TG Telegram Group Link
Channel: JAAWAAR MUHAMMAD
Back to Bottom
Galatoomaa
akkam jirtu hordoftoota channel keenyaa akka waadaa isiniif galleen guyyaa hardhaa hortee ilmaan oromoo qabadhee isiniif dhiyaadhera wonni nu isin irraa barbaannuu share akka nuu gootan qofa isin irraa barbaanna hordoftoota keenya
Yaada gaafii hirmaannaa biras haa ta,uu karaa keessaatiin nu qunnamuu ni dandeettu


Anniyyaan ilmaan 7 qaba

1.Malkaa
2.Baabboo
3.Dinbii
4.Baaduu/biduu
5.Muci
6.Naanna,aa
7.Kudheedhee


Qalloon ilmaan 4 qaba

1.Ala
2.Daga
3.Oborraa
4.Baabbile



Ala ilmaan 12 Qaba


1.Abbayi
2.Nuunnuu
3.Kaakuu
4.Buubbu
5.Diiramu
6.Abbaadho
7.Goollo
8.Eeri
9.Utayyu
10.Galaan
11.Meettaa
12.Arroojjii

Qophiin keenya kan hardhaa kana fakkaata qophii biraatiin hanga wolitti deebinutti nagaatti @Chala1248
Irraa haa barannuu
​​Jannataa fi Azaabni guyyaan ilma namaatti akkaan dhihaatuufi fagaatu guyyaa boruu Arafaa kana. Milkaawaan namaa guyyaa boruu kana carraaqqatee Jannataan badhaafama. Namni guyyaa boruu kana hojii Ibidda jalaa isa baaftu hin qabne hoongawaadha.

Hadiisa Haati Mu'mintootaa Aa'ishaan odeysiteen ergamaana Rabbiiﷺ "Guyyaa Arafaa kana irra Rabbiin guyyaa gabroottan isaa hedduu ibidda irraa bilisoomsu hin qabu. Rabbiin(guyyaa kana akka isaan maletti) ni dhihaata. Eeganaa gabroottan isaa kanaan Malaa'ikootatti dhaadata. 'Jarri kun maal barbaadan?' ja'ee Malaa'ikoota gaafata" ja'e.

Waan gabroottan isaa itti jiran osuma beekuu Rabbiin gaafii Malaa'ikaaf dhiheessa. "Yaa Rabbi! Badii isaanii akka dhiiftuuf si kadhataa jiran" jattee Malaa'ikaan deebisti. Eeganaa Rabbiin "ragaa tahaa! Badii isaanii dhiiseef" ja'a. Akkasiin namni hedduun Ibidarraa bilisooma. Yaa Rabbi ibiddarraa nu fageessi, warra Jannataa nu taasisi.

ما مِن يَومٍ أَكْثَرَ مِن أَنْ يُعْتِقَ اللَّهُ فيه عَبْدًا مِنَ النَّارِ، مِن يَومِ عَرَفَةَ، وإنَّه لَيَدْنُو، ثُمَّ يُبَاهِي بهِمِ المَلَائِكَةَ، فيَقولُ: ما أَرَادَ هَؤُلَاءِ؟
الراوي : عائشة أم المؤمنين | المحدث : مسلم | المصدر : صحيح مسلم
@alhakimtubegroup
Guyyaa guddaa Arafaa walakkeessinee jirra. Bara dhufu guyyaa kanaan wal arkuufi dhiisuu keenya Rabbumaatu beeka. Ummatoo! Irra caalaa guyyaa Rabbiin uumee keessa jirra. Hanga dur caalaa guyyaa Rabbiin gabroottan isaatti dhihaatee kadhaafi Ibaadaa birootiis irraa Qeebalu. Badii isaanii dhiiseefii, guyyaa Rabbiin gabroottansaa ibidda Jahannam irraa baraarfatu jirra. Arra Sheyxaanni gaddee kasaaree lafa qabata. Namni guyyaa kana taphaafi waan hin jirreen dabarse waa dhama'ee. Hadaraa caaloommina guyyaan kun qabu haa saammannu. Ibaadaan guyyaa kana goonu Qeebalamnaan, Rabbiin Dilii waggaa kuteefi dhufuu nuuf dhiisa. Kana jaalo keenya ergamaa Rabbii Muhammad iituﷺ nutti hime.

