TG Telegram Group Link
Channel: Dirree yaadaa
Back to Bottom
Murtii | Kutannoo

||||

Milkaa’inni karoora keenyaa kutannoo nuti murtii keenya galmaan gahuuf qabnu irratti hundaa’a.Wantoota kufaatiif sababa ta'an keessaa tokko murtii yookiin ejjannoo dhaabbataa dhabuun sadarkaa duraarratti argama.Hojii tokko yeroo biraatti dabarsuun yookiin taa'anii haala mijataa eeguuniis diina milkaa'inaa isa olaanaa namni kamiyyuu to'achuu qabudha.

Namoonni milkaa'an karoora jireenyasaanii yookiin maal hojjachuu akka qabanii fi hinqabne murteeffachuuf yeroo hinguban.Hatattamaan murteeffatu.Waan murteeffatan hojiirra oolchuudhaaf kutannoo olaanaa qabu.

Jireenya mataakeef waan siif tahu atumti murteeffadhu.Namoota karoora kee hojiitti hiikuuf wajjin hojjattu irraan kan hafe namni biraan hojii kee keessa akka seenu gonkumaa hin eeyyamiin.Waan itti amantu ejjannoodhaan hojjadhu.Namoota hojiikee irratti beekumsa addaa qaban waliin hojjachuuf wayita filattu of eeggannoo olaanaa godhi.Namoonni ati filattu kunneen namoota galmakeef jaalala dhugaa qabanii fi si milkeessuudhaaf si tumsan tahuu qabu.

Ati sammuu fi yaada mataakee qabda. Sammuukee fayyadamii murtii siif tahu murteeffadhu.Waan murteeffatte galmaan gahuuf kutannoo qabaadhu.

@dirree_yaadaa
《 GORSA 》

《1》Barsiisaan kee inni sirriin dogoggora ati kaleessa hojjatte dha. Kanaaf isa kaleessa dogoggorteen of dhiphisuu dhiisitii irraa baradhu!

《2》 Jal'innii fi sobni ati har'a sobaa jiraattu jireenya kee qofa balleessuu utuu hin taane du'a kee iyyuu ni fokkisiisu. Kanaaf gaarii yaadu fi gaarii gochuuf macaafa qulqulluu dubbisi!

@dirree_yaadaa
"Nama dhiphisee ilaaluu jechuun nama yommuu filannoon lama isaaf dhiyaatu lamaanuu isaa filatu jechuudha"

@dirree_yaadaa
Tasgabbaa'i!

Maaf hin murteessine? Maalumaaf hin bariine?
Hanga yoomittan akkanatti jiraadha jechaa uumaa kee waliin falmaa jirtaa?

ilaa na dhageessaa
uumaan kee kan calliseef; waan si hin argineef ykn rakkinni kee isa gammachiisee ykn immoo si gargaaruf busy ta'ee osoo hin taane, uuman yeroo kamiiyyuu obsaan iddoo fi yeroo isaa eeggatee rakkoo kee siif fura. Situ obsa dhabe malee uuman kee hojii isaa hojjachaa jira. Obsi. tasgabaa'i. eeggadhu nii murteessaa.

Gammachuu hunda isiniif hawweera.

Jechooya saayikoolojii sammuu keenya bashannansiisan dubbisuu kan jaallattan chaanelii armaan gadii kana join godhaa!


@dirree_yaadaa
#Anummaan Diinadha" Ego Is the Enemy:
1. Anummaan ("Ego") diina barachuuti. Yeroo anummaa keenya irratti garmalee xiyyeeffannu namoota biroo irraa barachuu hin dandeenyu.Anummaan akka waan hundumaa dursinee beekneetti akka yaadnu nu taasisa.

2. Anummaan diina kalaqaati. Yeroo waa'ee anummaa ofii keenyaa garmalee yaadnu yaada haaraadhaaf banaa hin taanu. Yaadni mataa keenyaa isa hundarra caalu jennee akka yaadnu nu taasisa.

3. Anummaan diina hojii gareeti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu namoota biroo wajjin akka gaariitti hojjechuu hin dandeenyu. Isaan waliin wal tumsuu dhiisnee isaan waliin dorgomuu irratti akka xiyyeeffannu nu taasisa.

4. Anummaan diina milkaa'inaati. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu kaayyoo keenya galmaan gahuu hin dandeenyu. Hojii mataa keenyaa irratti xiyyeeffachuu mannaa namoonni biroo waa'ee keenya irratti maal akka yaadan yaadda'uurratti xiyyeeffanna.

5. Anummaan diina gammachuuti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu gammachuu argachuu hin dandeenyu. Namoota biroo wajjin wal bira of qabuun ga'umsa akka waan hin qabneetti akka nutti dhaga'amu godha.

6. Anummaan diina hariirooti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu hariiroo fayyaalessa qabaachuu hin dandeenyu. Ofii keenyaaf dursa kennuu fi fedhii namoota biroo ilaaluu dhiisuu irratti garmalee qabamnee akka jiraannu godha.

7. Anummaan diina nagaa ti. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu nagaa argachuu hin dandeenyu. Namoonni kaan maal akka nutti yaadaniifi namoota biroo biratti akkamitti akka nu ilaalan irratti garmalee yaaddofna.

8. Anummaan diina bilisummaati. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu bilisa ta'uu hin dandeenyu. Namoota biroof of mirkaneessuu akkasumas akka isaan nu irraa eeganitti jiraachuu akka qabnuutti garmalee nutti dhaga'ama.

9. Anummaan diina gara laafinaati. Yeroo garmalee anummaa ofii keenyaa irratti xiyyeeffannu namoota biroof gara laafina qabaachuu hin dandeenyu. Waa'ee ofii keenyaa fi rakkoo ofii keenyaa yaaduun garmalee qabamnee akka jiraannu nu taasisa.

10. Anummaan jireenya keessatti waan gaarii ta'e hundumaaf diinadha. Yeroo garmalee anummaa keenya irratti xiyyeeffannu, wantoota gaarii jireenya keessatti mul'atan argachuu hin dandeenyu. Waa'ee ofii keenyaa fi rakkoo ofii keenyaa yaadda'uudhaan garmalee qabamnee akka jiraannu nu taasisa.


@dirree_yaadaa
Obsi guddaan obbaatii qaba! #Dubbisi fixi!
✍️
Leenci guyyaa isaa keessaa saatii dheeraa rafa jedhama!
Yeroo dammaqu garuu waan isa barbaachisu hari’ee qabata!

Tasumaa hin sodaatu!
Hin bir’atu!
Hin pherepheramu!
Ilaalchi isaa immoo guddina qaama isaa caala!

Jennaan guyyaa tokko utuu inni rafuu #Hantuunni kosh, kosh gochuudhaan isa jeeqxe!
Achumaan innoo Hantuuta ta’uu barraan tuffatee deebi’ee ciise!
Ammas dabalteema jeeqxi!
Achumaan obsi isaa sodaa itti fakkaannaan isheenoo suuta jettee #Eegee ishii gurra isaatti suuqxe!

Ammas hinuma obse!
Dabaltee funyaan isaa korokkorte!
Yeroo isaaf gamu afaan isaa bane.
Isheenoo boolla seetee itti lixxee achumaan haftee jedhani!

Elaamee obboloota ko waan isin itti ulfaate hundumaa yoo obsitan liqimsitu!

Mee kana irraa baradhaa!
Obsi gaariidha bara namaaf dabarsa!
Hundumtuu yeroo yartuufi jabaadhaa kaayyoo keessan faana bu’aa!

Garuu atumtuu hamma kana obsaan dubbisuun ke cimina keeti!
Namni dubbisu duuba hin ilaalu!

@dirree_yaadaa
Sagantaa guddicha karaa toora Telegram hirmaachuun faayidaa leenjii gahumsa dhuunfaa fi muuxannoo namoota jajjaboo kana irraa barachuuf👉 @olifstar  irratti personal development jechuun naaf barreessa.
Carraa kan Nama 10 qofa kenna. Amma itti fayyadamaa
Namni tokko waan gammachuu siif kennuuf qofa jaalatta yoo ta'e; namticha akka hin jaalanne godhameeti lakkaawwama.:- Algazi
@dirree_yaadaa
#BIDIRUU_KEE_GUBI!
Yeroo durii keessa hogganaan waraanaa cimaan tokko (a great warrior) haala murteessaa wayii keessatti mala bareeda tolfate. Hogganaan waraanaa kuni lola cimaatti deemaa ture. Lolichi kan gaggeeffamu ammoo odola xiqqoo wayii, galaanaan marfamte irratti yoo tahu bidiruu (Ship) dhaan deemanii loluun dirqamadha.

Meshaalee waraanaaf barbaachisaniifi loltoota isaa fe'atee yogguu qarqara galaanaa sanatti imalu waan tokko murteesse. Innis, bidiruu ittiin imalan iddoo waraanichaa (Battlefield) yeroo gahan gubuu! Loltoota isaatti waan tokkos hime..."Mo'atamnee of duuba hin deebinu, bidiruu kana ni gubna! Yogguu deebinu ammoo bidiruu diinota keenyaatiin tahuu qaba" kan jedhu...

Bidiruun ni gubatte. Filannoon mo'uu yookaa dhumuu ta'e. Win or perish! Lolli ni eegalame. Loltoonni bidiruun jalaa gubbatte ni mo'aani.

*
Seenaa olii kana kitaaba "Think and Grow Rich" jedhu keessaa ni argattu. Jireenya keessatti filannoo lama qabna; mo'uu yookaa mo'atamuu! Bidiruu mijattuu (Our comfort zone ship) hanga hin gubnetti mo'uu hin dandeenyu. Mo'ichi rakkoolee (Challenge) qaba, kutannoo (commitment) barbaachisa, fedhii mo'ichaaf laboobu (burning desire to win) qabaachuu barbaachisa! Bidiruu keenya utuu hin gubin mo'ichaaf deemna taanan, rakkoolee sodaannee bidiruma deemneen ofirra deebina.
#Jireenya_Keef_Itti_Gaafatamummaa_Guutuu_Fudhadhu! “Dandeettiin raawwii gaarii kan eegalu wantota jireenya keef akkasumas jireenya kee irratti ta’an hundaaf itti gaafatamummaa fudhachuudhaani.” Brian Tracy

Jireenya keef itti gaafatamummaa kan fudhatu nama tokko qofa, namni sunis si’uma mataa keeti! Hoogganaa kee miti, hiriyyaa gaa’elaa kee miti, warra kee miti, hiriyyoota kee miti, maamiltoota kee miti, dinagdee miti, haala qilleensaas miti.

Si mataa keeti! Wantota jireenya keenya keessatti ta’an hundaaf namoota biroo komachuu yoo dhaabnu waan hunduu jijjiiramuu eegala! Jireenya keef itti gaafatamummaa fudhachuu jechuun jireenya kee ofii kee hoogganuu fi taatoo adda duree jireenya keetii ta’uu jechuudha.

@dirree_yaadaa
Live stream started
Live stream finished (54 seconds)
Trainer Tamiru Cherkos
NTB RANK ACHIEVER
TRAVEL ACHIEVER
BTSC FOUNDER




Leenjii personal development mana keenya teenyee bilbila harka keenya irra jiruun abjuu keenya dhugoomsuuf fudhachaa jirra. Namootni barbaaddan contact 👉 @Olifstar

#Jijjiiramni amma irraa eegala!
Sammuun waan uumame guutumatti yaadachuu dhiisuu ni mala. Garuu miirri isaa onnee irratti yeroo hundaa ni dhagahama.
MEE CALLISI!

Callisuun miira bilchina gadi fagooti.

✔️ Dudubbachuun barbaachisaa ta’us beekumsa hin ibsu. bakka hundatti waa'ee waan hundumaa haasa'uu fi waan naannoo kee, hawaasa kee fi maatii kee keessatti ta'u hundaaf deebii hin kennin. Yeroon itti haasofnuu fi yeroon guutummaatti callisnu jira.

✍️ Miira callisaa yeroo guddifattu qalbii namootaa keessatti dallaa tasgabbii dhabuu ijaarta. Dhimmi tokko tokko ammuma haasa’ame salphata. Namni dudubbatu ammuma dubbate barama. Namni miira callisuu guddifate akka tulluuti; Ni sodaatama. Tilmaamamuu waan hin dandeenyeef  ni kabajama, ni sodaatama ni jaallatamas.

✍️Yeroo akka salphaatti yaada maddisiistuu fi baay'ee dubbattu salphaatti tilmaamamuu dandeessa. Yeroo hunda waan barbaachisu irraa hir’isii dubbadhu. Yokaan baay'ina yaada kee jecha gabaabaan ibsii bira darbi. Yoo dubbatte;waan hunda qola baastee hin dubbatiini. Geggeessummaarra yoo jiraatte si gargaara. Aangoo fi iccitii eeguuf xiqqoo dubbadhu.

Miira callisuu yeroo guddifattu, namoonni waan keessa kee jiru beekuuf hawwu. Jechi callisuu booda dubbatamu hundi gonkumaa akka waan salphaatti hin ilaalamu. Yeros jechoonni hundi kan hiika qabaniif ulfaatoo ta’u. Callisuun gaariidha, yoo dubbatte dhimma si ilaallatu dubbadhu, waan qulqulleeffatte dubbadhu. Xiqqeessiitee dubbachuu baradhu. Warra miira callisuu hin gabbifatiiniif dursa kenni. Jechoota hiika qaban itti fufii dubbadhu. Callisuun bilchina gadi fagoo ibsa malee wallaalummaa hin ibsu.

@dirree_yaadaa
#Jijjiiramni_Sirriin_Keessaa_Eegala!

Jijjiiramni waan namni dhuunfaan tokko yookaan qaamni biraan wayii namaaf hiixatu yookaan namaaf bocu osoo hintaane, ifaajaafi fedhii ofiitiin kan namaa argamudha. Akkanuma sababni jijjiiramaa dhiibbaa keessaafi alaa ta'uu danda'a; garuu, jijjiiramni inni sirriin isa keessaa eegaludha. Sababni jijjiiramaafi jijjiiramnis walii adda. Kana hubachuufis, wanti jijjiirama fiduu danda'u ofii jijjiirama akka bakka hinbuune beekuun isa dursudha. Wantichi ka'umsa jijjiiramaa ta'a malee jijjiirama bakka bu'uu hindanda'u. Eeyyeen, jijjiiramniifi sababni jijiiramaa walii adda!



@dirree_yaadaa
HTML Embed Code:
2025/06/28 17:03:39
Back to Top