Channel: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waajjirri ABO Gullallee Dhaabichaaf Deebi’e
Waxabajjii 09, 2025 guyyaa har’aa ABOn ifatti (officially) Waajjira isaa Wiirtuu (Gullallee) bakka Hoogganootni Gumii Waloo Paartiilee Siyaasaa Damee Finfinnee jiranitti deebisee fudhatee jira. Tattaafata yeroo dheeraa godhameen kun xumuramuun kaanitti nu tarkaanfachiisa jennee abdanna.
Kana xumuruuf kanneen nu gargaaran Boordii Filatnoo Biyyoolessa Itoophiyaa, Gumii Waloo Paartiilee Siyaasaa Damee Finfinnee fi miseensotni hifannaa tokko malee itti dadhabaa bahan galata guddaa qabu. Akka waliigalaatti qaamotni kana irratti tumsa (cooperate) gootan galata qabdu.
Injifatnoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 09, 2025
Finfinnee

Tiraamp 'Iraan haalduree tokko malee harka akka kennattu' yeroo gaafatanitti Iraan misaa'elootaa haypersonikii Israa'el irratti dhukaasuu ishee ibsite
(SQ- Waxabbajji 18/2025) Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Teehiraan “haalduree tokko malee harka akka kennattu” gaafachuu isaanii fi obsi isaanii dhumaa akka jiru akeekkachiisuu isaanii hordofuun Iraan Roobii ganama Israa’el irratti misaa’ela haaypersoonikii furguggifte haleellaa cimaa daangaa qaxxaamure raawwachuu ishee ibsiteetti.
Iraan Roobii ganama haleellaa halkan tokkoof Iraan fi Israa’el gidduutti raawwatameen boodaa misaa’ela haaypersoonikii Israa’el irratti dhukaasuu ishee ibsiteetti, kunis Doonaald Tiraamp rippabilikni Islaamaa “haalduree tokko malee harka kennachuu” akka qabu erga gaafatanii sa’aatii muraasa boodadha.
Pirezidaantiin Ameerikaa Waashingitan duula boombii michuu Israa’el keessatti gahee akka hin qabne cimsanii kan dubbatan ta’uus, Iraan yeroo waldhabdeen kun guyyaa ja’affaatti seenaa jiruutti obsi ishee dhumachaa akka jiru akeekkachiisaniiru.
Xiyyaaronni waraanaa Israa’el Roobii barii dura magaalaa guddoo Iraan irratti kan xiyyeeffatan yoo ta’u, waraanni Israa’el namoonni nagaa naannoo Distriiktii 18 jedhamuun beekamu keessa akka gadhiisanii bahan miidiyaa hawaasaa irratti akeekkachiisa kenneera.
Iraan jiraattota Tel Aviv haleellaa kanaaf akka qophaa’an kan himte yoo ta’u, Koreen Eegdota Warraaqsa Islaamaa misaa’eloonni ishee Fattah-1 kan haaypersoonikii ta’an wiirtuu daldalaa kana keessatti “irra deddeebiin kaampii raasaa” jiraachuu himate.
Misaa'eloonni haaypersonooniik saffisa sagalee dachaa shan ol kan deeman yoo ta'u, balalii gidduutti socho'uu waan danda'aniif hordofuu fi addaan kutuun akka isaan rakkisu taasisa jedhame.

Oduu: MM Abiy Ahimad hoggantoota paartilee siyaasaa mormitoota waliin mari'atan; #KFO fi #ABO marii kanarraa hin hirmaanne
Ministirri Muummee #Itoophiyaa Abiy Ahimad har’a Roobii, Waxabajjii 18, 2025 hoggantoota paartilee siyaasaa mormitoota waliin mari’achuu beeksisan. Haata’u malee paartileen mormitoota ijoo KFO fi ABO marii kanarratti akka hin hirmaanne Addis Standard’tti mirkaneessaniiru.
Paartileen marii kanaaf waamicha isaan qaqqabe hundi bakka bu’oota afur akka hirmaachisan carraan kan kennameef yoo ta’u, Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) garuu waamicha kana fudhachuu dhabuu ibsan.
Dura taa’aan KFO Pirof. Mararaa Guddinaa yaada Addis Standard’tti laataniin, sababa isaanii yeroo ibsan “nuti siyaasa fakkeessoo fi marii qaamolee walii hin hubanne gidduu godhamu akkanaa gaaga’ama siyaasaa amma jirru keessaa nu baasa jennee hin amannu” jedhan.
https://web.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0YxfBbysZ5eqTgRMRiAqfurMzfaw4RFussV1DbUGSu1eqrLBhehpYn3MKCCeU9Nu5l

Facebook
Addis Standard Afaan Oromoo
Oduu: MM Abiy Ahimad hoggantoota paartilee siyaasaa mormitoota waliin mari'atan; #KFO fi #ABO marii kanarraa hin hirmaanne
Ministirri Muummee #Itoophiyaa Abiy Ahimad har’a Roobii, Waxabajjii 18,...