Khaliifaan ergamaa Rabbiiﷺ Aliyyi ibn Abii-Xaalib guyyaa kana laalchisee "guyyaa arraa kanarra guyyaa Rabbiin ibiddarraa gabroottan isaa baraaru hin garre. Warri ibidda irraa baraaramu hedduun guyyaa Arafaa kana beekkama. Kanaaf 'yaa Rabbi ibidda irraa nu fageessi! Rizqii Halaal guddoo nu soori! Hamtuu ija namaatii fi Sheyxaanaa nurraa qabi' ja'aa kadhaa" ja'e.

@alhakimtubegroup
Mul’ata Kee Cimsachuu Yoo Barbaadde Dubisii Itti Fayadami
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Osoo agartuu yoo hin hubatin sitti himuun bu'aa hin qabu.
Jiraachuun kee eennuunuu yoo hin fayyadin du'uun kee
eennuunuu hin miidhu.
Kayyoo malee namni jiraatuu jiruu horiitiin garaagarummaa hin
qabu.
Biyyi tiyya maal naa gootee osoo hin tahin ani biyya tiyyaa
maal godhe jedhi.
Jiruma tana keessaa osoo du'ee jechuu irra waan yeroo duutu
si fayyadu qopheeffadhu.
karoorfatuu qofa osoo hin taane karoora kee hojitti jijjiiri.
Carraaqatuun bu'aa qaba osoo siree irrattis taatee.
Teettee haasahuu qofarra cal'istee deemuutuu caala.
Gowwaa ta'anii quufuu irra qaruutee ta'anii beelahuutu caala.
Beekkumsi kee nama yoo hin fayyadin wallaalli kee eennuunuu
hin miidhu.
Lafti nama irraa qotee nyaatuu osoo hin ta'in ka irra ciisee
nyaatu komatti.
Suuta suutaan ka tarkaanfatu bakka guudda gaha.
Mul 'ata dheeraa namni qabu nama hundaa caala osoo
gabaabaa taheellee.
Nyaachuuf qofa yoo jiraatte harreen garaagarummaa hin
qabdu.
Qur'aana, Hadiisa, Gorsaa Adda Addaa. Irraa Haa Baraatuu
Odeyfaano Qabsoo Hawaas Muslimaa Hordofuu Yoo
Barabaddee page tana like godhii.
@alhakimtubegroup
Irra Jabaa Dhiifamaa Seenaa keessatti Dubbatame !!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Seenaa bareedduu tana dubbistee SHARE gootu malee bira hin
dabrin JZK..
Guyyaa tokko sahaaboonni rasuulaa S.a.w Iddoo takka taa'anii
wajjiin haasayuu turan. Osoo wajji haasawaa jiranii, Haasawa
keysatti Abuu zarrii fi Bilaal walitti mufatan. Yaroo kana abuu
zarri "yaa gurraacha, Ilma gurraachaa" atis anaan mormitaa
ja'ee arrabse!
Yaroo kana bilaaliis hedduu aare, baay'ee mufatee, Osoo waa
takka hin dubbatin masjiida dhaqe. Yaroo masjiida ol seenu
rasuula S.a.w agaree,
yaa ergamaa rabbii! Waan abuu zarri naan ja'e ati wahii
dhageeysee ?! Ja'een.
Yaroo kana rasuulliniis S.a.w "maal siin ja'e?" isaan jannaan
- yaa gurraacha, ilma gurraachaa ja,eeti na'arrabse Ja'ee itti
himnaan, Nabiyyiin S.a.w Hedduu mufatee, fuulli isaa
gurraachoome.
Bilaal erga xiqqo isaan bira turee booda ka'ee biraa deeme.
Eega bilaal deeme booda abuu zarriis masjiida dhufe.
