TG Telegram Group Link
Channel: Inspire Oromia
Back to Bottom
Gaafa Waan Haaraa Eegaltu,...! @Inspire_Oromia

✪ Dhugaan ati beekuu qabdu, yeroo ati waan haaraa eegaltu, namni si deeggaru muraasa yookiin dhabamuu danda'a. Wanti kun hin fayyadu, ni ulfaata, miidhaa qaba, karaan kun sirrii miti, siif hin milkaa'u jedhanii sitti iyyu! Sababni isaa ofiif sammuu waan ati hojjechuuf kaate hojiitti hiikuu miti yaada isaayyuu hin qabani. Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata.

✪ Inni kan biraan namni hedduun duuba kee ilaalee, kufaatii kaleessa si mudate, qabeenyaa fi fira kee ilaalee waan si tuffatuuf akka ati homaa hin dandeenyetti si tilmaamu. Gaafa waan haaraa eegaltu kun si hin mudatu taanan, wanti ati eegalte haaraa miti jechuudha.

✪ Wanti haaraan gaafa eegalamu, namoonni muraasni si hubatu, hedduun si jalaa callisu. Warri biroon immoo si qeequ, abdii si kutachiisuuf watwaatu.

✪ Maarree sammuun kee gabrummaa jala jira taanaan hin dandeessu jedhee dhibaa'aan mogolee yoo si buusu harka marattee teessa yoo ta'e eessaan waan haaraa hojjettee milkoofta? Karaa kamiinis gulantaa fi ejjennaa isa gara mul'ata kaa'atteetti si geessu adeemta? Akkamiin kaayyoo kee galman geessee seenaa kee galmeeffatta?

✪ Lafa kana irratti waan ofii kee yaadde gaarii fi qajeelaa taanaan namni ni dandeessaa fi hin dandeessu jedheef osoo hin taane, waan ofiif nan danda'a jette hojjedhu! Waa'ee keef ragaan si caalu hin jiru. Waan hojjechuu dandeessu kan beeku oollaa kee osoo hin taane si mataa keeti. Eeyyee ati galma gahuuf murtee kee malee wacni nama biraa homaa si hin fayyadu.
Kanaafuu harka namaa ilaaltee raafamuu irra kutannoon gara yaaddetti imaluu siif wayya.

✪ Warri gaafa waa eegaltu si tuffatanii fi si jalaa callisan warra si deeggaran caalaa si hordofu! Yoo kufte sitti qoosuuf afaan bananii si eegu. Gaafa ati waan yaadde milkiin raawwatte, warri callises, warri hin dandeessu jedhes, warri jabaadhu ni dandeessa jedhes, hunduu harka siif reeba.

Gaaf sana naannoon kee jajuun marfama.

  ♡       ❍ㅤ    ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ
                 🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
   📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈s
Sirriidhaan Sirrii; Dogoggoraan Dogoggora Jechuu Haa Barru! | @Inspire_Oromia
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Waan sirrii jabeeffachuu fi kan sirrii hin taane sirreeffachuu malee walitti qabanii harka reebuufiin nama hin siqsu. Nama waan dogoggoraatti akka sirriitti hamilee namaaf kenne caalaa namni nama miidhe jira natti hin fakkaatu. Namni akkanaa akka hin barre nama godha; dogoggoras hundeen dagaagsa. Sirriin sirrii jedhee, dogoggorattis quba qabee kan namatti himu qajeelchaadha. Kanatu nu barbaachisas.

⩩ Waan amaleeffanne tokko qabna. Nama sirrummaa keenya nutti himu olkaafna; kan nu jajes ni jajna! Nama mudaa keenya nutti agarsiisu immoo ni balaaleffanna.

⩩ Sababa malee olkaasuu fi gadi buusuu! Kana sammuutti qabanneetu yaada barbaachaaf waa qabannee gara nama biraa deemna. Ajaa'iba! Durayyuu sirrummaa keenya qofaa dhagahuu feenaa, maaliif gara nama biraa deemnee nama biraa qorra? Ani beekaa!

⩩ Dhumni shaakala akkanaa komii fi hamii ta'a. "Abaluun hojii koo gadi buuse. Kana immoo sababa malee hin jenne, ana irraa dhimma dhuunfaa qaba. Maal narraa qabaa? Maaltu keessa isa galche? Na goomateetu... gufuu natti ta'uufi... Muu!" Jechaa gara komii fi maqaa balleessiitti deemna.

