TG Telegram Group Link
Channel: 🗝 ALMIFTAH TUBE 🔊
Back to Bottom
keenya, jeynoota keenyiin kan galata guddaa
qaban har'a irra teenyee yeroon osoo hin dabrin
isaan galateeffachuu qabna. Yeroon eega dabree
booda yeroon sun lammata deebitee hin argamtu.
Gatiis hin qabaatu. Gatii sharafa kaleessaatiin
har'a irratti sharafuun hin danda'amu.
Kanaaf yoo wanti tokko yeroo isaa irratti gatii
argatu nama gammachiisa waan taheef waan
dalagnu hunda irratti jalqaba of ilaaluun
barbaachisaa dha.
MAALOO MEE HIN JARJARINII OBSI
••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Abbaan manaa hujii isaa irraa yommuu deebi'u
waldhabbiin xinnoon haadha manaa isaa wajji
uumame. Dallaneetiin loluu eegale. Haati manaas
kan tasgabbooftu hin taane. Isheenis ibidda
taate. Yoo inni waa jedhu isheenis danfitee
arraba itti lammeesiti. Manni jireenya isaanii
xinnoo taate sun jechoota dallansuu afaan isaanii
keessaa bahuun
oowwitee takkattumaan dirree waraanaa
fakkaatte.
Haati manaa irra deddeebitee "amma na gahee
jira. ani lamuu si wajji jiraachuu hin barbaadu na
hiiki
jedheera na hiiki. Gahe na xalaaqi siin jedheera"
jechuun dubbachuu eegalte. Abbaan manaas
dallanee jiru tole lama yoo hiikkaa barbaadde
jedhee waraqaa xinnoo kiisii (kophii) isaa
keessaa eega baasee booda irratti waa
barreessuun poostaa
keessatti haguugee "kinoo waraqaa hiikkaa kee
fudhadhu" jechuun itti kennee mana gadi lakkisee
bahe.
Jechoota u'ulfaatoo aariidhaan abbaa manaa
isheetti kan dubbataa turte haati manaa eega
abbaan manaa ishee mana gadi lakkisee gadi
bahee
booda wantoota uumamaa jiran of-duuba
deebitee yommuu xinxallitu wanti dalagde hundi
dogongora akka tahe hubatte. Bultiin ishee kan
akkasitti aarsaa hedduu kaffalteef suni akka
salphaatti yommuu
diiggamu, abbaan manaa osoo kiyya naaf tahee
jettee hawwaa turtee kan xumura irratti isheef
milkaawee kan ofii godhatte sun, osoo bultii
ijaarattee waggaa iyyuu hin guutin qaama ishee
walakkaa kan tahe abbaa manaa ishee nama
birootiif kennaa akka jirtu yommuu hubattu
dogongorri isheen dalagde garaa ishee raase.
"Kuni gonkumaa tahuu hin qabu" jettee kophaa
ishee
teessee booyuu eegalte.
Jidduu kanatti abbaan manaa deebi'ee gara
manaatti aseene. Jecha tokkollee osoo hin
dubbanne gara kutaa ciisichaatti aseenee siree
irra
taa'e. Haati manaa osoo boossu dhuftee
"jaalallee koo! Dogongora guddan dalagee jira.
Wanta
dalagettis gaabbee jira. Maaloo hiikkaan keenya
kun akka hin milkoofneef maaloo daddafiitii
sheekkota irraa fatwaa nuuf gaafadhu" jetteen.
Abbaan manaas amanuu dadhabee "Dhuguma
jedhaa jirta. Onnee kee irraa gaabbitee naaf
dubbattee?" jedheen. Eeyyan maaloo dafi yeroo
hin qisaasin isaan jette.
"Tole kaa mee xalayaa duratti siif barreessee
deeme san baniitii nuuf dubbisi" isheen jedhe.
Isheenis Poostichaa bantee dubbisuu eegalte.
Xalayaan sun akkana jedhaa ture "Ishee san tan
osoo jaaladhuun tan osoo barbaaduun, kan koo
akka taatuuf osoon hawwu, tan leeylii salaatee
Rabbii koo kadhadhee argadhe san waldhabbii
xinnoo tanaaf jedhee nama gowwaa ishee hiikuuf
deemuu miti. Jaalallee koo asi duniyaa qofa
irrattii mitii aakhirattis haadha manaa koo
jannataa akka
taatuufis ture Rabbii koo kan kadhadhe. Kanaaf
jaalallee koo wollaahi si hin hiiku!!!" Kan jedhu
dubbifte. Xalayicha irraa!
Haati manaa humna morma ishee olqabattee ija
guutuun abbaa manaa ishee ittiin ilaaltu dhabdee
gadi jettee hiqqifattee boosse. "Abshiirii jaalallee
koo tasgabbaahi! Furtuun rakkoolee jireenya
keenyaa hiikkaa osoo hin taane yeroo hundaa
jaalalaa fii jaalala qofa dha" jedheen.
Maaloo obboleessa koo! Rabbiin 'hiikkaa' harka
kee irra kan kaayeef akka mallaqa abbaa hin
qabnetti
iddoo argite hundatti haa sheraftuuf osoo hin
taane wantoota uumaman onnee tasgabbii
qabduun
madaalteetiin akka qabduuf jedheetiin waan
taheef waan hundaafu 'hiikkaa" akka filannoo
jalqabaa gootee hin fudhatin.
Jaalallee tee tan har'a uttaaltee 'si hiikee jira'
jettuun sana kaleessa ishee argachuuf daandiilee
bira dabrite hunda yaadadhu!
Obboleettii too atis akkasuma!
Yaa Rabbi bultii keenya nuuf tiksi. Bultii akka
haadha keenya hawwaa fii abbaa keenya Aadamii
(a.s) nuuf taasisi!
👉@Almiftah_tube1
KAAFAMIINSA DU’AAN BOODAATTI AMANUU
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Du’aan booda kaafamiinsi jiraachuutti amanuu
ilaalchisee Rabbiin (s.w) Qur’aana kabajamaa
keessatti ifaan ifatti akkana jedheera:
ﻭَﻧُﻔِﺦَ ﻓِﻰ ﭐﻟﺼُّﻮﺭِ ﻓَﺼَﻌِﻖَ ﻣَﻦ ﻓِﻰ ﭐﻟﺴَّﻤَٰﻮَٰﺕِ ﻭَﻣَﻦ ﻓِﻰ ﭐﻟْﺄَﺭْﺽِ ﺇِﻟَّﺎ ﻣَﻦ ﺷَﺂﺀَ
ﭐﻟﻠَّﻪُ ۖ ﺛُﻢَّ ﻧُﻔِﺦَ ﻓِﻴﻪِ ﺃُﺧْﺮَﻯٰ ﻓَﺈِﺫَﺍ ﻫُﻢْ ﻗِﻴَﺎﻡٌۭ ﻳَﻨﻈُﺮُﻭﻥَ
Garrii (Xurumbaa) keessatti ni afuufama.Warri
samii keessaatiifi warri dachii keessaa hunduu,
nama Allaahaan fedhe malee, ni dhumu. Ergasii
yeroo biraas isa keessatti afuufama.Yeroo san
isaan dhaabbatanii ilaaloo ta’u.{Qur'aana 39:68}
ﺯَﻋَﻢَ ﭐﻟَّﺬِﻳﻦَ ﻛَﻔَﺮُﻭٓﺍ۟ ﺃَﻥ ﻟَّﻦ ﻳُﺒْﻌَﺜُﻮﺍ۟ ۚ ﻗُﻞْ ﺑَﻠَﻰٰ ﻭَﺭَﺑِّﻰ ﻟَﺘُﺒْﻌَﺜُﻦَّ ﺛُﻢَّ ﻟَﺘُﻨَﺒَّﺆُﻥَّ ﺑِﻤَﺎ
ﻋَﻤِﻠْﺘُﻢْ ۚ ﻭَﺫَٰﻟِﻚَ ﻋَﻠَﻰ ﭐﻟﻠَّﻪِ ﻳَﺴِﻴﺮٌۭ
Isaan kafaran (erga duunee) hin kaafamnu
jechuu dubbatan"Eeyyeen! Gooftaa kiyyatti
kakadhee! Dhugumatti, isin ni kaafamtu; ergasii
wanti dalagdan hunduu isinitti himama. Sunis
Rabbirratti laafaa dha" jedhiin.(Qur'aana 64:7)
Dabalataaniis akkana jedheera:
ﺫَﻟِﻚَ ﺑِﺄَﻥَّ ﺍﻟﻠَّﻪَ ﻫُﻮَ ﺍﻟْﺤَﻖُّ ﻭَﺃَﻧَّﻪُ ﻳُﺤْﻲِ ﺍﻟْﻤَﻮْﺗَﻰ ﻭَﺃَﻧَّﻪُ ﻋَﻠَﻰ ﻛُﻞِّ ﺷَﻲْﺀٍ ﻗَﺪِﻳﺮٌ ‏(6 ‏)
ﻭَﺃَﻥَّ ﺍﻟﺴَّﺎﻋَﺔَ ﺁﺗِﻴَﺔٌ ﻟَﺎ ﺭَﻳْﺐَ ﻓِﻴﻬَﺎ ﻭَﺃَﻥَّ ﺍﻟﻠَّﻪَ ﻳَﺒْﻌَﺚُ ﻣَﻦْ ﻓِﻲ ﺍﻟْﻘُﺒُﻮﺭِ ‏(7 )
Sun waan Rabbiin, Isatu dhugaa ta’eefi, Isatu
du’aa kan kaasuu, ammas Inni waan hunda irratti
danda’aa ta’eefi. Dhugumatti, Qiyaamaan
dhuftuudha; ishee keessa mamiin hin jiru.