Yaroo inni masjiida ol seenu ergamaan S.a.w
- Yaa abuu zarri haadha isaatiin isa arrabsitaa ?ati
wallaalummaa jaahilummaattu sikeessa jira Akkamitti haadha
isaatiin bilaal arrabsita ?! Ja'ee isaan lole.
Abuu zarri boohee akkana jedhe Yaa ergamaa rabbi dhiifama
naaf godhi Eegasii ni masjida irraa boohaa Bilaal bira dhufee
mallaa isaa biyyee irra kaahee akkana jedhe wallaahi Yaa bilaal
mallaa kiyya ol hin fudhadhu haga miila keetiin narra ejjattutti
ati nama kabajamaadha ani nama salphataadha !!
Bilaalis boohee isatti dhiyaatee olqabee mallaa san dhungatee
akkana jedheen wallaahi fuula rabbiif sujuuda takka sujuude
irra hin ejjadhu eegasii olka'anii wal hammatanii boohan !!
Arraan tana gariin keenna garii arrabsa marraa kudhanii ol
dhiifama Yaa obboleessa kiyya yookaa obboleettii tiyya hin
jedhu Gariin keenna garii madeessa madaa guddoo dhiifama
naaf godhi hin jedhu dhiifama jechuu ni saalfata .
Daqiiqaa takka yeroo kee irraa osoo hin bahin dura salawaata
buusi irra caalaa akhlaaqa rabbii nabiyyii keenna muhammad S
A W
Share godhuu hin dagatinaa JZK..
SHARE.. Share.. SHARE..
@JemalSheikhBakri1
@alhakimtubegroup
JANNATAA FI IBIDDA
Qophii Abuu Muhammad Al-Baddeeysii
———HAMMEENYAA FII GUDDINA QAANQEE IBIDDAA——
Rabbiin ol tahe warra Ibiddaatiif adabni qophaawe akka malee
hamaa tahuu isaa nuuf himee jira.
Rabbiin ol tahe akkana je’e:
“Warra harka bitaa —Maaltu (hammeeyse galata) warra harka
bitaa?! Qilleensa akka malee owwuu fi Bishaan danfaa
(keeysatti tahan), Gaaddisa Aara gurraacha (hamaa keeysatti
tahan), (Gaaddisni aaraa sun) qabbanaawaa miti, gaarillee
miti.” Al-Waaqi’aa: 41-44
Aayaanni tun waan ilmi namaa adunyaa irratti owwa irraa ittiin
qabbaneeyfatu walitti qabattee jirti. Sunis: Bishaan, qilleensaa
fii Gaaddisa. Garuu warra Ibiddaatiif sadeenuu humaa hin
fayyadan.
*Qilleensi warra Jahannam “As-Samuumi” Suni qilleensa akka
malee owwuu fi gubaadha.
*Bishaan Isaanii “Al-Hamiimi” akka malee danfaa fi gubaadha.
*Gaaddisni Isaanii “Al-Yahmuum” Aara gurraacha.
Gaaddisni silaa waan namni qabbaneeyfatuuni, argattis ni tola,
Lubbuun namaa ni jaalatti gaaddisa jalatti qabbaneeyfachuu.
Ammoo kan Ibiddaa kuni Aara nama ukkaamsuu fi owwuu,
Laalchattis hin bareedu, Gaaddisa Aara gurraachaati.
Haala sadeen adunyarratti owwa ittiin qabbaneeyfatan warra
ibiddaatiif daranuma Ibidda gosa gosaa tahaaf.
Ibidda hamtuu tana haala Isii Rabbiin hoggaa himu bakka
biraatti akkana je’e:
“Ammoo nama madaalli (dalagaa gaarii Isaa) haffallatte,
Qubsumti Isaa <Haawiyaa> (Ibidda Qilee, Hallayyaa Ibiddaati).