⩩ Namuma silaa gargaarsaaf itti dhiyaanneen maaltu isa galche jennee komanna. Ofuma keenyaa yaada gaafannee yaada balfina, ofuma keenyaa nama tuqnee nan tuqame jenna. Kana summichi! Summii guddina keenyaa!

⩩ Wantin jechuu barbaade ifaadha! Sirriidhaan sirrii, dogoggoraanis dogoggora jechuun fala. Hamma kana hin taanetti, kan dabe hin sirratu, muuxannoon barbaachisus hin argamu.  Kanaaf falli, waan sirrachuu qabu sirreessuudha. Madaala sirrii fi kan dogoggoraa adda baasuutu furmaata. Gochaan kun, dogoggoraa fi sirrii adda baasee fudhatamummaa isa sirrii ol kaasa. Kanaafuu sirrachuufis ta'e sirreessuuf qophaa'aa haa taanu. Walitti qabnee jajuu fi dimshaashumatti gadi buusuu irraa of eeguu haa barru.

✪ Waan goonu hundumaa keessatti hubannaan haa mul'atu. Akkanaan egeree keenya, egeree dhalootaa haa faayannu. Egeree sirriin waanuma sirrii irraa madda!

  ♡       ❍ㅤ    ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ
                 🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
   📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
Hiriyyaa Dhugaa | @Inspire_Oromia
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Dargaggeessa abbaan isaa isa qofa qabuu fi baay'ee wal jaallatan tokkotu ture. Abbaan isaa yeroo hundumaa fakkeenyaan waa isa barsiisa ture. Dargaggeesichis hojii isaatti nama milka'aa fi ko'ommataa ture.

⩩ Osoma hojiin isa mudduu bar tokko akka fuudhuu barbaadu abbaa isaatti himate. Abbaan isaas baay'ee gammade. Dargaggeessichis michuu baay'ee jaallatu akka qabuu fi yeroo murtaa'een boodas haadha manaa isaa godhachuu akka qabu itti himate. Yaaddoon isaa garuu waan tokko ture. Innis, yeroo waan hin qabneef akkamiin akka qophii cidha isaa sana xumurratuu dha. Yaaddoo isaas abbaa isaa isa ogeessatti himate.

⩩ Abbaan isaas waan hundumaa salphaatti akka isaaf xumuruu fi yeroo hundumaa akka isaa wajjin jiru itti hime. Dargaggeessichis baay'ee gammade. Dhuma irrattis guyyaa cidha isaatii sana hiriyyoota isaa akka isaan irraa hafan hin barbaannee fi baay'ee jaallatu akka qabu abbaa isaatti himate. Akka abbaan isaa isaan waamuufis maqaa fi lakkoofsa bilbilaa isaanii toora galchee kan namoota shantamaa itti kenne.

⩩ Qopheen hundumtuu dhumee guyyaan cidha isaas ga'e. Hiriyyoota isaa waliin seenaa dheeraa qaban, wajjin nyaatanii wajjin dhugan, karaa dheeraa waliin deemanii fi gatii baay'ee waliif baasaa turan, warra waadaa baay'ee waliif seenuun irbuu qaban eeguun ittuma fufe. Namni galma guddaa cidhaaf qophaa'e keessatti argame garuu namoota shantama keessaa kudha saddet qofa turan. Dargaggeessichis abbaa isaa bira deemee, "Abbaa koo hiriyyoota koo naaf waamteetta? jedheen. Abbaan isaas, "Eeyyeen ilma koo siif waameera" jedheen. Gurbaanis, "Ani akka ati isaan waamtuuf maqaa fi bilbila hiriyyoota koo shantamaan sitti kenne. Kan dhufe garuu nama kudha saddeet qofa. Akkamitti hiriyyoonni koo waamamanii cidha koo irraa hafuu?" jedheen.