Ammas dhugumatti Rabbiin namoota awwaala
keessa jiran (hunda) ni kaasa. {Qur’aana 22:6-7}
ﻭَﺃَﻗْﺴَﻤُﻮﺍ۟ ﺑِﭑﻟﻠَّﻪِ ﺟَﻬْﺪَ ﺃَﻳْﻤَٰﻨِﻬِﻢْ ۙ ﻟَﺎ ﻳَﺒْﻌَﺚُ ﭐﻟﻠَّﻪُ ﻣَﻦ ﻳَﻤُﻮﺕُ ۚ ﺑَﻠَﻰٰ ﻭَﻋْﺪًﺍ ﻋَﻠَﻴْﻪِ ﺣَﻘًّۭﺎ
ﻭَﻟَٰﻜِﻦَّ ﺃَﻛْﺜَﺮَ ﭐﻟﻨَّﺎﺱِ ﻟَﺎ ﻳَﻌْﻠَﻤُﻮﻥَ
Kakaa isaanii kan daangaa gahe “Rabbiin nama
du’e hin kaasu” jechuun Rabbiin kakatan,
Lakkisaa (isin kaasaa); Waadaa isa irratti dhugaa
ta’e (Rabbiin seeneera). Garuu irra hedduun
namaa hin beekan. {16:38}
Ergamaan Rabbii (s.a.w) jalqaba nama Qabriin
irraa saaqamtuudha.
Waa’een kanaa Hadiisa keessatti dubbatameera.
Ani guyyaa qiyaamaa dura bu’aa ilmaan
Aadamiiti. Nama jalqaba qabriin irraa saaqamtu.
jJalqaba nama manguddummaan kennamtuufi.
{Sahiiha Muslim lakk, 2278}
Wantoonni kaafamiinsa ibsan Qur’aana keessa
heddutuuyyuu jiru. sana keessaa muraasa isaanii
haala armaan gadii kanaan haa ilaalluu.
Tokkoffaa; jalqabarratti ilmaan namaa maalirraa
akka uumaman beekuudha.
Sila namni akka Nuti bishaan saalaa irraa isa
uumne hin arginee? Yeroo san inni mormaa ifa
ba’aa ta’ee argama. Fakkeenya Nuuf godheeti,
uumama isaa dagatee “erga isheen bututtee
lafee eenyutu jiraachisa?” jedhe“Isa yeroo
jalqabaa ishee uumetu jiraachisa” jedhi, Inni
uumama hunda beekaadha.{Qur’aana 33:77-79}
ﺿَﺮَﺏَ ﻟَﻜُﻢ ﻣَّﺜَﻠًۭﺎ ﻣِّﻦْ ﺃَﻧﻔُﺴِﻜُﻢْ ۖ ﻫَﻞ ﻟَّﻜُﻢ ﻣِّﻦ ﻣَّﺎ ﻣَﻠَﻜَﺖْ ﺃَﻳْﻤَٰﻨُﻜُﻢ ﻣِّﻦ ﺷُﺮَﻛَﺂﺀَ ﻓِﻰ
ﻣَﺎ ﺭَﺯَﻗْﻨَٰﻜُﻢْ ﻓَﺄَﻧﺘُﻢْ ﻓِﻴﻪِ ﺳَﻮَﺁﺀٌۭ ﺗَﺨَﺎﻓُﻮﻧَﻬُﻢْ ﻛَﺨِﻴﻔَﺘِﻜُﻢْ ﺃَﻧﻔُﺴَﻜُﻢْ ۚ ﻛَﺬَٰﻟِﻚَ ﻧُﻔَﺼِّﻞُ
ﭐﻟْـَٔﺎﻳَٰﺖِ ﻟِﻘَﻮْﻡٍۢ ﻳَﻌْﻘِﻠُﻮﻥَ
Inni (Rabbiin) Isa uumiinsa jalqabu; sana booda
kan isa deebisuudha. Inni isa irratti akkaan
laafaadha. Dachiifi samii keessa sifaata ol
aanaatu Isaaf jira, Inni injifataa ogeessa.
{Qur’aana 30:27}
ﻳَﺎﺃَﻳُّﻬَﺎ ﺍﻟﻨَّﺎﺱُ ﺇِﻥْ ﻛُﻨْﺘُﻢْ ﻓِﻲ ﺭَﻳْﺐٍ ﻣِﻦَ ﺍﻟْﺒَﻌْﺚِ ﻓَﺈِﻧَّﺎ ﺧَﻠَﻘْﻨَﺎﻛُﻢْ ﻣِﻦْ ﺗُﺮَﺍﺏٍ ﺛُﻢَّ ﻣِﻦْ
ﻧُﻄْﻔَﺔٍ ﺛُﻢَّ ﻣِﻦْ ﻋَﻠَﻘَﺔٍ ﺛُﻢَّ ﻣِﻦْ ﻣُﻀْﻐَﺔٍ ﻣُﺨَﻠَّﻘَﺔٍ ﻭَﻏَﻴْﺮِ ﻣُﺨَﻠَّﻘَﺔٍ ﻟِﻨُﺒَﻴِّﻦَ ﻟَﻜُﻢْ ﻭَﻧُﻘِﺮُّ ﻓِﻲ
ﺍﻟْﺄَﺭْﺣَﺎﻡِ ﻣَﺎ ﻧَﺸَﺎﺀُ ﺇِﻟَﻰ ﺃَﺟَﻞٍ ﻣُﺴَﻤًّﻰ ﺛُﻢَّ ﻧُﺨْﺮِﺟُﻜُﻢْ ﻃِﻔْﻠًﺎ ﺛُﻢَّ ﻟِﺘَﺒْﻠُﻐُﻮﺍ ﺃَﺷُﺪَّﻛُﻢْ
ﻭَﻣِﻨْﻜُﻢْ ﻣَﻦْ ﻳُﺘَﻮَﻓَّﻰ ﻭَﻣِﻨْﻜُﻢْ ﻣَﻦْ ﻳُﺮَﺩُّ ﺇِﻟَﻰ ﺃَﺭْﺫَﻝِ ﺍﻟْﻌُﻤُﺮِ ﻟِﻜَﻴْﻠَﺎ ﻳَﻌْﻠَﻢَ ﻣِﻦْ ﺑَﻌْﺪِ ﻋِﻠْﻢٍ
ﺷَﻴْﺌًﺎ ﻭَﺗَﺮَﻯ ﺍﻟْﺄَﺭْﺽَ ﻫَﺎﻣِﺪَﺓً ﻓَﺈِﺫَﺍ ﺃَﻧْﺰَﻟْﻨَﺎ ﻋَﻠَﻴْﻬَﺎ ﺍﻟْﻤَﺎﺀَ ﺍﻫْﺘَﺰَّﺕْ ﻭَﺭَﺑَﺖْ ﻭَﺃَﻧْﺒَﺘَﺖْ ﻣِﻦْ
ﻛُﻞِّ ﺯَﻭْﺝٍ ﺑَﻬِﻴﺞٍ ‏(5 )
Yaa namootaa! Yoo kaafamuu irraa shakkii
keessa jiraattan, dhugumatti Nuti biyyee irraa isin
uumnee; ergasii copha bishaan saalaa irraa,
dhiiga ititaa irraa, ergasii foon alalfatamu kan
uumaa guuttateefi hin guuttatin irraa isin uumne;
(humnaafi dandeettii keenya) isiniif ibsuuf (kana
goone). Nuti waan (abbaa) feene hanga yeroo
murtaa’eetti gadaamessa keessa teessifnee,
ergasii daa’imman goonee isin baafna. Ergasii
akka umrii jabinaa keessan irra geessaniif (isin
jiraachifna). Isin irraas nama (umrii
ijoollummaatiin) du’utu jira. Erga duraan waa
beekee akka homaa hin beekneef, isin irraayis
nama gara umrii gadi aanaa deebi'utu jira.
Dachiis gogduu taatee agarta; yeroo Nuti
bishaan (bokkaa) ishee irratti buufne ni sochooti;
ni iitoftis, akaakuu marga bareedaa irraas ni
magarsiti (Ashaakiltii) bifa hundaa irraas ni
biqilchiti.{Qur’aana 22:5}
ﻳَﻮْﻡَ ﻧَﻄْﻮِﻯ ﭐﻟﺴَّﻤَﺂﺀَ ﻛَﻄَﻰِّ ﭐﻟﺴِّﺠِﻞِّ ﻟِﻠْﻜُﺘُﺐِ ۚ ﻛَﻤَﺎ ﺑَﺪَﺃْﻧَﺂ ﺃَﻭَّﻝَ ﺧَﻠْﻖٍۢ ﻧُّﻌِﻴﺪُﻩُۥ ۚ ﻭَﻋْﺪًﺍ
ﻋَﻠَﻴْﻨَﺂ ۚ ﺇِﻧَّﺎ ﻛُﻨَّﺎ ﻓَٰﻌِﻠِﻴﻦَ
Guyyaa samii akka barreessan xalayaa (galmee)
marutti marru san [yaadadhu]. Akkuma uumaa
duraa jalqabnetti isa deebifna. Kun waadaa Nu
irra jiruudha. Dhugumatti, Nuti raawwattoota
taanee jirra.{Qur’aana 21:104}
ﺃَﻓَﻌَﻴِﻴﻨَﺎ ﺑِﭑﻟْﺨَﻠْﻖِ ﭐﻟْﺄَﻭَّﻝِ ۚ ﺑَﻞْ ﻫُﻢْ ﻓِﻰ ﻟَﺒْﺲٍۢ ﻣِّﻦْ ﺧَﻠْﻖٍۢ ﺟَﺪِﻳﺪٍۢ
Sila Nuti uumaa duraatiin ni dadhabnee? Lakkii!
