TG Telegram Group Link
Channel: 💡Ibn Temam-Official 🔊
Back to Bottom
Mee Osoo Aduun Guyyaa Jum'aa Hin Seenne...

Yaa Sayyidii Rasuulullaah...
Ani siin iccitii dhufeef bare...
Karaan ati hin bahin anaaf dukkana...
Jaarraa kudha afur duuba taa'ee qalama qalbiitiin jaalala keetirraa barreessa...
Osoo mukni hundi qalama tahee..
Osoo lafti hundi waraqaa tahee...
Waa'ee kee akkamitti barreessee geessa?!

Mee osoo aduun guyyaa jum'aa hin seeniin
Leenca ija kuulaa,kan fuula nuuraa,kan fooliin miskii,Nabiyyii jaalalaa irratti Salawaata rakkoo rakkiftu,muddamaa furtu,raata'aa tasgabbeessitu buusaa______

اللهم صل على محمد وعلى آل محمد،كما صليت على إبراهيم وعلى آل إبراهيم...

By Qilleensi Nasrii Bubbise
Karaa qajeelaa deemuuf
Qophee dalgaa kaawwattaa?
Gadda obboleessa keetiin
Gammachuu lakkaawwattaa?
Dhadhaan dhabe jettaaree?
Teessee utuu raaftuu dhama
Gaarii dacheerra guute
Ati maaf yaadde hamaa?
Bifti wal fakkaatuyyuu
Daakuufi daaraan firaaree?
Riqicha bososaarraan
Laga ce'uun jiraaree?
Dhugaan bultee ho'iti
Akka abidda dibaa
Karaan sobaan darbanis
Galatti nama dhiba!
#Egypt| «Weellisaa Bah Sulxan»

Weellisaa beekamaa fi dinqisiifatamaa biyya Misir kan ta'e Bah Sulxaan sirba erga dhaabee booda Qur'aana guutuu isaa sammuutti haffazuun/qayyabachuun seenaa addaa hojjate.

Weellisaan Bah Sulxaan rakkoo isa mudatee ture hordofuun waggoota 6f sirbuu dhaabee miidiyaa irraa erga fagaatee booda dhiheenya kana Miidiyaa 'tti yeroo inni ba'u dinqisiifattoonni isaa "Bah Sulxaan Wallee akkamii nuuf qabattee dhufte?" jedhanii yeroo gaafatan waan hin eegamne deebii addunyaa guutuu dinqisiise "Waggaa 6f yeroon Miidiyaa irraa dhabame kanatti Qur'aana Allah kabajamaa guutuu isaa sammuutti isiniif haffazeen dhufe" jechuun dubbii ajaayibaa dubbate.

Hojii isaa kanas akkana jechuun ibsa "Allah 'n na filatee na kabajuun Qur'aana kabajamaa fi filatamaa akkan sammuutti qayyabadhu/haffazu na taasisee jira" jechuun tola, oolmaa addaa Allah 'n isaaf oole ragaa bahuu danda'ee jira.
Maashaa Allah!!

Rabbi daandii isaa irratti isa haa tiksu..!!