⩩ Abbaan isaas, "Ani nama shantaman siif waame. Kanan isaan waame garuu cidhatu jira jedhee osoo hin taane, rakkoo hamaa keessa seenee jira. Isiniin ala nama waammatu akka hin qabne natti himate. Rakkoo hamaa isa mudate kana keessatti immoo gargaarsa keessan barbaadaa qaqabadhaa jedheetan waamee. Kanaaf hiriyyoonni kee warri dhugaan warra rakkina kee keessatti si qaqabachuu dhufe kanadha waan ta'eef hundumti isaanii as jiru. Warra kaan immoo ati bilbiliifii cidhan qaba, nyaataa fi dhugaatiin qopheessee jira. Kanaaf kottaa waliin nyaannee dhugnee gammannaa jedhiiti waami ni dhufuu!" jedhee deebiseef!

✪ Obboloota koo nuti bara jiraannu hundumaa keessatti hiriyyoota baay'ee horanneerra. Daa'imummaatti warra wajjin taphanne, Mana barumsaa sadarkaa gadiitti kan wajjin baranne, mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti kan wajjin wal barre, qophaa'insatti kan wajjiniin waan baay'ee keessa darbine, kolleejjiitti kan wajjin karaa dheeraa deemnee rakkoof dhiphuu baay'ee dhandhamne, kan wajjin daldallee fi wajjin waajjira tokko keessa hojjenne danuu qabna.

✪ Baay'een isaanii nu dhiisanii sokkaniiru. Baay'een isaanii nu irraanfataniiru. Isaan kaan kan wajjin kolfinu. Isaan kaan immoo kan wajjin nyaannee dhugnu turan. Amma ammaatti kan nu wajjin jiran, rakkannee waamnee nu cinaatti argamuu kan danda'an warra nuti hiriyyaadha jennee horanne sana hundumaa miti.

⩩ Hiriyyaa dhugaan yoo jiraate kan guyyaa gammachuu qofa osoo hin taane kan guyyaa gaddaatis.
⩩ Kan guyyaa bal'inaa qofa osoo hin taane kan guyyaa rakkinaatis.
⩩ Kan guyyaa dhabuu fi argachuuti.
⩩ Eeyyeen, hiriyyaa dhugaan kan yeroo hundumaa ti.
Gatiin Namaa Guddaadha!

    ♡       ❍ㅤ    ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ
                 🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
   📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
GAGGEESSAA FI GAGGEESSUMMAA
        Kutaa - 1ffaa
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✪ Gaggeesssaan
  ⁃ Nama mul'ata qabu,
  ⁃ Kan kallattii beeku,
  ⁃ Kan kallattii irra adeemu,
  ⁃ Kan kallattii argisiisu dha.

✪ Gaggeessummaan adeemsa gaggeesssaan tokko adeemuu qabu kan akeekudha!

❏ Gaggeessummaan inni jalqabaa biyya gaggeessuu miti. Jireenya ofii akka ta'utti gaggeessuu, namatti quba qabuu irra of ilaaluu irratti xiyyeeffata. Jireenya ofii ilaaluu jechuun:
  ⁃ Jireenya ofii gaggeessuu,
  ⁃ Hamma namatti quba qaban caalchisanii gara ofitti quba qabuu,
  ⁃ Keessa ofii sakatta’uu,
  ⁃ Cimsanii of too’achuu,
  ⁃ Beekumsaa fi Dandeettii caalmaa qabuun kallattii sirrii argisiisudha.

✪ QABXIILEE GAGGEESSUMMAA
  ⓵. Akeeka jireenyaa beekuu (Understanding the purpose of life) kaayyoo uumamaniif gadi fageenyaan hubachuun itti jiraachuu.
  ⓶. Mul’ata Qabaachuu (Visionery)
  ⓷. Mul’ata Guddifachuu (Vision Development)
  ⓸. Addunyaa beekuu (Modernity)
  ⓹. Walitti dhufeenya Namootaa waliin cimsachuu.

❏ Leadership yookiin gaggeessummaan ammayyummaa keessatti addunyaan maal akka fakkaattu beekuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Wanta dhaloonni barbaadan qabatanii dhihaachuun ni ta’a.

  ♡       ❍ㅤ    ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ
                🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
    📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
GAGGEESSAA JIJJIIRAMA FIDU
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Gaggeessaan jijjiirama fidu nama Mul'ata Guddinaa Qabuu dha.