Isaan uumaa haarawa irraa shakkii wal makate
keessa jiru.{Qur’aana 50:15}
ﺃَﻟَﻢْ ﻳَﻚُ ﻧُﻄْﻔَﺔً ﻣِﻦْ ﻣَﻨِﻲٍّ ﻳُﻤْﻨَﻰ ‏(37 ‏) ﺛُﻢَّ ﻛَﺎﻥَ ﻋَﻠَﻘَﺔً ﻓَﺨَﻠَﻖَ ﻓَﺴَﻮَّﻯ ‏( 38 ‏)
ﻓَﺠَﻌَﻞَ ﻣِﻨْﻪُ ﺍﻟﺰَّﻭْﺟَﻴْﻦِ ﺍﻟﺬَّﻛَﺮَ ﻭَﺍﻟْﺄُﻧْﺜَﻰ ‏(39 ‏) ﺃَﻟَﻴْﺲَ ﺫَﻟِﻚَ ﺑِﻘَﺎﺩِﺭٍ ﻋَﻠَﻰ ﺃَﻥْ ﻳُﺤْﻴِﻲَ
ﺍﻟْﻤَﻮْﺗَﻰ ‏( 40 )
Sila namni akkanumaan dhiifamuu yaadaa?Sila
inni bishaan saalaa kan dhangalaafamu irraa
ta'ee hin turree?Ergasii dhiiga ititaa ta'eeti
(nama godhee) uumee guute. Isa irraas cimdii
lama, dhiiraafi dhalaa, taasise. Sila (Rabbiin
akkas godhe) sun du'aa jiraachisuu irratti
danda'aa mitii? {Qur’aana 75:36-40}
Lammaffaa; Dacheen erga duutee booda akka
Rabbiin ishee jiraachisu hubachuu.
ِ
ﻭَﻣِﻦۡ ﺍٰﻳٰﺘِﻪٖۤ ﺍَﻧَّﻚَ ﺗَﺮَﻯ ﺍﻟۡﺎَﺭۡﺽَ ﺧَﺎﺷِﻌَﺔً ﻓَﺎِﺫَﺍۤ ﺍَﻧۡﺰَﻟۡﻨَﺎ ﻋَﻠَﻴۡﻬَﺎ ﺍﻟۡﻤَﺎٓﺀَ ﺍﻫۡﺘَﺰَّﺕۡ ﻭَﺭَﺑَﺖۡؕ ﺍِﻥَّ
ﺍﻟَّﺬِﻯۡۤ ﺍَﺣۡﻴَﺎﻫَﺎ ﻟَﻤُﺤۡﻰِ ﺍﻟۡﻤَﻮۡﺗٰﻰ ؕ ﺍِﻧَّﻪٗ ﻋَﻠٰﻰ ﻛُﻞِّ ﺷَﻰۡﺀٍ ﻗَﺪِﻳۡﺮٌ
Ati dachii gogduu taate arguun mallattoolee Isaa
irraayi. Ergasii yeroo Nuti ishee irratti bishaan
(rooba) buufne ni sochooti, ni tullooftis.
Dhugumatti, Inni ishee jiraachise, warra du’e
jiraachisaadha,Inni waan hunda irratti
danda’aadha.{Qur’aana 41:39}
ﻳُﺨْﺮِﺝُ ﭐﻟْﺤَﻰَّ ﻣِﻦَ ﭐﻟْﻤَﻴِّﺖِ ﻭَﻳُﺨْﺮِﺝُ ﭐﻟْﻤَﻴِّﺖَ ﻣِﻦَ ﭐﻟْﺤَﻰِّ ﻭَﻳُﺤْﻰِ ﭐﻟْﺄَﺭْﺽَ ﺑَﻌْﺪَ ﻣَﻮْﺗِﻬَﺎ ۚ
ﻭَﻛَﺬَٰﻟِﻚَ ﺗُﺨْﺮَﺟُﻮﻥَ
(Inni) jiraa du’aa irraa baasa; du’aas jiraa irraa
baasa.Dachiis erga isheen duutee booda
jiraachisa. Akkuma kanatti kaafamtu.{Qur’aana
30:19}
ﻭَﭐﻟَّﺬِﻯ ﻧَﺰَّﻝَ ﻣِﻦَ ﭐﻟﺴَّﻤَﺂﺀِ ﻣَﺂﺀًۢ ﺑِﻘَﺪَﺭٍۢ ﻓَﺄَﻧﺸَﺮْﻧَﺎ ﺑِﻪِۦ ﺑَﻠْﺪَﺓًۭ ﻣَّﻴْﺘًۭﺎ ۚ ﻛَﺬَٰﻟِﻚَ ﺗُﺨْﺮَﺟُﻮﻥَ
Ammas (Rabbiin) Isa samii irraa bishaan
madaalaan buusee, ergasii ittiin dachii duutuu
jiraachifne. Akkuma kana baafamtu.{Qur’aana
43:11}
ﻭَﺍﻟﻨَّﺨْﻞَ ﺑَﺎﺳِﻘَﺎﺕٍ ﻟَﻬَﺎ ﻃَﻠْﻊٌ ﻧَﻀِﻴﺪٌ ‏(10 ‏) ﺭِﺯْﻗًﺎ ﻟِﻠْﻌِﺒَﺎﺩِ ﻭَﺃَﺣْﻴَﻴْﻨَﺎ ﺑِﻪِ ﺑَﻠْﺪَﺓً ﻣَﻴْﺘًﺎ
ﻛَﺬَﻟِﻚَ ﺍﻟْﺨُﺮُﻭﺝُ ‏( 11 )
Samii irraas bishaan barakaa qabu buufnee
ergasii isaan ashaakiltiiwwaniifi firiiwwan
haamamanis biqilchine. Hundee muka timiraa
dhedheeroo, kan daraaraa kuufamaa qabuus (ni
magarsine). Gabroota nyaachisuuf jecha
(buufne). Isaan (bishaan saniin) dachii duutuu
jiraachifne. Baafamuunis akkasuma.{Qur’aana
50:9-11}
ﻭَﻫُﻮَ ﭐﻟَّﺬِﻯ ﻳُﺮْﺳِﻞُ ﭐﻟﺮِّﻳَٰﺢَ ﺑُﺸْﺮًۢﺍ ﺑَﻴْﻦَ ﻳَﺪَﻯْ ﺭَﺣْﻤَﺘِﻪِۦ ۖ ﺣَﺘَّﻰٰٓ ﺇِﺫَﺁ ﺃَﻗَﻠَّﺖْ ﺳَﺤَﺎﺑًۭﺎ
ﺛِﻘَﺎﻟًۭﺎ ﺳُﻘْﻨَٰﻪُ ﻟِﺒَﻠَﺪٍۢ ﻣَّﻴِّﺖٍۢ ﻓَﺄَﻧﺰَﻟْﻨَﺎ ﺑِﻪِ ﭐﻟْﻤَﺂﺀَ ﻓَﺄَﺧْﺮَﺟْﻨَﺎ ﺑِﻪِۦ ﻣِﻦ ﻛُﻞِّ ﭐﻟﺜَّﻤَﺮَٰﺕِ ۚ ﻛَﺬَٰﻟِﻚَ
ﻧُﺨْﺮِﺝُ ﭐﻟْﻤَﻮْﺗَﻰٰ ﻟَﻌَﻠَّﻜُﻢْ ﺗَﺬَﻛَّﺮُﻭﻥَ
Inni Isa bubbeewwan gammachiisaa taasisee
rahmata Isaa dura erguudha.Yeroo isheen
duumessa ulfaataa baadhatte gara biyya
duuteetti oofna; bishaan isatti buusuun
fuduraalee hunda baafne. Akka isin gorfamtaniif
jecha akka kanatti du’aa (awwaala irraa) kaafna.
{Qur’aana 7:57}
ﻭَﭐﻟﻠَّﻪُ ﭐﻟَّﺬِﻯٓ ﺃَﺭْﺳَﻞَ ﭐﻟﺮِّﻳَٰﺢَ ﻓَﺘُﺜِﻴﺮُ ﺳَﺤَﺎﺑًۭﺎ ﻓَﺴُﻘْﻨَٰﻪُ ﺇِﻟَﻰٰ ﺑَﻠَﺪٍۢ ﻣَّﻴِّﺖٍۢ ﻓَﺄَﺣْﻴَﻴْﻨَﺎ ﺑِﻪِ
ﭐﻟْﺄَﺭْﺽَ ﺑَﻌْﺪَ ﻣَﻮْﺗِﻬَﺎ ۚ ﻛَﺬَٰﻟِﻚَ ﭐﻟﻨُّﺸُﻮﺭُ
Allaahnis Isa qilleensa ergee, isheenis duumessa
ol kaaftee gara lafa duuteetti isa oofnee dachii
erga isheen duutee booda ittiin jiraachifne.Kaa
famni Qiyaamaas akkuma kana. {Qur’aana 35:9}
Sadaffaa; uumamni samiiwwanii fi dachii uuma
ilmaan namaa irra guddaa akka ta'e hubachuu.
ﻟَﺨَﻠْﻖُ ﭐﻟﺴَّﻤَٰﻮَٰﺕِ ﻭَﭐﻟْﺄَﺭْﺽِ ﺃَﻛْﺒَﺮُ ﻣِﻦْ ﺧَﻠْﻖِ ﭐﻟﻨَّﺎﺱِ ﻭَﻟَٰﻜِﻦَّ ﺃَﻛْﺜَﺮَ ﭐﻟﻨَّﺎﺱِ ﻟَﺎ ﻳَﻌْﻠَﻤُﻮﻥَ
Samiifi dachii uumuutu namaa uumuu irra
guddaadha. Garuu irra hedduun namootaa hin
beekan. {Qur’aana 40:57}
ﺃَﻭَﻟَﻢْ ﻳَﺮَﻭْﺍ۟ ﺃَﻥَّ ﭐﻟﻠَّﻪَ ﭐﻟَّﺬِﻯ ﺧَﻠَﻖَ ﭐﻟﺴَّﻤَٰﻮَٰﺕِ ﻭَﭐﻟْﺄَﺭْﺽَ ﻭَﻟَﻢْ ﻳَﻌْﻰَ ﺑِﺨَﻠْﻘِﻬِﻦَّ ﺑِﻘَٰﺪِﺭٍ
ﻋَﻠَﻰٰٓ ﺃَﻥ ﻳُﺤْـِۧﻰَ ﭐﻟْﻤَﻮْﺗَﻰٰ ۚ ﺑَﻠَﻰٰٓ ﺇِﻧَّﻪُۥ ﻋَﻠَﻰٰ ﻛُﻞِّ ﺷَﻰْﺀٍۢ ﻗَﺪِﻳﺮٌۭ
Sila Rabbiin, Isa samiifi dachii uumee, isaan
uumuu keessatti dadhabbiin itti hin dhaga’amin,
du’aa kaasuu irratti danda’aa akka ta’e hin
arginee? Eeyyeen; Inni waan hunda irratti
danda’aadha.{Qur’aana 46:33}
ﺃَﻭَﻟَﻴْﺲَ ﭐﻟَّﺬِﻯ ﺧَﻠَﻖَ ﭐﻟﺴَّﻤَٰﻮَٰﺕِ ﻭَﭐﻟْﺄَﺭْﺽَ ﺑِﻘَٰﺪِﺭٍ ﻋَﻠَﻰٰٓ ﺃَﻥ ﻳَﺨْﻠُﻖَ ﻣِﺜْﻠَﻬُﻢ ۚ ﺑَﻠَﻰٰ ﻭَﻫُﻮَ
ﭐﻟْﺨَﻠَّٰﻖُ ﭐﻟْﻌَﻠِﻴﻢُ
Sila Inni samiifi dachii uume fakkaataa isaanii
uumuu irratti danda’aa mitii? Eeyyeen (danda’aa
dha!)Inni akkaan uumaa, beekaadha.{Qur’aana
36:81}
Sila akka Rabbiin samiifi dachii uume fakkaataa
isaanii uumuu irratti danda’aa ta’eefi beellama
isa keessa shakkiin hin jirre isaaniif taasise ta’uu
hin ilaallee? Miidhaa dalagdoonni (Rabbitti)
kafaruu malee ni didan. {Qur’aana 17:99}
ﺭَﻓَﻊَ ﺳَﻤْﻜَﻬَﺎ ﻓَﺴَﻮَّﻯٰﻬَﺎ
Ijaarsa ishee ol fuudhee, ishee wal qixxeesse.
{Qur’aana 79:28}
Guyyaa qiyaamaa ilmaan namaa uumaa isaanii
kan jalqaba irratti uumaman sanaan wajjiin
kaafamu. Garuu ummanni Rabbitti kafaran
hedduun isaanii erga duunee, qaamni keenya
bututee biyyee ta’ee booda akkamitti
jiraachifamnee, qabrii keessaa baafamna jedhanii
morman. Haa ta’u malee Qur’aanni mormii isaanii
kanaaf deebii quubsaa yeroo kennu akkana
jedhe;
ﺑَﻞْ ﻋَﺠِﺒُﻮﺍ ﺃَﻥْ ﺟَﺎﺀَﻫُﻢْ ﻣُﻨْﺬِﺭٌ ﻣِﻨْﻬُﻢْ ﻓَﻘَﺎﻝَ ﺍﻟْﻜَﺎﻓِﺮُﻭﻥَ ﻫَﺬَﺍ ﺷَﻲْﺀٌ ﻋَﺠِﻴﺐٌ ‏(2 ‏)
ﺃَﺇِﺫَﺍ ﻣِﺘْﻨَﺎ ﻭَﻛُﻨَّﺎ ﺗُﺮَﺍﺑًﺎ ﺫَﻟِﻚَ ﺭَﺟْﻊٌ ﺑَﻌِﻴﺪٌ ‏(3 ‏) ﻗَﺪْ ﻋَﻠِﻤْﻨَﺎ ﻣَﺎ ﺗَﻨْﻘُﺺُ ﺍﻟْﺄَﺭْﺽُ ﻣِﻨْﻬُﻢْ
ﻭَﻋِﻨْﺪَﻧَﺎ ﻛِﺘَﺎﺏٌ ﺣَﻔِﻴﻆٌ ‏(4 )
Dhugumaatti, sodaachisaan isaan irraa ta’e
isaanitti dhufuu dinqisiifatan. Kaafiroonni“ kun
waan dinqisiisaadha”jedhan.“ Sila yeroo duunee
biyyee taane (ni kaafamnaa)? Sun deebii
fagoodha.”(jedhu) .Dhugumatti, waan dachiin
isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. Galmee tiksaatu
nu bira jira. {Qur’aana 50:2-4}
Rabbiin beekaa waan hundaati. wanti tokkoo isa
jalaa hin dhukatu,Dachee keessatti atamii fi waan
atamirra xiqqoo ta’ee ni beeka. wanti tokkoo kan
isatti ulfaatu hin jiru. akkuma jireenya wayta
adunyarraa sanatti qaama isaa wajjiin isa kaasa.
ﻭَﺇِﺫْ ﻗَﺎﻝَ ﺇِﺑْﺮَٰﻫِـۧﻢُ ﺭَﺏِّ ﺃَﺭِﻧِﻰ ﻛَﻴْﻒَ ﺗُﺤْﻰِ ﭐﻟْﻤَﻮْﺗَﻰٰ ۖ ﻗَﺎﻝَ ﺃَﻭَﻟَﻢْ ﺗُﺆْﻣِﻦ ۖ ﻗَﺎﻝَ ﺑَﻠَﻰٰ
ﻭَﻟَٰﻜِﻦ ﻟِّﻴَﻄْﻤَﺌِﻦَّ ﻗَﻠْﺒِﻰ ۖ ﻗَﺎﻝَ ﻓَﺨُﺬْ ﺃَﺭْﺑَﻌَﺔًۭ ﻣِّﻦَ ﭐﻟﻄَّﻴْﺮِ ﻓَﺼُﺮْﻫُﻦَّ ﺇِﻟَﻴْﻚَ ﺛُﻢَّ ﭐﺟْﻌَﻞْ
ﻋَﻠَﻰٰ ﻛُﻞِّ ﺟَﺒَﻞٍۢ ﻣِّﻨْﻬُﻦَّ ﺟُﺰْﺀًۭﺍ ﺛُﻢَّ ﭐﺩْﻋُﻬُﻦَّ ﻳَﺄْﺗِﻴﻨَﻚَ ﺳَﻌْﻴًۭﺎ ۚ ﻭَﭐﻋْﻠَﻢْ ﺃَﻥَّ ﭐﻟﻠَّﻪَ ﻋَﺰِﻳﺰٌ
ﺣَﻜِﻴﻢٌۭ
Yeroo Ibraahiim "Gooftaa kiyya! Akkamitti du’aa
akka kaaftu natti agarsiisi" jedhes [yaadadhaa]
(Rabbiiniis) "Sila hin amannee?" jedhe
(Ibraahiimis): "Lakkii (amaneera), Garuu akka
onneen kiyya tasgabbaa’uufi" jedhe"Simbira irraa
afur gara keetti fuudhii isaan kukkutii, Sana
booda isaan irraa qooda wahii gaara hunda irra
kaayi. Ergasii isaan waami; fiigaa sitti dhufu.”
Rabbiin injifataa, ogeessa ta’uus beeki.{Qur’aana
2:260}
Nabi Ibraahiim {Nageenyi Rabbii isaan irra haa
jiraatu} Allaattiwwan Afurii foon isaanii ciree
walitti make. Erga sanii foon isaanii gaarren
irratti qoqqodee kaaye. sana booda ammo isaan
waamee jennaan allaatti taatee walitti qabamte
ariitiidhaan gara isaanii dhufte.{Ibnu kasiir}
ﻭَﻳَﻮْﻡَ ﻳُﺤْﺸَﺮُ ﺃَﻋْﺪَﺍﺀُ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﺇِﻟَﻰ ﺍﻟﻨَّﺎﺭِ ﻓَﻬُﻢْ ﻳُﻮﺯَﻋُﻮﻥَ ‏(19 ‏) ﺣَﺘَّﻰ ﺇِﺫَﺍ ﻣَﺎ ﺟَﺎﺀُﻭﻫَﺎ
ﺷَﻬِﺪَ ﻋَﻠَﻴْﻬِﻢْ ﺳَﻤْﻌُﻬُﻢْ ﻭَﺃَﺑْﺼَﺎﺭُﻫُﻢْ ﻭَﺟُﻠُﻮﺩُﻫُﻢْ ﺑِﻤَﺎ ﻛَﺎﻧُﻮﺍ ﻳَﻌْﻤَﻠُﻮﻥَ ‏(20 ‏) ﻭَﻗَﺎﻟُﻮﺍ
ﻟِﺠُﻠُﻮﺩِﻫِﻢْ ﻟِﻢَ ﺷَﻬِﺪْﺗُﻢْ ﻋَﻠَﻴْﻨَﺎ ﻗَﺎﻟُﻮﺍ ﺃَﻧْﻄَﻘَﻨَﺎ ﺍﻟﻠَّﻪُ ﺍﻟَّﺬِﻱ ﺃَﻧْﻄَﻖَ ﻛُﻞَّ ﺷَﻲْﺀٍ ﻭَﻫُﻮَ
ﺧَﻠَﻘَﻜُﻢْ ﺃَﻭَّﻝَ ﻣَﺮَّﺓٍ ﻭَﺇِﻟَﻴْﻪِ ﺗُﺮْﺟَﻌُﻮﻥَ ‏(21 ‏) ﻭَﻣَﺎ ﻛُﻨْﺘُﻢْ ﺗَﺴْﺘَﺘِﺮُﻭﻥَ ﺃَﻥْ ﻳَﺸْﻬَﺪَ ﻋَﻠَﻴْﻜُﻢْ
ﺳَﻤْﻌُﻜُﻢْ ﻭَﻟَﺎ ﺃَﺑْﺼَﺎﺭُﻛُﻢْ ﻭَﻟَﺎ ﺟُﻠُﻮﺩُﻛُﻢْ ﻭَﻟَﻜِﻦْ ﻇَﻨَﻨْﺘُﻢْ ﺃَﻥَّ ﺍﻟﻠَّﻪَ ﻟَﺎ ﻳَﻌْﻠَﻢُ ﻛَﺜِﻴﺮًﺍ ﻣِﻤَّﺎ
ﺗَﻌْﻤَﻠُﻮﻥَ ‏(22 ‏) ﻭَﺫَﻟِﻜُﻢْ ﻇَﻨُّﻜُﻢُ ﺍﻟَّﺬِﻱ ﻇَﻨَﻨْﺘُﻢْ ﺑِﺮَﺑِّﻜُﻢْ ﺃَﺭْﺩَﺍﻛُﻢْ ﻓَﺄَﺻْﺒَﺤْﺘُﻢْ ﻣِﻦَ
ﺍﻟْﺨَﺎﺳِﺮِﻳﻦَ ‏( 23
Guyyaa diinotiin Rabbii gara ibiddaatti walitti
qabamanii ittifaman san [yaadadhu].Yeroo ishee
bira dhufan, dhageettiin isaanii, agartuun
isaanitiifi gogaan isaanii waan isaan dalagaa
turan ragaa isaan irratti ba’u. Gogaa isaanitiin
“Maalif ragaa nurratti baatu?” jedhan [Isaan] ni
jedhu: “Rabbii Isa waan hunda dubbachiise, kan
yeroo jalqabaa isin uume, kan gara Isaatti
deebifamtantu nu dubbachiise.”Isinis dhageettiin
keessan, agartuun keessaniifi gogaan keessan
ragaa isin irratti ba’uu kan of dhoksitan hin
taane.Haa ta’u malee, Rabbiin hedduu waan isin
dalagdanii beekuu dhabuu yaaddan. Sun yaada
keessan, kan isin Gooftaa keessanitti
yaaddaniidha.Isin balleessee, warra hoonga’an
irraa taatan.{Qur’aana 41:19-23}
