TG Telegram Group Link
Channel: ℹ️mala karaa Ⓜ️ilkii
Back to Bottom
Forwarded from TIKVAH AFAAN OROMOO
#Update

Balaa konkolaataa barsiisota Yunivarsiitii Madda Walaabuu mudateen lubbuun namootaa darbe 20 qaqqabe.

Barsiisonni kunneen Kaampaasii Shaashamanneetti barsiisuuf konkolaataa yunivarsiitichaatiin gara Doldolaa imalaa turan.

Godina Arsii Lixaa iddoo addaa Washaa jedhamutti konkolaataan isaan fe'ee deemaa ture hallayyaa lixuun hanga ammaatti lubbuun namoota 20 darbeera.

Namoonni hafan hospitaalaa Adabbaa, Doldolaafi Roobeetti tajaajila wal’aansaa argachaa akka jiran Pirezidaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu Doktar Ahimad Kaliil himaniiru.

@tikvahethafaanoromoo
NAMA TAWUU!

Namicha karaa deemu tokkootti beesse makiinaan deemuun qusachuuf mala dhaate! Mali inni dhaate ammoo akka namaatti barcumaa irra taayee beesse kaffaluu irraa akka miyaatti(Meeshaatti) fa'amee deemuu murteesse! Mucaa isaa ka waliin yaaniin ammoo "Abbaa kiyyaa ati beesse te kafaladhii ani akka miyaatti madaabaraa ykn Borsaa kana keessa seenaa atin meeshaa jedhii duubaatti na feesisii" jedheen. Mucaalleen gorsaa abbaa isaa fudhatee akkumaa inni baanuu madaabaraa keessa buusee dudduubaatti faye. Yo mucaan gatii namaaf meeshaa fa'amuuni gargaaraa makiinaa gaafatuu "ka namaa birr 10n ka meeshaa ammoo buusichaaf korsiisaan walti birr 30ti" jedheen.

Mucaan ammoo mala abbaan dhaate achi seene waan beekuuf dubbiin taani guddoo rifachiifte "IYYO IYYOO LAKKII NAA HIN TAATUU" jedheeni gargaaraan makiinaa ammoo rifannoo mucaa taanii argee mucaan "ykn meeshaa ke buufadhi ykn itti yaadii beessee na kaffalii" jedhee gara dhibii dabre. mucaan ammoo waan kaan abbaatti himnaan abbaan madaabaraa kaan keessa bayee "ABBAA KIYYAA NATTI DOGONGOREE MALEE MEESHAA TAWUU IRRAA NAMA TAWUU WAYYA" jedhee jedhani.

Eeyee meeshaa tawu irraa nama tawuu wayya! Akka nama kamiittu ji'a sagaliitti dhalattee/nnee meeshaa gatii salphaa taatee/nnee atis namis sitti fayyadamuu hin malle. Nama ta'i jechuun ammoo akkumaa ebeluu nyaadhi dhugii, Gochumaa ebelu godhee godhii, Karumaa ebeluun deemee deemii, Jechuma ebelu jedhee A-Z keessa filadhii akka harraanqessaa kaakkisii jechuu niti. Ejjannoof kaayoo mata keetiitiin imali. Sun irraa hin lelleqini, hin dhimphisinii, hin raafamini hin girrisini, Namaatti jedheef jettee hin jedhin namaatti dedheef ammoo hin dedhini, Beekkumsaaf malee beekkamtiif hin warraaqini. Namaaf tawuun duraatti kophaa tantee nama ta'i, Bakkaaf haga keenna beeknee gatii nama tawuuf nu barbaachiftuu yeroof humna qabnuu cufaatti fayyadamnee NAMA HAA TAANUUNI dhaamsa barreefama kanaa!

#JABAADHI!
"YO JABAATTEE JIBBAA OOLAANIILLE JABAA DUUBII JAALALAA, JAALACHA OOLAANIILLEE YARAA DUUBII JIBBAA"

👇👇👇👇
👇👇👇
👇👇
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
Forwarded from Imala Karaa Milkii
​​❝Horsiisee Bulaan Abbaa Hospitaalaas Ta'u Akka Danda'u Hawaasa Keenya Barsiisuu Qabna❞ — Dr. Godaanaa Jaarsoo, Abbaa Qabeenyaa Hospitaala Dirree Godaanaa Adaamaa

Magaalaa Adaamaatti Hospitaalli Yaala Waliigalaa Gamoo abbaa darbii 6 kan birrii Mil. 106 oliin ijaaramee fi Siree Ciibsanii Wal'aanu 50 qabu guyyaa har'aa bakka keessummoonni adda addaa argamanitti eebbiffamee hojii jalqabsiifamee jira.

Abbaan Hospitaala Dirree Godaanaa Dr. Godaanaa Jaarsoo yaada  bu'uuraa lama qabannee hospitaala kana ijaarre jedhan. Isaanis Barnootaa fi tajaajila fayyaa yoo ta'an Horsiisee bulaan baratee sadarkaa olaanaa ga'uuf hedduu rakkata kanaaf mul'ata gaarii barnoota qulqullina qabuu fi tajaajila yaalaa qulqullina qabu kennuu qabaannee xiiqii fi kutannoon hospitaala kana banne jedhan.