Nama mul'ata hin qabne jechuun kallattii adeemuuf ka'e cinaa dhaabatee karaa itti adeemu immoo wallaalee kan dhaabatuudha.

━━━━━⊱━━━━━
✪ MUL'ANNI MAALI?
⁃ Ilaalcha gaarii qabaachuu dha.
⁃ Xiyyeeffannoo qabaachuu dha.
⁃ Murteessanii kutannoodhaan adeemuu dha.
⁃ Bakka yookiin iddoo har'a jiran irra dhaabatanii lafa boru gahuu qaban arguu dha.
━━━━━⊱━━━━━
Hub.
⩩ Namoonni tokko tokko waan hin barbaachifne mul'ata kooti jedhanii adeemsa isaanii itti fufu.

⩩ Adeemsi inni sirrii fi guddinaaf galma qajeelaan isa kami jedhanii itti yaaduun barbaachisaa dha.

⩩ Kophaa kee hin fiigin!
Namoota dandeettii adda addaa qaban walitti fiduun mul'ata kee ijaari!

  ♡       ❍ㅤ    ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ
                🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
    📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
ERGAA kaka'umsa GANAMAA

❏ Namni keessa jiraatu yoo dhabame addunyaan kuni duwwaa dha. Wanti baay'ee qaaliin addunyaan kuni qabdu warqii yookiin daayimandii miti. Nama dha! Ati qabeenyi addunyaan qabdu kuni si bituu hin danda'u! Gatii guddaa qabda waan ta'eef waan xiqqoon of madaaluu dhiisi! Humna haareffadhuu gara hojiitti gali!


MORNING motivational MESSAGE

❏ If there is no one to live in it, the world is empty. The most precious thing the world has is not gold or diamonds. It’s a human being! You cannot be bought by the wealth of the world! Stop judging yourself by small things because you are worth it! Get refreshed and get to work!

@Inspire_Oromia
@Inspire_Oromia
GAGGEESSAA FI GAGGEESSUMMAA
      Kutaa - 2ffaa

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✪ Gaggeessaa jechuun, adeemsa gaggeessummaa jireenya ofii ilaaluu irratti xiyyeeffate kan hordofuu qabu akka ta'e kutaa jalqabaa keessatti ilaallee turre!

Dabalataanis gaggeesssaan:
⁃ Jaalala, beekumsaa fi dandeettii caalmaa qabuun namoota kallattii kan argisiisudha.
⁃ Akeeka jireenyaa kan beeku (Understand the purpose of life) Akkamitti jiraachuun akka ta'uu fi barbaachisu ciminaan adda baasee kan hubatu.
⁃ Mul’ata isa sirrii / Mul'ata Qulqulluu kan qabu. (having a clear vision),
⁃ Abdii jiraataa namoota keessatti kan uumuu danda'u,
⁃ Akkaataa dandeettii isaaniitiin waan haaraa uumuudhaaf namoota kan kakaasuu (motivating others)!
⁃ Dandeettii dhokatee namoota keessa jirutti akka fayyadaman kan taasisu (use the hidden potential).
⁃ Namoonni dandeettii gaggeessummaa qabanii fi mul’ata isaanii guyyaadhaa gara guyyaatti guddifachaa akka adeemaniif carraa beekumsa waliif qooduu namootaaf kan kennu! (Give Knowledge Sharing and Development of Vision Opportunity) dha.

#Notice: Gaggeessummaan gaariin ammayyummaa keessatti, addunyaan maal akka fakkaattu, maaltu akka ta'uuf deemu hubachuu fi akkaataa jireenyaa hubachuuf gahee olaanaa qaba.

Itti fufa,...

      ♡       ❍ㅤ    ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ
                🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
    📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
Inspirational Lines
║ That Can Change your LIFE.║

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
20 Principles You Should Live By To Get Everything You want In Life!


👉 Success is not accident. Living a GREAT LIFE will not come by luck or chance. It won't fall from the sky. There's no magic wand. There's no quick fix.

👉 The good news is, there are principles that lead to success.
If you commit to doing the things successful people do, you are lead of SUCCESS and HAPPINESS. Live by these 20 principles, and you will ensure you live a GREAT LIFE!

#1. There's nothing you can't have or achieve a life If you're willing to work for it!

➲ There are no reasonable limits relating to what you can achieve, other than those that exist in your own mind. What you can have is up to YOU. Who you can be is up to YOU.
YOU are your only limit. No one else can stop you from having anything or being anyone you decide to be. Don't let any unsuccessful person convince you otherwise.

#2. Take responsibility for your life and you will take control of your life!

➲ Take responsibility for where you are in life, and accept the challenge required to get you where you want to be. Successful people don't make excuses or blame others, they just focus on what they CAN DO. As Florence Nightingale once said:
"I attribute my success to this:
I never gave or took any excuse."

Those who succeed in this world aren't those who have escaped hardship...
EVERY ONE of us carries our own baggage through life. Some let go of it, and push forward without the weight of excuses on their back. Holding on to that weight of excuses is only ever going to slow you down... hold you back from reaching your true potential. Let it go. Accept where you are AND DECIDE where you are going to be.

#3. There's always something to be grateful for!

➲ Grateful people are successful people. It's been said many times, but it is worth repeating until it sinks in...

When you are GRATEFUL for everything in your life... YOUR LIFE IS BETTER. full stop!
Spending every morning thinking about, and writing down what you are grateful for will transform your life. The very act of doing this will lead to a better mood. A better mood will lead to better relationships, clearer mind, better results... and you will then attract MORE to be grateful for.

 
      ♡       ❍ㅤ    ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ
                🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
    📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
AMALOOTA NAMOOTA MILKAA'OO #1

✪ Yaada Guddinaa Olaanaa Qabu

Namoonni milkaa'an jireenya isaanitiin dhaabbachuu hin fedhan, boru har'a caalaa gaarii gochuuf humna guutuun carraaqu; Wantoonni xumuraman, gaheera wanti jedhamu isaan biratti hin hojjetu!

Jireenya isaanii keessatti wanti isaan barbaadan yoo jiraate, bira gahuuf, fooyyessuuf dhagaan isaan hin garagalchine hin jiru, jireenya isaanii keessatti harka kennuun, abdii kutachuun sammuu isaanii keessa akka dhufu hin heeyyaman! Hireetti gonkumaa hin amanan; of fooyyessuuf fedhii cimaa qabu.

  Milkaa'ina guddaa isiniif hawwa!

           ♡       ❍ㅤ    ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ
                🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
    📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
ከነዚህ አምስት ሰዎች አሁኑኑ ራቅ

1. The User(ከጥቅመኞች): ለግል ጥቅማቸው ብቻ ከሚፈልጉህ ፤ አንተ በምትፈልጋቸው ሰዓት ከማይገኙት

2. The Complainer (ከሚያማርሩ ): ሁልጊዜ ስለ ሕይወት ከሚያማርሩና ከሚያለቃቅሱ ሰዎች ራቅ ምክንያቱም ሕይዎትን ጨለማ ስለሚያደርጉብህ

3. The Blamer (ከወቃሾች): ያጠፋሀቸውን ጥፋቶች እያስታወሱ ከሚወቅሱህ እና የጥፋተኝነት ስሜት እንዲሰማህ ከሚያደርጉህ

4. The Competitors (ከተወዳዳሪዎች ): ራሳቸውን ካንተም ጋር ይሁን ከሌሎች ሰዎች ጋር ከሚያወዳድሩ ሰዎች አሁኑኑ ራቅ ለመቅደም ሲሉ ጠልፈው ይጥሉሀል

5.The Abuser(ከመሰሪዎች): ደጋግመህ ይቅርታ ማድረግህን እንደ ጅልነት ቆጥረው በተደጋጋሚ ከሚጎዱህ ሰዎች አሁኑኑ ራቅ

አስታውስ አንተ ማለት የ አካባቢህ ውጤት ነህ ሕይወትህን ለመቀየር ከፈለክ አካባቢህን አፅዳ!
           ♡       ❍ㅤ    ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ
                🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
    📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
Ammuma Namoota Shanan Kana Irraa Fagaadhaa! | @Inspire_Oromia

⓵. Fayyadamaa: Warra faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf si barbaadan; yeroo ati barbaaddetti yoo isaan hin arganne!

⓶. Iyyataa: Namoota yeroo hunda waa’ee jireenyaa komatan irraa fagaadhaa; sababni isaas isaan jireenya kee dukkaneessu!