ﭐﻟْﻴَﻮْﻡَ ﻧَﺨْﺘِﻢُ ﻋَﻠَﻰٰٓ ﺃَﻓْﻮَٰﻫِﻬِﻢْ ﻭَﺗُﻜَﻠِّﻤُﻨَﺂ ﺃَﻳْﺪِﻳﻬِﻢْ ﻭَﺗَﺸْﻬَﺪُ ﺃَﺭْﺟُﻠُﻬُﻢ ﺑِﻤَﺎ ﻛَﺎﻧُﻮﺍ۟
ﻳَﻜْﺴِﺒُﻮﻥَ
Har’a afaan isaanii ni cufna; harki isaanii Nutti
dubbatti; miilli isaaniis waan isaan hojjataa turan
ragaa baati.{Qur’aana 36:65}
ﻳَﻮْﻡَ ﺗَﺸْﻬَﺪُ ﻋَﻠَﻴْﻬِﻢْ ﺃَﻟْﺴِﻨَﺘُﻬُﻢْ ﻭَﺃَﻳْﺪِﻳﻬِﻢْ ﻭَﺃَﺭْﺟُﻠُﻬُﻢ ﺑِﻤَﺎ ﻛَﺎﻧُﻮﺍ۟ ﻳَﻌْﻤَﻠُﻮﻥَ
Guyyaa Arrabni isaanii, harki isaaniitiifi miilli
isaanii waan isaan dalagaa turan ragaa isaan
irratti ba’an (adabamu).{Qur’aana 24:24}
Qopheessaan: xaahir Galatoo
ERGA AWWAALAME BOODA QABRIIN ISA
TUFTE !!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Barreeffama kana azaaba qabrii irraa maganfataa
dubbisi
Akka Bukaariifii Muslim galmeessanitti, Anas
Binu Maalik (R,A,) Akkana je'a: Gadaa Nabi
muhammad (S,A,W,) Keessa namtichi kan gosa
(Banii Najjaar) tokko Kan kiristaana ture dhufee
miseensa amantii islaamaa gale, Namtichi kuni
Qur'aana baratee Suuraa (Baqaraatiifii Aala
Imraan) Qayyabatee ture, Akkasuma namtichi
kuni barruu waan tolchee barreessuuf Nabi
muhammadiif (Salawaatullaahi Aleyhi) waa
barreessaa ture.
Namtichi kuni osoo akkasitti jiru of duuba
deebi'ee Kiristaana ta'ee ka'ee Warra
kiristaanaatti deebi'e,
Erga jara biratti deebi'ee jaraan akkana je'a:
Muhammad -S,A,W,- Waan ani barreessuuf malee
homa takka hin beeku, je'ee jaratti hima.
Rasuulli (S,A,W,) Wayta kana dhagahan: Yaa
Rabbi ! nama kana irratti aayata kankee nu
garsiisi, je'anii du'aa'ii itti kadhatan, Hin turree
namtichi kuni ni du'e - du'a saree- erga inni du'ee
baatanii gara qabrii fidanii awwaalanii galan,
Hogga itti deebi'anii dhufanii laalan namticha
qabriin haqqifte.
ALLAAHUMMA NAJJINAA
Wayta kana argan: Kana kan godhe
muhammadiifii
sahaabotaa isaati, inni amantii isaanii irraa
deebi'ee jennaan qabrii cabsanii namtichaa
baasanii gatan, je'anii tan duraa irra akkaan gadi
qotanii gadi qileessanii garaa qabrii kaa'anii
galan, Wayta guyyaa lammataa dhufanii laalan
ammas namticha qabriin tuftee jirti.
ALLAAHUMMA QINAA MIN FITNATIL QABRI
Ammas: Muhammadiifii sahaabotatu akkana
hojjatutti jira je'anii tan kaleessaa irra gadi
fageessanii qotanii awwaalanii har'as galan,
Jara keenya ! wayta jarri guyyaa saffaallee itti
deebi'anii laalan namticha dachiin qilee sanii
fuutee
of keessaa darbite.
ALLAAHUMMAA NAJJINAA MIN AZAABIL QABRI
Amma wayta argan: kana Rabbiituu jibbee je'anii
dhakaa gurguddaa lamaan jiddutti
darbanii dhakaaf biyyee irratti guuranii biraa
kutani,
Ee. . . . Mee koottaa walii galaan: Nama diinii
Nabi
muhammaditti (S,A,W,) Morma baase, Nama
diinii
irraa dadhaban mara Rabbiin jazaa
kanaan irraa nuu haa kaffalu, haa jennuu !
Namni bobaha diinii nabii (S,A,W,) Garaa qabdan
Aamiin jettan malee hin dabrinaa, , , Namni
akkana jiru namni akkana yaadu mee keessatti of
haa laaluu.
Share Godhii Obboleeyyan Kee Hundaaf Qoodi
By: Qilleensi Nasrii Bubbise
👉@ALMIFTAH_TUBE
JAALALA HAATI ILMOO ISIITIIF QABDU
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Haati daa’ima ishee kan booyu ofitti hammattee
teesse harma hoosifti. Hamma dandeettuun
“ushururuu” jettee eega raffiftee booda hujii
mana keessaa dalaguuf barbaaddi. Daa’imni
ishee kun Yeroo dheeraaf booyaatiin ishee
rakkisaa turus dhuma irratti garuu rafuun isaa hin
oolle. Madabii irra raffifteetiin hujii ishee kan
mana keessa hujuu eegalte. Ibidda eega
qabsiifattee booda soorata tolchuuf golaa fii
golloo seenuu jalqabde. Jiddumatti meeshaan
nyaata ittin bilcheessitu keessa isa tokko
dhabde. Ergifachuun dirqama ishetti tahee olla
irraa ergifachuuf altokko manaa isheetii gadi
baate. Mana ollaa tokko yommuu dhaqtu
meeshaa barbaaddu argachuu hin dandeenye.
Kan itti aanutti dabarte. Ammas argachuu hin
dandeenye. Kaanitti dabarte. Ammas ni dhabde.
Xumura irratti garuu mana ollaa tokkichaa
meeshaa barbaaddu argattee fuula ishee gara
mana isheetti deebifte.
Deebitee dhihoo mana ishee yommuu geettu
garuu wanta gonkumaa hin eegne ijji ishee arge.
Mana ishee belbelli ibiddaa itti qabatee gara
samitti ol-bobo’aa jira. Amanuu hin dandeenye.
Namootni naannoo ishetti argaman “uu’uu u’uuu”
jedhaa ibidda dhaamsuuf garana garas fiigu.
Tokko bishaan waraabee mana jissa. Kuun
immoo biyyee lafaa hammaree gara ibiddatti
darba. Haati manaa tun rifaatuun jidduu
namootaatiin baatee gara ibiddatti dhihaataa
dhufte. Duuba isheetii iyyiinsi “deebi’i deebi’i uu’
uu’uu” jedhu itti heddummaate. Haatahuu garuu
ibidda namootni sodaatanii fagotti irraa
dheessanii jiran kana keessa daa’ima ishee kan
homa takka iyyuu hin beeknetu keessa rafee
jiraaf ibiddi kun ishee hin sodaachifne, waamichii
fii iyyiinsi namootaa ofduuba ishee hin deebifne.
Fiigichaan ibiddaa keessa dabartee gara mana
keessaa aseente.
Ibiddi naannawa manichaa kallattii hundaanu
marsee jiru oo’a isaaf tahee yaada tokko ala kan
rafaa jiru bu’aa gadaamessa ishee bakkee rafee
jiru kaaftee ofitti hammatte. Jaalala daa’ima
ishee booyaatiin irra deddeebitee dhungatteen.