Join 👇👇👇👇

@amirtemam1 @amirtemam1
ምን ብታይ ድካሜ አይሎ
እንደ ሰው ችዬ ባልፀና
አያስችለኝም ሲነኩ
ያመኛል ገና ለ ገና


ሰለዋቱላህ አለይከ ወሰላሙሁ
ያ ሀቢበሏህ ሙሀመድ ሽልማት ነሁ

@amirtemam1 @amirtemam1
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Ahbaabi Akkam jirtuu nagumaa fayyaa keessanii ? Ani nagaya al hamdulillaah Bakka sin jirtanitti nagaaf rahmanni rahmaan isin faana haa tahu jechaa. Egaan yeroo dheeraaf Sababa garagaraatin chaneli irratti waa maxxansaa hin turree. baduu kiyyaaf dhiifama naaf godhaa siniin jechaa. Insha alllaah kana booda waan faayidaa nuuf qabu waan khayrii yaadachiisa,da'awaa,walaloo,seenaa,asoosama gara gara video fii sagaleen akkasuma barreeffamaan qabannee dhufna. Akkasuma ammas wantoota miseensota chaanaalicha hirmaachisan.  sagantaa gaafiifi deebi wal dorgommii sagalee ni qopheessina.
Nama wal irraa fayyadamu nu haa taasisu.
أحبكم في الله
Yaada ergaa qabdan Comment jalatti barreessaa.
Join 👇
https://hottg.com/amirtemam1
┄┄┉┉✽̶»̶̥🌹🌹»̶̥✽̶┉┉┄┄
بسم الله الرحمن الرحيم
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Faaruun kan mootii Aalamaati Nagayaaf rahamanni rabbii ergamaa keenya nabi muhammad irraa haa jiraatu.
أحبّ الأعمال إلى الله                    
▪️Hojjiiwwan Rabbiin biratti Jaallatamoo Tahan.

Islaamummaa Waan shan irratti ijaarame jedhan rasuulli ﷺ.
Isi Shanan kana raawwachuun dirqama muslimaati Rabbiin biratti hojiilee gurguddoofi jallatamoo tahan keessaati. Haala rabbiin nurraa barbaadeen geeggeesuu fi raawwachuun akka nuti jaalala rabbii goonfannu nu taasisa. Isii keessa sababaa tokkon malee hiri'isuun ammoo rabbiin nutti dallansiisa.

Waan rabbiin dirqama nutti godhe hojjane waan inni erraa nu dhorkeerraa yoo dhorkamne jaalala Isaa goonfannee jirra jechuudha. Akka nuti isa biratti jaallatamnu kan nu taasisu keessaa inni ijoon waan inni dirqama nutti godhe raawwachuudha.

Abdallaah Ibnu Mas'ud akkas jedhee guyyaa tokkoo nabii rabbiin ﷺ gaafadhe? jedhe. Hojiin rabbiin biratti jaallatamaa tahe maali jennaan Salaata yeroo isii eeggatanii yeroom salaatuudha, Achii hoon jedheen jedhe, haadhaaf abbaatti tola ooluudha, ammas itti fufeen gaaffe jedhee. Karaa rabbii irratti qabsaa'udha naan jedhan. Osoon itti fufuee gaafadhee itti naaf fufan ture jedhe ibnu mas'uud.

Egaan ahbaabi hadiisa kana keessatti jalqaba wanni rasuullii ﷺ rabbiin biratti jaallatamaadha jedhanii niuf dhaaman Salaata Salaannii rabbiin biratti bakka guddaa qabdi Shahaada lameenitti anteeti kan isiin dhufte. Yoo isiin tolte kan hujiin keenya tolu yoo isheen badde kan hujiin keenya badu. Waan rabbiin sirraa jaallattu hojjachuu feetaa ? Akkas taatu salaata yeroon salaati Shuruuxaafi harkaana isii guuti.

2 Haadhaaf abbaatti tola ooluu
Itti fufa.

Anas isinis numa hundaa nama irraa fayyadamu rabbiin nu haa taasisu.

Share forward gochuun obbeeyyan keessaniif dabarsaa. Rabbiin waan sharrii tahee waan yaaddo sinitti tahe hunda sinirraa haa dabarsu.
أحبكم في الله
Join 👇
https://hottg.com/amirtemam1
┄┄┉┉✽̶»̶̥🌹🌹»̶̥✽̶┉┉┄┄
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Kan Itti hidhaateef
Saahiba dhugaati
Faayidaa isaaf qaba
Biyya lameenuutti

Gaddaaf Dhiphuu qalbii
Isaatu irraa cufaa
Borus Aakhiraattii
Magantummaaf dhufaa

قال رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ : اقْرَءُوا الْقُرْآنَ فَإِنَّهُ يَأْتِي يَوْمَ الْقِيَامَةِ شَفِيعًا لأَصْحَابِهِ
Join @amirtemam1 @amirtemam1
Sa’ad ibn abi waqqaasirraa odeyfamee nabiin rabbii akkana je’an “milkii ilma namaatirraahi : haatimanaa gaariin, yaabbii gaarii fi , manni bal’aan”

Bultii gaarii
Yaabbii bareedduu fi
Mana bal’aa rabbi nu hunda haa badhaasu.