⓷. Komattoota: Warra si komachuu fi dogoggora ati hojjette si yaadachiisuun akka sitti dhagahamuu fi jeeqamtu kan godhan!

⓸. Dorgomtoota: Namoonni si waliin yookiin namoota biroo wajjin of madaalan dursuuf jecha si buta.

⓹. Warra Nama Miidhan: Namoota irra deddeebiin dhiifama gaafachuun gowwummaa waan itti fakkaateef irra deddeebiin si miidhan irraa fagaadhu!

✪ Yaadadhu ati bu'aa naannoo keetii ta'uu kee yoo ta'e, jireenya kee jijjiiruu yoo barbaadde, naannoo kee qulqulleessi!
Share gochuu hin dagatinaa!!

          ♡       ❍ㅤ    ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ
                🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
    📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
MO'ATAA TA'UU YOO BARBAADDE
⁃━━━━▣✦▣━━━━⁃
❍ Kaayyoo qabaadhu!
❍ Galma qabaadhu!
❍ Tarsiimoo sirriitti fayyadami!
❍ Abdii hin kutatin!
❍ Miira kee to'adhu!
❍ Dandeettii waa murteessuu qabaadhu!
❍ Mul’ata kee irratti xiyyeeffadhu!
❍ Karoora mataa keen of hooggani!
❍ Namoota hin tuffatin!
❍ WALIIF QOODAA!

▣Join
  @inspire_Oromia
@inspire_Oromia

አሸናፊ መሆን ከፈለጉ
━━━━✦━━━━
❍ አላማ ይኑርህ!
❍ ግብ ይኑርህ!
❍ ትክክለኛውን ስልት ተጠቀም!
❍ ተስፋ አትቁረጥ!
❍ ስሜትህን ተቆጣጠር!
❍ ውሳኔ የማድረግ ችሎታ ይኑርህ!
❍ በራዕይህ ላይ አተኩር!
❍ የራስዎን እቅድ ያቀናብሩ!
❍ ሰዎችን አትናቁ!
❍ ሼር አድርጉት!

▣ተቀላቀለን
          ♡       ❍ㅤ    ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ
                🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
    📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
AMALOOTA NAMOOTA MILKAA'OO #2

✪ Sammuu bal'aa qabu! (Fageessanii Yaadu)

Namoonni milkaa’an addunyaa kana irratti hunda keenyaaf gahaa ta’uu ni beeku;
⁃ Miira hanqinaa gonkumaa hin calaqqisiisan,
⁃ Maallaqaan of hin madaalani,
⁃ Maallaqa yookiin qabeenya guddaa barbaadanii akka argatan mirkanaa’oo dha;
⁃ Wanti hundinuu gahaa ta’uu waan beekaniif, dorgommii milkaa’ina namoota birootti hinaafuu irraa bilisa ta’u;
⁃ Isaan kufaatii yookiin maallaqni keenya ni dhuma jedhanii hin yaadda'an!
⁃ Kanaa mannaa yeroo hunda waa'ee qabeenyaa fi badhaadhinaa yaadu!

▣ Milkaa'inni karaadha; waa'ee karaa baruu yoo barbaaddan warra deebi'an gaafadhaa!

   Share gochuu hin dagatinaa!
      ♡       ❍ㅤ    ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ
     🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
    📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
AMALOOTA NAMOOTA MILKAA'OO #3

✪ Kufaatii hin Sodaatan

Namoonni milkaa’an gonkumaa kufaatii hin sodaatan, kufaatii isaan mudatu hunda keessatti jireenyaaf barumsi guddaan akka jiru ni beeku; Namni hojjete kufuun isaa hin oolu; dursanii waan qophaa'aniif, kufaatiin jireenya isaanii keessatti yeroo dhufu baay'ee hin rifatan akkasumas yaadni dhaabbachuu gonkumaa sammuu isaaniitti hin dhufu, cichanii ammas itti fufu.

▣ Milkaa'inni karaa dha; Waa'ee karaa baruu yoo barbaaddan warra deebi'an gaafadhaa!
    
  Share gochuu hin dagatinaa!