Booda irratti lubbuu isheetii fii daa’ima ishee
baraaruuf karaa ittiin ibidda keessa baatu
soqachuu eegalte. Ta’us ibiddi yeroo gara
manaatti ol-aseentu laafaa ture sun ammatti
belbelli hammaatee ishee jala gahee jira. Karaa
ittiin gadi baatu dhabdee rakkatte. Qaanqeen
ibiddaa bitaa fii mirga ishee irraa uttaalaa qaama
ishee fii daa’ima ishee irra bu’u lubbuu daa’ima
ishee akka ishee jalaa fudhataa jiru yommuu
yaadattu sodaa ishee keessatti uume. Tahus
wanta uumamee jiru kana homa takka kan irraa
hin beekne daa’imni ishee ija jaalalaatiin yommu
ishee ilaalu jabina isheef tahee sodaan ishee
keessaa bade. Duuti isaanii kan hin hafne tahus
lameen isaanituu baduu hin qaban. Hatattamaan
lafa mana ishee haateetiin daa’ima ishee of
jalatti hammattee gadi ciifte. Ibiddi garuu ammas
hin dhaabanne. Hanga mana guutuu gara
kasalatti jijjiiruutti boba’uu itti fufe.
Namootni ibidda dhaamsuuf asii fii achi fiigaa
turan ibiddicha dhaamsuun akka isaaniif hin
milkoofne yommuu beekan ibiddichi ufii isaatii
hanga boba’ee dhaamuuf eegan. Akkuma ibiddi
dhaameen haadhaa fii daa’ima awwaaluuf qaama
isaanii gubate fuudhuuf gara manatti dhihaatan.
Gurri isaanii booyicha daa’imaa ni dhagaha
jedhanii garuu gonkumaa hin yaadne. Haati
daa’imaa ofii isheetii gubattee duutus daa’ima
ishee garuu lubbuu akka baraarte hubatan.
SUBHAANALLAH!
================//==================
Wanti kana caalu mee maaltu jira laata? Jaalala
akka namni biroo haa jiraatuuf jedhamee lubbuu
ofii dabarsanii kennuu kan haadha ofii caalu
eessaa fii garamii argama laata? Nuti hoo jaalalli
haadha keenyaaf qabnu hagam takka nu keessa
jira? Meeqa keenyatu haawwotii keenyaan “ufff”
jennee isaan hifatnee, isaan ceeggifanna laata?
Yaa ALLAH!!!
Rabbiin keenya subhaanahuu wata’aalaa kan
jaalala akkanaa haadha keenya keessa kaahee
jiru waa’ee haadhaa fii abbaa keenya ilaalchisee
Qur’aana isaa keessatti akkana nuun jedha.
{Gooftaan kee (akkana jechuun) ajaje; Isa
(Rabbiin) malee kan biroo hin gabbarinaa.
Haadhaa fii abbaa keessanittis tola oolaa.
Yoo takkaan isaanii ykn lamaan isaaniitu isin
biratti yeroo dullumaa gahan “UUfff” isaaniin hin
jedhinaa. Isaaniinis hin lolinaa (ofirraa hin
fageessinaa.). Jecha bareedaa isaaniin
dubbadhaa! Isaan lachiifuu goglaa of-gadi
qabiinsaa kee gadi qabiifii rahmata kee garsiisiif.
“Yaa Gooftaa koo! Akkuma isaan gaafa ani xiqqaa
rahmataan na guddisanitti rahmata isaaniif
godhi.” Jedhi (kadhadhuuf).} QUR’AANA 17:
23-24
Yaa Rabbi Haawwotii fii Abbootii keenyaa
Rahmata godhiif!
Eega dubbiftee kaatee booda SHARE gochuu
akka hin daganne!
SEENAA BAREEDDUU TANA DUBBISAA SHEER GODHAA !!
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Mootii tokkotu jira "intala akkaan bareeddu ta haala gaarii
qabdu ta rabbiin sodaattu qaba.
-Callee gatiin isii guddoo takka qabditurte callee warqii kaana
gurgurtee masjida ittiin ijaarte. Gaafa tokko masjida san ilaala
jettee deemte. namoota achi keessa dalagan hundaanuu gadi
akka bahan ajajjee. sana booda mucaan tokko ol
fagaatee.Waan jiruuf ajaja san hin dhageenne. inni
achumarratti hafe. isiin waan namni hunduu bahan seetee ol
seentee hijaaba ofirraa fuutee masjida ilaaluu jalqabde.
yeroma san mucaan arge. bareeduma isii yeroo argu rifatee
sirritti jaalatee hanga dhibamu gahe. booda san manatti galee
firaasharra ciisuu jalqabe dhibeen guyyamaa guyyatti itti
hammaachuu eegale.
_________________
-Haati isaa dulloomtuu wahiiti . "maal taate ilma koo"jetteen
innis qaanfata erga itti himee booda akkas jedhe"yoo isii hin
argatin du'uu kooti"jedhe "Haati isaas rifattee waan gootu
dhabdee booda dhaquuf kaate . karaa irratti "yaa rabbi na
hinsalphisin "jedhaa dhaqxe.Sana booda akkas jeetteen afaan
sodaatiin"hajaan koo waan ajaa'ibaati. Narraa fuudhattaafi hin
dhiiftaallee hin beeku yoo hin fudhatinillee na hin
arrabsin"jetteen.
_______________
-Isiinis "homaa mitii jedhaa" jetteen.
hatis akkas jetteen "mucaa tokko qofa qaba innis masjida ati
ijaarsifte keessa dalagaa ture . guyyaa tokko achitti si argee
baay'ee si jaalate sanirraa
kan ka'e dhibamee mana ciisaa jira yoo ati itti hin heerumin
du'uu isaati. kanaaf maaloo mucaa koo naaf dhaqqabi
."jetteen. Mucattiinis Tole jetten garuu mahrii koo salaata
leeylii naaf haa godhu jetteen haatis dinqisiifatanii maal
jechuudha jedhaniin
_______________
-.isheenis Halkan afurtamaa salaata leeylii yoo salaate mahriin
koo sanuma qofajetteen haati gammadaa gara manaa deebite.
mucaa isheettis waan hundaa itti himte. innis gammadee
dhibeelleen irraa galee akkas jedhe "halkan afurtamaa hagam
taate" jedhe. Guyyaa afur walirra qabee yoo salaatu homa
mucattii tanaa yaadaa ture .sana booda guyyaa guyyaan qalbiin
isaa gama jaalala rabbiitti siiquu jalqabde.gaafa guyyaan
afurtamaa dhumatu haati isaa ka'ikaa deemnee nikaaha siif
hiinaa jetteen "mucaanis akkas jedhe ""ani qaata qalbiin koo
rabbii intala san uume jaalachuu jalqabe. onnee koo keessa
jaalala rabbii intala sanii malee jaalalli intalaa hin jiru jedhe .
_______________
EEGAA MAARREE NAMNI RABBITTI DHIHAATE IBAADAA
DALAGUUDHAAN
Namarraahis ta'e duniyaa guturraa haajaa hin qabu.
.Rabbi jaalala ofii nuuf haa kennu.
@Almiftah_tube
Daqiiqaa 1 Kessatti Wantoota Kanneen Godhuu Dandeessa
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Daqiiqaa 1 keessatti maal gochuu akka dandeenyu beektuu?
1. Daqiiqaa 1 keessatti suuraa Faatihaa yeroo 5 qara'uu ni
dandeenya. Kanaanis mindaa 7000 argachuu dandeenya
jechuu dha.
2. Daqiiqaa 1 keessatti suuraa Iklaasii (QUL HUWA ALLAH )
yeroo 15 dubbisuu ni dandeenya. Kunis Qur'aana Juuzaa 30
harka 5 akka kattamutti nuuf qabama.
3. Daqiiqaa 1 keessatti Nabiyyii jaalatamaa keenya (s.a.w)
irratti yeroo 20 salawaata buusuu ni dandeenya. Kanaanis
Rabbiin nurratti salawaata 200 buusa jechuu dha.
4. Daqiiqaa 1 keessatti yeroo 25 "Subhanallah, walhamdulillah
walaa ilaaha illallah wallahu Akbar" jechuu ni dandeenya.
Jechotni kunneen immoo jechoota Rabbiin biratti irra
jaalatamoo ta'anii dha.
5. Daqiiqaa 1 keessatti yeroo 50 "Subhaanallah wabihamdihii,
subhaanallah Al-aziim" jechuu dandeenya. Jechootni lameen
kunneen jechoota arrabarratti jechuudhaaf salphoo tahanii dha
kan garuu madaala Rabbii irratti ulfaatoo fii Rabbiin biratti
jaalatamoo tahanii dha.
6. Daqiiqaa 1 keessatti yeroo 100 "Astegfurullah" jechuu
dandeenya. Istigfaara gochuun immoo jaalalaa fii araarama
Rabbii argachuuf akkasumas Jannata aseenuuf sababa nuuf
tahuu danda'a.
7. Daqiiqaa 1 keessatti harka keenya gara gubbatti olqabnee
"Yaa Allah!" jechuudhaan waan meeqaa-meeqa Rabbii keenya
kadhachuu dandeenya yaa obboleeyyan Islaamaa.
Obboleewwan Muslimaa, haa hubannuu! Umriin keenya jechuun
bu'aa ida'ama sekondiiwwaniitii fii daqiiqaawwanii tahuu isaa
yoomuu irraanfachuu hin qabnu. Kanaaf yeroo keenya qaalii
tahe kana seeraan itti haa fayyadamnuu!
Rabbiin guyyaa tokko keessatti sekondiiwwan 86,400 nuuf
kennee jira. Mee qananii laakkawamee hin dhumne kan
Rabbiin nurratti ooleef sekondii tokko fudhannee
"ALHAMDULILLAH" jechuun Rabbii keenyaaf galata haa
galchinuu!
ALHAMDULLILLAH!!!
👉@Almiftah_tube
ADABA GUYYAA CIDHAA
••••••••••••••••••••••••••
Fuudha fii heerumni waan Rabbiin karaa godhe. Sunnaa
Anbiyootaati. Halaalaan waliti
dhufanii wajjiin jiraachuun Ilmaan namaa adunyaa tanarratti
akka heddumataanii fii akka gosaa fii abbaan namni wal
beekaajiraatu godha.
Namni tokko intala hin beeyne takkaan walitti dhufee Rabbiin
jaalala jidduutti darbee ilmaan horanii haadha abaluu fii abbaa
abaluu tahan. Hoggaa sunnaan
walitti dhufan daran barakaa argatan. Amantiin Islaamaa
amantii guutuudha. Waan irraa hin dubbatinii fii itti nama hin
qajeelchin hin qabdu. Namni tokko fuudhee Jaartii Isatti yoo
seenuu fedhe maal akka godhuu qabu ibsitee lafa keeysee jirti.
Adaba guyyaa cidhaa irraa:
1. Jaarsi hoggaa itti seene Isii dhiheeysuuf waa obaasuun
gaariidha.
Jaalallee Isaa haarawa hoggaa
dura itti ol seenee isii cinaa taa’ee waan dhugamu kan akka
aananii kennuufiin sunnadha. Rasuulli s.a.w guyyaa A’ishaatti
seene bira taa’ee Aanan irraa
dhugee itti kenne. Qaanfattee mataa gad qabattee Miizeen
Asmaa binti Yaziid turtee Rasuularraa s.a.w fuudhii dhugi
jetteen irraa fuutee dhuyde.
2. Harka adda Isii (mataa isii gama duraa) irra Rabbi
kadhachuu
Namni Aruuza Jaalallee isaatti ol seene jarjaruu hin qabu.
Adda isii gama duraa qabatee Rabbiin akka waan gaarii Isaaf
hiruu fii Jaalalleen Isaatis akka tan kheeyrii taatu kadhachuu
qaba. Du’aaii sanirraa tan Rasuulurraa s.a.w dhufte isii tana:
Rasuulli s.a.w tokkoon keeysan hoggaa intala takka fuudhe ykn
Khaadima bitate Adda gama duraa haa qabu, maqaa Rabbii ol
tahee haa dhahu (Bismillaah jechuun) san booda barakaa haa
kadhatu.
Akkana haa jedhu
“ Allaahuma Innii As’aluka min kheeyrihaa, wa kheeyri maa
jabaltahaa aleeyhi, wa a’uzubika min sharrihaa, washarri maa
jabaltahaa aleeyhaa>”
<< ﺍﻟﻠﻬﻢ ﺇﻧﻲ ﺃﺳﺄﻟﻚ ﻣﻦ ﺧﻴﺮﻫﺎ ﻭﺧﻴﺮ ﻣﺎ ﺟﺒﻠﺘﻬﺎ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺃﻋﻮﺫ ﺑﻚ ﻣﻦ ﻭﺷﺮ ﻣﺎﺷﺮﻫﺎ
ﺟﺒﻠﺘﻬﺎ ﻋﻠﻴﻪ >>
<<Yaa Rabbi Ani Kheeyrii isiitin si khadha ammas kheeyrii Isii
irratti uumten si khadha. Siinin tiyfama
Hamtuu Isiitirraa ammas waan Isii irratti uumterraa.>>
Jechuun Rabbi kadhata.
3. Salaata Misirroon lameen wajji salaatuu
Sunnaa Rak’aa lama wajjiin salaatuun Isaaniif
jaalatamaaadha. Jaarsi Imaama tahee isin duubaan itti
hidhattee Wajjiin Rabbiif sujuuduun bultii jalqabun sun Isaaniif
jaalatamaadha. Islaamumaan bakkuma hundatti Jaalala Rabbii
fii Rasuulaa s.a.w if jalaa hin
dhabdu. Aruuza taatus Rabbi gabbaruun itti fufa. Sunnaah
Rasuulaa s.a.w jala deemuun hin
dhaabbatu. Sahaabootarraa akka dhagayametti
namni tokko hoggaa fuudhe Jaartii Isaa wajjiin rak’aa lama
salaatee akka Rabbi kadhatu gorsan. Kuni
hundi wal qunnamtiin duratti. Amma Waan irraa hafiinsa hin
qabne Walqunnamtii bira geenyee jirra. Akkamitti eegalan ka
jedhuuf deebiin sitti dhuftii dubbisi.
4. Hoggaa qunnamtiif walitti dhufan..
Namni aruuzaa tokko hoggaa jaartii Isaa qunnamtii saalaatiif
itti dhihaate akkana jechuun eegala.
Rasuulli s.a.w “Bismillaah Allaahuma Jannibnaa
As-sheeyxaana wa Jannib ash-sheeyxaana Maa Razaqtanaa”
Yoo halkan san Rabbiin Isaan jidduu
ilmaan argamsiisuu murteeyse Sheeyxaanni Ilma san hin
rakkisu” jedhan Ergamaan keenya s.a.w.
<<Yaa Rabbi Sheeyxaanarraa sitti maganfannaa (nu tiysi),
Sheeyxaana waan nuuf hirturraahillee tiysi>>
jechuudhatti dhihaata.
Qunnamtiin Jaarsaa fii Jaartii gammachiisuu qofa osoo hin
taane hiree Rabbiin Achi keessaan namaaf kennu barbaaduutu
kheeysa jira. Ifiif Sheeyxaanarraa
tiyfamtee hin dhiiftu, Rabbiin akka Ilmaan siif hiru hunda
sheeyxaanarraa tiysu Rabbi kadhatta. Kuni halkan Aruuzaa san
jalqabee hanga dhumaatti wal qunnamtii godhuun dura haala
kanaan kadhachuun itti fufa.
Qunnamtii akkamitti godhuu dandaha?
Maaltu haraama yeroo qunnamtii? Gaafilee tanaa fii ta biraa
Inshaa Allaah kutaa itti aanu keessatti laalla.
Rabbiin warra Sunnaah Rasuulaa s.a.w irratti walitti dhufee,
Sunnaah irrati jiraatee, Sunnaarratti ilmaan ifii guddiftee
adunyaa fii Akhiiraa Milkaawu Isin haa godhu.
👉@Almiftah_tube
SADARKAA ILMII BARACHUUN QABDU
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
ﻗﺎﻝ ﺍﻟﻌﻼﻣﺔ ﺻﺎﻟﺢ ﺍﻟﻔﻮﺯﺍﻥ ﺣﻔﻈﻪ ﺍﻟﻠﻪ ﻭﺭﻋﺎﻩ :
Aalimni Guddaan sa'uudii Saalih al-Foowzaan jedhaman akkas
jedhani
Ilmii barbaadanii barachuun Ibaadaa Sunnaawwanii irra
sadarkaa qaba.
Namni Taa'ee Ilmii hiriyyoota isaa waliin Qu'atu Nama Halkan
guutuu salaataaf dhaabbataa bulu caala.
Maaliif ?
Nama ilmii baratutu Beekumsaan rabbi gabbara.
Aalimni Nafsee ofii fayyadee nama birootis fayyada.
Namni ibaadaa Halkan salaatee guyyaa soomaa jiraatu immoo
faaydaan isaa isuma irratti gabaabbata.
Ati yoo ilmii baratte Nafsee kee fayyadda. Namallee ni
fayyadda.
Kanaaf Rasuulli (SAW)
( ﻓﻀﻞ ﺍﻟﻌﺎﻟﻢ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﻌﺎﺑﺪ؛ ﻛﻔﻀﻞ ﺍﻟﻘﻤﺮ ﻋﻠﻰ ﺳﺎﺋﺮ ﺍﻟﻜﻮﺍﻛﺐ ‏) ﺭﻭﺍﻩ ﺃﺣﻤﺪ
Sadarkaan Aalimni Nama ibaadaa qofa dalagu (Aabida) biratti
qabu, Akka Jiini/baatiin Pilaaneetota biraa biratti sadarkaa
caalu qabu qaba.
Jiini Hawaa (Universe ) hunda ibsa,Yaabbattuun isa keessa
deemti, Rabbi Isaan (ji'aan) Firaa firee tolcha, Faaydaa hedduu
qaba Baatiin.
Pilaaneetonni biroo immoo Ofuma qofaaf ibsatu. Ifni isaanii
matama isaanii irratti gabaabbata.
Yoo Ka rabbiin Haqaan gabbaru sadarkaan akkanaa, Ka
Wallaalummaan Rabbi gabbaru hoo akkam ta'a?!
Ka Wallaalaan rabbi gabbaru inumaa yookii Ibaadaan isaa
irratti deebi'uu dandeetti.
Ilmii barachuun dirqama hafuu hin qabu.
Akka Warri Zikrii fi Ibaadaan si gahaa irratti geeffadhu siin
jedhu si hin dagne.
Warri Ilmii Masjida deemtee Aalimman irratti barachuu irraa si
obsisiisan si hin dagin.
*_( ﺇﺗﺤﺎﻑ ﺍﻟﻘﺎﺭﻱ ﺑﺎﻟﺘﻌﻠﻴﻘﺎﺕ ﻋﻠﻰ ﺷﺮﺡ ﺍﻟﺴﻨﺔ ﻟﻠﺒﺮﺑﻬﺎﺭﻱ 416-417 ﻃﺒﻌﺔ ﺍﻹﻣﺎﻡ
ﺃﺣﻤﺪ _*)
_______
Mee Share godhi mindaan kee Rabbirraa.
👉@Almiftah_tube
IBAADAAN NAMA HIN SALAANNEE NI QEEBALAMTII ?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Fatwaa Sheekh Ibn Baaz ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ irraa_
ﻣﻦ ﻓﺘﺎﻭﻯ ﺍﻟﺸﻴﺦ ﺍﺑﻦ ﺑﺎﺯ ﺭﺣﻤﻪ ﺍﻟﻠﻪ
Gaafii Namni tokko tokko Ka soomutu jira,akkasumas ibaadaa
hedduu hojjata, Garuu hin salaatu Soomaa fi Ibaadaan isaa
irraa qeebalamtii ?
Deebii Bismillaah walhamdulillaah Deebiin sirrii Namni
*Beekaa* salaata dhiisu Kufrii islaamummaa irraa isa baaftu
guddittii kafara.