Misaa'elii #Iraan dhukaasteen hospitaalota gurguddoo #Israa'el keessaa tokko rukutame
Misaa'elli Iraan dhukaaste hospitaala magaalaa kibba Israa'el, #Beersheba keessatti argamu rukutuun hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 32 miidhamaniiru.
Misaa'elli Iraan dhukaaste kallattiidhaan hospitaala kana rukute jedhan qondaalonni Israa'el.
Haleellaa misaa'elaa Iraaniin iddoowwan jireenya uummataa sadi ta'anis miidhamuu qondaalli waraanaa Israa'el ibsaniiru.
Erga Iraan misaa'eloota hedduu gara Israa'elitti dhukaastee booda dhohiinsa gurguddaan magaalaa #Teel_Aviiv keessatti heddumminaan dhagahamaa jira.
Dubbi himaan hospitaala Soroka miidhaa guddaan qaqqabuu ibsan. Meeshaaleen balaafamoo ta'an uummata miidhuu danda'u sodaa jedhuun namoonni naannawa hospitaalichaarraa akka fagaatan akeekkachiifamaniiru.
Haleellaa mudate booda suuraaleen ba'aa jiran hospitaalli kun baayyee manca'uu mul'isu.
Ministira dhimma alaa itti aanaa Israa'el kan ta'an Sharren Haskel tarkaanfii Iraan kanaan ''yakka'' jechuun ibsan. (BBC)

#Itoophiyaan qaala'insa jireenyaatiin #Afrikaa keessaa sadarkaa duraa qabachuu gabaasni akeeke
Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessa jiraachuuf qaala’aa ta’an keessaa sadarkaa tokkoffaa irra kan jirtu yoo ta’u, addunyaa irraa sadarkaa 53ffaa irra jiraachuu ishee gabaasni mul’ise.
Akka gabaasa haaraa kuusaa ragaa qaala'insa jireenyaa addunyaa guddichaa baaseetti lammiileen Itoophiyaa yeroo ammaa tajaajiloota bu’uuraa kanneen akka nyaataa fi geejjibaa irratti biyyoota Afrikaa biroo caalaa baasii guddaa baasu jedhe.
Akka gabaasa kanaatti Itoophiyaan addunyaa irraa sadarkaa 53ffaa irratti kan argamtu yoo ta’u, kunis qabxii indeeksii qaala'insa jireenyaa 46.5 galmeessisuun biyyoota Afrikaa keessaa isa olaanaa ta’u agarsiiseera.
Biyyattiiti sababa gatiin meeshaalee shaqaxoota dabalaa jiru kanaan walqabatee Itoophiyaan qaala'insa jireenyaan tokkoffaa akka taatuu godheera jedhe.
https://web.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02Ubwqm2A1F6cDLVnrXievs5aYUH4Vt8Tx8WezC2qsLxETE2f8wWmiExY3cSMBqd51l

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessa jiraachuuf qaala’aa ta’an keessaa sadarkaa tokkoffaa irra kan...

Misaa'eloonni #Iraan gara #Israa'el dhukaaste waajjira Maayikroosooft irratti miidhaa qaqqabsiisan
Iraan Jimaata kaleessaa kutaalee Israa’el adda addaa irratti haleellaa misaa'elii kan raawwatte yoo ta’u, kunis kallattiin wiirtuu teeknooloojii waajjira #Maayikroosooft fi bu’uuraalee waraanaa irratti midhaa dhaqqabsiiseera.
Haleellaan Iraan kaleessa gaggeessite misaa’eloota 20 kan hirmaachise akka ta'e miidiyaaleen Israa’el gabaasaniiru. Haleellaan jalqabaa Gush Dan, naannoo Negeev fi Hayifaa irratti raawwatame namoota 17 kan madeesse yoo ta’u, isaan keessaa sadii haala hamaa keessa jiru.
Suur-sagaleewwan toora interneetii irratti bahan dhohinsa guddaa magaalaa buufata doonii kaabaa keessatti mudate hordofee Haayifaatti aarri mul'ateera. Manni barumsaa giddugala Israa’el keessatti argamu tokko haleellaa misaa’ela Iraaniin rukutamuu gabaafameera.
https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0efgBByPkVKvx4SpiP6D4S6eaBUgofVwSU6eniVSY98JPXxMk5nDASgGoL3torMQzl/?app=fbl

Iraan Jimaata kaleessaa kutaalee Israa’el adda addaa irratti haleellaa misaa'elii kan raawwatte...

Oduu: #Eertiraan mootummaan #Itoophiyaa “walitti bu'iinsa kakaasuu fi sababaan haguuguuf” dhiibbaa dippilomaasii gochaa jira jechuun himatte
Motummaan Itoophiyaa xalayaa dippilomaasii Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi “gaggeessitoota biyyoota hedduudhaaf” ergeen Eertiraan “Itoophiyaa irratti irra deddeebiin gocha dubbii barbaacha fi sarbama birmadummaa fi daangaa” akka raawwatte himateera jechuun Eertiraan komatte.
Gochi Itoophiyaa kunis “walitti bu'iinsa kakaasuu fi sababaan haguuguuf” kan yaadame ta’uu kan himte Ministeerri Odeeffannoo Eertiraa, mootummaan Itoophiyaa guyyoota darban keessa “duula dippilomaasii isaa daran cimseera” jedhe. Duulli kunis toftaa ifa ta’e “ajandaa waraanaa itti karoorfateef deeggarsa argachuuf” godhame jechuun ibseera.
Ibsi Eertiraa kun kan bahe tibbana miidiyaa hawaasaa irratti xalayaa dhugummaan isaa hin mirkanoofne kan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa barreesse jedhame bal’inaan tamsa’uu hordofeeti. Xalayaan kun mootummaan Eertiraa irra deddeebiin Itoophiyaa irratti “gocha dubbii barbaacha raawwachuu” fi “birmadummaa fi daangaa Itoophiyaa sarbuu” himata.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6450

Addis Standard
Eertiraan mootummaan Itoophiyaa “walitti bu'iinsa kakaasuu fi sababaan haguuguuf” dhiibbaa dippilomaasii gochaa jira jechuun himatte…
Finfinnee, Waxabajjii 27/2025 – Motummaan Itoophiyaa xalayaa dippilomaasii Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi “gaggeessitoota biyyoota hedduudhaaf” ergeen Eertiraan “Itoophiyaa irratti irra deddeebiin gocha dubbii barbaacha fi sarbama…
HTML Embed Code: