Akkam Jirtu Maatiin ABBU TECH!
Maaloo osooma ariifattanii maxxansa kana dubbisaa… harra akka itti jirru ni beekna kan borii immoo Waaqa(Rabbi) qofatu beeka!
Haati keenya suuraa irratti argitan Kun dhukkuba garaagaraa hedduudhaan dhukkuffataa jirti kana irraan mana keessa jiraattu hin qabdu manni suuraa irratti argitan kun guyyaa muraasa dura dha kan haaluma kanaan illee ijaarame.. dura mana honaa suuraa irrati argitan kana keessa jiraatu turan… haati keenya kun Waan ittiin jiraattu tokko illee hin qabdu kana irraan immoo haadha daa’imman 6 dha!
Abbaan mana ishee illee dhukkuba garagaraa waan dhukkuffatuuf hojii guyyaa guyyaa illee hojjechuu hin dandeenye!
Haadhi keenya kun kan jiraattu Magaalaa Shaashamannee keessadha Video guutummaa isaa haala rakkoo isaanii deemnee ilaaluun baayyee nu gaddisiisee videon waraabamee ture sababa MB isaa baayyee guddatuuf yeroof as irra maxxansuu hin dandeenye!
Yaalii torbee 1 booda haadha keenya kanaaf amma account’n maqaa isaaniitiin banameefii jira!
Namoonni isinitti dhagaa’amee gargaaruu barbaaddan Account kanaa gad jiruun gargaaruu dandeessu!
Namoonni gargaaruu hin dandeenye immoo Maxxansa kana share gochuun waanuma dandeenyuun haadha keenya kana haa gargaarru!
>>Click here to continue<<