      ♡       ❍ㅤ    ⎙       ⌲
ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ   ˢʰᵃʳᵉ
     🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
    📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
"Rakkoo tokkon qaba. Yeroo hundumaa nan karoorsa malee hojiirra hin oolchu. Hanqina koo nan beeka, garuu of jijjiiruun dadhabe. Yaada itti naaf laadhu!" Gaaffiin keessan gaafatameedha.

▣ Karoorri geejjiba milkaa'inaati. Galma keewwatte gahuuf daandii karooraa irra adeemuu qabda. Daandii kana keessaa hammuma bahaa deemtu, galma kee irraa fagaachaa deemta. Mul'ata karooraan hogganamutu galmaan nama gaha!

▣ Namoonni dhuunfaa fi dhaabbileen garaa garaa faayidaa karoorsuu hin wallaalle. Baay'ee karoorsu, karoora baasuu irratti rakkina hin qaban. Garuu firiin karoora isaanii yeroo hedduu lafa irratti hin argamu. Karoorri isaanii karoora ta'ee waraqaa irratti hafa. Dhagaan bu'uuraa kaa'amee ijaarsi bilaasha ta'a.  Rakkoon fayidaa karooraa wallaaluu fi karoora baasuu dadhabuu miti. Karoora ofii hojiitti hiikuu dadhabuudha!

Qabxiilee karoora kee raawwachuuf si fayyadan shan siif haa qoodu:-

⓵. Faayidaa karooraatti amani!
Utuu karoora hin baasin, faayidaa karoora kee irraa argattu yaadi! Karoorri bu'aa qabaachuu hamma bartutti karoorsuun kee bu'aa hin qabu.

⓶. Bu'aa karoora keetii barreessi!
Gaafa abjuun kee dhugoome nama akkamii taata? Qarshii meeqa argatta? Rakkoo akkamii furta?... barreessi!

⓷. Yeroo yerootti raawwii kee madaali!
Hojii torbeetti xumuruu qabdu yoo ta'e, guyyaatti hammam akka hojjechuu qabdu murteessi! Sana xumuruu kee guyyaa guyyaan madaali!

⓸. Dhamaatii kee fooyyessi!
Karoora kee raawwachuuf dhamaatii sirraa eegamu dabalaa adeemi! Kaleessa hamma hojjette irra, har'a hamma ati hojjettu haa caalu! Kan borii immoo kan har'aa irra guddisi!

⓹. Gargaarsa gaafadhu!
Namoota karoora kee dhugoomsuuf si utuban dubbisi! Milkaa'ina keef tumsi namootaa barbaachisaadha. Kanaaf namoota keessaa, nama na gargaara jettee yaaddu gargaarsa gaafachuu hin sodaatin!

Kun waan muraasa!

  ♡    ❍ㅤ    ⎙      ⌲
  ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ  ˢʰᵃʳᵉ
              🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
      📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
AMALOOTA NAMOOTA MILKAA'OO #4

✪ Isaan Namoota Baay'ee Yaada Gaarii Qabaniidha!

▣ Namoonni milkaa’an waan tokko akka salphaatti ilaaluun beekamu; Garaa isaanii keessa dukkanni hin jiru; Yeroo hundumaa waan tokko gaarummaa isaa ilaalu; yookiin gama ifaa waan tokko arguu filatu; Kufaatiin yoo isaan mudatus akka waan gaariitti fudhatu malee miira gadheetiin hin rakkatan; Dadhabbii isaanii osoo hin taane cimina ofii fi cimina namoota biroo irratti xiyyeeffatu; Gonkumaa akka isaan jajjabeessan yookiin komataman hin jaallatan; Du'a dhukkubsataa irra isaanif wayya; Waa’ee rakkoo haasa’uun garaa kaasaa isaan qabsiisa; Dandeettii namootaa hubachuuf ogummaa qabu.

▣ Milkaa'inni karaa dha; Waa'ee karaa baruu yoo barbaaddan warra deebi'an gaafadhaa!

  Share gochuu hin dagatinaa!