Kanaaf Soomni isaatii fi Ibaadaan birootis sirrii hin
taatu,Hanga Salaata dhiisuu san irraa Gara Rabbii deebi'utti
(Toowbatutti)
Rabbi Akkana jedha :-
{ ﻭَﻟَﻮْ ﺃَﺷْﺮَﻛُﻮﺍْ ﻟَﺤَﺒِﻂَ ﻋَﻨْﻬُﻢ ﻣَّﺎ ﻛَﺎﻧُﻮﺍْ ﻳَﻌْﻤَﻠُﻮﻥَ } ‏( ﺳﻮﺭﺓ ﺍﻷﻧﻌﺎﻡ 88 : )
Yoo Sharrakan (Kafaran) Dalagan (Ibaadaan) isaan dalagan
hunduu jalaa haqamti (baddi)
Akkasuma Aayatootaa fi Hadiissan hiikkaa kana qabaniif Jecha
Soomnii fi ibaadaan isaa hin qeebalamu.
Warri Ilmii qaban baay'een immoo Sababa Salaata dhiiseef
Kufrii islaamummaa irraa isa baaftu hin kafaru gara jechuutti
deeman.
Salaata dhiisuun Yoo salaanni dirqama ta'uu Amanee Salaata
*ceem'amaaf* dhiise Soomnii fi ibaadaadhan isaa Martuu ni
qeebalamti jedhan.
Garuu sirriin jecha duraati, Sunis Salaata dhiisuun Kufrii
guddittii Islaamummaa keessaa isa baaftu kafara ka
jedhuudha.
Yoo beekkaan dhiise,Haa dirqama ta'uu isii raggaasisullee
kafare.
Ragaalee baay'ee Ta'aniif
Ragoota san irraa;-
ﻗﻮﻝ ﺍﻟﻨﺒﻲ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ : ((* ﺑﻴﻦ ﺍﻟﺮﺟﻞ ﻭﺑﻴﻦ ﺍﻟﺸﺮﻙ ﻭﺍﻟﻜﻔﺮ ﺗﺮﻙ
ﺍﻟﺼﻼﺓ ‏) ﺍﺧﺮﺟﻪ ﻣﺴﻠﻢ ﻓﻲ ﺻﺤﻴﺤﻪ
Jidduu Namichaatii fi Shirkii kufrii wanti jiru Salaata
dhiisuudha.
ﻭﻟﻘﻮﻟﻪ ﺻﻠﻰ ﺍﻟﻠﻪ ﻋﻠﻴﻪ ﻭﺳﻠﻢ : ‏( ﺍﻟﻌﻬﺪ ﺍﻟﺬﻱ ﺑﻴﻨﻨﺎ ﻭﺑﻴﻨﻬﻢ ﺍﻟﺼﻼﺓ ﻓﻤﻦ ﺗﺮﻛﻬﺎ ﻓﻘﺪ
ﻛﻔﺮ ‏) ﺍﺧﺮﺟﻪ ﺍﻹﻣﺎﻡ ﺃﺣﻤﺪ
(Ahdiin jidduu keenyaa fi Jaraa jiru Salaata, Namni Salaata
dhiise Kafare )
*[ ﻣﺠﻤﻮﻉ 10/267 *]
Share gochuun isinitti hin ulfaatin Jzk
#Join👇👇
@Alburhaan_media
@Almiftah_tube
JUMU’AAN GUYYAALEE JAHAN HAFAN IRRA CAALAADHA
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Khanaaf jecha bu'aa irraa buufachuuf wantoota armaan gadii
khana hojjachuuf tattaaffii haa goonu.
1. Ganamaan (yeroodhaan ) Karaa
Masjidaa deemuun jaalatamaadha.
2. Qaama Keenya dhiqachuun Sunnaadha
3. Qeensa Keenya sirreeffachuun Sunnaadha
4. Namni Hunduu Uffata qulqulluu ta’e uffachuun keessatuu
Uffata Adii uffachuun jaalatamaadha.
5. Siwaaka /ilkaan keenya rigachuun Sunnaa jaalatamaadha
6. Waan Urgaa’aa / Foolii gaarii qabu dibachuun ni jaalatama.
Fknf : Shittoo / Dhiiraaf qofa.
7. Namni Guyyaa Jumu’aa Dursee Masjida seene akka nama
Gaala sadaqaa godhetti lakkaawamaaf
8. Du’aa’ii Baayyisuun baay’ee barbaachisaadha.
9. Azaani lammaffaa erga azaaname booda walirraa waa
bituun dhoorkamaadha.
10. Suraatul Al – Kahf QARA’UUN Baay’ee barbaachisaadha.
11. Salawaata Nabi Muhammad (s.a.w) irratti buusuu
heddummeessuu.
12. Yeroo Imaamni khuxbaa godhu cal'isanii caqasuu
13. Akka masjida seenneen raka'aa lama (2) salaatuu
Dhagahee nama itti fayyadamu Rabbiin nu haa godhuu, nama
yeroo hunda karaa isaa irra deemu rabbiin nuu haa taasisuu !!!
Aaamiin summa Aaamiin
👇JOIN👇
@Alburhaan_media
@Almiftah_tube
የቁርአን ቻናሎች በቃሪኦቻቸው ስም የሚያገኙበት!!!!

1 @mishary_rashid_al_afasi
2 @Yassen_Al_Jazairi
3 @Sheikh_Abu_Bakr_Al_Shatri
4 @Sheikh_Muhammad_Al_Luhaidan
5 @Abdulbasit_Abdussamed1
6 @Sheikh_Abdul_Rahman_Al_Sudais
7 @Ali_Al_Huzaifi
8 @Khalifah_At_Tonaeijy
9 @Ahmad_Al_Ajmy
10 @Sheikh_Saad_Al_Gamidi
11 @Emad_Al_Mansary
12 @Abdullah_ibn_Al_Basfar
13 @Sheikh_Nasser_Al_Qatami
14 @Abdulhadi_Kanakeri
15 @Sheikh_Maher_Al_Muaiqly
16 @Sheikh_Adel_Rayan
17 @Khalil_Al_Hussary
18 @Sheikh_Muhammad_Ayyub
19 @Abdullah_Awad_Al_Juhany
20 @Abdul_Rashid_Ali_Sufi
21 @Mohamed_Siddiq_El_Minshawi
22 @Abdul_Rahman_Al_Ossi
23 @Sheikh_Saud_Al_Shuraim
24 @Yasser_Al_Dosarii
25 @Muhammad_Al_Kurdi1
26 @Fares_Abbad1
27 @Sheikh_Salah_Bukhatir
28 @Imad_Zuhair_Hafez
29 @Muhammad_AbdulKareem
30 @Ahmad_Misbahi
31 @Abdulaziz_Az_Zahrani
32 @Ibrahim_Al_Asirii
33 @Abdulbosit_Qobilov1
34 @Abdullah_al_Matrood1
35 @Afzal_Rafiqov1
36 @Hani_Ar_Rifai
37 @Abdullah_Ali_Jaber
38 @Sheikh_Muhammad_Jibril
39 @Jazza_Alswaileh
40 @Bandar_Balila
41 @Mohammad_Al_Tablawi
42 @Wadee_Al_Yamani
43 @Ghassan_Al_Shorbajyi
44 @Zaki_Dagistan
45 @Ahmad_Al_Lahdan
46 @Abdullah_Xalif
47 @Yasser_Al_Qureshi
48 @Nabil_Al_Rifai
49 @Salah_Al_Hashem
50 @Shirazad_Taher
51 @Tawfeeq_As_Sayeghh
52 @Rashid_Al_Arkani
53 @Sheikh_Mustafa_Ismail
54 @Ali_Yakupovv
55 @Abdullah_Kamel
56 @Mahmud_Ali_Albanna
57 @Sheikh_Idris_Abkar
58 @Hassen_Saleh
59 @Moeedh_Al_Harthi
60 @Ahmed_Naina
61 @Waleed_Al_Naehi
62 @Saber_AbdulHakam
63 @Mohammad_Saleh_Shah
64 @AbdulMuhsin_Qasim
65 @Salah_Al_Budair
66 @Akram_Alalaqimy
67 @Jamaan_Alosaimii
68 @Abdulmohsen_Harty
69 @Abdul_Wadood_Haneef
70 @Mohammad_Al_Abdullah
71 @Yahya_Hawwa
@addis_neshida
JUMU’AAN GUYYAALEE JAHAN HAFAN IRRA CAALAADHA
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Khanaaf jecha bu'aa irraa buufachuuf wantoota armaan gadii
khana hojjachuuf tattaaffii haa goonu.
1. Ganamaan (yeroodhaan ) Karaa
Masjidaa deemuun jaalatamaadha.
2. Qaama Keenya dhiqachuun Sunnaadha
3. Qeensa Keenya sirreeffachuun Sunnaadha
4. Namni Hunduu Uffata qulqulluu ta’e uffachuun keessatuu
Uffata Adii uffachuun jaalatamaadha.
5. Siwaaka /ilkaan keenya rigachuun Sunnaa jaalatamaadha
6. Waan Urgaa’aa / Foolii gaarii qabu dibachuun ni jaalatama.
Fknf : Shittoo / Dhiiraaf qofa.
7. Namni Guyyaa Jumu’aa Dursee Masjida seene akka nama
Gaala sadaqaa godhetti lakkaawamaaf
8. Du’aa’ii Baayyisuun baay’ee barbaachisaadha.
9. Azaani lammaffaa erga azaaname booda walirraa waa
bituun dhoorkamaadha.
10. Suraatul Al – Kahf QARA’UUN Baay’ee barbaachisaadha.
11. Salawaata Nabi Muhammad (s.a.w) irratti buusuu
heddummeessuu.
12. Yeroo Imaamni khuxbaa godhu cal'isanii caqasuu
13. Akka masjida seenneen raka'aa lama (2) salaatuu
Dhagahee nama itti fayyadamu Rabbiin nu haa godhuu, nama
yeroo hunda karaa isaa irra deemu rabbiin nuu haa taasisuu !!!
Aaamiin summa Aaamiin
👇JOIN👇
@Alburhaan_media
@Almiftah_tube
HTML Embed Code:
2024/05/09 05:07:25
Back to Top