Waggaa 10n dura kilinika xiqqaan jalqabnee har'a hospitaala banuurra geenyee kan jedhan Dr. Godaanaan kanas rakkoolee garaa garaa keessa darbuun kutannoon hojjenne jedhan.  

Hospitaalichi meeshaalee laaboraatoorii guuttatee jira jedhame. Meeshaalee qorannoo olaanaa garaa garaas akka qabu himameera. Hospitaalichi yeroo ammaa hojjettoota 90 ol qacaree tajaajila fayyaa kennaa jira.

Keessummaan kabajaa sirna eebba Hospitaala kanaa Deetaan Ministira fayyyaa Dr. Darajjee Dhugumaa badhaadhinni biyyaa sirna fayyaa fooyya'ee fi qulqullina qabu malee yaadamuu hin danda'u jedhan.

Walitti dhufeenya dhaabbilee fayyaa mootummaa fi dhaabbilee fayyaa dhuunfaa cimsuun riifoormii fayyaa haaraa hojiirra oolaa jirudha. Mootummaan invastimantii dhaabbilee fayyaa dhuunfaa cimsuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiras jedhan.

Hospitaalli eebbifame kunis meeshaalee guuttatee qabuun tajaajila quubsaa kennuu akka danda'u abdanna jedhan.

@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
Forwarded from Imala Karaa Milkii
​​"Ilmaan Horsiisee Bulaa Tikaaf Obaa Qofa ado hin taanee Abbaa Hospitaalaas ta'u Akka dandeettu Hawaasa keenya Barsiisuu Qabna" Dr Godaanaa Jaarsoo

@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
Forwarded from Imala Karaa Milkii
​​"Godina Booranaa Aanaa Dilloo ganda Qaadhimiitti haatoo Jiloo Jaatanii yeroo sababa bonaatiin dacheen Booranaa miidhamteetti; ilmee Qeerramsaa ta haatii bonaan irraa doote raasaa keessatti argite. Argitee jennaan bira hin dabarree qabattee galteenii akkuma ilmee namaatti waan argatan cufaa sooruun guddisuu jalqabde. Amma ilmeen Qeerramsaas bona baatee maxaqxee nagayumaan waliin jiraachaa jiran.

Kun jaalala Booranni/Oromoon Aadaa Guddifachaa namaaf qabu irra dabree bineensa bosonaaf qabu kan muldhisu ta'uu haatoo Jiloo irraa barachuun ni danda'ama.

Aadaa jaalalaa Oromoonni namarra dabree bineensaaf qabu tumsachuun walii yaaduutti baratamuu qaba jedhan Bulchaan Aanaa Dilloo Obbo Muusaa Huqqaa" K/A/Dilloo

@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
Forwarded from Imala Karaa Milkii
​​Naannoo Oromiyaatti qormaanni kutaa 8ffaa bara kanaa Waxabajjii 26-27/2015 kennama.

Qormaata Kutaa 8ffaa fudhachuuf waliigala barattoonni 484,994 kan galmaa'an yoo ta'u, buufataaleen qormaanni itti kennaman 1441 qophaa'aniiru.

Barattoota bara kan qoraman hundaaf carraa gaarii isinii haata'uu jabaadhaa of qopheessaa

@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
Video Midhaaddu Waan Ilaalcha Ilma Nama Dubattuu Galgala Kanaa Aug 8, 8:00PM Locala Time Irraatti Nu Eegaa!

Yaalii ofi ijjiiruufi godhamuu keessatti eenyumma ofii hubachuutti aansee gahee guddaa kan taphatuu ilaalcha sammuu namaati.

Ilaalcha isaan qabani irraatti hundoofnee namoota ilaalcha isaanii bakka sadiitti qooduu dandeenya.
1.Namoota ilaalcha diqqaa qabani(Namoota yeroo baayyee namoota dhuunfaa irraatti xiyyeeffatu)
2.Namoota Ilaalcha jidduu galeessa qabani(Namooti kuni yeroo baayyee waan dhaabbata nama bira odeessu)
3.Namoota ilaalcha guddaa qabani(Namooti akkanaa yeroo baayyee waan yaada dhiyaatee irraatti wal mariyatu)



https://youtu.be/jtKPZlr4c2U
Forwarded from Imala Karaa Milkii
​​#IRREECHI(dhibaayyuun)

1.Duudhaaf aadaa uummata oromooti
2.Faajjii tokkummaa sabaati
3.Dirree araaraaf galataati
4.Calaqqee OROMUMMAATI!
5.Ibsituu jaalalaaf khabajaati

@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
Bu'aan Qormaata Kutaa 12ffaa Bara 2015 Guyyaa Hardhaa Akka Ifoomu, Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa yayyuu Beeksise.

Ministeerichi, bu'aa qormaata kutaa 12ffaa kan bara 2015 kana ilaalchisee guyyaa har'aa, Fulbaana 28, 2016 galma walga'ii Ministeerichaa keessatti ibsa Gaazexeessitootaaf nikenna jedha.

Qormaata kutaa 12ffaa bara 2015 dhuma ji’a Adoolessaa 2015 marsaa lamaan kenname kana, Barattonni Kuma 840 ol fudhachuun isaanii ni yaadatama.

Ijoollee Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan qabxii eeggachuutti jiranii cufaafi Carraa Dansaa isaniif hawwaa!

@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
@SabbooGoonaa
HTML Embed Code:
2025/07/05 14:23:50
Back to Top