TG Telegram Group Link
Channel: ONNACHIIFTUU JIRUU
Back to Bottom
Na_Argaa_Na_Argaan…
Halkan halkan yeroo cabbiin bu'u hirriba irraa dammaqa. Maarree gaaf tokko halkan sa'a 9:00tti cabbiin bu'uu jalqabaan hirriba miyooftuu keessaa dammaqe. Magaalaa Niwu Yoorki jiraata ture yeroo sana. Gidduu sana kitaaba isaa kan 'The Earth Gods' jedhamu barreessaa ture.
Hirriba irraa akkuma dammaqeen dabtara yaadannoo isaa qabatee manaa ba'e. Paarkii Giddu Galaa Niwu Yoorki (New York Central Park) deeme. Kitaaba isaa barreessuu itti fufe. Otoo barreessaa jiruu poolisiin guddaan tokko dhufee isa cinaa dhaabbate.
"Asii maal hojjetta?"
"Barreessaan jirakaa."
"Ati nama lammii Ingiliziidhaa?"
"Lakki"
"Lammii Faransaayiiree?"
"Miti."
"Lammii eessaatiree ati?"
"Lammii Liibaanos."
"Liibaanosii? Ahaa! Akkana taanaan barreessaa lammii Liibaanos kan Kahliil Jibraan jedhamu sana hin wallaaltu jechuudha."
"Eyyee! Nan beeka! Maali?" jedhe ajaa'ibiifatee.
"Ajaa'iba namana! Haadha manaa bareedduu fi eebbifamtuu tokkon qaba. Garuu maal godha? Kitaabni namicha Kahliil Jibraan jedhamu sanaa erga mana koo seenee haati manaa koo nama biroo taateetti. Amalli ishee guutummaatti jijjiirameera. Yeroo hundaa xiinxala gad fagoo keessa akka galtetti. Kana hundaaf sababni kitaaba namicha Kahliil Jibraan jedhamuu sanadha!" jedhee itti himate poolisichi. Aariin ija isaa irraa mul'ata. Otoo Kahliil Jibraaniin argee maal godha laata?
Wanti nama ajaa'ibu kan poolisichi beekuu hin danda'in namichi inni Kahliil Jibraaniin itti himataa ture sun mataan isaa Kahliin Jibraan ta'uu isaa ture! Yeroo tokko na argaa na argaa dhiisanii of dhoksuun balaa irraa nama oolcha! "Na argaa na argaan na dhoksaa na dhoksaa fida!" jedha Oromoon yoo mammaaku!
#deemsiittifufa


πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
hottg.com/OROMOTOO
hottg.com/OROMOTOO
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Maalo Oromoo tiyya subscribe nuuf godhuudhan nuu jajabessaa isinin jenna.
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Watch "NEW WALALOO JAWAR MOHAMMED DAWADHAA ISININ JENNA !" on YouTube
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
https://youtu.be/p51FnhhOuDY
Gaarii gootus yaraa
namni uma odeessa
Hojiin qabu taa'ee
aqaaqirii baasa
~
Ani hin dhaga'u
oduu odeessituu
Homtuu jireenya koo
dhufee naan jiraatu
~
By @Abdetuor

@JECHOOTAHAYYOOTA
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
#UPDATE #SHARE YUUNIVARSITIILEE 36 WAAMICHA BARATTOOTAA HAARAA BARA 2013 TAASSISAN

