalage Akka inni toowbatu hiree kennaaf
Yoo hiree tanatti fayyadamee toowbate Irraa qeebalaaf inumaa Badii isaa gama toltutti jijjiiraaf
Yoo toowbachuu dhabe Balaa itti fideeti Yeroo inni obse Toltuu lakkoofsa hin qabnetti jijjiiraaf
Kennaa rabbiitirratti yoo galata galche
Toltuu hedduu takka galmeesseefii
Kennaa saniis itti dabalaaf
Kana hunda godhuu dhabee badii itti fufee yoo fuula rabbiidhaqe...
Maal godha sitti fakkaata?
@misiye
@misiye
@misiye

@misiye









Shirkii waan hin tahin Rabbiin Abbaa fadheef ni dhiisa. Abdii hin kutin Bro
Forwarded from LENCHO IBRAHIM
Watch "Akka Rabbiin siif araaramu ni jaalattaa?/Lencho Ibrahim" on YouTube
https://youtu.be/_lNEWwVU2ko
Forwarded from Misbah ibnu Aliyi (Misiye Aliyi)
Sheekko sheekkoo...
sheekkoo ariiroo
gaaf tokko Hifannaa fi Jaalalaa fi Maraatuu fi gara jabeenyaa fi
Kijibaatu Waliin deemuu ture jedhama
osuma deemaniiti Maraatuu Ummata hamaa tokkootu nu guuree nu fixuufii haa dhokannuu jattee jara rifachiifte
Namuu dhokachuu qabna jattee itti himte Jarriis firraa dhokatan.
Gara jabeenyi an gama dhagaa dhaqeetiin keessa seena jadhee jara dhiisee biraa kute. Hoggaa kana jaalalti faan ajaa'idee Dubbii gara jabeenyaa tana mormitee gargar nun baasinaa kaa jattee Maraatuufaadhaaniis dhaabbadhaa jatteen.
jarri jaalala dhagayuu didanii fiigaa kutan.
kijibni niis Fiigee gaara duuba dhaqe
Hifannaan ifiifuu an Maaltu na dararee hiin fifiiga jattee Ustee teesse.
Jaalalti gara gortu wallaaltee firraa muka qoree qabu kan achi jiru tokkoon naa dirmadhu jatteenii mukichiis isii simte.
maraatuun durumaahuu Waan hin jirreen jara Adda ariite waan taateef ammaas Walitti qabuuf rakkatte.
Dirreerra dhaabbattee jara yaamuu eegalte.
Gara jabeenyi dhagaa keessa waan seeneef Yaaminsa dhagahuu hin dandeenye.
kijibni ofumaaf dursee an duraaniis asumaan jira.😂😂😂 jadhee if hime. 🙆‍♀🙆‍♀. Amma wal guurratanii Jaalala barbaadutti ka'an barbaadanii Dhabanii Osoo galutti jiranii Maratuun Shakkii Waan heddummaattuuf Muka qoree kana buqqifnee Haa laalluu jatteen
Osoo buqqisaa jiranii Qoreen mukaa ijaa jaalalaa keessa buutee Ija keessaa dhiigni yaa'e achitti jaalalti Ijji ballaa taate. Amma maraatuun faan rifatanii
yaaboo Si dhabnee jirraati.akkamuma taana jedhanii duratti booyan.
Gara jabeenyi duraanuu dhagaa keessatti bade.
Kijibaafi Hifannaan Nuti humaa godhuu hin dandeenyu jedhanii jalaa badan.
Maraatuun Hiriyaa keenya jabaa kana ija Dhaamsinee biraa hin deemnu jattee Harka qabdee Deemtiinii jedhama.
Achirraa eegalaniiti jaalalti ballaadhaa kan Qabee deemuun maratuudhaa jechuun dhufte
@misiye
@misiye
@misiye
Gorsa tokko tokko fudhachuuf join godhaati.
Seenaa maatii tahaa.
Forwarded from LENCHO IBRAHIM
Watch "Rabbii keetitti waywaachuurraa abdii hin kutin/Lencho Ibrahim" on YouTube
https://youtu.be/2X7ggVwh45k
Channel photo updated
HTML Embed Code:
2025/07/04 01:26:53
Back to Top