Join @amirtemam1 @amirtemam1
Akkatii yeroo keettii seeraan itti fayyadamtuuf sababa kan siif tahaniif malee akkati yeroo kee balleesituuf kan sababa sitti tahan bira hin taahin.
Oolmaa kee Namoota gaggaarii waliin taasifadhu.

      🌹🌹🌹🌻🌻🌻🌷🌷🌷🏵🏵🏵🌹🌹🌹

Barii Gammachuu barii milkii kan guddinaa kan jaalalaa siniif haa tahu. Nagaan naaf oolaa

Join 👉 @amirtemam1 @amirtemam1
Das namatti jetti
Rahaadha qabbanaa
Qe'een nabii kootii
Magaalaan madiinaa
اللهم صل وسلم وزد وبارك على نبينا محمد
Ibaadaan Ramadaana Qofa irratti hin Gabaabbatu!

(وَاعْبُدْ رَبَّكَ حَتَّى يَأْتِيَكَ الْيَقِينُ)

"Hanga duuti sitti dhuftutti rabbii kee gabbari"
Suuraa Hijrii 99

Rabbiin Yeroo Mara jiraataadhaa, Ji'a kudha lameenu ni gabbarama. Ibaadan ji'a tokko qofaan hin dhaabbatu. Soomni, Sadaqaan, Salaatni halkanii, Qiraatiin qur'aanaa, Ramdaana Keessa qofaa mitii yeroo hundaa numa jira. Rasuullii ﷺ ji'a kudha lameenuu halkan raka'aa kudha tokkon dhaabbatu turan hanga koomeen isaanii dhoohutti. Ramadaana qofaan hin dhiisne.

Soomanas Ramdaana qofaan hin dhabne,Sanyoofi Kamisa somaa turan. Ammas namni ji'a keessa guyyaa sadii soomee akka nama ji'a guutuu soomeeti jedhan. (Ayyaamulbidii) gaafa guyyaa 13, 14 ,15 Ji'a hunda eeggatte yoo guyyaa sadeen kana soomte akka nama waggaa guutuu soomeeti.

Rabbiin Baatii kabajamaa Kana Rahmata nuuf gochuuf, Ibiddirraa bilisa nuu baasuuf,Jannata nu badhaasuuf,Dhiifama nuuf gochuuf, nu badhaasee. Dirree ibaadaa nuuf godhe. Akka isa keessatti wal dorgomnuuf, malee akka Baatii kana keessa qofaa isa gabbarruufii miti.

Salafoonni darban Yeroo ramdaana dabarsan, ji'a jaha guutuu akka rabbii irraa qeebalu, du'aa godhu turan. Ji'a Jaha ammoo akka rabbiin isa dhufuun isaan gahuu rabbiin kadhaatu. Waggaa guutu akkasiin dabarsu.

Gabricha Rabbii tahi Warra Ramadaana Gabbaru irraa hin tahin.

Yeroo Mara Gabricha Isaa tahi. Yeroo fayyaa qabdu, yeroo Fayyaan qabne, yeroo Qabeenya qabdu, yeroo qabeenya hin qabne, yeroo Rakkoo keessa jirtu, yeroo bal'oos, Gabricha isaa tahi.

Gabrichi Rabbii inni haqaa Yeroo mara Ibaadaatti Jabaata Kaayyoo waan Uumamee beekaa waan taheef. Guyyaa kam Gara aakhiraa akka deemuu hin beeku kanaaf Dammaqaadha. Rabbiin Akkas nun jedha.
(وَمَا خَلَقْتُ الْجِنَّ وَالْإِنسَ إِلَّا لِيَعْبُدُونِ)
Suuraa Az-zaariyaat 56
(Jinniis tahee Ilmaa Nama Ana haa gabbaranuuf malee hin uumne.)