1. #AddisAbabaUniversity(#FINFINE_UNIVERSITY)
πŸ‘‰Waxabajjii 19 fi 20
2. #WolaytaSoddoUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 26 fi 27
3. #WoldiaUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 29 fi 30
4. #ASTU
πŸ‘‰Waxabajjii 24
5. #GonderUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 23 fi 24
6. #WollegaUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 28 hanga 30
7. #InjibaraUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 28-30
8. #WachamoUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 29 fi 30
9. #AssosaUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 26-30
10. #WolloUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 29 fi 30
11. #HawassaUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 21 fi 22
12. #DebreTaborUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 28 fi 29
13. #DebarkUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 26-30
14. #AASTU
πŸ‘‰Waxabajjii 24 fi 25
15. #DebreBirhanUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 25-30
16. #JimmaUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 24 fi 25
17. #SelaleUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 24 fi 25
18. #WolkiteUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 28 fi 29
19. #MekdelaAmbaUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 27 - 29
20. #MekelleUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 21 - 26
21. #DireDawaUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 27 - 30
22. #DillaUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 29 fi 30
23. #BahirdarUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 22 fi 23
24. #GambelaUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 28 fi 29
25. #MettuUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 28 fi 29
26. #SemeraUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 26 fi 27
27. #MeddaWalabuUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 28 Hanga 30
28. #WerabeUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 28 fi 29
29. #EthiopianTechnicalUniv'
πŸ‘‰Waxabajjii 28 fi 29
30. #BulehoraUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 28 fi 29
31. #HaramayaUniversity
πŸ‘‰Adoolesss 09,10 fi 11
32. #ArsiUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 29 fi 30
33. #AmboUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 24 fi 25
34. #ArbamichUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 28 fi 29
35. #AxumUniversity
πŸ‘‰Adoolesss 01 fi 02
36. #OdaBultumUniversity
πŸ‘‰Waxabajjii 29 fi 30

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA
πŸ“‘MIIDIYAAπŸ“‘
hottg.com/OROMOTOO
hottg.com/OROMOTOO
Waan hojjettuu maaliif akka hojjettuufi akkamitti akka hojjettu hin beektu taanaan hojii hin eegalin!
✍ Dirree qabsoo keessa akkuma gameessi jiru gantuun lootee galtu waan hin dhabamneef gantuu ilaaltee abdii hin kutin!
✍ Sabni gabrummaa keessa tureefi jiru waliin osuma loluu walillee loluu danda'a. Sababni isaas namuu karaa itti fakkaateen uummata bilisoomsuu waan yaaduufi.
✍ Gabroomfataan karaa ittiin si qoqqoodu hunda waan fayyadamuuf, ulaa hin baniniif.
πŸ‘‰Gaggeessaa jabaafi hayyuu sabaa rukuchuun akka bofa mataa dhahanii ajjeesuuti. Kana tooftaa gabroomfataan addunyaa hundi fayyadamudha. Gaggeessaan dhugaa iddoo jiru hundattuu abbaa qabsooti.
πŸ‘‰Dirree qabsoo keessatti wantoonni abdii nama kutachiisan hedduun arguu dandeessa. Garuu yoomillee waan tokko hin dagatin. Dukkanni akka bari'uufi abbaan dhugaa akka mirgaan galu!



ShareπŸ™πŸ™
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@DEDRORO
@DEDRORO
⚫⚫⚫⚫⚫⚫⚫⚫⚫⚫⚫⚫⚫⚫
πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄
βšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺ
YAADAFπŸ‘‰ @Abdetabot
Gosa kamiifuu gaarii/ arjaa ta'uu (Being kind to every kind)

Seenaa tokkotu, waa'ee nama jireenyi itti hadhaa'ee riqicha irraa of darbuun of ajjeesuuf jedhu tokko hima. Osoo of darbuuf hin bahiin, yaadachiisa tokko barreessee ture. Akkana jedha; " Namumti tokko fuula ifaa osoo natti agarsiisee, addunyaa kanaaf garaa kutachuunkoo ni hafa. Riqicha irraas of hin darbu." Nama fuulaa itti ifes hin arganne. Kanaan, lubbuun isaa dabarte.

#Be kind to every kind like a well that gives well!...akka burqaa isa gaarii kennuu....! Adduunyaan kun kan isheen dheebotte jirtu; gaarummaa, arjummaa, jaalalafi kkf. Namoonni hedduun, sababa ta'iin darbu gammachuu isaani jalaa fudhatee darbuuf du'uu, gadduufi abdii kutuutti jiru. Kanaafuu, dirqama lubbuu baraaruu bahi!