Maaltu si beeysise waan <Haawiyaan> taate? (Isiin) Ibidda
owwituudha (qabsiifamtuudha).” Al-Qaari’aa: 8-11
Ibiddi Jahannam tan Gaaddisni Isii aara gurraachaa tuni,
qaanqeen isii irraa harcaatu ammoo akka Qallaa (Fooqiiti).
Rabbiin ol tahe akkana je’e:
“(Warra kafareen ni je’ama) Deemaa gama waan kijibsiistanii
(Ibidda adunyarratti hin jiru jettan).
Deemaa gama Gaaddisa (ibiddaa aara gurraachatti) kan
damee sadii qabu. Hin gaaddiseeysu, Belbela ibiddaatis hin
deebisu. Isiin (Ibiddi) qaanqee akka qallaa (fooqii) darbiti.” Al-
Mursalaat: 29-32
Jahannam keeysa Gaaddisni ni jira ammoo hin gaaddiseeysu,
hin qabbaneeysu, haara nama hin baafachiisu. Faayidaa
Gaaddisaa hin qabu, gubaa namarraa hin laaffisu, owwa
ibiddaa hin qabbaneysu.
Qaanqeen Ibidda Jahannam tan irraa harcaatu akka qallaatti
guddoo.
Rabbiin hammeenyaa Ibiddi Jahannam qabduu fi balaa Isii
hoggaa himu akkana je’a:
“Wiliin Saqar (Ibidda Jahannam) isa naqa. Ibiddi jahannam
waan taate maaltu si beeysise? Hin hambiftu, hin lakkiftu
(foonii fi lafee Isaa gubdu malee). Gubdee jijjirtuudha gogaa
qaamaa.” Al-Muddassir: 26-28
Ibiddi Jahannam qaama namaa takkallee hin habiftu gubdu
malee, gogaa gubdee gurraacheesiti, lafeetti dhaqqabdi, waan
garaa namaa jiru ni harcaafti, Onnee irratti laalaan isii
dhagayamti.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akkana je’an:
“Ibiddi teenya tuni qooda torbaatamman Ibidda jahannam irraa
qooda takka.” Ni je’aniin “Yaa Rasuula Rabbii isiin tunuu silaa
numa geeysi (qixaaxaaf, gubiinsaaf).” Ni je’e “Ibiddi jahannam
qooda 99 tan nuti qabsiifannu tanarra caalti, Qoodni tokko
tokkoon isaa owwa akka Isii qaba.”
Sahiiha Bukhaarii
Ibiddi Jahannam jabeenyi isii teenya tanarra harka 99 caalti
gubiinsaa fi laaleeysuu keeysatti.
Akkanumaa wajjiin Ibidda Jahannam tana keeysatti hanga
fedhan keeysa turan wanni jijjiramu ykn namarraa laafu hin jiru.
Rabbiin ol tahe akkatti hima:
“Dhandhamaa isiniif hin daballu Azaaba malee.” Al-Anbiyaa:30
Kanaaf jecha warri Kafare haara galfii takkallee hin argatu,
amata amata keeysa turan Isaanirraa hin laaffifamu, Rabbiin
akkana je’a:
“Azaabni Isaanirraa hin laaffifamu, Isaan hin tumsaman
(tumsaa hin argatan).” Al-Baqaraa: 87
Rabbiin ibidda Jahannam jalaa nagaya nu haa baasu.
Qur'aana, Hadiisa, Gorsaa Adda Addaa. Irraa Haa Barannuu.


@alhakimtubegroup
Jirra jirtuu rakkina systemaatiin adda bannee turre wolitti deebineerra
Guyya hardhaa magaalaa finfinnetti mormiin diddaa gabrummaa akkuma itti fuufetti jira video itti aanuu kana daawwadhaa
HTML Embed Code:
2024/04/19 11:49:17
Back to Top