Kaayyoo Waan Uumameef Nama Dagatu Rabbiin Nun Taasisin. Ramadaana Dabrsine rabbiin nurraa haa qebali isa dhufuunis nu haa gahu.

@amirtemam1 @amirtemam1
Hin jiru hin uumamne
     Sichis hin jiraatuu.....
Kan guutame hundaan
     Namni si fakkaatuu....


Haalaaf amalli kee
     Fagoo nama waamaa....
Kan si barre hunduu
      Si arguuf cinqama...

Guutuudhaan si erge
     Hunda si caalchise....
Ummata kee ta'u
   Raabbiin nu badhaase...

Rahmataaf nageenyi
   Sirra haa jiraatuu....
Hanga dachiif samii
    Uumaa rabbii guutuu....

صلى الله عليه وسلم
اللهم صل وسلم على محمد وعلى آله وصحبه أجمعين...



      •┈┈• ❀°•🌹•°❀•┈┈•

JOIN Godhi↓ ↓ ↓
https://hottg.com/amirtemam1
Nama kolfa kee si waliin qooddate dagachuu dandeessa, Nama boo'icha kee si waliin qooddate garuu hin dagattu!

Nagaan Naaf Oolaa 😍 Oolmaan Keessan Khayiriin haa Guutamtu🌹🌹

@amirtemam1 @amirtemam1
Wal Kabajaa!

@amirtemam1 @amirtemam1

Ilma Namaa Yeroo jedhamnu bifti keenya,
dhaabbiin,yaadni keenya,gara gara. Garaa garummaan umrii, Sadarkaan beekumsaafi, sadarkaan jireenya gadi bu'aafi ol kahaan, hundi miizaanaa jidduu keenya jiranudha. Islaamuummaan Kana hundaafu Mirga,bootaa isaaf maalu kenneera. Garaa Garummaa Umrii laalchise nabiyyiin keenya akkas jedhaniiru

"Warra isaa olii hangafoota isaa kan hin kabajne, warra isaa gadii sabiyyootaaf rahamata kan hin goonee nurraahi miti" jedhan.

Beekumsaan Wal caaluu irratti ammoo rabbiin akkas jedha.

يَرْفَعِ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ مِنكُمْ وَٱلَّذِينَ أُوتُوا۟ ٱلْعِلْمَ دَرَجَٰتٍۚ وَٱللَّهُ بِمَا تَعْمَلُونَ خَبِيرٌ

"Rabbiin isin irraa warra amananiifi isaan beekumsi kennameef sadarkaa baay’ee isaan ol kaasa Rabbiinis waan isin hojjattan keessa Beekaadha."
Al-Mujadala 58:11

Warra beekumsa Kennaman, sadrkaa isaani olkaasee nutis akka olkaasnu akka isaan kabajnu nu barsiisa.

Sadarkaa jireenyaatin ammoo nabiyyiin keenya ﷺ " Rabbiin Dadhaboo Harka qalleeyyii jidduu keessan jiranuun Rizqii isiniif godha". Jechuun nu barsiisaan.
Dhabuun wanjala miti. Qabaachuun garuu Akka billaa Qara lama qabuuti.

Nama Namummaa Isaatin Kabajuun dirqama Muslima hundaati. Obboleyyan isaa kan muslimaa onneerraa jaalatee, Maguddootaa kabajuun,kunuunsuun hojii manaa dargaggeessa muslimaa tahu qaba.

Warra Kabajaa Walii beekuu Rabbiin nuhaa taasiisu, Maguddootaa Hayyoota keenyaa Umrii Isaanii nuuf haa dheeressu.

Forward fochuun Obboleyyan keetin gahi.

Join 👇👇👇

@amirtemam1 @amirtemam1
HTML Embed Code:
2024/05/19 06:18:09
Back to Top