#Kindness is not weakness!...dadhabina miti...eeyyeen! Akkuma calaqqisummaan warqiif jedhamu; gaarummaan nama cimaafi. Arjummaan/ gaarummaan harka qalleessaaf hiixachuu qofaaf miti. Dabalataan diina ofiif kadhachuu, hamootatti sagalee gaarummaa agarsiisuu, warreen cunqurfamoof yeroo qabaachuu, kanneen umurii guuran tumsuu, gammachuu kan biroof sababa ta'uu, kophee nama biraa keessa of gochuu (?), faraduuf jarjaruu dhiisuufi kan nama biraa miidhu gochuu irraa of qusachuu fa'i.

#Three things, in human life, are important: the frist is kindness ; the second is kindness; the third is kindness!...gaarummaa, gaarummaa ammas gaarummaa! #Kindness is a language which the deaf can hear and the blind can see ( Mark Twain)! ....qooqa (afaan) kan hin dhageenye dhagahuufi kan hin argine arguu danda'udha.

#Be peacemakers, healers, restorers, storytellers, and lovers of every kind!
~~~~~~



JOIN JOIN SHAREπŸ™
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@DEDRORO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@DEDRORO
Forwarded from Ado
βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”βœ”
πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄πŸ”΄ Namoonni telegramii fayyadamtan chaaneelii bareedduu armaan gadii kana hin qabdanu jedhee hin yaadu ani chaneelii kanatti baayyee gammadeera isinis join godhachuun gammachuu koo na wojjin qooddadhaa
βšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺβšͺ
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Ijoolee oromoo Mee yeroo tokkoo mucaa kana Subscribe godhudhaan naaf jajjabessaa maalo Oromoo tiyya share share godhuufi hin dagatinaa!!
Galatoomaa!!❀
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Watch "NEW Diraama ijoolee Oromoo Daawadhaa" on YouTube
https://youtu.be/AW7qkzmNxyk
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA🌳
Nutoo beellaman beeknuu
Har'a moo boru duunaa
Jireenya wol dhorkuudhaaf
Maaf gaaraa goda buunaa?
~
Har'a jiraachuuf jennee
Dagannaan guyyaa borii
Gaafa awwaalcha buunu
Qabannee deemnaa horii?
~
Qabeenyaan hunda caalee
Addunyaa qabus kokkee
Eenyutu maallaqa isaa
Galaa godhatee sokkee?
~
Eeyyee..!

Har'a shiraan dorgomtus
Biilgeetiifi Daangootee
Boru irraa gaafatamta
Haqa namaa waan-goote!
~
Har'a gammaduuf jettee
Boru hin dagatini
Qaxxaamuraan guddachuuf
Haqa hin lagatini
~


HALKAN GAARII❀❀
jOIN JOIN SHARE SHARE
@OROMOTOO
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Channel photo updated
Forwarded from MADDA BEEKKUMSAA🌳
Namoonni chanela keessaniif member baayyifachuu barbaaddan
Channela banattani gudiisun yoo isin rakkise ta'e
Yero gabaabaa kesatti Gudifachu dandessu.
Promotion VIP

1000member ---- 250birr
2000member ---- 400 birr
3000member ---- 600birr
4000member ---- 800birr
5000 member _ _ _1000birr
Gati isinirra gad xiqqessun Guddifachu ni dandessu

Karaa @ABDETUOR quunnamuun yeroo gabaabaa keessatti hojjechiifachuu dandeessu.
●Baguma Geessan●
°°°°°°‒‒‒‒‒‒‒‒‒‒°°°°°
Kaleessi darbeera
Deebi'ee hin dhufu
Namni Abdii qabu
Kaayyoo maleen kufu
°°°°°°‒‒‒‒‒‒‒‒‒‒°°°°°
Murtoon yoo jiraate
Murtii inni wal makaa
Oromoon Biyya diiga
Yoom jedhamee beeka.
°°°°°°‒‒‒‒‒‒‒‒‒‒°°°°°
Jireenya har'aa miti
Kan boriitu caalaa
Baga lubbuun jiraattan
Numatu waliif dhaala!!
°°°°°°‒‒‒‒‒‒‒‒‒‒°°°°°
Kaayyoodhaan adeemi
Akka nama beekaa
Baguma geessani
Ayyaana Faasikaa!!
°°°°°°°‒‒‒‒‒‒‒°°°°°°°
Baga geessan!!

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
#HIN_QABU

Henook Makartii namni jedhamu seena tokko dubbata.
Jaarsa tokkotu hiriira irraa dhaabbatanii otoobusii eeggatu, isaan booda immoo dargaggeessa tokkotu dhaabata. "Dhiifama abboo laayitarii(qabsiistuu ibiddaa) qabduu?" Jedhee isaan gaafata. Dargaggeessichi tamboo ittiin qabsiifachuuf ture. Deebiin jaarsaas gabaabaa ture. "Hin qabu" jedhe dheekkamsaan. Xiqqoo itti yaadee booda dargaggeessichi nama biroo gaafatee irraa qabsiifate. Daqiiqaa muraasa jaarsi boorsaa(giiphii) isaanii keessaa laayitarii baafatanii ittin tamboo qabsiifatan. Sila isin gaafannaan laayitarii hin qabu naan hin jennee? Utuu qabdanii maaf na dhowwattanii jedhee gaafate. Jaarsi deebii kennaniif "Maal seete?" Jedhanii jalqaban. "Maal seete, laayitarii yoon siif kenne; tarii waliin dubbii eegalla. Waliin dubbii yoo eegalle immoo, otoobusii keessatti wal bira teenya ta'a. Wal bira teenyaan immoo oduun keenya itti fufuu hin oolu. Mucaa gaarii waan fakkaattuuf sin jaaladhan ta'a. Yoon si jaaladhe immoo bakkan bu'utti si buuseen, mana keenyaa irbaata si affeeran ta'a. Mana koo yoo dhufte immoo intala koo waliin wal barta ta'a. Intala koon yoo wal barte immoo tarii wal jaalattu ta'a. Yoo wal jaalattan immoo maaltu beeka dubbiin cimee dhuma irratti wal fuutu ta'a. Argitee? Ani immoo nama laayitarii bitachuu hin dandeenyetti akka heerumtu hin barbaadu. Kanaafu hin qabu garuu qaba."Maal jechuu barbaade beektuu? Yeroo baay'ee wantoonni sadarkaa sadarkaadhaan isa tokko irraa isa tokkotti ce'u, dhuma irratti bakka hin barbaachisne ga'u. Otoo isaan tarkaanfii hin eegalin dursinee achumatti akka dhaabatan yoo goone booda gatii hin barbaachisne baasuu irraa oolla. Malee immoo hiyyeessi durba hin fuudhuu miti. HAlKAN GAARII QABAADHAA!

Dubbisi dubbisuun waa baruufi!
#ShareπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@OROMOTOO
@OROMOTOO
Forwarded from Ado
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™
😍😍😍😍😍😍😍😍😍😍😍😍😍
πŸ‘‰β€πŸ™ŒWOW KABAJAMTOOTA HORDOFTOOTA KEENYA MAAL ARGACHUU BARBAADA?????????
πŸ™CHANNELI BARNOOTA ADDA ADDA IRRA ARGATU QABANNE DHUFNERRA MAARRE JOIN JOIN QOFA TUQA!!
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸŒ²πŸŒ²πŸ‘‡πŸ‘‡
βœ…ITTI DABALUUDHAN WARREN CHANNELI KESSAN BEEKSIFACHU BARBAADAN GALMA KANA JOIN GODHA ISININ JENNA
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@ABDETUOR
πŸ™ @ABDETUOR πŸ™
@ABDETUOR
πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†
JEEQUMSI SAMMUU MAAL?
Jeequmsi sammuu akkaataa yaadaa,akkaataa hubannaa fi amalaa ilaalchisee nama tokko
mudachuufi qaqqabuu danda'a. Akkas jechuunis jecha gara-biraan, yaadn i, hubannoo fi amali
namoota akkanaa wal fudhachuu dhiisuu danda'a jechuudha.
Kunis waliti dhufeenya namaa wajin qabaatan, jiruu fi gammachuu jireenya isaanii hamma
malee tuga. Namoota birattis akka malee hubatamuu danda'u.