  ♡    ❍ㅤ    ⎙      ⌲
  ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ  ˢʰᵃʳᵉ
              🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
      📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
AMALOOTA NAMOOTA MILKAA'OO #5

(Waa'ee Namaaf Hin Dhimmaman)

✪ Namoota milkaa’an milkaa’oo kan taasisan inni gara biraan immoo waan itti amanan dura dhaabbachuu isaaniiti; Namoonni milkaa’an abjuu abjootanii abjuu sanaaf aarsaa kaffaluuf qophii ta’u; Abjuu isaanii irraa dhorkamuu kan danda’an yoo du’an qofa, yoo kana hin taane dhaabuun maal jechuu akka ta’e hin beekan; Namni waan barbaade yoo barbaade lakki hin jedhu. Waa’ee abjuu isaanii maal akka jedhan gonkumaa hin beekan; Waan gaafatamuu qabu ni gaafatu; Waan gochuu qaban ni godhu; Waan qajeelchuu qaban ni qajeelchu; Warra cinaatti dhaabbatee qeequuf, holola irratti kaasuuf, miirri isaanii akkasumas gurri isaanii cufaa dha.

Milkaa'inni karaa dha; Waa'ee karaa baruu yoo barbaaddan warra deebi'an gaafadhaa!

Share gochuu hin dagatinaa!!

♡    ❍ㅤ    ⎙      ⌲
  ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ  ˢʰᵃʳᵉ
              🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
      📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
Sadan kana kan itti aanun bakka buusi:

     ◪ Iyyachuu,
     ◪ Qeequun,
     ◪ Komachuu,

Sadan kanaan bakka buusi:

    ▣ Dinqisiifannaa!
    ▣ Galateeffannaa qabaachuu!
    ▣ Gara laafessa ta'uu!

👍 Jireenyi kee haala bareedaa ta'een ni jijjiirama.

     Share4friends
   @inspire_Oromia
@inspire_Oromia
AMALOOTA NAMOOTA MILKAA'OO #6

✪ Qajeelfama ajaa'ibaa qabu

Qajeelfama jechuun ofiif seera baasuu fi seera sanaaf bitamuu jechuudha. Amalli kun utubaa milkaa’inaati;
⁃ Namoonni milkaa’an naamusa cimaadhaan jireenya isaanii gaggeessu;
⁃ Yeroo walfakkaataatti rafu;
⁃ Yeroo wal fakkaatutti dammaqu;
⁃ Waan gochuu qaban yeroon raawwatu;
⁃ Dhimmi kamiyyuu akka isaan daandii irraa maqsu hin hayyaman;
⁃ Jireenyi isaanii kan loltuuti yoo jenne waan guddaa miti;
⁃ Hadhaa, nuffisiisaa, waan gochuu qaban hojjechuu dhiisuuf sababoota hedduu utuma qabaatanii; Wanti hundi abdii kan hin qabne fakkaatee osoo jiruu, hojjechuu itti fufu.

⩩ Milkaa'inni karaa dha; Waa'ee karaa baruu yoo barbaaddan warra deebi'an gaafadhaa!
Share gochuu hin dagatinaa!!

♡    ❍ㅤ    ⎙      ⌲
  ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ  ˢʰᵃʳᵉ
              🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
      📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
AMALOOTA NAMOOTA MILKAA'OO #7

✪ Ni Galateeffatu

Namoonni milkaa’an yeroo hunda eebba jireenya isaanii keessatti argamuuf Waaqayyoon galateeffatu; Gaafa galateeffatan caalaatti akka isaaniif kennamu sirriitti beeku; Hanga dhumaatti osoo abdii hin kutatin akka ciman kan isaan godhu shaakala galateeffannaa isaaniiti; Jireenya isaanii keessatti galateeffachuuf jijjiirama guddaa hin eegan, waan xixiqqoodhaaf garaadhaan galateeffatu; Wantoonni galateeffamuu qaban baay’achaa deemu.

▣ Milkaa'inni karaa dha; Waa'ee karaa baruu yoo barbaaddan warra deebi'an gaafadhaa!!

  Share gochuu hin dagatinaa!!

♡    ❍ㅤ    ⎙      ⌲
  ˡᶦᵏᵉ  ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ  ˢᵃᵛᵉ  ˢʰᵃʳᵉ
              🔔        
        ᵘⁿᵐᵘᵗᵉ ᶜʰᵃⁿⁿᵉˡ
      📩 ᴊᴏɪɴ📩
   sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
   @inspire_Oromia
   @inspire_Oromia
            🔺ᴊᴏɪɴ🔺
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
HTML Embed Code:
2024/06/08 23:45:39
Back to Top