Jeequmsa sammuu qabaachuun namichaaf rakkina akkasuma maatii isaafis rakkina dha. Haa ta'u
malee waan itti qaana'an miti.
JEEQUMSA SAMMUU MAALTU FIDA?
.
#πŸ’itti fufaa..

@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA

YAADAFπŸ‘‰ @Yaadawaljijjiruufbot
Ati Qormaata kutaa 12 NAN KUFE jettee aartaayii? Animmoo mufachuu kee fi of dhiphisuu kee kanatti nan kolfe! Baay'en sitti gaddes!

@Jechootahayyoota
πŸ’₯πŸ’₯πŸ’₯πŸ’₯πŸ’₯πŸ’₯πŸ’₯πŸ’₯πŸ’₯
Mee waa'ee namoota kufanii milkaa'an tokko sin yaadachiisa; na hordofi!
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
❍ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

❍ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

❍ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

❏ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

❏ Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa hin ta'u! Ati karaatti hin haftu! Haala yeroon jijjiirutti hin hirkatin! Ati sichi ija baay'ee godhatta; balballi milkaa'inaa hedduun siif banama.

❏ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
➲ #Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
➲ #Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
➲ #Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
➲ #Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
➲ #Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
➲ #Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
➲ #Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
➲ #Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti.

Obbolee koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†β˜†
πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
Forwarded from JECHOOTA HAYYOOTA
Jechoota Kanatti Fayyadamuun GATII NAMA BAASISA!
➲ NO!
➲ Lakki!
➲ Hin ta'u!
JOIN ❒┃❏ Share
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
❏ Addunyaa kana irra yeroo jiraannutti wanti akka jecha "lakki" jedhuu gatii nama kanfalchiisu hin jiru. Tole jechuun salphaadha. Kan tole jedhe beekees wallaalees ni muudama. Kan tole jedhu akka waan miskiinaatti ilaallama.
✧ Yeroo hunda "tole" jechuun garuu hoolaa ta'uudha. Bakka tikseen kee si oolche oolta.

✧ Namoonni lakki jedhan muraasa. Isaaniis wareegama guddaa kanfalaniiru. Ammas kanfalaa jiru. Warreen aangoo irra ture "Lakki kun sirrii miti irra deebinee haa ilaallu!" warreen jedhan har'a bakki jiran hin beekamu.

✧ "Lakki!" jechuu dogongoraan hubatee, nyaata nyaadhu illee yommuu jedhaniinis kan lakki jedhu dhaloonni uumameera.

✧ Namoonni hubannaan lakki jedhan Leencota. Kuruphee ijji isaanii irra bu'e qabatanii nyaatu malee qaama biraa miti kan filatuuf!

✧ Jijjiirama guddaa akka hawaasaatti fiduu barbaadna taanan, dhaloota iddoo ittoo lakkis, toles jedhu uumuu danda'uu qabna! Keessattuu kan lakki jedhu!!!

⌲ Akka Haacaaluu Hundeessaa!πŸ’–
⌲ Akka Maatama Gaandii!
⌲ Akka Martiin Luuteer!
⌲ Akka Maandeellaa!
.
.
.
Yeroo gaarii qabaadhaa,
β™‘       ❍ㅀ    βŽ™       βŒ²
ˑᢦᡏᡉ  αΆœα΅’ᡐᡐᡉⁿᡗ  ˒ᡃᡛᡉ   ˒ʰᡃʳᡉ
                πŸ””        
β—ˆ @jechootahayyoota
β—ˆ @jechootahayyoota
HTML Embed Code:
2024/04/27 04:57:22
Back to Top